AMN-Afaan Oromoo

AMN-Afaan Oromoo This is the official page of AMN-Afaan Oromoo ‘Voice of Generation’
(1)

14/08/2026

FM 96.3 “Qabee Odeeffannoo”

‎AMN PLUS- Hagayya 8/2018

14/08/2026

Ayyaanni Ijoollee Ji'a Hagayyaa Keessa Kabajamu Maal Jedhamuun Beekama?

Dilbata Qophii Qora Sammuun Nu Eegaa!

AMN PLUS - Hagayya 08/2018

14/08/2026

"Kan nuuf keenne haggami gahaa?"

Ayyaana Taaboree ilaalchisee Turtii Barsiisaa wangeelaa Habtaamuu Gaaddisaa waliin Taasisne

Dilbata Qophii Kaaribuun Nu Eegaa

AMN PLUS
Hagayya 08,2018

Kilabni Qiddus Giyoorgis leenjisaa isaa duraanii deebisee muudeAMN PLUS - Hagayya 08/2018Kilabni Qiddus Giyoorgis leenji...
14/08/2026

Kilabni Qiddus Giyoorgis leenjisaa isaa duraanii deebisee muude

AMN PLUS - Hagayya 08/2018

Kilabni Qiddus Giyoorgis leenjisaa isaa duraanii Serdooyeeviich Miiluutiin (Miichoo) deebisee muude ibsa miidiyaaleef kenneen ifoomsera.

Leenjisaan ganna 56 kun kilaba Qidduus Giyoorgis waliin waliigaltee waggoota 3 mallatteessuun ibsameera.

Miichoon kanaan dura yeroo 2 deebi'ee waggoota 5 kilabicha leenjisuun shaampiyoonaa tahuuf carraa argateera.

Dabalataan Qidduus Giyoorgis duraan taphataafi leenjisaa tahuun kan tajaajile Siyyuum Kabbadaa Daayreektara Teeknikaa taasisuun muuduun ibsameera.

14/08/2026

"Ijoolleen koo Dhaabbata koo lammataati"- Birhaanuu Dagafaa

Dilbata Qophii Daandii Jireenyaan Nu Eegaa!

AMN PLUS - Hagayya 08/2018

Simannaa Hayyootaafi Barattoota Yuunivarsiitii Oksifoordiirraa DhufaniifKomishiniin Turizimii Finfinnee Waajjira Isaatti...
14/08/2026

Simannaa Hayyootaafi Barattoota Yuunivarsiitii Oksifoordiirraa Dhufaniif
Komishiniin Turizimii Finfinnee Waajjira Isaatti Taasise Suuraan!

Jaappaannitti rooba cimaa roobeen balaa dhaqqabe hordofee lubbuun namoota 8 darbeAMN PLUS - Hagayya 08/2018Rooba cimaa B...
14/08/2026

Jaappaannitti rooba cimaa roobeen balaa dhaqqabe hordofee lubbuun namoota 8 darbe

AMN PLUS - Hagayya 08/2018

Rooba cimaa Bahaa Jaappaanitti roobeen yoo xiqqaatee lubbuun namoota saddeeti darbu miidiyaaleen idil addunyaa gabaasan.

Rooba cimee roobe kanaan namoonni Kumaatamaan lakkaa’aman Buufata Xiyyaaraa Idil-addunyaa Narita Tokiyoo keessatti karaan itti cufamuun rakkachaa akka jiranis gabaafameera.

Rooba cimaa kanarraa kan ka’ee lolaan guddaan kan uumamee balaa biraaf akka hin saaxilamneef Bulchiinsa Naannoo Chiibaa keessatti manneen Kuma 20 ol ta’anirraa tajaajilli elektiraa akka addan kutamees ibsameera.

Roobni cimaa akka uumamuuf sababni qilleensa ho’aa fi jiidhaa qabu gara Bahaa biyyattii seenuun kan wal makan haala qilleensaa tasgabbaa’aa hin taane uumu taasisuun balaan kun uumamuu akka danda’e Ejensiin Meeteerooloojii Jaappaan beeksisuu isa BBC’n gabaasera.

Shuumii Badhaasootiin

Miidiyaaleefi Hayyootni Gibtsii waa’ee Hidha Haaromsa Guddicha Itoophiyaarratti yaadaan wal-faallessuun ibsameAMN PLUS -...
14/08/2026

Miidiyaaleefi Hayyootni Gibtsii waa’ee Hidha Haaromsa Guddicha Itoophiyaarratti yaadaan wal-faallessuun ibsame

AMN PLUS - Hagayya 08/2018

Gaazexeessaa fi barreessaa Zaahid Ziidaan akka ibsanitti, gabaasni miidiyaalee Gibxii waa’ee Hidha Haaromsa Guddicha Itoophiyaa dhiyeessan kan wal hin simne yoo ta’u, madaallii saayinsawaa ogeeyyii saayinsii fi bishaanii Gibtsii hedduu waliin kan wal-faallessudha jechuun ibsaniiru.

