Finfinnee Associated Press

Arsenaal injifannoo isaa walitti aansee sadaffaa galmeesseFinfinnee, Qaammee 1/2018 (ENA): Liigii Piriimeerii Ingilizii ...
06/09/2026

Arsenaal injifannoo isaa walitti aansee sadaffaa galmeesse

Finfinnee, Qaammee 1/2018 (ENA): Liigii Piriimeerii Ingilizii torban sadaffaatti, Arsenaal Cheelsii 2–1n mo’achuun injifannoo isaa walitti aansee sadaffaa galmeesseera.

Kai Havertz fi Martin Ødegaard goolota Arsenaal lamaan galchaniiru; Morgan Rogers ammoo goola Cheelsii isa tokkicha galcheera.

Kana malees, Arsenaal taphoota sadii irraa injifannoo sadii galmeessuun, daandii injifannoo isaa itti fufeera.

Manchester United fi Everton 2–2 walqixa xumuranTorban 3ffaa liigii Piriimarii Liigii Ingilaandii keessatti, Manchester ...
06/09/2026

Manchester United fi Everton 2–2 walqixa xumuran

Torban 3ffaa liigii Piriimarii Liigii Ingilaandii keessatti, Manchester United gara Hiiil Diikinson Isitaadiyeemitti imaluun Everton waliin kan taphate, goolii 2–2n walqixa xumure.

Goolii jalqabaa Manchester United daqiiqaa 47ffaa irratti Brian Mbeumo galche. Evertoniin goolii walqixxeessuu daqiiqaa 83ffaa irratti Tyrique George galche.

Haa ta’u malee, Benjamin Šeško, kan bakka bu’ee gara dirree seene, daqiiqaa 88ffaa irratti goolii galchuun Manchester United dursa akka qabatu godhe. Garuu Maitland-Niles daqiiqaa 90+6ffaa irratti goolii Evertoniif galchuun qabxii akka qooddatan taasise.

Bu’aa kana hordofee, Manchester United qabxii 4n gabatee sadarkaa irratti 11ffaa, Everton immoo qabxii 5n 8ffaa irra jiru.

Manchester United torban 4ffaa Piriimarii Liigii keessatti, Dilbata dhufu Old Trafford irratti Manchester City keessummeessa.

Magaalaa Finfinneetti Sirna Agarsiisa Festivaala Goobeefi Shinooyyee
06/09/2026

Magaalaa Finfinneetti Sirna Agarsiisa Festivaala Goobeefi Shinooyyee

Gadda onnee nama cabsu ganamaan dhageenye. Haadha teenya ILFINESH QANNOO, arraata qabsoo Oromoo santu nurraa gara fuula ...
06/09/2026

Gadda onnee nama cabsu ganamaan dhageenye. Haadha teenya ILFINESH QANNOO, arraata qabsoo Oromoo santu nurraa gara fuula Rabbii godaane jechaa dhageenye. Amanuuf nama dhiba.

Aljeeriyaa dargaggoota ishee hojii dhabeeyyii ta’aniif deeggarsa maallaqaa kaffaluu jalqabde!  | Biyyattiin Kaaba Afrika...
05/09/2026

Aljeeriyaa dargaggoota ishee hojii dhabeeyyii ta’aniif deeggarsa maallaqaa kaffaluu jalqabde!

| Biyyattiin Kaaba Afrikaa kan taate Aljeeriyaa, imaammata dinagdee fi sirna eegumsa hawaasummaa lammiilee isheef diriirsitetiin Afrikaa keessatti dinqisiifannaa guddaa argachaa jirti.

Biyyattiin qabeenya uumamaa fi dandeettii dinagdee ishee kallattiidhaan jireenya lammiilee ishee fooyyeessuuf gargaaru irratti xiyyeeffachuun, Afrikaa keessatti fakkeenya haaraa ta’aa jirti.

Aljeeriyaan dargaggoota hojii hin qabneef ji’atti doolaara Ameerikaa 96 deeggarsa maallaqaa ni kenniti.

Deeggarsi kun dargaggoonni hanga hojii argatanitti fedhiiwwan isaanii bu’uuraa akka guuttatan kan isaan gargaaru yoo ta’u, maallaqicha malees tajaajila inshuraansii fayyaa bilisaa akka dabalatu ibsameera.

Lammiileen ji’atti doolaara 216 gadi argatan gibira galii kamiyyuu akka hin kaffalle taasifameera.

Kana malees, mindaa xiqqaa gara doolaara 170tti olkaasuun, humna bittaa lammiilee akka fooyya’u taasifteetti.

