05/05/2025
Gooftaan (Abukaatoon) Doofummaa Eenyu...?
Maaliif? Akkamitti?
Sababa wal-waraansa obboleeyyaniitiin, ijoolleen Itoophiyaa miliyoona torba caalan barnootaa ala ta'uu ministeera barnootatu hime. Madaala Mongoliyaa-faatin, ummata biyyoota lamaatu barnoota irraa kutame. Jaarraa 21ffaatti, dhaloonni biyya keenyaa akkas doofummaaf saaxilame. Dhiyoo gaafiin dhimmicha ilaallatu paarlaamaa irratti kaanaan "rakkinichaaf gaafatamaan gooftolii doofummaati" jedhame. Jidduu darbe nami ajandaa san irratti guddoo wal-morome. Dhugaa dubbatuuf, barnooti waliigalaan misooma biyyaa waan murteessuuf, qaami dhaloota irratti yakka hojjatu sana oliyyuu ifatamuun irra jiraata. Garuu "Gooftaan doofummaa inni sirriin eenyu?" kan jedhu gaafii ijoo fakkaata. Callisanii abaaruun gamatti ragaa fi sababaan xiinxalanii abbaa dhimmaa qixaan agarsiisuu gaafata.
Jijjiirami shiraa fi qumaaraan butame kun qabsoo ilmaan ummataatiin argame. Keessattuu Oromiyaa fi Amaaraatti qabsoo gatii jabaa baasisetu dargaggootaan gegeeffame. Qabsichi nagaa fi seerawaa ta'uunis addunyaa guutuun dinqisiifame. Duuba dargaggeessi gaafas qabsoo nagaan jijjiirama fide, hardha maaliif qawwee qabatee gaara namme? Gaafa jijjiiramaa hooggansa malee dargaggeessi yoom geeddarame? Sana booda hoo "Waca gatii hin qabne" jechuun gaafilee hiriira nagaan dhiyaatan kan busheessr eenyu? Namoota Addabaabayii Masqalaa, bakka hiriirri tumsa waraanaa gegeeffametti, waraana mormuuf hiriira yaaman hoo kan ukkaamsee Awaash Arbaatti darare eenyu ture? Artisti Taarikuu Dishtaaginaan "Nagaa Wayya" jennaan kan suukanneesse, warra "Raayyaa ittisaa bakka ciisetti qalan" jedhaman kan badhaase, nammoota nagaa lallaban dhiibuun warra qawwee qaban hammatee nagaarra waraana jaalatuu kan muldhise hoo eenyu ta'inna? Anoo waraanni Oromiyaa fi Amaaraatti obboleeyyan wal-nyaachisuu fi qabeenya biyyaa nyaatu akka dhaabatuuf "Rakkoon mariin yaa hiikatu" jechuun koo yakka ta'ee, seeraa ala ukkaamfamuu koo caalaa ilma koo kan waggaa sadiitti du'a muruun bineensaaf kan darbame eenyu ture? Deebiin namiifuu ifa natti fakkaata. Duuba mootummaan akkas ejjannoo farra-nagaa qabate, daa'imman Itoophiyaa kanneen sababa waraanaan barnootaa ala ta'aniif, hamilee kamiin qaama biraa komata? Ammas ummata irraa yakka kamuu ittisuu fi mirga nagaan jiraatuu fi baratuu tiksuun mootummaaf dirqama. Dirqamicha bahuu dadhabnaan angoo dhiisudha malee qaama biraa komataa haga yoom qoosama? Yakki hamaan dhaloota irratti dalagame kun gooftaa doofummaa nama tolcha taanan, abbaan mootummuma.
