14/07/2025
๐slaamni yoo nama qabaate Ustaaz Ahmaddiin isa.
Dhugaafi haqarraa ija hiin liphsatu,MashaAllah Rabbi irra haa tursiisu.
Barruun asii gaditti argitan kan isaati Dubbisaa!!!!
ยซOsoo rakkoo waliinii qabnuu rakkocha walitti himnee furachuun qaanfiin takaalamuu hin qabuยป Ustaaz Ahmaddiin
Mee waan isaan jedhan kana dubbisaa
Osoo wal hin qaanfatin ifatti rakkoo keenya irratti mariโannee yoo fala hin kaawwanne rakkoon itti fufuun isaa waan hin oolleedha jedhan Ustaaz Ahmaddiin Jabal.
Ustaaz Ahmaddiin barruu dheeraa mataduree "Filannoo Majlisaafi Gahee Ulamaa'otaa" jedhuun afaan Amaaraatiin dubbisiisan akka kanaa gadiitti gara Afaan Oromootti hiikeera.
Filannoo Majlisaafi Gahee Ulamaa'otaa
๐น๐น๐น๐น๐น๐น๐น๐น๐น๐น๐น๐น
Ustaaz Ahmaddiin Jabaliin: kutaa 1ffaa
๐
๐
๐
๐
๐
๐
๐
๐
๐
Akka nama tokkootti hariiroon ani hanga ammaatti majlisa waliin qabu bifa adda addaa kan qabu ture. Yeroo garaa garaatti wal ta'uu, qeequu, qabsaa'uu, deeggaruufi hirmaachuu kan bu'uura godhate ture.
Yeroo kana hunda keessatti galanni Rabbiif haa taโuu majlisa irraa mindaan, durgoo yookaan hajjiifi Umraanis haa ta'uu karaa kamiiniyyuu saantimni tokkollee gara giphikoo hin seenne. Kan biraatuu hafee akka jila Majlisaatti yeroo gara Qaxar deemnullee durgoof jedhee qarshii tokkollee hin gaafanne. Hin gaafadhus.
Akka isaan tokko tokko yaadan, ani biroos achii qabaadhee hojjetaa dhaabbataa majlisaa mindaan kaffaluufis hin turre. Hirmaannaa fi gaheen koos kan bilisaafi tola ooltummaa malee kan hojjetaa miti.
Gumaacha diinii fi hawaasummaa ani irratti xiyyeeffachuu barbaadu irraa kan kaโe waggaa tokkoo fi walakkaa duradha hariiroon majlisa waliin qabu (gorsaa pirezidaantii) akka xumuramu gaaffii kanan dhiheessee ture. Ta'ullee gaaffii Perezidaantichaatiin kun hanga yeroon waggaa sadi'ii xumuramutti tureera.
Akka Muslima tokkootti gumaachi amantii fi tajaajila hawaasaaf hanga lubbuun jirutti itti fufa. Majlisas yoo ta'e ifatti gahee qabaadhee hojii kooti jedhee xiyyeeffannaan hin hirmaadhun jedhe male hin gargaaru ykn nan ilaallatu jechuu miti.
Kana kanin kaasuuf maxxansa koo duraatiin kan burjaaja'aa turtanii fi ammas dhimma majlisaa keessatti gaheen ani qabu irratti burjaajiin kan isinittis uumameef dubbii qulqulleessuu yookaan ifa gochuudhaafi. Hanga kana ergan jedhee gara barreeffama koo har'aattin dabara. Dubbisa gaarii.
Rakkoolee buโuuraa Muslimoota Itiyoophiyaa keessaa tokko kan ta'e Manni maree Ulamaaโota cimaa taโe dhabamuufi ulamaa'onni majlisa keessatti hirmaatan gahumsa, gahee, gurmaaโina cimaa, fi qophaaโummaa waliin kan walqabatuudha. Kana sirnaan hubatanii tarkaanfii falaa fudhachuun baayโee murteessaadha.
