04/04/2026
Ibsa Hubachiisaa !
Akkuma beekamu Dhaabbilee Leadstar hedduutu biyya keessaa fi alaa jira.
Dhaabbilee kanneen keessaa ammoo tokko 'Leadstar Collage of Managment and Business' jedhamuun kan beekamu isa tokko yoo ta'u , dhaabbatni barnootaa ol'aanaan kun kan heyyama mataa isaa qabatee dhimma 'Business Administration' irratti barnoota kennaa tureedha.
Erga imaammatni barnootaa biyya kanaa jijjiiramee ammoo ofii keenyaan Koolleejii kana erga cufnee sirna baruu fi barsiisuu dhaabnee waggaa sadii (3) ta'eera.Kanaafuu nuti dhaabbata kana irratti barsiisaa hin jirru.
Kanaan wal qabatee akka waan dhaabbileen 'Leadstar 'hundi cufamaniitti osoo hin qulqulleeffatin odeeffannoo qabatamaa hin taanee fi dhugaarraa fagaateen namoonni garagaraa yaadota garagaraa kennuurraan kan ka'e burjaajii uumamaa jirurraa of eeggadhaa jechuun jaalladha.
Dhaabbileen Leadstar ;
1.'Leadstar International Ministry'
2.'Leadstar Christian University '
3.'Leadstar Academy' Kan dameewwan kanneen akka; - -'Leadstar Academy Shaashamannee
- 'Leadstar Academy Baaroo Tumsaa
-'Leadstar Academy' Dastaa Buubaa of jalatti haammatu.
4.'Leadstar Collage of Managment and Business Collage' yoo ta'an , dhaabbileen kunneen Maqaa 'Leadstar kan qabaniidha.
Dhaabbati barnoota amma cufame jedhamuun akka haaraatti dubbatamaa jiru kun ammoo Dhaabbata nuti waggaa 3 dura dhaabbata barnootaa ol'aanaa beeksisnee cufneedha malee dhaabbilee keenya amma hojiirra jiran kan ilaallatu miti.
'Leadstar Collage of Managment and Business' kan nuti waggaa 3 dura cufnerraa kan hafe, dhaabbileen keenya 'Leadstar'hundinuu isaanii hojii isaanii hojjechuu irratti kan argaman ta'uu fi hojiin baruu fi barsiisuu dhaabbilee kanaa bifa gaariidhaan kan itti fufee jiru ta'uu isaa akka hubattan isiniif dhaamuun barbaada.
Walumaagala Odeeffannoon Dhaabbileen 'Leadstar 'hundi akka cufamaniitti tamsa'e kun Odeeffannoo dogoggoraa ta'uu akka isin hubattan kabajaa fi jaalalaan isin beeksisuun barbaada.
Nimoonaa Ittaanaa Daayirektara Olaan