Misba Sharif

Misba Sharif Feed really interesting information from my country and around the the world Hot News ������������

18/06/2026

ABDI G. ,🤩🤩

18/06/2026
29/05/2026

የጥንቃቄ መልእክት!

🔐 "የቴሌብር አካውንታችሁን ከፋይዳ ጋር እናስተሳስራለን!" በማለት ለሚደውሉ አጭበርባሪዎች የአንድ ጊዜ ማረጋገጫ ቁጥር (OTP) አያጋሩ!

📞 የማጭበርበር ድርጊቶች ሲያጋጥሙ ጥቆማዎን ወደ 9090 በአጭር የጽሑፍ መልእክት ይላኩልን።


19/03/2026

Dhimma boba’aan wal-qabatee namoota 14 yakka Malaammaltummaan shakkaman irratti beellamni qorannoo dabalataa hayyamame

Finfinnee, Bitootessa 10, 2018 (FMC) - Dhimma boba’aan wal-qabatee namoota 14 yakka malaammaltummaatiin shakkaman irratti beellamni qorannoo dabalataa hayyamameera.

Dhaddachi Beellamaa Mana Murtii Olaanaa Federaalaa ramaddii Lidataa, galmee shakkamtoota 14 yakka malaammaltummaa raabsa boba’aatiin shakkamuun mana murtiitti dhiyaatanii qorateera.

Shakkamtoonni kuneen faayidaa hin malle argachuuf ykn nama biroof argamsiisuuf yaaduun, boba’aa mootummaan baasii olaanaan deeggarsa taasisuun dhiyeessu qajeelfamaa fi danbiin alatti qaamolee hin malleef akka raabsamu gochuun mootummaa irratti miidhaa geessisuu isaanii ibseera.

Poolisiin akka ibsetti, shakkamtoonni kunneen dhaabbilee mootummaa federaalaa fi kutaalee magaalaa Finfinnee garaagaraa keessatti itti-gaafatamummaa irra utuu jiranuu, boba’aa mootummaan sharafa alaa olaanaan bitu dhaabbilee boba’aa galchan, abbootii buufata boba’aa naannolee fi daldaaltoota seeraan alaa (dallaalota) waliin qindoomuun kaayyoo yaadameen alatti akka oolu taasisaniiru.

Dabalataan, konkolaattonni boba’aa (booteewwan) buufata boba’aa ga’anii akka hin buusnee fi hamma mootummaan taarifa dabalutti akka turan gochuun, hanqinni boba’aa nam-tolcheen akka uumamu gochuun eeruu isa qaqqabeen to’annoo jala oolchee qulqulleessaa akka jiru dhaddachaaf ibseera.

Poolisiin qorannaa yakkaa:
* Hoji raawwachiisaa Dhaabbata Dhiyeessii Bob’aa Itiyoophiyaa ta’anii utuu jiranii namoota yeroof hin to’atamin waliin ta’uun kaampaaniiwwaniifi buufataalee raabsaa boba’aa waliin walitti dhufeenya bu’aa irratti hundaa’e uumuun oomisha bob’aa bakka ga’umsa isaan ala karaa seeraan alaan gara alaatti akka ba’uu fi kotiroobaandiin akka gurguramu gochuun isaanii eerameera.
Kanaanis, ji'a Adoolessaa bara 2017 qofa keessa, boba'aa fe'anii gara biyya keessatti kan galan booteewwan 68 (33 Dhaabbata Dhiyeessii Boba'aa Itiyoophiyaatiin kan fe'aman fi 35 immoo dhaabbata dhuunfaatiin kan fe'aman) akka miliqan taasiseera jechuun ka’umsa shakkii isaa dhaddachaaf ibseera.

Shakkamaan 2ffaa Dibaaraa Fuufaa Abbaa Taayitaa bob’aa fi Inarjii Itiyoophiyaatti Daarekteera itti aanaa Damee Boba’aa ta’anii hojjechaa utuu jiranii ittigaafatama isaanii dawwoi godhachuuun maqaa investimantiitiin qaamolee kallattiin galmaa’anii boba’an kennamuu fi heyyamni isaanii addaan cite, kanneen hayyama hin qabne ykn hojii xumuran 800f boba’aa daangaa malee akka argatan haala mijeessaniiru jedhameera.

Akkasumas, booteewwan koontiroobaandii fe’anii qabaman xalayaa seera-qabeessummaa fakkeessuun akka gadhiifaman taasisaniiru jedhamuun shakkamaniiru.