Gaazexeessaa Zaahid ENA’f yaada kennaniin, marii fi falmiin Hidha Haaromsaa Guddichaarratti taasifamu xiinxala saayinsawaa fi teeknikaa irratti xiyyeeffachuu mannaa, seenaan miidiyaa ifa hin taaneefi wal-faallaa ta’een kan hoogganamu ta’uu ibsaniiru.

Ji’oolojistiin Gibtsii Dooktar Abbaas Sharaaqii, hidhi kun uumamaan Gibtsii irratti miidhaa kamiyyuu akka hin geessisne ifatti kan ibsan ogeeyyii biyyattii keessaa tokko ta’uu gaazexeessaan kun eeraniiru.
Akkasumas, saayinsistiin Gibtsii kan biraa Dooktar Sameeh Armaaniyoos, Hidhi Haaromsaa Guddichi pirojektii humna ibsaa maddisiisuuf bishaan fayyadamu yoo ta’u, bishaaniin hanqina hin uumin; humna elektirikaa erga maddisiisee booda bishaanichi kallattiin gara lagaatti kan deebi’u ta’uu isaa ibsaniiru.

Haaluma walfakkaatuun, saayinsistiin Hawaa Dooktar Faariq El-Baaz, hidhi kun bulchiinsi bishaanii fooyya’aa akka jiraatu gochuun, faayidaa Itoophiyaa qofa osoo hin taane faayidaa Sudaanii fi Gibtsiis eeguuf akka gargaaru ibsuu isaanii Gaazexeessaa fi barreessaa Zaahid Ziidaan himaniiru.

Gaazexeessaan kun ogeeyyii Sudaan, kanneen akka Piroofeesar Saayif Al-Diin Haamaad dabalatee Ministira Bishaaniifi Jallisii Sudaan kan duraanii Usmaan Al-Toom eeruun, marii laga Abbayyaa irratti taasifamu keessatti sagaleefi wacaa siyaasaa osoo hin taane, ragaa saayinsawaa fi mirkanaa’aa irratti hundaa’uun xiinxala taasisuun barbaachisaa ta’uu hubachiisuu isaanii eeraniiru.

Miidiyaaleen Gibtsii tokko tokko hidha kana yeroo barbaadan lolaafi barbadaa’uu bu’uuraalee misoomaa waliin walqabsiisu; yeroo biraa ammoo bishaan hir’achuu fi hongee fida jedhanii himatuun kan kaasan Gaazexeessaa Zaahid akka isaan jedhanitti, ilaalchi akkanaa yaada guutummaatti faallaa yaada hayyoota Gibtsii kan deemu tahuu hubachiisaniiru.

Zaahid dabalataan akka ibsanitti, himannaan siyaasaa fi miidiyaaleen hidhi kun biyyoota yaa’a laga Abbayyaa jala jiran irratti balaa fida jedhanii dhiyeessan, fedhii siyaasaa kan of keessaa qabu malee, hundee saayinsawaa walitti fufiinsa qabu akka hin taane dubbataniiru.

Akka isaan ibsanitti, seenaan dogoggoraa akkanaa mirga Itoophiyaan qabeenya uumamaa ishee jechuunis laga Abbayyaa gara biyyoota yaa’a gaditti yaa’u keessaa harka 86% kan ta’e, fayyadamuun misoomsuuf qabdu gufachiisuuf waggoota dheeraaf itti fufee kan turedha.

Zaahid, baay’inni bishaanii waggaa guutuu laga Abbayyaa keessa darbu yeroo bonaafi roobaa irratti battalumatti adda baafamee beekamuu waan hin dandeenyeef, hanga bishaanii dursan tilmaamuun ykn murtii xumuraa kennuun akka hin danda’amne turtii ENA waliin taasisaniin ibsaniiru.

Kanarra, miidiyaaleen Gibtsii “waca siyaasaa” irraa bahuun, qorannoowwan saayinsawaafi ragaa mirkanaa’aa irratti hundaa’uun gabaasa madaalawaa dhiyeessuu akka qaban Gaazexeessaa fi barreessaa Zaahid Ziidaan waamicha dhiyeessaniiru.

Dargaggootni ijaarsa biyyaafi nageenyaaf shoora olaanaa qabu - Biiroo Nageenyaafi Tasgabbii FinfinneeAMN PLUS - Hagayya ...
14/08/2026

Dargaggootni ijaarsa biyyaafi nageenyaaf shoora olaanaa qabu - Biiroo Nageenyaafi Tasgabbii Finfinnee

AMN PLUS - Hagayya 08/2018

Biiroon Bulchiinsa Nageenyaa fi Tasgabbii Magaalaa Finfinnee, ijaarsa biyyaafi duudhaa nagaa keessatti dargaggoonni gahee olaanaa akka qaban ibseera.

Konfiransiin dargaggootaa mata dure “Humni Dargaggootaa Nagaaf; Egereen Keenya Harka Keenya Jira” jedhuun kan dargaggoota Kutaalee Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee hundarraa walitti dhufan hirmaachise gaggeeffameera.