Sababni isaas hooggantoonni Majlisaafi Gumiin Ulamaa'ii dirqama isaan irraa eegamu bahatanii karaa amantiitiin ummata geggeessuu kan danda'an yoo wantootni kun sirraa'aniidha. Dubbicha sirriitti osoo ifa hin godhin yoo dhiisne isaan tokko tokko akka waan kabaja Ulamaa'ii xiqqeessuu burjaajiin waan uumamuuf dhimmicha ifa gochuufin yaala.
Gahee fi itti gaafatamummaa majlisa hubachuun barbaachisaa ta'uu barruu koo kaleessaa kanan "Hogganaa Majlisaa Eenyuun Haa Filannu?" mataduree jedhuun dubbisiise kan hin dubbisne akka dubbsitanin affeera. Barreeffamni har'aa kan kaleessaa wajjin wal qabata.
A) Dhimma Gahumsa Ulamaa'otaa
๐๐๐๐๐๐๐๐
Rakkoon Muslimoota Itiyoophiyaa fi haalli biyya keenyaa hedduufi walxaxaa waan ta'eef sadarkaa biyyaatti dhaabbata rakkinoota kanneen hubatee furuuf Ulamaa'ota sadarkaa beekumsaa, hoggansa, dandeettii, fi ga'ooman oomishuu dandaโu hin qabnu.
Akkuma beekamu dhaabbileen keenya beekumsa amantii qofa kan barsiisaniidha. Haala kana keessatti ulamaa'iin keenya irra caalaan isaanii biyya keessatti baadiyyaa fi magaalaatti ilmii kan baratan yoo ta'u, muraasni ammoo kanneen biyya alaatti barataniidha.
Lamaan isaaniiyyuu jechuu dandeenya, qabiyyeefi kaarikulamiin barnoota isaan ittiin baratan beekumsa amantii qofa akka horatan kan isaan dandeessisuudha. Kaarikulamii fi qabiyyee barnoota baadiyyaa keessatti isaan baratanii yeroo qorannu, sirna barnootaa baroota dheeraa dura qophaaโe irratti kan hundaaโeedha.
Warri magaalaas hanga ta'e kan baadiyyaa irra fooyyee qabaatanillee, ulamaa'onni lamaanuu irraa eebbifaman, seenaa Itoophiyaa fi haala qabatamaa biyyattii, barnoota ammayyaa, dandeettii geggeessummaa rakkoolee walxaxaa Muslimoota biyyattii furuuf beekumsa gahaa, hubannoofi gahumsa gahaa ta' qabaachuu irra hin ga'an.
Haaluma walfakkaatuun, warri biyya alaatti baratan ammoo dhaabbileen isaan itti baratan yuunivarsiitii fi kolleejjiiwwan ammayya'aa taโanillee, irra caalaan isaanii sadarkaa tiโooriitiin beekumsa barsiisuu irratti kan xiyyeeffatan, kaarikulamii fi qabiyyee rakkoo biyyoota biroo hiikuuf kan qophaaโedha.
Kanarra ka'uun seenaa Itoophiyaa, haala qabatamaafi rakkoolee furuudhaan walbira qabamee yoo ilaallamu hanqina kan qaban ta'anii mul'atu. Yeroon kana jedhu ulamaa'ii'oonni isaanitti dhaga'amu hedduun akka jiran nan beeka. Haa taโu malee osoo wal hin saalfatin ifatti rakkoo keenya irratti mariโannee yoo fala hin kaawwanne rakkoon itti fufuun isaa waan hin oolleedha. Yoon dogoggores na sirra'adha.
Mootummaas haa ta'u qaamolee biroo yoo ilaalle wiirtuu leenjii fi barnootaa kaadiroota, hoggantootaafi dhiibbaa uumtota mataa isaanii itti leenjisaniifi ga'oomsan qabu. Haa taโu malee, Majlisnis taโe Manni Maree Ulamaaโota kaarikulamiis haa ta'u dhaabbata qaamolee hawaasa muslimaafi dhaabbilee Islaamaa hoogganan itti leenjisanii fi ga'oomsan hin qaban.
