Justice Post

Justice Post Struggle to bring and sustain justice and truth is an endless journey. For this reason, our journey is unstoppable until we are alive.

05/04/2025
05/04/2025

Ukkaamfamuu fi butamuu:- Shaashamannee ....via JM
Hokkara Shaashamannetti namoonni ukkuufamuu irratti warra butamanii maallaqa kafalanii bahan keessaa 6, bilbiloota isin ergitaniin argadhee dubbiseera. Namnoonni kun birrii miliyoona tokkoo hanga kudhanii gaafatamanii maatiifi ollaan walitti baasee kafalee akka gadi lakkisiisee himan. Abbootii qabeenyaa magaalattii keessaa kan butamee takkaa doorsifamee maallaqa hin kafalin akka hin jirretti himu. Miidhamtoonni kunniin akka jedhanitti warri butu sun gariin yuniformii poolisiifi raayyaa ittiisa biyyaa, muraasni ammoo sivilii uffatanii paatrooliin mana dhaqanii sakatta'anii fuudhu. Achuma Shaashamannee, Nageellee Arsii takkaa Hawaasaa geessuun mana dhuunfaa keessatti itti cufanii tursiisanii erga kaffaltiin raaw'atee booda gadi lakkisan.

Himannaa kanarratti hoggansa nageenyaa godina Arsii Lixaafi Shaashamannee qunnamee gaafannaan butamuun namootaa dhugaa ta'uu himuun, "saamtotatu maqaa qaama nageenyaan raaw'ate" jedhan. Sodaa uumame tasgabbeessuufis ummata marsiisisanii akka turan himan.

Gochi kun qaama nageenyaanis ta'ee fakkeessitootaan raaw'atamu, magaalaa guddoo akkasii keessatti sadarkaa kanatti geggeeffamuun isaa seer-dhablummaan hammam akka hammaate akeeka.

05/04/2025
Oduu:   keessatti bara 2024 gaazexeessitoonni 43 hidhamuu, ykn butamuu gabaasni IMS mul’ise Itoophiyaa keessatti bara 20...
03/04/2025

Oduu: keessatti bara 2024 gaazexeessitoonni 43 hidhamuu, ykn butamuu gabaasni IMS mul’ise

Itoophiyaa keessatti bara 2024 yoo xiqqaate gaazexeessitoonni 43 hidhamuu ykn butamuu isaanii gabaasni madaallii nageenya gaazexeessitootaa Deeggarsa Miidiyaa Idil-addunyaa (IMS) baase mul’ise. Gaazexeessitoonni qaamolee mootummaa fi kan mootummaa hin taane irraa sodaachisoo, hidhaa fi rakkinni isaan mudachaa jiraachuu ibseera.

Gabaasni af-gaaffii gaazexeessitoota 60 waliin taasifamee fi dhimmoota galmaa’an irratti hundaa’uun ifoome kun, gaazexeessitoota kanneen naannooleen walitti bu’iinsaan miidhaman keessa jiran keessumaa , , fi keessatti balaa hamaa keessa jiraachuu isaanii ni mul’isa.

Gabaasni kun, "gareewwan hidhatan maallaqaaf jecha ykn gabaasa miidiyaalee waa’ee walitti bu’iinsa irratti hojjetan to’achuuf gaazexeessitoota seeraan ala to'annoo jala oolchu, meeshaalee isaaniis saamu" jedha. Itti dabaluudhaanis, aanga'oonni ammoo gaazexeessitoota kan sababa "nageenya biyyaalessaa fi dantaa biyyaalessaa” jedhuun akka hidhan ibseera.

Gabaasa guutuuf:

Finfinnee, Ebla 02/2025 – Itoophiyaa keessatti bara 2024 yoo xiqqaate gaazexeessitoonni 43 hidhamuu ykn butamuu isaanii gabaasni madaallii nageenya gaazexeessitootaa Deeggarsa Miidiyaa Idil-addunyaa (IMS) baase mul’ise. Nageenyi gaazexeessitootaa ” balaadhaaf saaxilamaa jiraachuu” eeruun, ga...

Address

Arat Kilo
Addis Ababa

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Justice Post posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Justice Post:

Share