13/09/2023
Kan lafarratti dhiifama waliif godhe, Waaqarratti dhiifama argata!
Dubbichi salphaa hin turre. Kan lubbuunillee itti baduu danda’u ture. Qaamni madaa’eera, dhiigni cobeera. Kabajaafi hamileen tuqameera. Garuu ilaalaa kunoo, torban tokko gidduutti araara buusanii wal cinaa dhaabatanii kolfaa jiru. Eyyee, ni danda’ama!
Inni miidhe dhiifama gaafachuun, inni miidhame dhiifama gochuun beekumsadha, dirqama Waaqayyo nutti kennedhas! Akka dubbii Waaqayyootti kan miidhe qofa miti, kan miidhamellee dhiifama gaafachuu qaba.
Mee of haa taajjabnu!
Meeqan keenyatu sababa xiqqoo tokkoof waggaa shaniifi jaha wal hoodaa jirra? “Akkas naan jedhe, akkas naan jette” jennee jette jettee qabamaa hin taaneen meeqan keenyatu obbolaafi hiriyyaa keenya lollee qofaa gumgumaa deemna? “Yoon dhiifama isheef/isaaf godhe Rabbi dhiifama naaf hin godhiin” jennee meeqan keenyatu dhiifama gochuu dhiisuu akka gootummaa ilaalaa jirra?
Dhiifamaafi araarri bu’uura nagaati. Kan dhiifama waliif godhee araara buusuu danda’utu hirriba nagaa rafa. Waliif dhiisaa, walitti araaramaa, garaa waliif laafaa! Gaafa obboleessa keetti araaramte Waaqayyo sitti araarama!
Caalaa Bultume fi Gosaa baga araaramtan! Jaarsoliin dhimma kana daftanii araaraan xumurtan galatoomaa!