Gaaddisa Dhugaa

Gaaddisa Dhugaa Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Gaaddisa Dhugaa, Digital creator, Addis Ababa.

Gidiraaf dhiphinni Gooftaa Yesuus irratti raawwatame   Yesuus muudatan martinuu anaaf, siif, nuufi dha. ❤Inni garuu ball...
26/04/2026

Gidiraaf dhiphinni Gooftaa Yesuus irratti raawwatame Yesuus muudatan martinuu anaaf, siif, nuufi dha.

❤Inni garuu balleessaa keenyaaf in waraaname, sababii yakka keenyaafis reebamee in caccabsame;

➤nuyi nagaa akka argannuuf
inni in adabame, madaa'uu isaatiinis fayyinni
nuuf in argame. Isa. 53:5. Ameen.

Maalan Sadarkaa itti baasa YESUUS yaa qixxee hin qabnee kooBishaan Araaraa na obaastee dheebuudhaan hin duune lubbuun ko...
25/04/2026

Maalan Sadarkaa itti baasa YESUUS yaa qixxee hin qabnee koo
Bishaan Araaraa na obaastee dheebuudhaan hin duune lubbuun koo/*4
Faarf. eebbifami.

Waaqayyo mootiin Israa'el
inni Israa'elin furu,
Waaqayyo gooftaan maccaa,
👉“Ani isa jalqabaa ti,
❤isa dhumaa tis,
👉ana malee Waaqayyo kan biraa hin jiru;
Raajii Isa.44:6.Ameen.

YESUUS MOOTIIDHA MOOTII MOOTOTAA
GOOFTAA DHA GOOFTAA GOOFTOTAA.
Maqaansaa baraan haa jajamu. Ameen.

Kan nu fayyadus kanuma Dr.Guddaa ulfaadhaa.
22/04/2026

Kan nu fayyadus kanuma Dr.
Guddaa ulfaadhaa.

Hin Gaabbu!
Keessaa Fi Alaa Kaanee Tokkummaan Qabsoofnee, Qeerroo fi Qarree Kumaatamaas Itti Wareegnee Jijjiirama fidne.

Jijjiiramni Dhufnaan Konkolaataa Jijjiiramaa Sana Yaabbannee Yaada Moo'ataa fi Hammataa Qabannee Hawaasa Itoophiyaa Mara Dammaqsuu itti fufne.

Akkuma Imala Keenya Kurmaana Jalqabaa Jalqabneen Qormaanni Baay'een Keessaa fi Alaa, Firaa fi Diina Keenya biraa Nu Qunnamuus Jabaachaa Dhufe.

Tokkummaa Biyyaa fi Sabaa Eegsisuuf Tokkummaa Keenya Diiguun Tarkaanfii Diinaa Kana Jalqabaa ture.
Olola Adda Addaa Facaasanii Hoggansa Jijjiiramaa Keessaa Warra Tarree Jalqabaa irratti Argaman Gidduutti Shakkii uumuuf Baay'ee Dhama'aa Turan.

Egaa Akkuma Beektan Jalqaba irratti Anaa fi Obboleessa Koo Dr. Abiy Ahmed Ali Gama Tokkotti Hayyuu fi Abbaa Qeerroo Keenya Kabajamoo Obbo Jawar Mohammed Tarree 2tti Addaan Qooduuf Baay'ee Dhama'anii jiru.

Dhamaatii Isaanii Milkeessuuf Qaamolee Mootummaa keessatti Riphanii Maqaa Keenyaan Halkan Walakkaatti Eegdota Jawaar Kaasuuf Yaalanii Karoora isaanii Addaan nu baasuuf Qabaachaa turan sana Hamma Tokko Milkeeffataniiru jedheen yaada.

Ergasii Nu fi Jawaar Addaan baasuun erga Milkaa'eef booda Gara Anaa fi Muummichaatti fuula Naanneeffatan.

Anaa fi Muummicha Gidduutti Summii Awwaaluuf Baay'ee Dhama'aniis Homaa milkaa'uuf hin Dandeenye.

Egaa Carraa Dhumaa yaaluuf Artistii Oromoo Jaalatamaa Artist Hacaaluu Hundeessaa Ajjeesanii Oromoo nutti Fincilsuuf Ture Kan Hacee Ajjeesan.

