15/10/2025
🥰kana Hubattaniittuu laata..‼️
-Gaarren Itoophiyaa Waggaa 50 keessatti Bosonaan ni haguugamu.
-Daandiin Baaburaa Itoophiyaatti ni hojjetama.
-Daandiin Konkolaataa Finfinneedhaa ka'ee Hawaasaa Qaxxaamuree Keeniyaa Naayrobii seenuu fi achiif Afrikaa birootti baasu ni hojjetama.
-Lammiileen Afrikaa Paaspoortii qofaan Akka garaa isaaniitti wal keessa imalu.
-Itoophiyaan Xiyyaara guddaa Air bus jedhamu ni bitatti.
-Lammiileen Biyyoota Alaa Dubartoota Itoophiyaa Fuudhuun Baayeen nifiroomu.
-Laggeen Itoophiyaa keessa jiranii fi callisanii yaa'an Hojii Misoomaatti akka jijjiirraman.
-Hidhi Abbaay Ijaaramee akka Xummuramu.
-Tigraay, Sidaamaa, Oromiyaa keessaa Albuudotni Jiraattootaan akka baafaman.
-Boba'aan Somaalee keessaa akka bahuu fi Itoophiyaan Boba'aa akka Oomishtu.
-Dargaggootni Itoophiyaa Hojiitti akka Deebi'an.
-Wal Waraansi Tigraay fi Mootummaa Federaalaa Walii galteen akka Xummuramu Dubbatanii turan Lubni Dr Bal'inaa Sarkaa. Raajummaa isaanii kana keessaa kan lafa bu'e hin jiru.
-Hidhi Abbaay Ijaaramee goolabame, Itoophiyaan Xiyyaara Air bus bitatte, Daandiin Baaburaas hojjatame, Daandiin konkolaataa Asii ka'ee Nayroobii wal qunnamsiisus hojjetamee xummuramee Konkolaattootni irra burraaqaa imaltootni irra deddeebi'aa jiru, Albuudotni Warqii fi Boba'aanis akkuma jedhame argamee baafamaa jira, Lammiileen biyyoota ormaa Itoophiyaanota wajjin wal fuudhaa heerumaas jiru, Waraanni Tigraayis Walii galteen goolabame, Gaarren Itoophiyaas Bosonaan haguugamaa jiru.
Maarree kana hundumaa Waggoota 30n dura kan dubbatan Lubni Dr Bal'inaa Sarkaa har'a nu gidduu fooniin jiraachuudhaa baatanis Waan waaqayyo itti mul'ise kana kitaabaa Bara Olkaafamuu Itoophiyaa jedhuun Ragaaf nuuf kaa'uu isaaniitiif Galata kabajatu malaaf Waaqayyo Lubbuu keessan haa boqochiisu jechuu jaallanna.