Ifaa Abdiisaa Official

Ifaa Abdiisaa Official Namni Jiraachuu kee jibbu Milkaa'ina kee akka waraana addunyaa 3ffaatti sodaata

Hin Baqatiin!▬▬▬▬▬▬▬▬▬✍️ Guyyaa tokko mismaaratu gaaffii tokko madooshaa gaafate. "Ati garaa jabina akkamiitu sirraa mul...
31/07/2026

Hin Baqatiin!
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
✍️ Guyyaa tokko mismaaratu gaaffii tokko madooshaa gaafate. "Ati garaa jabina akkamiitu sirraa mul'ata? Maaliif yeroo hundumaa mataa koo keessa na dhoofta? Anaanis, sanyii koo hundumaas mataa keessa nu dhoofta; garaa laafummaan guyyaa tokkoof maaliif sirraa hin mul'atu?" Jedhe.

🔴Madooshaanis gaaffii kana ajaahibsiifatee takka itti yaadee deebii kenneefii "Maaliif gaaffii gowwaa na gaafatta? Ati mismaaradha mitii? Kan ati uumamtes wantoota lama walitti qabsiisuuf mitiiree? Yoos utuu ani sin gargaariin, utuu ani sin dhiibiin akkamiin kaayyoo itti uumamte kana fiixaan baafta ree? Inni ani mataa keessa si rukutu lafa kaayyoo keen si gahuufi malee hamaaf miti, yoos inni ani si dhahu kuni maaliif jallina tahee sitti mul'ate?

✉️ Anoo akka ati kaayyoo uumamuu kee galmaan geessuufan si rukuta malee jibbaaf miti!" Jedhe.

➡️Yeroo kana mismaarris akka ofiisaa dogoggore hubatee madooshaa kana dhiifama gaafate.

✅ Jireenya kee keessatti warreen mataa si dhahan hedduun karoora ati uumamteef akka argattuufi akka galmaan geessuuf si dhiibuu isaanii akka tahe hin dagatiin! Waaqayyo yeroo lafa onaatti si geessu si jabeessuuf malee si balleessuuf miti. Mismaaronni tokko tokko mataa keessa dhahamuu waan sodaataniif yeroo madooshaan takkaa dhahu mataa isaanii sababa jalaa jallisaniif iddoo yaadan hin gahiin hafu.

✍️ Namoonni arraba, ceephoo, komii, rakkina sodaatanis akkuma kanaa waan uumamaniif bira hin gahiin hafu. Yeroo abjuukeef mataa keessa si rukutan dhaabadhu malee hin baqatin!
Ifaa Abdiisaa Official

Jireenyi guyya guyyaan nu barsiisaa oolti. Nuti garuu kanuma keessaa beekumsa dheebochaa jiraanna! Namootni jireenya irr...
25/07/2026

Jireenyi guyya guyyaan nu barsiisaa oolti. Nuti garuu kanuma keessaa beekumsa dheebochaa jiraanna!

Namootni jireenya irraa hin baranne irra deddeebiin dogoggoraa jiraatu.Ilaalcha gaarii qabaannaan dogoggora keenya irraa baranna.Kufaatiin daandii milkaa'inaa irraa kaachuudha malee bara baraan kufanii hafuu miti.Kufaatiin waan hojjechuu qabnu hojjechuu dhabuudha malee, injifatamuu miti.

Namoonni tokko tokko jireenya isaanii irraa barachaa jiraatu. Namoonni kaan immoo callisanima akkanumaan jiraatu.Hayyoonni dogoggora isaaniif kan namoota biroo irraa baratu.Jireenyi keenya keessatti milkaa'ina gonfachuudhaaf, dogoggora keenya irraa qofa osoo hin ta'in, dogoggora namoota irraas barachuu qabna.

Guyyaa Gaarii Qabaadhaa!!

Ifaa Abdiisaa Official

Oduu Gammachiisaa👏💪= = = = = = =Waaqayyo diina sitti kaasee nama siif kaasaan dhugaadha.Isa: “Maaltu si hachisiise?”Ishe...
24/07/2026

Oduu Gammachiisaa👏💪
= = = = = = =
Waaqayyo diina sitti kaasee nama siif kaasaan dhugaadha.

Isa: “Maaltu si hachisiise?”
Ishee : “Waanan ilmookoo nyaachisun dhabe”🥲

Sababa Boqqolloo muka lama ilmoo beela baasuuf fudhatteen Poolisiin kabaja namummaa hin beekne tokko harmee kanaan taa’i ka’i jedhee salphise. Viidiyoo waraabee Kutaa kutaan tiktok irratti maxxanse. Dubbiin inni ishee qaanessuuf, salphisuuf inni raawwate Harmee kanaaf carraa jireenyaa bane. Turtii sa’a 6 hin guunne keessatti deeggarsi qarshiin miliyoonni tokkoo ol walitti qabameef!

