
25/06/2022
Yuunivarsiitiin Riifti Vaalii damee isaa naannoo Ashawaa Meedaatti argamu maqaa Dirree Gafarsaatiin beekamu maqaa Aartistii Oromoo beekamaa fi jaal'atamaa Haacaaluu Hundeessatti moggaasuuf murteessee qophii taasisaa jira. Dhimma kanaan wal-qabatee Yuunivarsiitiin keenya jaal'atamoo maatii Aartisti Haacaaluuf kabaja qabu ni ibsa. Barbaachisummaan moggaasa damee kanaa maqaa Aartistii keenyaan ta'uun yaadannoo Haacaaluu Hundeessaa guddina Aartii fi Muuziqaa Oromoof gumaache dhalootaaf dabarsuu keessatti gahee ni qabaata amaantaa jedhu qabna.
Guyyaan raawwii Waxabajjii 21/2014.
Yuunivarsiitii Riifti Vaalii