Garuu, hundeen rakkoo barnoota keenyaa ijoolleen miliyoonni torba barnoota dhabuu miti. Sirni barnootaa guututti dadhabuu irraa madda. Haalichi nama maqaa ofii katabuu rakkatu digiriin eebbisee barsiisaan ykn hoogganaan ramada. Namooti ragaa gabaa irraa bitameen qacaraman, manneen hojii danuu keessa jiraatuu mootummaanuu ni dubbata. Gariin ammoo ragaa foorjidiin Maastersii fi Doktoreetii himata. Sirni barnootaa waan du'eef, kan barnootaa ala jiruu caalaa dhaloonni barateyyuu adooduun muldhata. Ministeerri barnootaa Biraanuu Naggaa(Prof), rakkoo kana qormaataan hiikuuf tattaafata. Kurrajaa ittisuuf jecha, barattoota kutaa 12ffaa qe'ee irraa fageessanii, yuunbarsiititti qoruun %2 haga %5 qofa dabarsan. Yoo xinnaate, waliigala irraa %95 kuffisan. Sadarkaa kufaatii sirnichaas agarsiisan. Adeemsanis barattoota balaa hanga du'aaf saaxilan. Rakkoo ijoon garuu kurrajaa otoo hin taane, jireenya fi kabaja barsiisotaan wal-qabata. Silattuu Otoo jiruun barsiisotaa hin fooyya'in, qulqullinni barnootaa akkamiin wayyata? Nami "Qaalluu barnootaa" ofiin jedhu hunduu dhaadannoo isaa ija jireenya fi hamilee barsiisotaatiin madaaluutu irra jiraata.
Haalli jiruu fi hamilee barsiisota Itoophiyaa sadarkaa nama gaddisiisun kufeera. Dhugaa kana qixaan hubatuuf madaallii lama fayyadamuutu nurra jira. Tokko kaleessa hardha biratti ilaalu dha. Gaafa Hayilesillaasee barsiisoti jireenya fi kabajaa olaanaa qaban. Hojii ofiitinis qulquulluu fi bu'aa qabeessa turan. Kanneen gaafas kutaa afur baratan, abbootii digirii hardhaa garii ni caalan. Gaafa dargiis jiruu fi hamileen barsiisaa hin hubamne. Madaalliif isa dargii yaa fudhanne. Bara 1980, gaafan an barumsa eegalu, barsiisaa abbaan digirii baatiin mindaa qarshii 500 argata. Hardha barsiisaan akkasii jiddu-galeessaan qarshii 10,000 fudhata. Duuchaan gaafa ilaalamu, waan fooyya'e fakkaata. Garuu maallaqi humna bittaa malee lakkoofsa akka hin taane namuu ni hubata. Gaafas qarshiin 500 sangoota lama ykn tumaalessa 18 ykn xaafii kuntaala 20 bita. Hardha garuu yoo xinnaate sangaan tokko qarshii 200,000, tumaalessi tokko qarshii 25,000 fi xaafii kuntaalli tokko qarshii 15,000 baasa. Qarshiin 500 gaafa 1980 hardhatti ija sangaan qarshii 400,000, ija tumaalessaan qarshii 450,000 fi ija xaafitiin qarshii 300,000 ta'uu agarsiisa. Safara xinnaa xaafii yoo fudhanne, akka gabaa hardhaatti mindaan barsiisaa abbaa digirii tokko baatiin qarshii 300,000 ta'uu barbaachisa. Isa qabatamaan kanfalamu qarshii 10,000 biratti barsiisaan tokko ji'aan qarshii 290,000 saamamuu muldhisa. Yoo waggaan ilaallu ammoo qarshii 3,480,000 isa dhabsiisa. Barsiisaa mindaa ji'aatiin ganna soddomii shan dura xaafii kuntaala 20 fi ganna torba dura kuntaala 3 bitu, hardha mindaa ji'aatiin kuntaala takka bituun rakkisa. Hayyoonni Itoophiyaa kan manaa fi konkolaataa bitatuu dadhaban, laafanii otoo hin taane saamamuun ta'uu hubachiisa. Wanni sirna barnootaa keenya dhaabatatti ajjeese, yakka jiruu fi hamilee barsiisotaa irratti raawwatame kana ta'uu jala sararuu barbaachisa. Duruu barsiisaan nyaatee buluuf rakkatu, herrega kamiin fakkeenya ta'ee dhaloota guddisa? Mootummaan jiruu fi hamilee barsiisotaa akkas hubnaan, namiyyuu caalaa gooftaan doofummaa isa. Sirna "Badhaadhaa" hardhaa fi biyyoota biraa cinaatti, bara Hayilesillaasee fi bara dargii ijaarsa dhalootaaf bakki guddaan kennamuu hubatuu fi raguu barbaachisa.