Dabalataan, mooummaan buufataalee boba’aa ijaarsa xumuraniif hayyama kenne da’oo godhachuun tajaajila buufata boba’aa haaraatiif kennamu nutu eeyyamsiise jechuun hanga qarshii miiliyoona 5 fudhachuun eeyyama akka argatan godheera.

Shakkamtoonni 3ffaa hanga 14ffaa jiran immoo, kutaalee magaalaa Finfinneetti Biiroo Daldalaa fi Indaastiriitti ramadamnii bakka hojjetanitti boba’aaan karaa seeraa fi dijiitaalaan fayyadamtootatti gurguramuu isaa hordofuufi mirkaneessuuf itti gaafatama kennameef cinatti gatuun buufataalee boba’aa waliin walitti hidhamiinsa bu’aa irratti hundaa’e uumanii oomishaaleen boba’aa karaa seeraan alaa akka bakkaa bakkatti socho’uu fi koontiroobaandiin akka gurguramu haala miijessuun warra yakka kana raawwatuuf da’oo ta’u jechuun ka’umsi shakkii dhaddachaaf ibsameera.

Kanaan wal-qabatee, Muddee 30 hanga Amajjii 30 bara 2018tti boba’aan qarshii biiliyoona 2.6 ol baasu koontiroobaandiin akka gurguramu gochuun mootummaan galii akka dhabu taasisaniiru jedhameera.

Shakkamtoonni xalayaa seerkulaaraa seeraan alaa barreessuu. konkolaattonni Finfinnee irraa boba’aa fe’anii gara kutaalee biyyattii deeman akka bob’aa hingurgurre gochuun rakkoo uumaa jiraachuu eeree , yeroon qorannoon itti qulqullaa’u dabalataa guyyaan 14 akka eeyyamamuuf beellama yeroo gaafateera.

Shakkamtoonni gama isaaniitiin yakka hin hojjenne jechuun mirgi waabii akka hayyamamuuf gaafataniiru.

Dhaddachi beellamaa falmii gama lamaanii hordofuun, hojii qorannoo poolisii jiruuf guyyoota qorannoo dabalataa 12 hayyameera.

Taarik Addunyaatu gabaase.

19/02/2026

Search.app is a Google domain. When you click on a search.app shortlink, you’ll be directed to open it in the Google app.

19/02/2026

Shakkamaan Sanada wabii sobaan Baankiilee garaagaraarraatti yakka malaammaltummaa Birrii miiliyoona 89 raawwate to’atame

Finfinnee, Guraandhala 12, 2018 (FMC) – Shakkamaan Sanada wabii sobaan Baankiilee garaagaraarraatti yakka malaammaltummaa cimaa Birrii miiliyoona 89 raawwachuun barbaadamaa ture waahillan isaa waliin to’atame jedhe Poolisiin Federaalaa.

Shakkamaan Baankii Gadaa, Hojii Gamtaa Oromiyaa, Baankii Daldalaa Itiyoophiyaa fi dhaabbilee biroorratti yakka malaammaltummaa Birrii miiliyoona 89 raawwachuun barbaadamaa ture waahillaan isaanii waliin to’atamuu hime.

Shakkamaan kun aangoo seeran ala fayyadamuun sanadoota wabii sobaa baankiilee qopheessuun yakka raawwachuu ibse.

Gocha yakkaa qindaa’e kanaan, sanada wabii kaffaltii duraa Yuuniyeenii Waldaa Hojii Gamtaa Qonnaan Bultoota Waadaraa Birrii miiliyoona 23 fi kuma 296 ta’u sobaan dhiyeessuun,akkasuma dhaabbata oomisha halluu Fenan Mahammad Bashiriif sanada gurgurtaa duubee sanada sobaa Birrii miiliyoona 20 dhiyeessuun, waliigalaan kasaaraa maallaqaa Birrii miiliyoona 43 fi kuma 200 fi kuma 96 olii qaqqabsiisuu qorannoon Poolisiin ni mul’isa.

Dabalataan sanada wabii sobaan Baankii Hojii Gamtaa Oromiyaarraa Birrii miiliyoona 28 fi Mana Murtiin Dhorkamee kan ture Mana jireenyaa sanada sobaan kaasuun sanada sobaan qaama 3ffaaf dabarsuun Baankii Daldalaa Itiyoophiyaarraa Birrii miiliyoona 18 fudhachuun miidhaa qaqqabsiisuutu eerame.

Poolisiin Federaalaas qaamolee diinagdee biyyaarraa miidhaa cimaa qaqqabsiisan kanneen to’annoo jala oolchuun qorachaa akka jiru hime.



Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Address

Addis Ababa

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Misba Sharif posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share