Ulee Amantaa

Ulee Amantaa Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan afuura Qulqulluu sadan Waaqa Tokkoo Ameen.

Peejjiin , gama midi'aa hawaasaatiin sagalee Waaqayyoo barsiisuu fi, Ogummaa qabnuun Waaqayyoon haa tajaajillu

28/07/2025

Naa Mo'ate jireenyikoo na jabbeessi Giftiikoo *2
Wabii tahi dhabaadhuuf lubbuu koof *2
Faarsa kana namni beektan Ameen jedha🥰🙏

Daa'ima ganamaan qalbiin guddate!Guddadhuu jedhaa darbaa!
18/07/2025

Daa'ima ganamaan qalbiin guddate!
Guddadhuu jedhaa darbaa!

03/07/2025

Shout out to my newest followers! Excited to have you onboard! Temesgen Etana, Sisay Grtst, Kenbon Birhanu, Diribe Kejela, Galane Mokonon, Lache Maan, Sena Mitiku, Maree Oroman Maree Oroman, Fenet Xibabu, Gennet Ebisa

Dhiifama gaafachuun gara Qulqulleetti mana kiristaanaatti deebi'aniiru🙏Galanni Waaqayyoof haa tahu 🙏
23/06/2025

Dhiifama gaafachuun
gara Qulqulleetti mana kiristaanaatti deebi'aniiru🙏
Galanni Waaqayyoof haa tahu 🙏

20/06/2025

Shout out to my newest followers! Excited to have you onboard! Zed Tokkicha Damee, Gemechu Tsegaye, Marta Imiru, Gutu Legesse, Tekil Getachew, Nagaliny Dongoso, Raiis Macca, Yosef Bari, Gooroo Suuxee Akkasaa, Abiyuu Nuguse, Tesfaye Tadesse, Tesfaya Takele, Busa Asfawu, Baarrakaa Naggasaa, Habtamu Damissie, Keneni Nego, Abdii LG, Bedasa Debela, Waje Smart, Zerabruk To Jesus, Milko Mokonen Terefa, Kenbonii Negash, Diriba Kebede, Mulugeta Amante, Lelise Shibiru, Nura Abdela Gebisa, Mãrsïïmoïï Äbdïï Bãäçâä, Tzta Akalu, Dame Gammachis, Yosef Yonas, Meserat Love, Teshale Elias, Margee Gohaa Wayya, Galataa Bal'ataa, Marara Emiru, Gutama Badhasa, Kamiso Abeku Likkasa, Wudase Alemu, Beknan Yas, Astale Astale, Mêêrî Kêêm, Tujube Tesfa, Tg Tg, Shuma Giduma Midheksa, Simon Kashe, Muzamil Girmaye, Amoo Ameeks Amaan, Efa Likasa, Dammitu Addunya, Abinezar Mesfin

14/06/2025

✍️ Yeroo cinqii jechoota nama jajjabeessan.

Raajichi Daawit kana jedhee ture.
Far. 119
⁴⁸ Abboommii kee isa ani jaalladhutti harka koo nan hiixadha, seerrata kees irra-deddeebi'ee itti nan yaada.
⁴⁹ Dubbii kee isa abdiidhaan akka ani eeggadhu goote, ana garbicha keetiif yaadadhu.
⁵⁰ Wanti ati jette lubbuu anatti in deebisa, kunis yeroon gad deebi'utti jajjabina koo ti.

Isinis yeroo cinqamtan, caqasoota armaan gadii yaadadhaatii jajjabaadhaa.🤲

✞✞ Kunoo, ani immoo hamma dhuma baraatti guyyaa hundumaa isinii wajjin nan jira" isaaniin jedhe.”
— Mat. 28:20

✞✞Far. 124
² Yeroo namoonni nu irratti ka'an, "Inni gara keenya gore Waaqayyo utuu ta'uu dhabaatee"
³ silaa yeroo aariin isaanii nu irratti boba'e sana, isaan fayyaatti nu in liqimsu turan.
⁴ Silaa lolaan nu fudhatee in sokka, bishaan bubbisus mataa keenya irra in yaa'a ture.
⁵ Silaa huursaan bishaanii, mataa keenya irra in yaa'a ture.
⁶ Waaqayyo inni afaan isaanii keessa nu hin buusin, ulfinaan haa jajamu!
⁷ Akka simbirroonni kiyyoo adamsituu jalaa baatu, nuyis isaan jalaa in baane kiyyichi in ciccite, nuyis jalaa in baane.

✞✞“Kunoo, ani sii wajjinan jira, iddoo ati dhaqxu hundumaatti sin eega; biyya kanatti sin deebisa, waan ani sitti dubbadhe siifan raawwadha malee, si hin gatu!" jedhe.”
— Uma. 28:15

✞✞“Ani sii wajjin nan jira, homtinuus sitti bu'ee si hin miidhu,
— HDB. 18:10

✞✞“biyya lafaatti rakkina qabdu, garuu jabaadhaa! Ani biyya lafaa mo'eera" jedhe.”
— Yoh. 16:33

✞✞“Ani bowwaa dukkanaa'aa sodaachisaa keessa yoon adeeme iyyuu, hamaan anatti dhufa jedhee hin sodaadhu; ati anaa wajjin jirta, uleen keetii fi dhaabbanni kee ana in jajjabeessu.”
— Far. 23:4

✞✞Far. 27
¹ Waaqayyo ifa koo ti, fayyina koo tis, yoos immoo eenyuunan sodaadha ree? Waaqayyo da'oo jireenya kootii ti, eenyu durattan pherpherama ree?
² Warri hamaa hojjetan ana nyaachuuf yommuu anatti dhi'aatan, warri na cunqursanii fi warri diina kootii ana irratti yommuu ka'an, ofuma isaaniitii gufatanii in kufu.

