20/03/2024
TEEWDIROOSII FI DALAGAA ISAA
KUTAA 1FFAA
°°°°°°°°°°°°°°°°°°
Teewdiroos II ykn Kaasaa Hayiluun bara 1855 irraa kaasee mootii habashaa ykn absiiniyaa ture. Inniis sirna bulchiinsa isaan Gondorii fi Dabra Taabor qabaachuun bulchaa ture. Yakkoonni addaa nama suukanneessan harka habashaan laatamuu kan jalqaban bara namtichi kun aangoo ofharkaa qabu akka ture beekamaadha.
Teewdiroos ummata Oromoorratti nama gara jabuummaan duguuggaa raawwataa tureedha. Saamicha lafa Oromoo keessatti nama yeroo jalqabaaf qooda fudhataa tureedha. Teewdiroos kaayyon isaa inni ijoon Oromoo waan jedhamtu lafa irraa balleessee habashaa lafa Oromoorra qabachiisuu ture Haa ta’uu malee garboonfataa dunuunfatee itti deemaa ture kana Oromoon mormaa ture malee tole jedhee mataa gadi qabachaafii hin turre. Yakkoota kanaan Teewdiroos Ummata Oromoo harkaa amantaa, aadaa fi siyaasaa harkaa rukutee saamuun sagantaa jalqabaa baafate. Oromoon hanga jaarraa kanaatti gadaan akka bulaa ture gamanumaan ibsuun barbaada. Baruma aangoo isaa kana, sagantaa Oromoo fixuuf Teewdiroos ykn Kaasaa Hayiluu baafate keessaa sagantaa “ Qiny Gizaat masfaafaat” ykn afaan Warra adiitiin “An expansion to colonise new territories” jedhu gara dhuma jaarraa 19ffaa keessa dursa uummata Walloo irratti xiyyeeffatuun Meeshaa waraanaa kadhachuun lafa Oromoo kanneen akka Laastaa, Ejjuu, Booranaa, Dugda Gaalaa, Raayyaa, Konbolcha, Kamisee fi k.k.f lafa Oromoo ilmi Habashaa Kaasaan gara Kaabaarraan Oromoorraa baroota sana keessa saamaa ture ta’uu ragaaleen seenaa nii hubachiisu.
Lafootiin saamaman kunneen ammallee akka uummata Oromoorraa saamamanii jiran hubachuun ni barbaachisa.
kutaa 2ffaan itti fufa.