Kana waan ta'eef beekkumsi Mashaa'ikkan hedduu mazhaabaafi dhimmootuma amantaa irratti kan daanga'e waan ta'eef majlisa keessa seenaanii tajaajila hawaasni isaan irraa barbaaduu hunda kennuu irratti hanqina guddaa qabu. Kana waan ta'eef aalimonni majlisa keessa seenan kan itti xiyyeeffatan kanuma barataniifi beekan sana gara dhimma amanataatti. Achi keessatti dhidhimanii dhaabbaticha kan mazhaabaafi dhimmootuma amantaa qofa godhu.
Kanarraa kan kaโe Ulamaa'iin gara majlisa dhufan dhimmoota murteessoo hawaasa muslimaa furuu irratti hirmaachuu hin dandeenye. Dhimmoonni hawaasni muslimaa hooggantoonnisaafi majlisni akka hiikanuuf barbaadu, rakkoon ummataafi gahumsaa fi xiyyeeffannoon isaanii gargar ta'eera. Dubbiin dorgommmii kubbaa miilaatiif taphattoota teenisiif qophaa'an fudhatanii dirree seenanii akka injifachuu yaaduu yaaluu ta'e.
Rakkoon kana caalu ammoo ulamaa'onniiif mashaaikkan hanqina gama kanaan qaban beekaniifi amananii qaawwa isaaniis ta'ee kan kan ulamaa'ota biroo duuchuun haala danda'amu irratti hojjachuu mannaa nama hanqina isaanii isaanitti kaase diinummaadhaan gara ilaaluutti deemu. Yoo xiqqaate namni hanqinasaa hubate karaa adda addaatiin hanqinasaa sana guuttachuuf hojjata.
Akka fakkeenyaatti dhimma kana irratti waan na mudate tokkon kaasa. Qabsoo 'Sagaleen keenya haa dhaga'amuutiin (แตแแปแฝแ แญแฐแ) Mashaa'ikkan na waliin hidhamanii turan waliin bara 2005 mana hidhaa Qaallittii keessatti dhimma kana irratti yaada marii kaasee yaada koo ibsachuu kootiif isaan keessaa tokko ยซisin namoonni barattan nu aalimota ni tuffattu, akka nu gatii hin qabnetti yaadduยป jedhanii mufatanii maricha dhiisanii bahan. Yaada kana qofaan muffiin uumamee haalli nuti jaarsummaan araaramnellee ni jira.
Yaadni ยซIsin warri barattan nu aalimota ni tuffattu!ยป jedhu kun haada Mashaa'ikkan hedduu ta'uu taajjabeera. Rakkoon ulamaa'ota keenyaa rakkoo keenya taโuu hubannee, hojii isaan ga'oomsuu waliin hojjechuu malee tuffachuus ta'ee tokko isa kan biraa gadi buusee ilaaluun waan hin taane.
Kana yoon jedhu kan tuffatan hin jiranu yookaan nutis rakkoo hin qabnu jechaa hin jiru. Kan dubbata jirru waa'ee mana maree ulamaa'ii waan ta'eef malee qaama barate jedhamu biras rakkoo heddutu jira. Balโinaan kaasuunis ni dandaโama. Waltuffiin ulamaa'otaafi hayyoota jidduutti ta'u rakkinicha caalaatti hammeessa malee eenyuuyyuu hin fayyadu. Kanaafuu qaawwi jiru kan waliiniiti. Furmaanni isaas wal gargaaruufi qaawwa walii waliif guutuudhaan argama.
Ulamaa'onni gariin kaleessaas haa ta'u har'a naannawaa Majlisaa jiran namni barate naannawaa majlisa akka hin geenye kan barbaadan jiru. "Dhimmi Majlisa dhimma amantiiti. Dhimmi amantii ammoo dhimma keenya. Hayyoonni majlisaa maal godhu?" hanga jechuutti kan ga'an jiru.
Kanneen xiyyeeffannaan qabsoo isaanii namoonni baratan majlisaa keessaa akka ba'aniifi kanneen biroos akka hin galle gochuu male, rakkoo hawaasa muslimaa hiikuun tajaajila barbaachisaa hawaasaaf kennuu irratti hojjachuu hin taane hedduudha.