Hogganaa Itti Aanaan Biiroo Bulchiinsa Nageenyaafi Tasgabbii Magaalaa Finfinnee fi Itti Gaafatamaan Damee Amantaa fi Ijaarsa Duudhaa Nagaa Obbo Birhaanuu Rattaa Finfinnee Magaalaa maqaa ishee madaaluu taasisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa akka jiru ibsan.

Addunyaa dijitaalaa yeroo ammaa waliin walqabatees miidiyaa hawaasaa kaayyoo gaariif fayyadamuun ijaarsa biyyaafi ijaarsa duudhaa nagaa keessatti dargaggoonni gahee olaanaa kan qaban ta’uus himaniiru.

Hojii Raawwachiisaa Olaanaa Dhimmoota Tarsiimoo Ministeera Nageenyaa Obbo Wandasan Mokonniin gama isaaniitiin, dargaggoonni gootota nageenyaa ta’uun biyya isaanii keessatti imala guddinaafi badhaadhinaa galmaan gahuuf hirmaannaa cimaa taasisuu akka qaban ibsaniiru.

Dargaggoonni konfiransicharratti hirmaatanis, hirmaannaa isaanii hojiiwwan misooma biyyaalessaa, hojiiwwan nageenyaa adda addaa fi hojiiwwan tola ooltummaa irratti qaban cimsanii itti fufuuf kutannoo qabaachuu isaanii kaasaniiru.

Sanadoonni marii “Yakka ittisuu fi tarkaanfiiwwan”, akkasumas, “Tajaajila Tola Oltummaan Dargaggootaa Faayidaa Biyyaalesaa fi Ijarsaa Nageenyaaf ” jedhuu dhiyaachuun irratti mari’atamuu ragaan Biirichaarra argame ni mul’isa.

Magaalaa biqiltuu qofa osoo hin taane, abdii dhaabdu - Finfinnee‎‎AMN PLUS – Hagayya 08/2018‎‎Magaalaan tokko kan madaal...
14/08/2026

Magaalaa biqiltuu qofa osoo hin taane, abdii dhaabdu - Finfinnee

‎AMN PLUS – Hagayya 08/2018

‎Magaalaan tokko kan madaalamtu misooma itti fufiinsa qabu, uumama naannoo ishee kunuunsuu fi biqiltuu har’a dhaabduun dhaloota boruuf bu’uura gaarii kaa'uudhaan.

‎Finfinneen immoo imala jijjiiramaa kana keessatti waggaa waggaadhaan jiraattota ishee bal’inaan hirmaachisuun, lafa magaalattii magariisaan uwwisuuf, bara 2011 irraa eegaltee biqiltuuwwan miliyoonaan lakkaa’aman kan gaaddisa, miidhaginaa fi nyaataaf oolan dhaabaa jirti.

‎Kunis bifa magaalattii haalan akka jijjiiramu taasisuun, uwwisa magariisaa magaalattii dhibbeentaa 2.8 irraa gara dhibbeentaa 24tti ol guddisuu danda’eera.

‎Jijjiiramni kun lakkoofsa qofaan kan ibsamu osoo hin taane,bakki kaleessa balfi itti gatamu har’a magariisaan bakka bu’aa jira. bakki kaleessa aduun nama gubu har’a gaaddisa ta'ee miidhaginni magaalaa kaleessa hin yaadamne har’a jireenya guyyaa guyyaa jiraattotaa keessaa tokko ta’aa jira.

‎Kanaaf, Finfinneen har’a kan biqiltuu dhaabdu qofa osoo hin taane Finfinnee boruu har’a harkaan ijaaruuf magaalaa tattaafattuudha.

‎Guyyoota muraasa dura guyyaa tokko keessatti biqiltuu miliyoona 1.5 dhaabuun immoo kutannoo magaalaan kun qabdu kan agarsiisudha.

‎Finfinneen namni uumama waliin araaramee, qilleensa, bishaan, biyyee fi uumama waliin nagaan akka jiraatu hojjechaa jirti.

‎Finfinneen magaalaa dippilomaasii Itoophiyaa qofa miti, magaalaa Afrikaa addunyaa waliin walqunnamsiiftudha.

‎Akkasumas magariituu, qulqulluu, bareedduu, kan ammayyoomtee fi jireenyaaf mijattuu taasisuun pirojektii magaalaa qofa osoo hin taane,bifaa fi maqaa biyyaa ijaaruu keessattis gahee olaanaa qaba.

‎Biqiltuun har’a dhaabame gaaddisa dhalootaa dhalootatti darbuun, qilleensa qulqulluu keessatti akka harganfatan, magaalaa magariisaa keessa akka jiraatan, naannoo bareedaa keessatti akka guddatan kan ittiin mirkanaa'u mallattoo abdiiti.

‎Finfinneen har’a biqiltuu dhaabdi, boru ni misoomti, miidhagina ishees daran ni calaqqisiifti.

‎Finfinneen ni dhaabdi magariisummaan ishees gara fuulduraa daran ifee akka mul’atu abdiin jiraachuu Odeeffannoon Waajjira Kantiibaarraa argame ni mul’isa.

Address

5kilo
Addis Ababa
27080/1000

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when AMN-Afaan Oromoo posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to AMN-Afaan Oromoo:

Shortcuts

Share