09/11/2025
hanga dhumaatti erga dubbistee yaada feete kennuu dandeessa.
dhabamuun qaama hedduuf madda hojiiti qaama ta'eef immoo madaa jireenyaati.
buusuun akka lola kaasuu hin salphatu nagaa buusuun aarsaa guddaa nama kafalchiisa.
nagaa jibbu isa wal lolu miti.
👉Tokko tokko nageenyi yoo dhufe waan jiraatu itti hin fakkaatu faayidaa karaa jal'inaa waan bareef nageenyatti osoo hin taane lolaaf hammeenyatti amana
hundaafuu Qaamni nagaa fidu danda'u isa wal loludha
bara wayyaanee kaasnee FDG sana irratti obboloota wareegaman yaadachuutti argamna
wareegaman illee boqotani Garuu namoota sirnicha keessatti miilli citee ,Qaamni hir'atee,Bakka namaa hanqataniif gaaf tokko iyyuu deeggarsi namoomaa qaama kamiinuu hin taasifamneef
Seenaan isaan haa yaadatu dhagaadhaan Qawwee fuula dura dhaabbatanii sochii cimaa warraaqsa guddaa gochuun wayyaanee oromoo wayyaanomsitee ittiin biyya dhuunfattee itti roorrisaa jirtu jalaa bilisa baasuuf itti of wareegani aarsaa ta'anii darbani.
wayyaanneen galtee waggoota torba kana keessatti obboloonnif maatiin keenya hedduun sababoota gurguddoon nu biraa dhabamaniiru.
tokko itti amanuu dadhabnaan qawwee kaaseetu bosona seene
tokko immoo Itti amaneetu sirna dhufe eeguuf qawwee kaase
lama taa'anii yaada garaagaraa qabaachuun Walii isaanii immoo deebisanii ajjeesuun cimee oromiyaa keessatti argameera
oromoo mudhii ishee hidhattee ilmoonkoo hin dhufamoo hin hafa utuu jettuu ilmoon ishee achiin hafee iji ishee immimmaan boohaa kan awwaalamtu hedduudha.
yaadame oromoodhaafis ta'ee oromiyaaf hin argamne
Wal waraanan gidduutti kan miidhame uummata humaa hin beekne kaan manni irratti gubatee,kaan daa'imni jalaa ajjeefamee,kaan abdii jireenyaa dhabee oliif gadii jooraa jira
irratti
👉Warra kaleessa wareegaman yaadachaa oromiyaa keessatti wareegama hin taane haa hambisnu