
19/05/2025
Sudaaniif Ministirri Muummee haaraan muudaman
++++++++++++++++
Caamsaa 11/2017 (Gaazexaa Pilaas): Ajajaan waraana Sudaan Al-Burhaan aangawaa Duraanii Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Doktar Kaamil Idriisiin Ministira Muummee taasisanii muudan
Al-Burhaan aangawaa Duraanii Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniifi kaadhimamaa pirezdaantii kan turan Doktar Kaamil Idriisiin Ministira Muummee mootummaa Sudaan waraanaan hoogganamuu taasisuun muudaniiru.
Erga fonqolcha mootummaa biyyattiitti adeemsifamee booda hogganaan siivilii ministira muummee ta'uun muudamuunsaa yeroo jalqabaatiif akka ta'eefi mallattoo fedhii mootummaa ce'umsaa ta'uun gabaafameera.
Kunis tarkaanfii yeroo lolli adeemifamaa jiru fudhatame ta’us, dhaabbilee mootummaa irra deebiin caasessuuf carraa nikenna jedhameera.
Manni Maree Walabummaa Sudaan Doktar Kaamil Idriis Ministira Muummee taasisuun filachuusaa maddeen Al Arabiyaaf gabaasaniiru.
Doktar Kaamil Idriis Sudaan Kaabaa, ganda Al Zoraat Dongolaa Kaabaatti argamtutti dhalatan.
Daarektarri Olaanaan Dhaabbata Qabeenya Kalaqa Sammuu Addunyaafi Barreessaa Olaanaa Gamtaa Eegumsa Biqiltootaa Idiladdunyaa ta’uun damee qabeenya kalaqa sammuu keessatti gumaacha taasisaniin beekamu.
Akka ibsa maddeeniitti, mootummaa ce’umsaa keessatti bakka bu’ummaa ji’oogiraafiifi koorniyaa guddisuuf kaayyeffachuun, dubartoonni Sudaan bahaafi giddugaleessaa bakka bu’an lama Mana Maree Walabummaa keessatti filatamaniiru.
🟢 Dhaloota Abdii Boruu FOLLOW LIKE SHER