Ulee Amantaa

Ulee Amantaa Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan afuura Qulqulluu sadan Waaqa Tokkoo Ameen.

Peejjiin , gama midi'aa hawaasaatiin sagalee Waaqayyoo barsiisuu fi, Ogummaa qabnuun Waaqayyoon haa tajaajillu

Gama kamiinu namoota jibbaa amantaa keenyaa qaban ni morminaa!Qaama dhimmi ilaallatuuf.... share godhaa
29/12/2025

Gama kamiinu namoota jibbaa amantaa keenyaa qaban ni morminaa!
Qaama dhimmi ilaallatuuf.... share godhaa

08/12/2025

Maariyaam πŸ™

Baga gara Amantaa ganamaa, amantaa dhugaa, bakka Iyyesuus Kiristoos inni dhugaan; ilmi Dubaroo Maariyaam itti Waaqeffamu...
01/12/2025

Baga gara Amantaa ganamaa, amantaa dhugaa, bakka Iyyesuus Kiristoos inni dhugaan; ilmi Dubaroo Maariyaam itti Waaqeffamu, Orthodoksi Tewahidoo nagaan dhufteβ€οΈπŸ™ warra hafannis Waaqayyoo ija hafuuraa isaanii ha banuufπŸ™

πŸ™…Hin kutu Fannookoo ✝️Seexanaan guutamteeMaaf xuqxa daa'annookooAnoo sodaakeef jedheeHin kutu FannookooHaala kam haa ta'...
04/11/2025

πŸ™…Hin kutu Fannookoo ✝️

Seexanaan guutamtee
Maaf xuqxa daa'annookoo
Anoo sodaakeef jedhee
Hin kutu Fannookoo

Haala kam haa ta'u
Karaa amantii kootii
Siif goyyomu ani
Yoo na badhaasteyyuu lootii

Kan ati balleessuuf
Halkaniif guyyaa yaaddu
Hundeen isaa jabaadha
Hin goyyoomin hin baddu

Dhiiga qulqulluu dhangalaasta
Mana Qulqulluummaa gubdaa
Kiristaanummaa balleessuuf
Jireenya namootaa hubdaa?

Siif hin milkaa'u
Kayyoon kee diinummaa
Waaqa waliin jirti hin badduu
Hundeen kiristaanummaa

Kankootu sirriidha kee miti
Yaada kee narratti feeta
Isa seexanni si oofu dalga
Ati daandii sirrii seeta

Waan goote hundaafii
Ija jabaattee harraa
Boor argachuuf jirta
Deebiisaa Waaqarraa
️
Seexanaan guutamtee
Hin xuqin daa'annookoo
Anoo sodaakeef jedhee
Hin kutu Fannookoo!✝️️
πŸ’ πŸ’ πŸ’ πŸ’ πŸ’ πŸ’ πŸ’ πŸ’ πŸ’ πŸ’ 
✍️ Dn Hundesa M.

 😭. Maat. 10; 16 "Kunoo Ani akka holotaa yeyyiiwwan gidduuttin isin erga."😭. Maat. 10; 17" Gara shangootti dabarsanii is...
29/10/2025



😭. Maat. 10; 16 "Kunoo Ani akka holotaa yeyyiiwwan gidduuttin isin erga."
😭. Maat. 10; 17" Gara shangootti dabarsanii isin laatu ; bakka sagadaa isaanittis isin reebuwoo."
😭. Faarsaa 43 ; 22 "Waa'eekee hundaani ajjeefamna; akka holota qalamaniis taaneerra."
😭. Gara Rome 8;36
"Waa'eekee Guyyaa guutuu ajjeefamna; akka holota qalamaniis taaneerra. Jedhee bareeffamedha."
😭. Gara Romee 8:35
" Jaalala Kiristoosii eenyuutu adda na baasaa? Gidiraa , dhiphina Godaansa , beela, daaruu , Soda , seefii dhawoo?

😭. 1 ffaa Phexiroos 4:12
" Isin gidduudha akka abiddaa isin qoruuf gidiraa geggeeffamuuf akka wanta dinqiin isinitti dhufeettii hin ajaa'ibsifatiinaa; hanga gidiraa Kiristoos yeroo qoodatanitti gammadaa."
😭. Raajii Hiziqi'el 2:6
" Ati yaa dhala namaa buukoo / kurinchiti fi qoraattiin si waliin yoo jiraate illee ; atis qeensaan futuu gidduu yoo teesse illee hin sodaatiinin."
😭. Faarsaa Daawwit faar 78;2 " Foon Qulqullootakee bineensota lafarraatiif , dhiigni isaaniis naannoo Iyyarusaalemitti akka bishaanii dhagalaasanii".
😭: Kitaaba Fakkeenya. 24 ; 16 " Qulqulluun al torba kufawoo, ni ka'as."
😭. Isinin Kan ajjeessan hundi waan Waaqayyoof tajaajilaa jiran yeroo itti fakkaatu ni dhufa." Yoh. 16; 1-2
✍️ Ulee Amantaa

21/10/2025

Manni Kiristaanaa Kun essatti argama?

13/10/2025

Gaafa gadhiisitti jiraachuu barbaadduu ; Orthodoksii gadhiistee baata! kanuma!

Address

Addis Ababa

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Ulee Amantaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Ulee Amantaa:

Share