Madaalli lammataa Itoophiyaa kanneen biroo cinaatti ilaalu dha. Amma jiruun barsiisota Itoophiyaa fi barsiisota biyya biraa haga samii fi dachii adda fagaata. Nami fakkeenyota shan ilaale, dhugaa kana hubata. Mindaan barsiisotaa jiddu-galeessi qarshiin yoo herregamu, Keeniyaatti 52,000, Somaaliilaanditti 59,000, Yugaandaatti 122,000, Veetinaamitti 120,000 fi Chaayinaatti 273,000-tu muldhata. Barsiisaan Itoophiyaa garuu, akkuma olitti ilaalle, qarshii 10,000 qofa argata. Mindaan barsiisota keenyaa isa Keeniyaa irra %420n, isa Sumaaliilandirra %490n, isa Yugaandarra %1,120n, isa Veetinaam irra %1,100n fi isa Chaayinaa irra %2,630n xiqqaata. Sanuu otoo qaala'insi guddaan biyyanaa hin ilaalamin jechuu dha. Asirratti waa lama qixaan hubatuu barbaachisa. Tokko, ollaa teenya keeniyaa dabalatee biyyi biraa, ijaarsa dhalootaa wayyeessuf, nu caalaa barsiisota ofii qananiisa. Sirni barnootaa keenya maaliif akka kufe kanatu agarsiisa. Lammata, mootummaan Itoophiyaa yennaa muuxannoo biyyoota biraa fudhatu ni jaldhisa..Gaafa gatii boba'aa fi taarifa ibsaa dabalu Keeniyaa fakkeenya fudhatee, gaafa mindaa barsiisotaa fi hojjatoota biroo ammoo itti dhiisa. Ilaalchi gam-tokkeen kun mataan isaa gooftaa doofummaa ni jechisiisa.
Olollo "Ijaarsa dhaloota dhifuu" jedhu guyyuu ollaa jiraattota Odoola Badhaadhinaatii dhagayama. Qabatamaan garuu gocha hamaa dhaloota doomsutu raawwatama. Gabaabinaan jechii fi gochi jaraa faallaa deema. Bifa addunyaa irratti argamee hin beeknen, jiruu fi hamilee barsiisaa laamshessaa dhaloonni eenyuun akkamitti ijaarama? Akkasumaan qoosama! Ammoo dhimmi barnootaa barsiisaa qofaan yoom murteeffama? Jiruu ogeeyyii biroo faanas wal-qabsiifama. Hardha doktorri fayyaa tan ganna 19 barate jiraatuuf rakkoo fi yaalamuuf kadhaa irratti argama. Gaafa gaafii mirgaa kaasus kan isa dhagayutu dhabama. Jiruun hojjataa waajjiraa, abbaa seeraa, hojjataa warshaa, hojjataa baankii, gaazexeessaa fi abbaa alangaas sanuma. Ogeessi hin hanne martuu nyaatee buluu fi kiraa manaa kanfaluu dadhabee dararama. Poolisii dabalatee jiruun qaama nageenyaa ammoo hundarra hama. Warra gajjallaa dhiifnee, komaanderri ykn koloneelli qulqulluun ganna 20 ykn 30 dhiiga kennuun guyyaa fi halkan tajaajile, ijoollee ofii nyaachisuu fi uwwisuuf cinqama. Dhiyoo inspeekterri tokko gubboo qarshii 200, waan cireellee hin binne, fudhatuu irraa santu hubatama. Gama kaaniin garuu faarsee bulaan, miseensi raayyaa saaybarii, inni odeessa sobaa fi haasaa jibbaa