23/09/2026
Fageessanii Ilaaluu Guddiisanii Hojjechuu!
Waltajjiin Qorannoon Hojii Paartii Fi Mootummaa Bara 2018 fi Orrenteeshiniin Karoora 2019 Hojjettoota Mootummaa Walii Galaa Waliin Geggeeffamaa Jira
Fulbaana 13/2019
Bulchiinsa saba oromoo aanaa dawwee harawaatti waltajjiin qorannoon hojii Paartii fi mootummaa bara 2018 fi orrenteeshiniin Karoora 2019 hojjettoota mootummaa walii galaa waliin Dhaadannoo "Fageessanii Ilaaluu Guddisaanii Hojjechuu" jedhuun geggeeffamaa jira.
Saganticharratti Haasaa kan taasisaan Obbo Helem Mohammad bulchaa duree aanaa dawwee harawaa akka jedhanitti gamaggamni hojii paartii fi mootummaa guyyaa har'aa hojjettoota mootummaa walii galaa waliin geggeessa jiru sadarkaa oliirra hanga gaditti geggeeffamaa kan jirudha, kunis rakkoolee bulchiinsa gaarii hawaasa furuun fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessuuf kan xiyyeeffadhedha jedhan.
Dabalataan Obbo Ibraahim Aliyyee I.G qajeelcha S/Sarvisii fi Misoomaa Humnaa namaa Bulchiinsa saba oromoo deeggara aanaa dawwee harawaa haasaa taasiisan akka jedhanitti bara 2018 keessaa hojiilee bal'aan fayyadamummaa hawaasa mirkaneessuuf rakkoolee bulchiinsa gaarii hedduun baajata mootummaa fi miti mootummaa akkasumaas hirmaanna Uummataan furameera, haa ta'uu malee akkuma ciminii jiru hanqinaaniis jira waan ta'eef hanqinaalee bara 2018 keessatti mul'ataan karooraa bara 2019 keessatti xiyyeeffannoo guddaan hojjechuun murteessadha jedhan. Keessattu kenniinsa tajaajilaa hawaasa hawaasa irratti banaa guddaan waan jiruf xiyyeeffannoo guddaan hojjetamuu qaba jedhan.
Itti Aansuun Raawwii hojii Mootummaa bara 2018 Obbo Daanyee Addunyaa I.G Waajjira Misooma pilaanii Aanaa Dawwee Harawaan dhiyaacha Jira.