Mone Media

Mone Media Unlock your potential with Mone media, a personal coach and inspiration.

13/09/2023
13/09/2023

Kan lafarratti dhiifama waliif godhe, Waaqarratti dhiifama argata!

Dubbichi salphaa hin turre. Kan lubbuunillee itti baduu danda’u ture. Qaamni madaa’eera, dhiigni cobeera. Kabajaafi hamileen tuqameera. Garuu ilaalaa kunoo, torban tokko gidduutti araara buusanii wal cinaa dhaabatanii kolfaa jiru. Eyyee, ni danda’ama!

Inni miidhe dhiifama gaafachuun, inni miidhame dhiifama gochuun beekumsadha, dirqama Waaqayyo nutti kennedhas! Akka dubbii Waaqayyootti kan miidhe qofa miti, kan miidhamellee dhiifama gaafachuu qaba.

Mee of haa taajjabnu!
Meeqan keenyatu sababa xiqqoo tokkoof waggaa shaniifi jaha wal hoodaa jirra? “Akkas naan jedhe, akkas naan jette” jennee jette jettee qabamaa hin taaneen meeqan keenyatu obbolaafi hiriyyaa keenya lollee qofaa gumgumaa deemna? “Yoon dhiifama isheef/isaaf godhe Rabbi dhiifama naaf hin godhiin” jennee meeqan keenyatu dhiifama gochuu dhiisuu akka gootummaa ilaalaa jirra?

Dhiifamaafi araarri bu’uura nagaati. Kan dhiifama waliif godhee araara buusuu danda’utu hirriba nagaa rafa. Waliif dhiisaa, walitti araaramaa, garaa waliif laafaa! Gaafa obboleessa keetti araaramte Waaqayyo sitti araarama!

Caalaa Bultume fi Gosaa baga araaramtan! Jaarsoliin dhimma kana daftanii araaraan xumurtan galatoomaa!

06/02/2023

Oduu Ammee!
= = = = = = = =
Guyyaa 5/6/2015 ETC hiriirri guddichii Handhuuraa Magaalaa Finfineetti ni gageeffamaa. Hiriirri kun Deeggarsaa Sinoodoosii haaraa dhaabbate, Gammachuu Afaanii fi Aadaa ofiitiin Kadhachuu argamee irraa ka'uudhaan Qeerroon,Qarreen, Abbootiin, Uummanni Oromoo fardaaf gaachanaan qophii gochaa jira. Abbootiin guyyaa sana argamuudhaan Asawaa ni taasisu.

Hiririchii Masqal square tti kan gaggeeffamuu yoo ta'u koreen dhimma kana qindeessu ibsa ba'aa ni kennaa!!

!
= = = = =
በ 5/6/2015 (የፊታችን ቅዳሜ) ETC ታላቁ ሰልፍ በአድስ አበባ ከተማው ይካሄዳል. ሰልፉ አዲስ የተቋቋመውን ሲኖዶስ በራሳቸው ቋንቋ እና ባህል የመጸለይን ደስታ ለመደገፍ ነው። አባቶች በእለቱ ተገኝተው ይባረካሉ።

ሰልፉ በመስቀል አደባባይ የሚካሄድ ሲሆን አዘጋጅ ኮሚቴውም ነገ መግለጫመግለጫ ይሰጣል!!

06/02/2023
05/02/2023
05/02/2023

page kana 'follow' godhaa waantoota gaggaarii qabatee dhufaa jiraa!

04/02/2023

Waanti fedhes ta'e tasumaa abdii hin kutinaa!

Address

Addis Ababa

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Mone Media posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share