Hew Hundaafu jiraa guyyaan

29/03/2025
08/10/2022

Ibsa Ijjannoo Kongirasii Federaalawa Oromoo Ajjeechaa Jumlaa Agamsaatti Raawwatame Ilaalchisee Kenname
=====
Godina Hoorro Guduruu Wallaggaa Aanaa Amuuruu Magaalaa Agamsaatti Hagayya 24,2014 ALI humnoonni Fiinxaaleyyii Amaaraa Faannoo jedhaman daangaa Oromiyaa cabsanii seenuun Oromoota nagaa 55 ol ajjeesuu fi ummata 15,000 ol ta'an buqqa'uu isaanii odeeffannoo miseensotaa keenyaafi eeruu miidiyaalee irraa hubannee jirra. Ajjeechaan kuni kan raawwatame haala shira siyaasa qindaawaa fi walhubataa ta'e fakkaata. Sababni kana jennuufis dura humnoonni nageenyaa mootummaa magaalatti gadi lakkisanii bahan. Itti aansuun humni hidhataa Oromoo of fakkeessuun naannawa san socho’u magaalaatti seenee jiraattota irraa meeshaa waraanaa guure. Dhumarratti humnoonni Faannoo ofiin jedhan weeraruun ummata ajjeesanii, qabeenya saamanii kaan qe’erraa buqqaasan.

Shira Oromoo hidhannoo irraa hiikuun balaaf saaxilu kun kan jalqabaatii miti. Amma duras yeroo adda addaatt Shawaa Bahaa Boosatittii,Shawaa Lixaa Daanootti fii Wallagga Bahaa Giddaa Ayyaanaatti qonnaan bulaa irraa meeshaan erga guuramee booda finxaaleyyiin daangaa cehuun ummata ittisa homaa hin qabne fixuun isaanii ni yaadatama.
KFOn shira kana kan cimsee balaaleffatu yoo ta'u; maatii fi firoottan namoota du'aniif gadda itti dhagahame ibsaa jajjabina hawwa. Lamuu gaaga’amni akkanaa ummata akka hin qunnamne tarkaanfiin sirreffamaa fudhatamuu qaba:-
1/ Ajeechawwan kana keessatti mootummaan dirqama ijoo isa kan ta'e nagaa ummataa eeegsisuu kan hin bahatin ta'uu bira dabree humnoota nagaa eddoo san turan kaasuun ummaticha balaa kanaaf saaxilee jira.Ummanni keenya daangaarra jiru yeroo adda addaatti weeraramaa turuniifi yeroo kamittuu gaaga’amaaf saaxilamaa ta’uun isaa osoo beekkamu, humna nageenyaa kaasuuf qaamni murteesse qoratamee tarkaanfiin sirreffamaa irratti fudhatamuu qaba.

2/Qaamni mootummaas ta’ee humnoonni hidhatanii Oromiyaa keessa socho’an gocha qonnaan bulaa irraa meeshaa waraanaa hiikuun balaaf saaxiluu irraa akka of qusatan gaafanna.

3/Hidhattoonni maqaa Faannoon socho’an dangaa dabruun ummata nagayaa fixuun kun hammaataa dhufaa jira. Balaa gareen kun fidu hambisuuf tarkaanfii barbaachisaa fudhachuu qaba.

4/Namoota qe'ee irraa buqqa'aniif eegumsa gahaa akaa argatan, deeggarsi namoomaa attatama akka godhamuufi qe'ee isaanitti akaa deebi'aniif sochiin attattamaa akka eegalamu gaafanna;

5/Doorisisa Abbaan Taaytaa Sabqunnamtii Itoophiyaa miidiyaaleen yakka ajjeechaa jumlaa kana akka hin gabaasneef ugguruuf yaale ni balaaleffanna. Gara fuulduraas dhugaa ummata miidhamee baasanii fala barbaaduu malee ukkaamsuuf yaaluu dhaabbachuu qaba.

Kongirasii Fedeeraalawaa Oromoo ( KFO)
Finfinnee,Oromiyaa
Hagayya 28/2014 ALI

Address

Dembi Dolo
Addis Ababa

Telephone

+251961677057

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Hew posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share