Dabalataanis, uummata ishee hundaaf elektirikii bilisaa akka argamu mirkaneessiteetti.

Aljeeriyaan qabeenya gaazii uumamaa fi humna anniisaa guddaa qabdu fayyadamuun, lammiilee ishee gara %100tti dhiyaatan tajaajila elektirikii guutuu fi gatii madaalawaan/haala deeggarsaa irratti akka argatan gochuu dandeesseetti.

Kunis lammiileen baadiyyaa fi magaalota keessa jiraatan tajaajiloota bu’uuraa walqixa akka argatan taasiseera jedhame.

  🇸🇦Saawudii Arabiyaa keessatti tamsaasa kallattii (Live) miidiyaa hawaasaa TikTok irratti yakka ajjeechaa raawwateera j...
01/09/2026

🇸🇦

Saawudii Arabiyaa keessatti tamsaasa kallattii (Live) miidiyaa hawaasaa TikTok irratti yakka ajjeechaa raawwateera jedhamee kan himame Itoophiyaan tokko, namoota waliin hojjetan shan (5) waliin humnoota nageenyaa Saawudii Arabiyaan qabamuu isaa Imbaasiin Itoophiyaa Riyadh jiru beeksise.

Akka Imbaasichi ibsetti, naannoo daangaa Saawudii fi lafa gammoojjii keessatti Itoophiyaanota tokko tokko gidduutti walitti bu’iinsaa fi ajjeechaan raawwatamaa turuu hordofuun, dhimma kana itti dhiyeenyaan hordofaa ture.

Dabalataanis, dhimma kana miidiyaa hawaasaa irratti tamsaasuu fi babal’isu jedhamee shakkamuun, namoonni 100 ol qabamuu fi dhimma isaanii irratti seeraan qorannoon gaggeeffamaa jiraachuu Imbaasichi ibseera.

Guyyaa 26 Qaammee 2018 A.L.I.



በሳዑዲ አረቢያ በቀጥታ የማኅበራዊ ሚዲያ (ቲክቶክ) ስርጭት ላይ የግድያ ወንጀል ፈጽሟል የተባለ ኢትዮጵያዊ ከአምስት ግብረ አበሮቹ ጋር በሳዑዲ የጸጥታ አካላት መያዛቸውን በሪያድ የሚገኘው የኢትዮጵያ ኤምባሲ አስታወቀ።

ኤምባሲው እንዳለው፣ በሳዑዲ ድንበርና በረሃማ አካባቢዎች በአንዳንድ ኢትዮጵያውያን መካከል ግጭትና ግድያ መፈጸሙን ተከትሎ ጉዳዩ በቅርበት ሲከታተል ቆይቷል።

በተጨማሪም ጉዳዩን በማኅበራዊ ሚዲያ በማሰራጨትና በማራገብ ተጠርጥረው ከ100 በላይ ግለሰቦች መያዛቸውንና ጉዳያቸውም በሕግ እየታየ መሆኑን ኤምባሲው ገልጿል።

ነሐሴ 26 ቀን 2018 ዓ/ም

Lammileen Biyya Alaa Itoophiyaa Keessatti Mana Jireenyaa Ittiin Bitatan Akkaataa Haaraa Murteessuuf Qajeelfamni Haaraan ...
01/09/2026

Lammileen Biyya Alaa Itoophiyaa Keessatti Mana Jireenyaa Ittiin Bitatan Akkaataa Haaraa Murteessuuf Qajeelfamni Haaraan Ba’e

• Akka qajeelfama kanaatti, lammileen biyya alaa manneen jireenyaa mootummaa irraa deeggarsa kallattiin ijaaraman (Kondominiyeemii) bitatanii abbaa qabeenyaa ta’uu hin danda’an.

Ministeerri Magaalaa fi Bu’uuraalee Misoomaa, lammileen biyya alaa Itoophiyaa keessatti mana jireenyaa ittiin bitachuu danda’an haala bal’inaan murteessuuf Qajeelfama Lakkoofsa 1147/2018 baaseera.

Qajeelfamni kun labsii lakkoofsa 1388/2017, kan lammileen biyya alaa Itoophiyaa keessatti mana jireenyaa ittiin bitatan sirreessuuf ba’e keessatti dhimmoota waliigalaan kaa’aman adda baasuun, ulaagaalee, daangaa fi dhorkaa lammileen biyya alaa mana jireenyaa bitachuuf guutuu qaban bal’inaan kaa’uuf kan ba’e dha.

