29/08/2022
Lolli tola hin qabu
======================
Namni ykn hawwasni lola irraa bu’aa argatu hin jiru. Lolli aarsaa, gidiraa, gara jabinaa fi badii gorguddoo of keessaa qaba. Wayyaaneen dura yeroo lola mootummaa Itioophiyaa wajjin jalqabdu, “lolli nuuf tapha aadaati” jedhan. Lolichi jalqabamnaan garuu taphichi akka jedhame ta’uu hin dandeenye. Manguddoonni taphicha taphachiisuu beekna jedhan taphicha nyaatamanii, hedduun isaanii taphichaanis nyaatamani. Kan hafan immoo yeroo ammaa malnourished ta’anii rakkachaa jiraachuu argine. Lola sana injifannoon xumuruun haa hafuutii, gaaga’ama lola kanarraa dhufan keessaa bahuuf carraan hin argamne.
Gareen “Gifaa balaw” yoo mootummaan jara kana hin waraanne badnee argamna jedhanii mootummaa waraanaaf dhidhiibaa turanis, dirreen waraanichaa dhufee yoo qe’ee isaanii ta’u akka waan isaan waraana kana hin barbaanneettii fi mootummaan shiraan waraana isaan irratti labse fakkeessanii komachuu eegalan. Waraana duraan itti afarsaa turan sana akka isaan irraa qabbanaa’u waaqa kadhachuutti deebi’ani.
Akka biyyaattiis, sadarkaan isaa wal haa caalu malee sababa waraanichaatiin namni hin miidhamin hin jiru. Namni hedduun maatii fi fira lola dhaqanii wareegamaniif onneen isaanii gaddaan cabeera. Maatii hedduun rakkinaaf saaxilameera. Qaala’iinsi jireenyaa fi rakkoon nageenyaa kutaa biyyattii hunda keessatti babal’achaa dhufe kunis harka caalaa bu’aa waraanicha kanaati.
Sababootni rakkoo kanatti nu oofan hedduu ta’uu malu. Garuu nagaan waan hunda caala. Yoo nagaan hin jirre jireenyi hin jiru. Nagaa qofa haa filannu. Nagaa qofaaf haa hojjannu. 👋🙏