facaasaa fi ummata waliin dhahaa oolu, riivoo qabatee sirbaa deema. Beekumsii fi tajaajjilli tuffatamee faaruun kijibaa miliyeenotaan bitama. Saniif dallaalli maqaa ofii hin barreessine gowwomsee fi waliin dhahee halkan tokkoon biliyeenoma. Amma qabeenyi biyyaa guddaan hooggansa hattuu, dallaala lafaa fi faarse-bulaa muraasa harkatti argama. Naggaadee sirriin sona dabalus gabaa irraa dhiibama. Hundaa caalaa ammoo, gaafa hayyooti sirnichaan saamaman " Hiyyeeyyii makiina bitatuu hin dandeenye" jedhamuun tuffataman dhagayama. Duuba dhaloonni kana argu akkamiin barnootaaf xiyyeeffannoo fi kabaja kennee ijaarama? Gooftaan doofummaa kanaanis ni ibsama.
Dhugaa dubbatuuf, jiruu barsiisotaa fi hojjattoota biroo fooyyessuun dhaloota fi sirna ijaaruuf horiin hin dhibne. Doolaarri biliyeenni kudhan, inni beekumsa paarlaamaan ala masaraa hin malleef oole, sana gochuun gamatti warshaalee xaa'oo gahaa ijaaruun qonna keenyayyuu fayyisuu mala. Qabeenyi riizortii, paarkii fi koriidariitti qisaasames sanuma jala. Silaa kan xinnuma yaadu jiraatee riizortii, paarkii, kooriidarii fi masaraa dura sirnaa fi dhaloota ijaarutu fala. Garuu dur-duuba jaldhate kana qeequun "Yaada-maleessa" sitti moggaasisa. Akka malee nana gaddisiisa!
Otuma jennuu, "Gaafa angoo qabdu eessa turte?" kan jedhu hin dhabamu. Gabaabinaan siniif yaa himu.. Bara 2011 irraa kaasee hanna too'atuu fi tajaajila wayyeessuuf akka tolu, mindaa hojjatoota mootummaa haala gahaan fooyyessuun dirqama ta'uu waltajjii danuu irratti kaasera. Al-tokko waltajjii Hiilten, bakka Ministeerri barnootaa Biraanuu Naggaa argamanitti, qulqullinni barnootaa qormaatan otoo hin taane, jiruu fi hamilee barsiisaa wayyeessuun akka dhugoomu gorseera. Caamsaa 2015 kora KGG Badhaadhinaa irrattis qaamni nageenyaa bilisaa fi jabaa walabummaa biyyaa tiksu akka ta'uuf, mindaa fi kabajaan isaa fooyya'uu akka qabu gaafadheera. Warshaan xaa'oo riizortii fi paarkii haa dursud jedheera. Onkololeessa 2016 waltajjii Skylight-tti, sirna haqaa wayyoomsuf, "Poolisiin, abbaan alangaa fi abbaan seeraa hattuu dha" jechuu mannaa seekterichaaf ogeeyyii jajjabaa ramaduun mindaa gahaa kanfaluu akka ta'e dubbadheera. Garuu kan dhageeffatu hin garre. Rakkoon kanneen otoo yaadaa hin beekin yaadan ture. Duuba eenyuun gooftaa (abukaatoo) doofummaa jennuree?
Akka ummataa fi akka biyyaa balaa hamaatti jirra natti fakkaata. Qumaara siyaasatiin nyaatamuu ooluun, tokkoomanii dhimmoota waloof hojjatuu gaafata.
Galgala Nagaa!