Akka hiika qajeelfama kanaatti, lammii biyya alaa jechuun nama lammummaa Itoophiyaa hin qabne ykn lammummaa biyya biraa qabu jechuudha; garuu nama dhalootaan Itoophiyaa ta’ee lammii biyya alaa ta’e hin dabalatu.

Ulaagaalee guutamuu qaban

Lammii biyya alaa kamiyyuu hayyama mana jireenyaa bitachuuf Ministeericha irraa argachuuf ulaagaalee armaan gadii guutuu qaba:

* Paaspoortii fi sanada imalaa seera qabeessa ta’e dhiyeessuu;
* Viizaa seera qabeessa ta’e qabaachuu; ykn yoo Itoophiyaa keessa jiraate, hayyama jireenyaa dhaabbataa seera qabeessa ta’e qabaachuu;
* Ragaa biyya jiraatu irraa kennamu kan yakka irraa bilisa ta’uu isaa mirkaneessu dhiyeessuu;
* Ragaa maallaqa mana bitachuuf oolu baankii keessatti galchuu isaa mirkaneessu dhiyeessuu;
* Yoo invastara biyya alaa ta’e, invastimantii isaa keessatti yoo xiqqaate Doolaara Ameerikaa 150,000 qabaachuu isaa kan agarsiisu hayyama invastimantii fi ragaa barreeffamaa dhiyeessuu.

Maallaqa xiqqaa barbaachisu

Qajeelfamichi, bakka mana jireenyaa bitamu irratti hundaa’uun, lammii biyya alaa irraa maallaqa xiqqaa meeqa akka barbaadu bal’inaan kaa’eera:

* Finfinnee fi Bulchiinsa Magaalaa Shaggar: yoo xiqqaate USD 150,000;
* Oromiyaa (Shaggar malee), Amaaraa, Tigraay, Sidaamaa, Itoophiyaa Giddugaleessaa, Itoophiyaa Kibbaa, Itoophiyaa Kibba Lixaa, Somaalee, Hararii fi Bulchiinsa Dirree Dhawaa: USD 120,000;
* Affaar, Beenishaangul Gumuz fi Gaambeellaa: yoo xiqqaate USD 100,000.

Dabalataan, lammii biyya alaa tokko Itoophiyaa keessatti mana jireenyaa tokko qofa qabaachuu danda’a.

Maallaqni baankii keessatti akkamitti kaa’ama?

Lammii biyya alaa mana jireenyaa bitachuuf maallaqa biyya alaa baankii filate keessatti galchuuf, jalqaba Ministeericha irraa xalayaa hayyamaa argachuu qaba.

Baankiinis maallaqa biyya alaa dhiyaate sana gatii jijjiirraa guyyaa sanaatiin gara Birrii Itoophiyaatti jijjiiree, maqaa nama sanaatiin herrega baankii cufaa keessatti ni kaa’a.

Maallaqni herrega cufaa keessa kaa’ame kun kan gadhiifamu yeroo namni sun mana bitatu ykn lafa liizii irratti argatu qofa. Kunis Ministeerichi xalayaa maallaqicha akka gadhiifamu hayyamu baankiif erga dhiyeessee booda, baankiin akkaataa adeemsa isaa hordofuun maallaqicha ni gadhiisa.

Namoonni mana bitachuu hin dandeenye

Namni yakka shororkeessummaa, daldala namaa, daldala qorichoota sammuu namaa hadoochan, maallaqa dhiqachuu, malaammaltummaa cimaa, yakka saayibarii fi yakkoota ciccimoo biroo irratti shakkame ykn itti murtaa’e, mana jireenyaa bitatee abbaa qabeenyaa ta’uu hin danda’u.

Akkasumas, manneen:

* Mootummaan deeggarsa kallattii kenneen ijaaraman (Kondominiyeemii);
* Kaayyoo bu’aa hin dandeenyeef maallaqa mootummaa ykn maallaqa uummata irraa walitti qabameen ijaaraman;
* Mootummaa, invastara ykn dhaabbata mootummaa hin taaneen deeggarsi isaanii taasifamee ijaaraman;
* Waldaa hojii gamtaa (Cooperative) tiin ijaaraman;

lammileen biyya alaa abbummaan qabaachuu hin danda’an.

Kaffaltii fi yeroo hayyamaa

Hayyama abbummaa mana jireenyaa argachuuf USD 50, gatii jijjiirraa guyyaa sanaatiin shallagamee kaffalamuu qaba.

