Eegduu post

Eegduu post Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Eegduu post, Media/News Company, Addis Ababa.

18/07/2024
04/05/2024

Ayyaana Faasikaa /Yaadannoo Du'aa ka'uu/ Duudhaafi Barsiifata Amantaa Kiristaanaatiin Qorumsaan Osoo Abdii hin Kutatiin Jaalala,Injifannoofi kabaja Obbolummaa cimaa irratti hundaa'een kabajna." Kabajamoo Obbo Ashannaafii Camadaa Bulchaa Kutaa Magaalaa G/Gujee.
Hordoftoonni Amantaa kiristaanaa hundi baga Jala bultii Ayyaana Sooma hiikaatiin isin ga'e jechuun barbaada.
Ayyaanni Faasikaa, Iyyasuus Kiristoos fayyina biyya lafaatiif jecha rakkoo fi dararaa ulfaataa arguun, dhala namaatiif immoo guyyaa fayyinaafi aarsaan itti kaffalameefi dhiifamni itti taasifame yaadachuuf ayyaana kabajamudha.
Bara kanas ayyaanicha yeroo kabajnu Duudhaafi Barsiifata Amantaa Kiristaanaatiin, qorumsa hojii misoomaafi fayyadamummaa uummata keenyaa mirkaneessuu keessatti nu mudachuu danda'an carraatti jijjiirree Jaalala, Injifannoofi kabaja Obbolummaa cimsuun yaadaafi faayidaa dhuunfaa caala dantaafi fayyadamummaa uummata keenyaaf hojjechuun badhaadhina biyya keenyaa caalmaatti mirkaneessuuf hojjechuu qabna.
Hordoftoota Amantaa Kiristaanaa biratti Ayyaanni Faasikaa guyyaa gammachuufi abdiin dhala namaa caalmaan itti ibsamu, jiruufi jireenya fuula duraatiif hawwiin gaariin itti yaadamu guyyaa addaa akkuma ta'e, Keessattuu Hordoftoota Amantaa Ortodoksii Tawaahidoo biratti baatii lama guutuu soomaa fi kadhannaadhaan uumaa yaadachaa akkuma turan ayyaanicha yeroo kabajnu qajeelummaadhaan warra rakkatan gargaaruun, kan beela'an nyaachisuufi kan daaran uffisuun kabajuu qabna.
Obbolummaa cimaan waltaanee hojjennee Badhaadhina biyya keenyaa dhugoomsuuf, akka kutaa Magaalaa Keenyaattis carraawwan hojii misoomaa jiran duguugnee fayyadamuun hojiilee misoomaa hunda keessattis waltaanee dammaqinaan hirmaachaa daandii milkaayinaa biyyi keenya qabattee jirtu caalmaatti mirkaneessuun naannoofi biyya keenyaaf xiiqiin haa hojjennu jechaa irra deebiin Ayyaanichi kan nagaafi kan milkaa'inaa akka ta'u hawwii gaarii qabu dabarsuun barbaada.
Kabajamoo Obbo Ashannaafii Camadaa, Bulchaa KM G/Gujee.
Eebla 25/2016_ Kominikeeshinii KM G/Gujee.

Address

Addis Ababa

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Eegduu post posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share