16/10/2023
Art.Halloo Daawwee aartistii hangafaa fi qabsooftuu mirga oromoo fi afaan oromoof aarsaa hiriyyaa hin qabne baasan dubartii jalqabaa tahun isii adda waan isii taasisudha.
Dachee baha Oromiyaa Kan taate bakka dungoon aartii Oromoo itti qabsifamte bara 1942 baadiyyaa naannoo dirree dhawaa bakka addaa biyyoo Awwallee jadhamutti haadha isii Faaxumaa Hassan Yuusufi abbaa isii Daawwee Issaa Abdallaa irraa kan dhalatte hoggaa taatu, isii waggaa takkaa akkoo isii bira gara magaalaa dirree dhawaa akka haati isii fiddee achitti akka guddatte obboleettiin isii ni dubbatti.
Art.Halloo Daawwee Maatii isiif ilmoo hangafaa yeroo taatu Obboloota dhiiraa 3' fi Kan shamarranii 7'wajjin dhalatte.
Dirree dhawaatti kan guddatte Halloon bakka hojii buna afuufuu dalagdutti warra wajjin dalagdu yeroo isiin bohaarsitu warri dhagahan sagaleen isii kiilooleen guddinaa aartii Oromoof bu'aa akka buustu Kan caqasanii hubatan ifaa aartii Oromoo arraa Kan tahan miseensa baandii " Biiftuu biyya keenyaa" jadhamuun beekamuun keessa gama Aartisit Alii Shabbootiin yaamicha taasifameef fudhachuun umrii isii waggaa 12 'tti gara aartii Oromootti dabalamtee daran sagalee qarachaa ogummaa fi kuulaa aartiin faayamtee bara1969 takka jattee dooyatti bahuun dhama sagalee isiin bu'uura jaalala jalqabaa Uummata isii keessatti jaaraachuu jalqabde.
Sirbi isiin takka jachuun Uummata waliin itti wal bartes akkas ja'a" Duraa duuba bareeda naannoo" jachuun gurratti dhaph eega gootee booda, album guutuu ykn kaasetti isii jalqabaa mat-dureen isaa " Barbaannee walbarra ni barra walirra" ja'u kan sirboota kudhan if keessaa qabu dalaguun ummata biraan geesse gumaata duraa aartii Oromoof gumaachite isaanis fudhamata guddaa arkatte.
Halloon kaasettii 10 kophaa isii dalaguun,13 ammoo weellistoota biiroo kaneen guca aartii Oromoo tahan gameeyyiiwwa warra akka Alii Shabboo, Adam Haruu, Kadiir Sa'id, Almaaz Tafarraafaa wajjin tahun Ummataa biraan geessee jirti.
Weelleewwan isiin hedduu Uummata biratti itti beekkamtu keessaa t