Gaaddisa Dhugaa

Gaaddisa Dhugaa Dhugaa jireenyaa fi walgeelaa addeessuuf kan hojjetu dha.

28/05/2025

Namni maqaa Gooftaa waammatu,
hundinuu ni fayya.’
Hojii 2:21

Dhugaa kee abbaan dhugaa haa baasu.
17/04/2024

Dhugaa kee abbaan dhugaa haa baasu.

Ji’oota muraasaaf miidiyaa hawaasaa kanarraa fagaadhee, waa dubbachuus dhiiseen ture.
Barri bara itti dubbatanii kan dabe sirreessan, kan dheedhate bilcheessan ta’uu didnaan; Kan dubbatu malee kan dhaggeeffatu dhibnaan… callisuu wayya jedheen callise.

Ajjeechaa yommuun dhaga’u obsan dhabe, qaama kootu na hollate! Amanuuf nan rakkadhe! Nama dubbatellee nama hin quuqne, nama tasgabbaa’aa, nama kabajamaa, nama yaadatti amanu, nama nagaa… akka sareetti gadi baasanii ajjeesanii gatan!

Wayyoo Battee! Wayyoo dhiira gaafa xiiqii! Dhiira gaafa rakkoo! Korma sodaa hin beekne, goota dhugaarraa hin dheessine!
Ajjeechaa booda gaafa nutti dukkanaa’u; waan dubbannuufi akka itti dubbannu yommuu wallaalu situ dhugaa Oromoo dubbate! Situ abdii nutti h**e! Ati nama tokko miti, sagalee Oromoo hundaa turte!
“Yaadatti amanna, karaa nagaatti amanna” jetti! Sobaafi fakkeessaa! Mootummaan yaadatti amanu nama akka kee kunuunsee kabaja kennaaf malee akka sareetti ajjeesee hin gatu!

Yaa qulqulluu namaa; dhiigni kee gatii qaba! Waaqayyo gumaa kee ni baasa!

Nuti silaa dhaloota ganama hidhii xuuxee, waaree booda dhiichisudha! Nu hin abdatiin Battee koo!

Nagaan boqodhu!

26/02/2024
✍✅ Kiiliyaan Imbaappee waliigaltee hanga 2029 Santiyaagoo Bernaaboo isa tursiisu mallatteesse.👉 Mindaa waggaa yuuroo mii...
19/02/2024

✍✅ Kiiliyaan Imbaappee waliigaltee hanga 2029 Santiyaagoo Bernaaboo isa tursiisu mallatteesse.

👉 Mindaa waggaa yuuroo miiliyeena 20
👉 Kaffaltii mallattoo Yuuroo miiliyeena 50.
👉 Fooyituu lakkoofsa 10 uffata.

Kiliyaan Mibaapeen mootii kilaboota addunyaa Riyaal Maadriiditti makamuuf waliigaluu irraan kan ka'e ganna dhufu irraa eegaluun hanga bara 2029tti Bernaabaa'ootti dabarsa jedhameera.

Madda: Marca.

19/02/2024
18/02/2024

“Ani wangeelatti hin yeella'u, inni humna Waaqayyo isa warra amantii qaban hundumaa, duraan dursee warra Yihudootaa akkasumas warra Giriikotaa fayyisuu dha.”
— Rom. 1:16

Suuraa ajaa'iba kana!🥰🥰🥰

18/02/2024

M/D:- yaaddoo hin qabaatinaa !
Filp. 4:⁶ Waan hundumaatti, kadhataa fi himataan galataa wajjin wanti is in barbaachisu Waaqayyo duratti akka beekamu godhaa malee, waanuma tokkotti yaaddoo hin qabaatinaa!
⁷ Nagaan Waaqayyoo inni hubannaa namaa hundumaa irra caalus, karaa Kristos Yesus garaa keessanii fi yaada keessan in eega.
⁸ Ammas yaa obboloota ko, waa'ee waanuma dhugaa ta'ee, waanuma ulfina qabuu, waanuma qajeelaatti lakkaa'amuu, waanuma qulqulluu ta'e, waanuma jaallatamaa, waanuma gurratti tolu, waanuma gaarii ta'e, waanuma galata qabu yaadaa!

City 4:5 chelsea.
17/02/2024

City 4:5 chelsea.

…predict the 𝐟𝐢𝐧𝐚𝐥 𝐫𝐞𝐬𝐮𝐥𝐭 for today! 💙🍿

16/02/2024

ko yeroo na jalaa duute*********🥺😭

Guyyaanis halkanis anaaf walum-qixa dukkana ture.
har'as karaa sana tasumaa homtuu naaf bakka bu'uu hin dandeenye, garuu haadha malee jiraachuun hinuma danda'ama!

"Isa kaan dhoksanii isa kaan immoo obsanii jiraatu" jetti AKKOON KO.
✍️
Mana keenya shaakala addaatu jira!
Haati ko yeroo ani mana hin jirres (Hiree ko) namaaf hin laattu!
Erguman manaa ba'ee jireenyaaf magaalaan amma jirutti galee iyyu yeroo ayyaana waggaa fi yeroo handaaqqoon qalamtu Hiree ko dhoksaatti naaf keessi!
akka ani hin nyaanne utuuma beektuu garuu na jalaa hin fixxu!

Garaan haadhaa qulqulluudha waaqaa gaditti namaan olitti haati ofii qixxee hin qabdu!
Garuu yeroon gabaabsu; utuu ani jijjiiramee nama ta'ee guyyaa tokko illee ishee hin gammachiisiin ijoollee ko jettee utuu boossuu na dhiiftee duute 😭

Hawwiin ko hundumtuu gaafa sana du'e!
Akkaataan jireenyaa yeroof na jalaa badee ture!
Obboloota koo fi maatii nama kamuu dhokadheen guyyaa fi halkan boo'aa oolee bula!

Seenaa jireenya koo akkamitti akkan jiraadhee har'a ga'e guyyaa tokkon haas'a!
Har'aaf garuu waaqayyo haadhaa fi abbaa caalaa utubaa jireenyaa ta'ee akka nama baatu dubbachuu barbaadeeni!

Ani jireenya ko keessatti nama ani siif jira jabaadhu sin gargaara, sin jiraachisa , si wajjinan jira naan jedhe 1 hin argine!

Qofaakon waggaa meeqa dabarse mana cufaa keessatti namni garuu bakkee namaa malee keessa namaa hin beeku!

Waaqayyoon waamamuun ko garuu eddoo ulfinaa na dhaabe !
Yesuus kiristoos inni ijoollummaa kotti na filate nan ganne!

Obboloota ko adaraa Waaqayyoon haala keessaiin hin madaaliinaa inni tasumaa isin hin buusu!
Isinitti dheeressuu hin barbaanne garuu amanachuun keessan hamma dhumaatti haa ta'u.
Jabaadhaa !

Tarii warri abdii kutannaa guddaa keessa jirtani
Kana keessaa yooman ba'a jettani harki waaqayyoo boolla inni keessaa nama hin baafne hin jiru!
Akkuma barreefama kana dubbiftanii fixxaniin galateeffadhaa!

Jireenyi keessan isa hafetu caala!
galatoomaa 🙏

Address

Addis Ababa

Telephone

+251923587836

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Gaaddisa Dhugaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share