Hayyamni kennamu waggaa tokko qofa kan tajaajilu ta’a.

Namni sun yeroo waggaa tokko keessatti mana bitachuu ykn ijaaruu yoo hin dandeenye, sababni isaa waan humna isaa ol ta’e yoo ta’e, hayyamni isaa waggaa tokko dabalataaf haaromfamuu danda’a.

Garuu hayyama isaa yoo hin fayyadamne, hayyamicha gara Ministeerichaatti deebisuu qaba.

Adabbii

Lammii biyya alaa mana jireenyaa isaa kaayyoo hin hayyamamne ykn seeraan alaa ta’eef fayyadame, USD 1,000 hanga USD 3,000 adabamuu danda’a.

Namni hayyama malee mana jireenyaa bitatee argame immoo USD 2,000 hanga USD 5,000 adabamuu danda’a.

Namni gocha seeraan alaa ta’uu isaa beekee nama biraa gargaaru ykn waliin hojjetu immoo Birrii Itoophiyaa 30,000 hanga 50,000 adabamuu danda’a.

Finfinnee press
Hagayya 5, 2018 E.C.

“Konkolaataa gara kallattii adda addaatti deemuu barbaadanii buufata konkolaataa irratti walitti qabamanii turan keessaa...
01/09/2026

“Konkolaataa gara kallattii adda addaatti deemuu barbaadanii buufata konkolaataa irratti walitti qabamanii turan keessaa namoonni nagaan 18 ajjeefamaniiru” — Obbo Leemessaa Neenoo

Naannoo Beenishaangul Gumuz, Godina Matakkal, Magaalaa Giliigil Beleesi keessatti, hidhattoonni naannoo buufata konkolaataa magaalaa sanaatti dhukaasa bananiin namoonni 18 ajjeefamuu fi kanneen biroo madaa’uu isaanii jiraattonni naannichaa fi miseensi Mana Maree Naannoo Beenishaangul Gumuz, Obbo Leemessaa Neenoo, Tikvah Ethiopia’tti himaniiru.

Akka Obbo Leemessaan ibsanitti, haleellaan kun Hagayya 5, 2018 E.C., ganama naannoo sa’aatii 12:00 irratti raawwatame.

Gareen hidhattootaa nama Mekuriyaa jedhamuun durfamu gara Magaalaa Giliigil Beleesiitti seenuudhaan dhukaasa banachuu isaanii ibsaniiru.

“Garee hidhattootaa nama Mekuriyaa jedhamuun durfamu, kan waamicha nagaa duraan dhiisee deebi’e, haleellaa kana raawwate. Yeroo hedduu waamichi dhiyaatus gara nagaa dhufuu hin barbaanne,” jechuun ibsaniiru.

Obbo Leemessaan akka jedhanitti, namoonni imalaaf gara kallattii adda addaatti deemuu barbaadanii ganama sana buufata konkolaataa irratti walitti qabamanii turan dhukaasa kanaan miidhamaniiru. Namoonni nagaan gara 18 ta’an ajjeefamuu isaanii himaniiru.

Dabalataanis, namoonni lakkoofsi isaanii sirriitti hin beekamne madaa’uu fi yaalaaf gara dhaabbilee fayyaa geeffamuu isaanii ibsaniiru.

Jiraattonni Godina Matakkal finfinne press waliin haasa’anis, ganama sana Magaalaa Giliigil beles keessatti dhukaasni cimaa banamuu fi namoonni du’uu isaanii mirkaneessaniiru.

Jiraataan tokko akka ibsanitti, dhukaasa buufata konkolaataa irratti banameen jalqaba namoonni 8 ajjeefamuu, namoonni 2 immoo haalaan madaa’uu isaanii himaniiru. Booda odeeffannoo argataniin lakkoofsi namoota du’anii 18 ga’uu isaa ibsaniiru.

Jiraataan biraa immoo, “hidhattoonni Gumuz” ganama sa’aatii 12:00 irraa eegalee dhukaasa bananiin lubbuun namaa darbuu isaa ibseera.

Jiraataan sadaffaan fi maddi odeeffannoo tokko ammoo, naannoo buufata konkolaataa Giliigil Beleesiitti dhukaasa meeshaa waraanaa ulfaataa banameen namoonni du’uu fi madaa’uu isaanii ibseera. Dabalataanis, naannoo mana kiristaanaa tokko jirutti haleellaan raawwatamuu isaa akeekeera.