Ifaa Abdiisaa Official

lakkoofsa kamiin argite???Ifaa Abdiisaa Official
04/07/2026

lakkoofsa kamiin argite???

Ifaa Abdiisaa Official

Eid Mubarak All My FriendsIfaa Abdiisaa Official
27/05/2026

Eid Mubarak All My Friends
Ifaa Abdiisaa Official

Oduu gurratti tolu Yeroo darbe Hojjettuu Baankii Daldala Ethiopia Haala Suukannessan kan  **see Warabessi akka nyaatu ta...
10/05/2026

Oduu gurratti tolu
Yeroo darbe Hojjettuu Baankii Daldala Ethiopia Haala Suukannessan kan **see Warabessi akka nyaatu taasisise Dabrabirhanitti hordoffii Cimaadhaan to'annoo Seera jala Ooleera haqnifi lubbuun garmalee baate baga haqa argatte maatiinsheees hordoffi nuffii malee gootanii milkooftaniif baga gammaddan

ሰበር ዜና Qabameera..!
የንግድ ባንክ ሠራተኛዋ ገዳይ ከተደበቀበት ከወራት ብርቱ ክትትል በኃላ በዛሬው ዕለት ተይዟል።ወ/ት አዳነች ኩምሣ በሰንዳፋ በኬ የኢትዮዽያ ንግድ ባንክ ሠራተኛ ነበረች። በአሰቃቂ ሁኔታ ገድሏት አስከረኗን በጅብ ያስበላው ተጠርጣሪ ግለሰብ በደብረ ብርሃን ከተማ በዛሬው ዕለት በፌዴራል ፖሊስ ቁጥጥር ሥር ውሏል።ወንጀል ሠርቶ ለግዜው መደበቅ ይቻል ይሇናል ግን ከህግ ማምለጥ አይቻልም‼️
Thank you Ethiopian Federal Police 🙏

Ifaa Abdiisaa Official

08/05/2026

Waan ajaa'ibaa
Video kana Tuqaa ilaalaa

Ifaa Abdiisaa Official

"Namni kolfu hundi Gammadaa miti jireenyi biyya lafaa bu'a ba'ii baayyee qaba 😭"            "Nagaan boqodhu yaa jireenya...
29/04/2026

"Namni kolfu hundi Gammadaa miti jireenyi biyya lafaa bu'a ba'ii baayyee qaba 😭"
"Nagaan boqodhu yaa jireenya biyya lafaa... 😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭

Ifaa Abdiisaa Official

KAAYYOO DHAABBATAA MALEE RAKKOO DHAABBATAAN HIN JIRU! ▬▬▬▬▬▬▬▬▬✪ Wantonni jireenya dhala namaa jijjiiruu danda'an hedduu...
27/04/2026

KAAYYOO DHAABBATAA MALEE RAKKOO DHAABBATAAN HIN JIRU!
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
✪ Wantonni jireenya dhala namaa jijjiiruu danda'an hedduun galma hin ga'in kan hafaniif abdii kutannaa dhala namaa irraa kan ka'edha.

✪ Namni mo'u abdii hin kutatu; namni abdii kutatu immoo hin mo'u.

✪ Waan tokko hojjechuuf yaaltee itti milkaa'uu yoo baatte, sun kufaatii utuu hin taane muuxannoodha; muuxannoo sana irraa immoo waan tokko baratta.

✪ Fayyaa guutuu qabaannaan abdii kutachuuf sababa tokkollee hin qabdu.

✪ Jireenya kee keessatti sagalee wacaa naannoo kee jiruuf iddoo hin kennin!

✪ Qeeqa namootaa sodaachuunis kaayyoo kee irraa gara boodaa hin deebi'in! Hojii kamiyyuu yoo hojjette, gaarii ta'uu hamaa namoonni si qeeqan yeroo hundaa ni jiru.

✪ Jireenya kee keessatti raawwattee namoota kaaniin of hin madaalin! Eenyuun iyyuu hin dorgomin! Ga'umsa dhokataa keessa kee jiru gad baastee ittiin hojjechuuf qofa of dorgomi! Milkaa'ina kees ta'ee kufaatii kee kan nama biroon hin dorgomsiisin!

✪ Namni kan ittiin madaalamu madaallii sirriin namummaa isaa qofa. Sanaan ala madaalliwwan jiran hunduu madaalliwwan dogoggoraati.

✪ Qormaanni ati qoramtu kan namni qoramee hin beekne miti. Haa guddatu haa xiqqaatus namni kamiyyuu rakkoo mataa isaa qaba. Kanaafuu, haala keessa jirtu ilaaltee abdii hin kutin!

▣ Kaayyoo dhaabbataa malee rakkoo dhaabbataan hin jiru!

Ifaa Abdiisaa Official

Address

Addis Ababa
JUSTICE

Telephone

+251913012823

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Ifaa Abdiisaa Official posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Ifaa Abdiisaa Official:

Shortcuts

Share