Waggaa sadii dura yeroo hoggansa Muftii Hajjii Umar Idriis waliigaltee dhabuu Boordii Majlisaa fi ulamaa'ota gidduutti uumamee ture keessattillee dhimmi kun gahee guddaa qaba ture.
Ammas taanaan caaseffama majlisaa sadarkaan jiru keessatti rakkoolee mul'ataniif ka'umsi tokko dhimmuma kana. Kanaafidha Majlisni bara Muftiis haa ta'u Majlisni ammaa jiru Mana Maree Ulamaaโota qofa osoo hin taane, hoggansi bulchiinsa majlisa sadarkaa sadarkaan jirus Mashaa'ikkan qofa taโuu qaba jedhanii ofuma isaaniitiin kan murteessan.
Bakki tokkoon tokkoon isaa tajaajila, gahee fi itti gaafatamummaa akkamii qaba? Sanaafis nama akkamiitu madaala? Jedhanii ilaaluun nama bakkichaaf ta'u ulamaa'otas haa ta'u hayyoota irraa, yookaan kan dargaggoo barbaadu haalduree beekumsa, dandeettii fi muuxannoo barbaachisu adda baasanii kaa'uu caalaa madaalliin ulamaa qofa ta'uu qaba jechuun ulaagaa cal'isanii nama kitaaba qara'e jedhanii deemuun, keessumaa ammoo dandeettii hooggansaa ulama'otaa fooyyessuud bakka hojiin homaayyuu hin hojjatamnetti haalli kun Majlisni ummanni barbaadu akka ijaaramu hin gargaaru.
Kana yoon jedhu ulamaa'ii'oonni hoogganaa ta'uu danda'an hin jiranu jechuu koo miti! Ulamaa'onni hoji gaggeessituu hin ta'anu jechaa hin jiru. Kanin jechaa jiru garuu majlisa ulamaan qofti haa hoogganu jechuun dhugaa hundi keenya beeknu faallessuu taโa.
Keessattuu ulamaaโonni irra caalaan isaanii osoo filannom maleetti calallii majlisaatiin qofa Mana Maree Ulamaaโotaatiif qofa osoo hin taane hoji raawwachiituu majlisaatiif kan dhufan yoo ta'e, ulamaaan qofti haa hoogganuu yoo taโe filannoon maaliif barbaachise? gaaffii jedhu kaasa.
Murtoofi adeemsi kun yoo furmaata argate malee, filannoon majlisa ammaas ta'ee majlisni itti aanee hundaa'u ummata muslimaaf tajaajila barbaachisaa taโe kennuu kan danda'u, sadarkaa umamanni barbaaduun bakka isa buโee dhaabbachuu dandaโuu irratti gaaffii uuma.
Filannoon ammaa kun hoggantoota rakkoo hawaasa muslimaa sadarkaa hundatti jiru hiikan, bifa barbaachisuun bakka isa bu'an, faayidaa isaaf dhaabbatankiifi tajaajila barbaachisu kennuu dandaโan fiduu yoo dandeenye, baroota itti aananitti qabsoon hadha'aan muslima gatii kaffalchiisu naannawaa Majlisaa ni jiraata.
Kun ammoo eenyuunuu kan hin fayyadne, hawaasni majlisa irraa abdii akka kutatuufi adeemsa biraa akka hordofu isa godha. Kanaafuu itti gaafatamummaa seenaa jalaa bahuuf jecha Perezidaantii Majlisaa Kabajamoo Dr. Sheyik Hajii Ibraahim hoji gaggeessituu filannoochaafis ammoo dhimmichi akka irra deebiโamee ilaalamu adaraa jechaan gaafadha.
Yeroo itti aanutti gahee ulama'otaa - ijaarama Ulamaa'ii cimaa mataduree jedhuun walitti deebina. Hangasitti nagaatti!
๐บ๐บ๐บ๐บ๐บ๐บ๐บ๐บ๐บ๐บ๐บ๐บ๐บ
Itti fufa
Muharram 8, 1447 ๐๐
๐๐ฒ ๐๐ฎ๐๐ข๐๐ง ๐๐ฎ๐ฌ๐ก land