28/07/2026
Akka salphaatti as hin geenye‼
Atuu jetteetta "Waa'een jireenyakee" kun maali laata?🤔
ba'aa ati baattee guyyaa har'aa kana geesse,sii'i,rabbii fi namoota sitti dhiyaatan qofatu beeka,tarii ba'aa hagas ulfaatu kana namni biraa danda'ee baataa laata jedheen yeroo hunda gaafan miirake argu taa'een ofitti gumgumee of gaafadha?🤔
dhugaan siin jedha Anduko ati hagam nama jabaa akka taate gaafa ati cabakee,Eelaakee,miidhamakee sana hunda baachaa wanta amma hojjette kana fiddee dhuuftu heedduu tokko na raaje,dhugaan isiniin jedha yeroo tokko tokko namni caba isaa miidhama isaa yoo rabbitti kennate,innimmoo nama sanaaf jabeenya kenna tarii keessakee fi Amantaa ati isaarratti qabdutu si jabeessee natti fakkaata,maaliif ani isa durii caalaa andualem akka sibiilaatti jabaatee dhufuu isaan hubadhe,tarii namootni sitti duulan maal ta'a akka keenyaa kana osoo sitti siqanii miidhama ati keessa dabarte kana arganii jedheen yaada,maaliif garuu hagas garaa isatti jabaatan jedheen of gaafadha?gaafan deebi'eemmoo ilaalu miliyoononnimmoo si waliin jiraachuu isaanii gaafan argu haga tokko abdii natti hora,Tarii namootni sun guuyyaa tokko dhugaa ati qabdu akka hubatan shakkii hin qabu,dhugaanimmoo harka namaa bira hin jirtu harka rabbii bira jira,gaaf tokkos ba'uun ishees hin oolu.
Dhuma irratti dandeettii ati qabdu kana cabssuuf,awwaaluuf warra ifaajaniif garuu akka ati akka siibiilaatti jabaatte dhufte itti himuun barbaada,tarii dhufaatiinkee kunis mata bowwuu guddaa itti ta'uu danda'a sanaafimmoo rabbi jajjabina isiniif haa kennu jechuun ala homaa jechuu hin danda'u,dhugaan siin jedha akkuma Haceen Ani "uummata koof qaaliidha jedhe"💔 animmoo akkasin siin jedha Andu ati uummata kanaaf qaaliidha,dhugaadha ilmi namaa kun nama hundaan jaallatamuu dhiisuu danda'a atuu hin jetta kan na jibbus kan na jaallatus ani nan jaalladha,ilmi namaa kunimmoo wanta itti fakkaate dubbachuuf mirga qaba, yoo dubbattanis itti hin murteessu dhugaa qabu,haguma na beekan dubbatu,inni na beekummoo na beeka,irra caalaatimmoo rabbiin keessakoo ni beeka gaafa naan jettu ati hagam nama bilchaataa akka taaten si hubadhe.
Obboleessakoo qaalii baga uummata si jaallatuu fi si kabaju kanatti deebite.🙏
Obboleessakee Mame Yasin (Hiriyaa Akka Obboleessaa).