AMN-Afaan Oromoo

AMN-Afaan Oromoo This is the official page of AMN-Afaan Oromoo ‘Voice of Generation’

Hidhattootni miseensa garee seeraan alaa ABUT 300 ta’an Ajaja Iizii Kaaba Lixaatti harka kennatan AMN PLUS - Fulbaana 08...
18/09/2026

Hidhattootni miseensa garee seeraan alaa ABUT 300 ta’an Ajaja Iizii Kaaba Lixaatti harka kennatan

AMN PLUS - Fulbaana 08/2019

Sochii garee ABUT nageenyaaf dursa kennuu dhiisee, qophii waraanaa taasisaa jiru mormuun garee sana waliin taanee lola irratti hin hirmaannuu kan jedhan miseensotni garichaa 300 ta’an karaa Laga Takazzee irraan gara Raayyaa Ittisa Biyyaatti makamuun Ajajaa Iizii Kaabaa-Lixaatti, harka kennachuun isaanii ibsameera.

Loltoonni kun dirree waraanaa Lixaa, naannoo Takazzee, iddoo adda naannawaa riqicha Takazzee bitaa fi mirgaan Raayyaa Ittisaa Biyyaatti harka kennataniiru.

Miseensotni duraanii ABUT amma harka kennatan kunniin akka jedhanitti, ABUT diina uummata Tigraay kan tahe Shaabiyaa waliin qindoomina "Tsimdoo" jedhamu uumun uummata Tigraayif kan hinfayyadnee fi miidhu ta'uu hubachuun, hariiroo dursaanii Raayyaa ittisaa naannawichatti argamu waliin uumaniin waliin dubbatanii haala miijessuun harka kennachuu akka danda'an dubbataniiru.

Hidhattootni miseensa garee seeraan alaa ABUT harka kennan kunneen, gaaffiin ummata Tigraayii qawwee fi waraanaan osoo hin taane, marii fi waliigaltee karaa nagaan furamuu qaba jedhan akka amanan ibsaniiru.
Hidhattootni kunniin meeshaalee waraanaa dhuunfaa fi gareen itti tajaajilamaa turan 280 0l, meeshaalee dhukaasaa gosa adda addaa, Fuullee dirree waraanaa fi ragaalee adda addaa qabatanii galuu isaaniis Ajajichi beeksiseera.

Loltoonni ABUT harka kennan kunneen, hoggantoonni ABUT itti gaafatamummaa irraa of baraaruuf dargaggoota uummata Tigraay nagaa fedhu dirqamsiisuun walitti qabuun gara waraanaatti erguuf yaalan mormuun harka kennuu isaanii ibsaniiru. Isaan ammas rakkoon jiru fedhii hoggantoota ABUT muraasaatiin osoo hin taane, marii qofaatiin furamuu danda’a jechuun amantaa guutuu akka qaban dubbatan.

Ajajichi akka beeksisetti, warra harka kennan keessaa ajajaa kutaa waraanaa irraa eegalee hanga sadarkaa adda addaatti hoggantootni kan keessatti argaman tahu kan ibse Ajajichi, humni loltootaa kun fedhii isaatiin osoo hin taane, dirqama sirna mootummaa ABUT jalatti lola irratti hirmaachaa jiraachuu isaa kan agarsiisuudha.

Loltoonni harka kennan akka jedhanitti, ABUT marsaa waraanaa keessaa bahuuf fedhii hin qabu; qaama "Tsimdoo" jedhamee waamamuun tumsa uumameen ummata rakkoo caalmaa keessa galchuuf yaalaa jira. Sochiin inni taasisaa jiru nagaa kan hin deeggarre, filannoo nagaa isaaf dhiyaate kan hin fudhanne garuu ammoo uummata Tigraay biratti fudhatama dhabaa jira jedhaniiru.

Amma illee dargaggoonni Tigraay hedduun sirna bulchiinsa ABUT jibbuun fi nagaa filachuun harka kennuuf carraa eegaa jirus jedhan loltoonni kun. Akka isaan ibsanitti, ABUT ummata Tigraay ummata Itoophiyaa irraa addaan kutuu fi nagaa dhabsiisuuf dargaggoota dirqamaan gara waraanaaf qopheessaa jira.

Dargaggoonni Tigraay dirqamaan waraana keessa galan illee, kana hubatanii yeroo fi haalli mijatnaan harka kennuuf qophii akka ta’an loltoonni kunneen ibsu Odeeffannoon Miidiyaa Onlaayinii Raayyaa Ittisa Biyyaatiin AMN’f ergame ibseera.

18/09/2026

AMN PLUS, Oduu Ganamaa Fulbaana 08/2019

Magaala Afrikaa Kabaja Ayyaanota Addabaabayiirratti hawwattummaa qabduun turistootaan filatamtuu - FinfinneeAMN PLUS-Ful...
18/09/2026

Magaala Afrikaa Kabaja Ayyaanota Addabaabayiirratti hawwattummaa qabduun turistootaan filatamtuu - Finfinnee

AMN PLUS-Fulbaana 08/2019

Itoophiyaan biyya Afrikaa ayyaanota uummataa, mootummaa, amantaafi aadaa garaagaraa tokkummaa fi waliin jireenyaan kabajuun beekamtuudha.

