Hudaa Media

Hudaa Media Hubannoof

  Yaa’ii 2ffaan Sirna Nyaataa Mootummoota Gamtoomanii Finfinneetti taa’amaa jira  Yaa’ii 2ffaan Sirna Nyaataa Mootummoot...
28/07/2025

Yaa’ii 2ffaan Sirna Nyaataa Mootummoota Gamtoomanii Finfinneetti taa’amaa jira

Yaa’ii 2ffaan Sirna Nyaataa Mootummoota Gamtoomanii bakka hoggantoonni biyyoota garaagaraa argamanitti Finfinneetti taa’amaa jira.

Ministira Muummee Xaaliyaanii Ji’oorjiyaa Meeloonii, Pireezidaantii Keeniyaa Wiiliyooma Ruutoo, Kan Somaaliyaa Hasan Sheek Mahammudii fi Kan Koomooroos Azaalii Asumaanii dabalatee Ministiroonni biyyoota adda addaa yaa’icharratti hirmaachaa jiru.

Yaa’ichi Yaa’ii jalqabaa Sirna Nyaataa bara Adoolessa 2015 Xaaliyaanii Roomitti gaggeeffamerratti waadaa galame raawwii isaa ka’umsa taasisuun taa’amaa jira.

Mootummoota, oomishtoota nyaataa, hawaasa Daldalaa fi qooda fudhattoota biroo gidduu tumsa jiru caalmaatti cimsuun ajandaa yaa’ichaa akka ta’e ibsameera.

Ce’umsa sirna nyaataa ilaalchisee ciminootaa fi hanqinoota jiran ilaachisee gabaasni ni dhiyaata jedhame.

Yaa’ichi ce’umsa sirna nyaataa fi filannoowwan Faayinaansii fi Invastimantiirratti bal’inaan mari’ataan eegama.


☑️ Hudaa Media follow like sher

Birmadummaa nyaataa mirkaneessuuf hojiileen sirna ce’umsa nyaataa giddugaleeffatan raawwanneerra – Dooktar Abiy Ahimad F...
28/07/2025

Birmadummaa nyaataa mirkaneessuuf hojiileen sirna ce’umsa nyaataa giddugaleeffatan raawwanneerra – Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Adoolessa 21, 2017 (FMC) – Birmadummaa nyaataa mirkaneessuuf tarsiimoo fi imaammata ifaa ta’e bocuun hojiilee ce’umsa sirna nyaataa giddugaleeffatan raawwanneerra jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.

Oomishaalee biyya keessaa jajjabeessuun kanneen alaa galan oomisha biyya keessaan bakka buusuufi qonnaan bultoota sadarkaan jiran deeggaruun hojiilee hedduun hojjetamuu dubbatan Dooktar Abiy Ahimad haasawa Yaa’ii 2ffaa Sirna Nyaataa Mootummoota Gamtoomaniirratti taasisaniin.

Sirni nyaataa hammataa fi waara’aa akka ta’u hojjetamuu eeran.

Imaammanni Nyaataa Itiyoophiyaan hojiirra oolchite qooda fudhattoota hunda kan hirmaachise ta’uu kaasan.

Sirni soorannaa lammiilee akka fooyya’u, sirni nyaata madaallawaa fi birmadummaan nyaataa akka mirkanaa’uu hojiilee jajjaboon hojjetamuu dubbatan.

Sagantaa maaddii guutuun bu’aan baadiyyaa hanga magaalaatti argame daran jajjabeessaa akka ta’e eeran.

Waadaa Saqoxaa fi wixineewwan nyaataa biroon hojiitti hiikkaman jireenya miiliyoonootaa jijjiiruu ibsan.

Sagantaa Ashaaraa Magariisaan hanga ammaatti biqilaan faayidaa olaanaa qaban biiliyoonni 46 ol dhaabbachuu kaasan.

Itiyoophiyaan deeggartootaa fi qooda fudhattoota waliin ta’uun sirna nyaataa addunyaaf sodaa ta’aa jiru furuuf tattaaffii taasiftu cimsitee akka itti fuftu mirkaneessan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.

☑️ Hudaa Media follow like sher

  Eebbifamuun Hidha Haaroomsaa Kabajaa fi diinagdee Itiyoophiyaa guddisa- Pireezidaantoota Yuunivarsiitii- Eebbifamuun H...
28/07/2025

Eebbifamuun Hidha Haaroomsaa Kabajaa fi diinagdee Itiyoophiyaa guddisa- Pireezidaantoota Yuunivarsiitii

- Eebbifamuun Hidha Guddicha Haaroomsaa Kabajaa fi diinagdee Itiyoophiyaa daran kan guddisuudha jedhan Pireezidaantoonni Yuunivarsiitiiwwan garaagaraa.

Hidhi Haaroomsaa Itiyoophiyaa rakkoo teeknikaa fi biroo qabu keessaa bahuun eebbaaf qophaa’uun miira gammachuu olaanaa qaba jedhan Pireezidaantoonni Yuunivarsiitii garaagaraa Faanaa Diijitaaliif yaada kennan.