Gaafa Jijjiiramichi Dhufe Yoo Xiqqaate Ummata Keenyaa Wajjiin Taanee Keessoo Keenya Qulqulleessuuf Hojjechuu eegalle.
Garuu hojichi Akkanumatti Hojii Salphaa hin Turre.

Biyyi Tokko kan Hogganamtu Dhaabbilee Garagaraani. Isaan keessaa Tokko Dhaabbata Basaasa Biyyoolessaati.
Basaasa Jechuun Biyya Biraatti Seeraa fi Dambii ittiin Too'atamu Qaba.
Inni Itiyoophiyaa Garuu Faallaa ture.
Eenyuyyuu Caalaa Abbaan Aangoo Biyyattii Garee basaasaa kana Ture.

Kana Qulqulleessuuf Dhaabbii Bilisaa (Free Zone) Gaafata.
Humna Isaaniin Qulqulleessinu Argachuuf Yoo Xiqqaate Waggoota muraasa Hojjechuun Murteessaa ture.

Garuu Nuti kana Qulqulleessuuf Yeroo Sosochiif Mijataa tahe Dhabne. guyyaarraa waan Tolaa hin dhageenyu. Baha, Lixa Kaabaa fi Kibba irraahiis Wanti Dhagahamu Boo'icha Qofa.

Yeroo Kana Garaa Jabaachuun akka Barbaachisu Hubannee Murtee Waloon Wal Lola yeroo (Strategic Conflict) Taasifnee Ija Duraan Kallattii muraasaan argitu Kallattii arfaniin Akka of arginuuf Hojjechuu jalqabne.

Egaa Anaa fi Dr. Abiyyii Ahmad Walitti Mufannee osoo hin Taane Waliin Mufannee Xiiqiin Hojjechuuf hojii keenya Idilee Akkuma Durii Hojjechaa jirra.

Hamii Namoota Muraasaaf jennee osoo hin Taane Hawaasa Keenya Yaadda'aa Jiru Hubachiisuufi.

Ani Kaleessaas, Har'aa fi Boruus Hojii koo idilee irraan jira.
Jawaar illee Akkanuma Waliin Hojjechaa jirra.
Waliin hojjechuu ammaas itti fufna.

Yeroo Dhiyootti Miidiyaadhaan Walitti Deebina.
Horaa Bulaa!
Dhugaan Akkana.

  maxxansi kun si qaqqabe ati carra qabeessadha al tokko dhaabadhuu   jedhii darbi 🎀❤️❤️❤️
22/04/2026

maxxansi kun si qaqqabe ati carra qabeessadha al tokko dhaabadhuu jedhii darbi 🎀❤️❤️❤️

✍️Waan hunda dhabdee Yesus qabaannaan gammadi" ✍️ qabeenyi addunyaa kun hundi kan darbu yoo ta’u, Yesus garuu hundee jir...
21/04/2026

✍️Waan hunda dhabdee Yesus qabaannaan gammadi"

✍️ qabeenyi addunyaa kun hundi kan darbu yoo ta’u, Yesus garuu hundee jireenyaa isa hin dhumne dha✅️

✍️​Yeroo baay’ee qabeenya, beekumsa, yookaan fira dhabuun akka waan hunda dhabneetti nutti dhaga’ama.
✍️ Yesus uumaa fi abbaa jireenyaa waan ta’eef, Isatti amanuun qabeenya hunda caalu qabaachuu dha. Inni madda nagaa, jaalalaa fi abdii ti.✅️

✍️​Qabeenyi yookaan wanti biyya lafaa gammachuu yeroo gabaabaa namaaf kennuu danda’u.

yeroo wanti hundi harka namaa jiru dhabamu, namni baay’ee dhiphata.🥹
✍️ Yesus namni tokko jireenya isaa keessatti yoo qabaate, dhiphina keessatti nagaa, rakkina keessatti immoo obsa qabaata. ✅️Gammachuun kun wanta ala jiru irratti osoo hin taane, Yesus irratti hundaa’a.✅️

✍️​Wanti nuti lafa kanarratti qabnu hundi du’aan yookaan sababa biraatiin nurraa cituu danda’a. Yesus qabaachuun garuu abdii jireenya bara baraa qabaachuu dha. Kun immoo wanta dhabame hundumaa caalaa gatii guddaa qaba.✅️