14/06/2025

Ani bara jireenya koo isa waa'ee hin baafne kana keessa wanta baay'ee argeera; namni qajeelaan tokko utuma qajeelaa ta'ee jiruu in bade, namni jal'aan tokko immoo utuma jal'aa ta'ee jiruu bara dheeraa in jiraate; maaliif nama qajeelaa fi nama ogeessa keessa-ba'aa taatee of balleessita ? Maaliif nama jal'aa fi nama gowwaa keessa-ba'aa taatee, yeroo kee malee duuta ? Wanta tokko yommuu qabattu, isa kaanis lafa hin buusin! Namni Waaqayyoon sodaatu, qabaa wanta hundumaa beeka*. Macaafa lallabaa 7:15-18

✝️ Faarfannaa farfachuun maaliif nuu fayyadaa? ✍️ Fayyidaalee Faarfannaan qabu👏👉 Namootni tajaajila isaaniitiin Kan Erga...
14/06/2025

✝️ Faarfannaa farfachuun maaliif nuu fayyadaa?
✍️ Fayyidaalee Faarfannaan qabu👏

👉 Namootni tajaajila isaaniitiin Kan Ergamoota samii waliin wal fakkaatan faarfannaadhani. Isa:-6:3; Luq. 2:13

👉 Qulqulluu Phaawuloosifi Siilaas yommuu mana hidhaa keessaatti faarfatanitti bu'uurri manichaa ni raafame; Fuuncaa ( sibiilli ittiin hidhamanis) ni ciccite. Hoji. Duuk:- 16:25; Yaa'i . 5:13

👉 Kennaa bilisa ta'e Waaqayyo irraa argannu keessaatti tokko faarfannaadhani. 1Qoro. 14: 26; Qola. 3:16; Faar. 39: 3

👉 Kanaaf yommuu Waaqayyoof faarfannaa dhiyeessinu hubannoodhaan ta'uu qaba. Faar. 47:7

Gaalanni Waaqayyoof haa ta'u Akkasumaas Dubroo Mariyaamiif🙏

Hiriyootaa keessaniitti peegii Keenya sheerii godha👏
Akkasumaas Telegram account keenyaan nuu hordofuu dandeessu 👏

Kayyoon Chaneelii kana👇 👉Ogummaa qabnuun sagalee Waaqayyoo barsiisuu Yaadaa keessaniif Facebook,👇 You Tube: https://www.youtube.com/c/EzratubeOfficialTube

14/06/2025

Fasting provides an opportunity for prayer because one prayer in a fast is more profound than one hundred prayers conducted with your stomach full and your voice shaking mountains.

H.H.Pope Shenouda III

14/06/2025

"Gara karaatti as ba'aatii ilaalaa! 'Daandiin inni durii, karaan inni ba'eessi sun amma eessa jira?' jedhaatii gaafadhaa! Boqonnaa akka argattanitti karicha irra adeemaa!"

M. Ermiyaas 6:16

+ Sin jibbuu +Bu'aa darbuuf jedheeGonka sin arrabsuDhugaakee dhokseeSobaan sin hin labsuDantaa dhunfaa kootiifJibba kee ...
29/04/2025

+ Sin jibbuu +
Bu'aa darbuuf jedhee
Gonka sin arrabsu
Dhugaakee dhoksee
Sobaan sin hin labsu

Dantaa dhunfaa kootiif
Jibba kee hin barsiisu
Jaalala an siif qabuutu
Yoomuu nan obsiisu

Iyyasuus kiristoos jaalala
Ati haadha jaalalaa
Taatee naaf kennamte
Kennaa Fannoo jalaa

Uumaadha gadiitti
Uumamaan ol kan taate
Abidda Waaqummaa
Garaatti kan baatte

Maariyaam Haadhakoo
Akkam kabaja dhabda
Uumaadha gaditti
Kabaja ni qabda

Kitaabni Qulqulluunis
Waa'eekee dubbata
Kan sammuun banamees
Waa'eekee hubata

Garuu jiraam kan si jibbu
Kan yaadni isaa dhibame
Jibbaakee odeessuuf
Kan seexanaan dibame

Bu'aa darbuuf jedheetii
Karaa irraa gufata
Guyyaa dhuumaatti "inni"
Gaatisaa ni argataa

Ani Haadhakoo jedhee
Yeroo mara si waama
Jaalala kee malee
Hin qabu kee hamaa

Situ haadha ta'e Isaaf
Faayyisaa qoricha Lubbuu
Kana hubadheen si bare
Kanaafan sin jibbuu
~~~~~~~~~~
✍️ Dn Hundesa Melkamu
"Obboloota koo,nuufis kadhadhaa!"1Tas.5:25,Obbolloota bira akka ga'uuf sheerii godhaa.
👉 ©Ulee Amantaa : 📎 https://m.facebook.com/uleeamantaa
👉 You tube 📎 https://www.youtube.com/channel/UCt8cMHVDbtG58zlCoJfOueA
👉 Telegram 📎 https://t.me/uleeamantaa

Address

Addis Ababa

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Ulee Amantaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Ulee Amantaa:

Share