Ayyaanotni gosoota, saboota fi amantalee garaagaraa biratti kabajaman hedduun isaanii, osoo garaagarummaan hin jiraatin, waliin jireenyaa fi obbolummaa keessatti kabajamuun isaanii ayyaanota kanneen adda taasisu.

Keessumaa, ayyaanotni dirreerratti uummataan kabajaman keessummoota biyya keessaa fi alaa hedduu hirmaachisu. Kanaafis, namoota ayyaanicha kabajaniifis ta’e kanneen ayyaanicha daawwataniif gammachuu fi miira addaa uumu.

Ayyaanotni kun nyaataa fi dhugaatii aadaa garaagaraatiin, uffata halluuwwan adda addaatiin miidhagfameen, akkasumas sirboota hawwatoo fi shubbisa afaanota garaagaraatiin dhihaataniin kabajamu.

Kunis daangaa biyyaa keessaa darbuun xiyyeeffannoo turistoota hedduu tahuun qalbii akka hawwatu taasiseera.

Ayyaanotni kunneen hariiroo hawaasummaa cimsuu fi bifa biyya tokkoo ijaaruu qofa osoo hin taane, namoota hedduuf carraa hojii uumuu fi diinagdee saffisiisuu keessattis qooda qabu.

Ayyaanotni hedduun Magaalaa Afrikaa kan taate Finfinneetti bifa ho’aa fi miidhagaa ta’een kan kabajaman yoo ta’u, turistoonni hedduunis magaalaan kun ayyaanota akkanaa haala addaa fi miidhagaa ta’een kabajuuf mijataa ta’uu ragaa bahu.

Finfinneen waggoota dhiyoo asitti misooma koridarii fi qarqara lagaatiin bifa haaraa kan uffatte yoo ta’u, daawwannaa fi ayyaanota uummataa bifa ho’aa ta’een kabajuuf filannoo tiristootaa taateetti.

Daandiiwwaniifi iddoowwan turistii, hambaa seenaa, paarkota, burqaawwan bishaanii, iddoowwan bashannanaa, hoteelotaa fi bu’uuraaleen misoomaa biroo magaalattii keessatti ijaaraman daawwannaa fi ayyaanota uummataa irratti bifa addaa kan uumanidha.

Turistoonni Finfinnee daawwachuuf qofa osoo hin taane, yeroo dheeraa turanii ayyaanota ishee waliin dabarsuufis filachaa jiru.

Magaalaan kun Bara Haaraa bifa ho’aa ta’een kan kabajje yoo ta’u, guyyoota itti aanan keessattis Masqalaa fi Irreechaa dabalatee ayyaanota garaagaraa kabajuuf qophii taasisaa jirti.

Naannolee biyyattii garaagaraa keessatti iddoowwan hawwata turistootaa ijaaramanis daawwattoota biyya keessaafi alaaf filannoo fooyya’aa uumaa jiru.

Wandimmaageeny Asaffaatiin qindaa'e

17/09/2026

Leenjiin Maarshaal Aartii dhaloota gahoomsuu keessatti shoora olaanaa qaba.

AMN PLUS Fulbaana 07,201

17/09/2026

ODUU ISPOORTII KAMISA GALGALAA

AMN PLUS Fulbaana 07, 2018

Qophii Addaa| Waqtiin Birraa Ifa Quufaan Kan Guutamedha.
17/09/2026

Qophii Addaa| Waqtiin Birraa Ifa Quufaan Kan Guutamedha.

Xiyyeeffannoon Itoophiyaan Geejjiba Magariisaaf Kennite Gaariidha Jedhame
17/09/2026

Xiyyeeffannoon Itoophiyaan Geejjiba Magariisaaf Kennite Gaariidha Jedhame

Xiyyeeffannoon Itoophiyaan Geejjiba Magariisaaf Kennitee Hojjechaa ...

Dhimma Faayidaa Biyyaalessaaf Hunduu Akka Qaama Tokkootti...
17/09/2026

Dhimma Faayidaa Biyyaalessaaf Hunduu Akka Qaama Tokkootti...

Dhimma Gaaffii Balbala Galaanaa Itoophiyaafi Itti Fayyadama Bishaan...

Dhaabbata Bu'aa Waggaa Argate Keessaa 10% Hojii Tola Ooltummaaf Oolche
17/09/2026

Dhaabbata Bu'aa Waggaa Argate Keessaa 10% Hojii Tola Ooltummaaf Oolche

Guddina Ariifachiisaa Itoophiyaan Galmeessaa Jirtu Deeggarree Badha...

Masqalaafi Irreecha Akkaataa Duudhaa Isaaniitiin Miidhagsina - Dargaggoota Finfinnee
17/09/2026

Masqalaafi Irreecha Akkaataa Duudhaa Isaaniitiin Miidhagsina - Dargaggoota Finfinnee

Ayyaanni Masqalaafi Irreecha Bifa Duudhaa Amantiifi Aadaa Eegeen Ak...

Address

5kilo
Addis Ababa
27080/1000

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when AMN-Afaan Oromoo posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to AMN-Afaan Oromoo:

Shortcuts

Share