Hamiltan tv

Hamiltan tv Hamiltun tv is muslim media broadcasting service

WAAN NAMA SOOMANU IBAADARRATTI GARGAARU•••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••1: Sodaa Rabbii qabaachu...
21/02/2026

WAAN NAMA SOOMANU IBAADARRATTI GARGAARU
•••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••

1: Sodaa Rabbii qabaachuu fi hamtuu hundarraa uf eeguu.

2: Qaraatii Qur'aanaa heddummeessuu, zikrii fii kadhaa Rabbii heddumeysuu.

3: Saahibban fofokkataa irraa fagachuu. Namni saahiba jallaarraa hamtuma irraa barata. Mammaksatti raaddi harree jala ooltu dhuufuu barti'' ja'an. Eega nama gaarii qajeelaa Rabbii sodaatu saahiba (shariika) godhadhaa.

4: Masgiidatti maxxanuu fii salaata jamaa'aa irratti uf tiiysuu. Hanga dandeessetti yeroo hedduu masjiidatti argamuu yaalii godhi. Masjiida teessee sunnaa salaattee, zikrii gootee, Rabbii kadhattee, qur'aana qaraatee, yoo jette Sawaaba hedduu walitti tuulatte, badii dhagayuufii arguu jalaayis nagaya baate (tiiyfamte). Tanaaf gara masjiida gara masjiida.

5: Waan fedhii lubbuu namatti kakaasuu fii waan qalbii nama goggoysu laaluu irraa fagaachuu.
Kunis hedduudha fakkeenyaaf:- Filmii fii suuraa baalagummaa fokkataa daw'achuu, kanneen televijiina, Video, Internet, YouTube, Facebook, WhatsApp, Twitter, Instagram, TikTok, Telegram, fi kkf irraatti badii gadi dhiifamtee facaafamtu daaw'achuun haalaan dhoowwaadha.

6: Dogogoraa fi badii irraa fagaachuu.

7: Nama hamachurraa uf eeguu, farada (lukkee) tahurraa, kijibarraa, nama xiqqeysu fii k.k.f. irraa Arraba ufii tiiysuu

8: Yeroon qaalii tahuu isii beekanii itti fayyadamuu.

9: Guddina kabajaa baatii tanaa beekanii eeggachuu.

10 Ummata gaggaarii dur kan ibaadaa irratti jajjaboo turan seenaa isaanii barachuu fii jala deemuu.

11: Lubbuu ufii qorachuu.

12: Towbaa irra deddeebi'anii haarawoomsuu.

©️ Hamiltan tv

21/02/2026

As wr wb

Woldaan tola ooltummaa dargaggootaa fakkummaa Halaalaa jedhamu deeggarsa taasise.Hamiltan:Gurraandhala 13/2018 Finfinnee...
20/02/2026

Woldaan tola ooltummaa dargaggootaa fakkummaa Halaalaa jedhamu deeggarsa taasise.

Hamiltan:Gurraandhala 13/2018 Finfinnee
Woldan tola ooltummaa dargaggootaa fakkenyummaa halaalaa jedhamu harka qalleeyyii fi yatiimotaaf deeggarsa asbeezaa Ramadaanaa taasise.

Woldichi deeggarsa taasiseen cinaatti ziyaaraa manaa manaarraas taasiseera. Namoonni hojii kayirii kana irratti qabeenya keessniin,humna keessaniin nu faana dhaabbattan hunduu galatoomaa jedhaniiru.

ODUU_GAMMACHIISAABaga Baatii Ramadaanaa Bara 1447ffaadhaan Nagaan ittiin isin Gahe. Hanga ammaatti hordoffii godhameen j...
17/02/2026

ODUU_GAMMACHIISAA

Baga Baatii Ramadaanaa Bara 1447ffaadhaan Nagaan ittiin isin Gahe.
Hanga ammaatti hordoffii godhameen jiini Waan muldhateef gurraandhalli 11/2018 guyyaa boru guyyaa jalqabaa baatii Ramadaanaa ta'uun mirkanaa'eera.

Baga baatii Ramadaanaa bara hijraa 1447tiin isin gahe!

Rabbiin ji'a jijjiramaa, ji'a ibaadaa, wal galgargaarsaa, fi kan taqwaa itti argannu nuuf ha godhu.

ረመዳን ሙባረክ! Ramadaan Mubaarak!

እንኳን ለ1447ኛ ዓመተ ሂጅራ የረመዳን ወር በሰላም አደረሳችሁ!

አላህ፥ ወሩን የኢባዳ፥የመረዳዳት እና ተቅዋ የምንጎናጸፍበት የለውጥ ወር ያድርግልን።
💥💥💥💥💥💥💥💥💥💥💥💥💥

Address

Addis Ababa

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Hamiltan tv posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share

Category