Inni kunis, “Hidhattoonni Gumuz fi Faanoo magaalaa to’achuuf yaalii godhan waliin ta’anii dhufan,” jechuun ibseera.

Poolisiin maal jedhe?

Finfinne press dhukaasa kana ilaalchisee ibsa gaafachuun poolisii magaalaa sanaa keessaa nama tokko dubbiseera.

Poolisiin sun, “Nagaa dha; amma homaa hin jiru,” jechuun deebiseera.

Yeroo kana keessatti, “Media yeroo akkanaa gaafata ree?” jechuun gaaffii kaasuun, ibsa dabalataa kennuu irraa of qusatee bilbila cufeera.

Bulchiinsi Godina Matakkal maal jedhe?

Bulchiinsi Godina Matakkal dhimma kana ilaalchisee ibsa baaseen lakkoofsa namoota du’anii ykn madaa’anii hin ibsine.

Haa ta’u malee, hidhattoota bosona keessa socho’an kanneen “Humna Gumuz” jedhaman, Faanoo waliin ta’uun gara Magaalaa Giliigil Beleesiitti seenuu fi lammiilee irratti miidhaa geessisuuf yaalii gochuu isaanii ibseera.

Akka bulchiinsi godinichaa jedhutti, humnoonni nageenyaa tarkaanfii qindaa’aa fudhataniin yaaliin hidhattootaa fashalaa’uu fi hidhattoonni sun magaalaa keessaa deebi’uu isaanii ibseera.

Ammas Magaalaa Giliigil Beleesi keessatti nagaa fi tasgabbiin jiraachuu, akkasumas humnoonni nageenyaa qophii isaanii cimsanii itti fufuu isaanii beeksiseera.

Finfinnee press
Hagayya 5, 2018 E.C.

INSA Marsariitii 5ffaa Cyber Talent Summer Camp Challenge EegalchiiseBulchiinsi Nageenya Neetworkii Odeeffannoo (INSA), ...
01/09/2026

INSA Marsariitii 5ffaa Cyber Talent Summer Camp Challenge Eegalchiise

Bulchiinsi Nageenya Neetworkii Odeeffannoo (INSA), teeknooloojiiwwan biyya keessaa fayyadamuun bu’uuraalee misoomaa biyyaalessaa eeguuf “Raayyaa Dijitaalaa” ijaaruuf kan kaayyeffate marsaa 5ffaa sagantaa biyyaalessaa Cyber Talent Summer Camp Challenge Finfinnee, Yuunivarsiitii Saayinsii fi Teeknooloojii Finfinneetti eegalchiiseera.

Sagantaan kun bulchiinsichi waggoota afran darbanitti walitti aansuun gaggeessaa ture yoo ta’u, nageenya saayibarii fi abbaa biyyummaa dijitaalaa biyya keenyaa itti fufiinsaan mirkaneessuuf, akkasumas galmawwan tarsiimoo “Digital Ethiopia 2030” keessatti kaa’aman galmaan ga’uuf, dargaggoota damee kana irratti gahumsa qaban kanneen “Raayyaa Dijitaalaa” ta’an horachuuf kan qophaa’e ta’uu ibsameera.

Leenjiin kun Yuunivarsiitii Saayinsii fi Teeknooloojii Finfinnee qofa osoo hin taane, Yuunivarsiitiiwwan Bahir Daar, Debre Birhaan, Walaayitaa Sooddoo, Haramayaa fi Jimmaa, akkasumas Giddugala Taalantii INSA keessatti ni kennama.

Walumaagalatti, sagantaan kun giddugaloota leenjii 7 keessatti kan kennamu yoo ta’u, barattoonni 1,249 ta’an ji’a tokkoof leenjii isaanii hordofu.

Leenjiin kennamu dameewwan armaan gadii of keessatti qaba:

* Nageenya Saayibarii (Cyber Security)
* Guddisa Sooftiweeri (Software Development)
* Sirna Embedded (Embedded System)
* Aeroospaysii (Aerospace)
* Teeknooloojiiwwan Haaraa (Emerging Technology)

Yeroo turtii isaanii keessatti, barattoonni leenjiiwwan itti fufiinsa qaban kanneen dandeettii qaamaa, deeggarsa sammuu/xiinsammuu fi shaakala Chess dabalatan ni argatu. Akkasumas, yeroo sagantaan kun xumuramutti pirojektoota adda addaa ni hojjetu.

Finfinnee
Hagayya 5, 2018 E.C.

Address

Addis Ababa

Telephone

+16169656462

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Finfinnee Associated Press posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share