07/05/2026
Ergan maxxansa luba kanaa argee baayyee rifadheera....utuu waamanii waan tokko ittiin hin jedhin ofiima isaaniitiin murtoo akkasii itti murteessuun baayyee fokkisa.baayyee itti yaaduu qamna lafa dhugaammoo waaqayyotu beeka
Iyyata 1ffaa.
Kabajamoo Luba Dr Yoonaas Iggazuu tiif
Hunda dura nagaan isa jaalala dhugaa nu jaallate Yesuus Kiristoos isiniif haa ta'u!
a) Dhuguma isintu murtoo council keessaniin xalayaa barreessee haleellaa Miidiyaa Hawaasaaf na kennee?
b) Waldaa jalqaba hojjetaa na godhatte na mindeessite irraa gara Walloo Sanbatee iddoo Wangeelli hin geenye lafa onaa sana dhaquun koo, Waldaan Sanbatee immoo murtoo fi fedhii isheetiin Sinoodosii mariisistee hojichatti na waamuun ishee, anis waggoota 12f achii tajaajiluun koo dogoggora turee?
c) Recommendation Waldaa fi Sinoodosiitiin Diploma haga Masters tti Makkana Yesuus Seminariitti barachuun koo dogoggora turee?
d) Clearance fudhadhee gara WWWMY Caffee Buraayyuu dhufuun koo, waggaa 2 tajaajila tolaa ergan kennee booda osoo ani hin gaafatin fedhii fi murtoo gumiitiin sagalee guutuudhaan na waamuun isaanii, Sabakaan mirkaneessuu fi Lubni Dr Yoonaas Birraatuu waadaa na seensisanii hojichatti na ramaduun dogoggora turee?
e) Dibataa fi waamicha tajaajilaa narraa dhabdanii? Kumaatamoonni tajaajila ani kennuun hin amannee? hedduun hin jajjabaannee? hedduuni dhukkubaa fi hidhaa Seexanaa irraa hin hiikamnee?
f) Barsiisa sobaa barsiisee beekaa? Hundee amantii fi eenyummaa Waldattii diigee beekaa?
h)Luba Dr Yoonaas! daqiiqaa 1f ijaan na argitanii ykn bilbilaan na haasofsiistaniittuu? na gorsitaniittuu? ykn na ifattaniittuu? kallattii gara fuula duraa natti agarsiistaniittuu? waa naan jennaan ani isin dideeraa? Na sodaattan moo na tuffattan? fira dhabdus lubbuun wal caaltii?
Egaa yeroo torban tokko hin caalle keessatti deebii yoo naaf laattan, ykn waamtanii qaamaan yoo dubbistan isinin eega. Yoo ta'uu baate garuu lubbuu koo fi kan maati