05/06/2026
“Naamusni ogummaa aadaa, safuu fi duudhaa keenyaan dabaalame qulqullina kenna tajaajila fayyaatiif bu’uura.” Piroofesar Natsaannat Warqinah; Hooggantuu Biiroo Fayyaa Oromiyaa
(Caamsaa 27/2018 Bishooftuu)
============================
Hooggantuun Biiroo Fayyaa Oromiyaa Piroofesar Natsaannat Warqinah sagantaa jalqabsiisa leenjii naamusa ogummaa fi kenniinsa tajaajila fayyaa (Professional Code of Conduct and Ethical Health Care practice ) irratti gaggeeffamaa jiru irratti ergaa dabarsaniin waggoota mootummaa jijjjiiramaa keessatti kenna tajaajila fayyaa qaqqabamaa, si’ataa fi qulqulluu taasisuu irratti fooyya'iinsi gaariin jiraachuusaa eeruun qulqullinni dhaabbilee fayyaa sadarkaa isaanii akka eeggatan taasisuu fi naamusa ogeessota fayyaa gabbisuu irratti xiyyeeffatamee hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Tajaajilli ogummaa fayyaa saayinsii irratti kan bu’uureeffatee fi naamusa ogummaan utubamee waadaa galame kabajuun of eeggannoo cimaan kan hojjetamu waan ta’eef duudhaa keenya ganamaatti deebi'uun aadaa fi safuu keenyaan dabaallee gara laafummaan, quuqamaa fi aantummaan tajaajiluun lubbuu namaa baraaruuf dirqama ogummaa fi lammummaa bahachuu kan gaafatu akka ta’e piroofesar Natsaannat dubbataniiru.
Kana malees ogummaa fayyaa fi ogeessa fayyaatiif dhimmoota murteessoo fi barbaachisoo ta’an guutuun tajaajila seektaricha irraa eegamu karaa guutuu ta'een kennuuf kan hojjetamu ta’uusaa kaasuu fi qajeeltoowwan gurguddoo naamusa ogummaa hojiirra ooluu qaban ibsuun duudhaa keenyatti deebi’uun sadarkaa barbaadamuun akka hojiitti hiikamuu qabu dhaamaniiru.
Sagantaa kana irrattis Manajimantii Biiroo Fayyaa, Hooggantoota Biiroolee Pabliik Sarviisii fi Misooma Qabeenya Namaa fi Komishinii Naamusaa fi Farra Malaamaltummaa Oromiyaa, Yunivarsitoota naannoo keenya keessatti argaman, Koolleejjii Saayinsii Fayyaa, I/G/ Waajjiraalee Fayyaa Godinaalee, Bulchiinsa Magaalotaa fi Hojii Geggeessitoota Hospitaalotaa Waldaa Hakiimota, Waldaa Midwaayiferii Itiyoophiyaa argamaniru