Waan dubbistanif ebbifama 🙏🏻✍️

18/04/2026

Nagaaf Ararrii waaqayyo hundumaa keessaniif hata'u galgala kana nama irra ijakeessan kawaattani kan jiirtan ijakeessan namarra kasa waaqayyo abdii keessan

  Baga rabbi si gargaaree,nagaan rasaasa hamtuu san si keessaa baase!Fayyaa guutuutti si haa deebisu🙏
18/04/2026

Baga rabbi si gargaaree,nagaan rasaasa hamtuu
san si keessaa baase!
Fayyaa guutuutti si haa deebisu🙏

  ‼️========================Gurbattiin Addaaggeen Kaasaayee Qananiisaa namoota sadii wajjiin buufata Geejjibaa Qaalliitt...
15/04/2026

‼️
========================
Gurbattiin Addaaggeen Kaasaayee Qananiisaa namoota sadii wajjiin buufata Geejjibaa Qaalliittii Finfinneetti tohatameera.Miidhamtoonni baga gammaddan ‼️
Bulchiisni Magaalaa Amboo fi Humnootni nageenyaas galatoomaa 🙏

Qorumsaafi dhukkuba kam keessattuu jabaattee abdiidhaan Waaqayyoon yoo kadhatteefi eeggatte, rakkina sana keessaa si baa...
15/04/2026

Qorumsaafi dhukkuba kam keessattuu jabaattee abdiidhaan Waaqayyoon yoo kadhatteefi eeggatte, rakkina sana keessaa si baasee warra rakkataniif furmaata si taasisa Waaqayyo!

ji'oota baay'eedhaaf dhukkuba kaanserii waliin wal'aansoo wal qabaa turte. Dhukkubbii hamaa keessa utuu jirtuu garuu abdii kuttee hin beektu. Fayyitee jiruu ofiitti akka deebitu amantaa guddaa qabdi turte. Ni kadhatti, ni jabaatti, ni abdatti!

Kunoo amma dhibee isheerraa fayyitee, warra dhibee kaanseriin rakkatan gargaaruuf immoo dhaabbata Cancer Center jedhamu kaleessa hundeessite!

Kun baay'ee nama gammachiisa! Waaqayyo isa waan hin danda'amne nama dandeessuuf galanni haa ta'u!

Lelise, I am truly happy for you. What an incredible and inspiring story!

Ji'a 2 Keessatti Du'aan😭 Obbolaa Dhiiraa Hangafaa Fi Quxisuu Nan Dhabe Jettee Faarfattuun Kibbineesh Gaddaa Ishee Muudat...
15/04/2026

Ji'a 2 Keessatti Du'aan😭 Obbolaa Dhiiraa Hangafaa Fi Quxisuu Nan Dhabe Jettee Faarfattuun Kibbineesh Gaddaa Ishee Muudate Hammam Akka Ulfaataa Ta'e HAASA'AA Ishee Irraa Dhaggeeffadheera.
Turtii Mo'a Tv Waliin Taasifte Irraa Kanan Fudhadhe.

Obboleessi Ishee Hangafaa Wangeelaawwii Utuu Hin Du'iin Dura, Fira Kee Keessaas Hiriyyoota Kee Keessaan Nama Hin Qabdu! KANAAF yeroo 3 Obsi..Obsi..Obsi Naan Jedhe Jetti.

Dhugaadha Waan Tokkotu Na Dhibe, Namni Duuba Namaa Ilaalee Waan Baay'ee Jedha, Garuu Qormaata Ulfaataa Akkasii Keessa Dhaabbatanii Gooftaa Tajaajiluun Yoo Ayyaanni Isaa Namaaf Baay'atedha.

Obboleettii Koo Kibbee Miidhamaaf Gadda Ulfaataa Sana Damdamattee Har'as Hojii Waaqayyoo Hojjechaa Waan Jirtuuf Eebbifami🙏

Gatiin Qulqullootaa jireenya
Jabaadhu Gooftaan kees si wajjin jira.

Address

Addis Ababa

Telephone

+251923587836

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Gaaddisa Dhugaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share