Pireezidaantiii Yuunivarsiitii Booranaa Dooktar Bafiqaaduu
Cammaraan, hidhi Guddichi Haaroomsaa akka biyyaatiis ta’ee akka Afrikaatti rakkoo olaanaa qabu keessaa bahuun xumuraaf gahuutti miira gammachuu olaanaan qaba jedhan.

Xumuramuun hidhicha dippiloomaasii siyaasaa Itiyoophiyaafi guddina Itiyoophiyaan hawwaa jirtuuf bu’aa olaanaa kan qabu ta’uus himaniiru.

Annisaa biyyaattii barbaachiisuu fi Tajaajjila biyyoota naannawaafis faayidaa qabaachuu ibsaniiru.

Biyyaattiin humna ofii isheen hidhicha ijaaruun xumuruun dandeettii fi dhaggeeffatummaa ishee daran kan dabaluudha jedhan.

Itiyoophiyaan qabeenya kuufama qabdutti sirnaan yoo fayyadamte tarree biyyoota guddatanii kan hiriirtu ta’uu kaasaniiru.

Pireezidaantiin Yuunivarsiitii Arsii Dooktar Fiqaaduu Mitikkuun gamasaaniin, eebbifamuun hidha Guddicha Haaroomsa Itiyoophiyaa cimina, of danda’uu fi cichoomina ummatichaa kan mul’isuudha jedhan.

Gargaarsa tokko malee qabeenya ummataa biyyattiin hidhichi ijaaramuun seenaa lammiilee boonsuu ta’uu dubbataniiru.
Dandeettii, tokkummaa fi waloomummaa ummata biyyaattii kan agarsiiseedhas jedhan.

Akka Gaanfa Afrikaatti Itiyoophiyaan biyya guddoo fi kabajamtuudha jedhan Dooktar Fiqaaduun.

Eebbifamuun hidhichaa kabajaa fi diinagdee Itiyoophiyaa guddisuun walitti hidhamiinsa biyyoota Afrikaaf faayidaa olaanaa qabaachuu ibsaniiru.

Hidhi Guddichi Haaroomsa akkuma seenaa Adwaatti kan jedhan immoo Pireezidaantii Yuunivarsiitii Salaalee Dooktar Fayyeeraa Dhinsaati.

Ijaarsa Hidhichaaf tokkummaa, gootummaa fi walitti Dhufeenyi kan itti dagaageedha jedhan.

Eebbifamuun Hidhichaa biyyoota Ganfaa Afrikaa walitti hidhuu keesattis gahee olaanaa qabaachuu eeraniiru.

Tokkummaa naannawa Afrikaa cimsuu keessattis shooraa qaba jedhan.


☑️ Hudaa Media follow like sher

 :Poolisiin   Du’a Lammii   Magaalatittii Mudate Qorataa Jiraachuu IbseFinfinnee, Adoolessa 28, 2025: Poolisiin Magaalaa...
28/07/2025

:Poolisiin Du’a Lammii Magaalatittii Mudate Qorataa Jiraachuu Ibse

Finfinnee, Adoolessa 28, 2025: Poolisiin Magaalaa Adaamaa du’a lammii biyya Hindii kan magaalattiitti Sambata darbe mudate qorataa akka jiru ibse.

Koomishinar Shawaayyee Dachaasaa, Ajajaaan Qajeelcha Poolisii Magaalaa Adaamaa, du’aatiin Lammiin biyya alaa kun dhugumaan mudachuu Addis Standard’f mirkaneessanii, ka’umsa fi haala taateen kun itti mudatee qoratamaa akka jiru dubbatan.

“Du’aatiin kun mudachuun dhuguma, amma garee qorattotaa tokko hundeessinee, yoom, akkamitti, haala kamiin waan jedhu’ qorataa jirra, bu’aa isaas dhumarratti ni beeksifna” jedhan Koomishinar Shawaayyeen.

☑️ Hudaa Media follow like sher

  Pireezidaantii Itti Aanaan Naayijeeriyaa Kaashiim Sheetiimaan Finfinnee galan  Pireezidaantii Itti Aanaan Naayijeeriya...
27/07/2025

Pireezidaantii Itti Aanaan Naayijeeriyaa Kaashiim Sheetiimaan Finfinnee galan

Pireezidaantii Itti Aanaan Naayijeeriyaa Kaashiim Sheetiimaan Yaa'ii 2ffaa Sirna Nyaataa Mootummoota Gamtoomaniirratti hirmaachuuf Finfinnee galaniiru.

‎Kaashiim Sheetiimaan wayita Buufata Xiyyaaraa idil Addunyaa Finfinnee gahan Ministirri Muummee Itti Aanaan Obb Tamasgeen Xurunaa fi Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Birhaanuu Tsaggaayeen simannaa taasisaniifiru.


☑️ Hudaa Media follow like sher

Dhukaasa Israa'el namoota nagaa daandii konkolaataa gargaarsaa daandii Salah al-Din kan giddugala Gaazaa irratti walitti...
27/07/2025

Dhukaasa Israa'el namoota nagaa daandii konkolaataa gargaarsaa daandii Salah al-Din kan giddugala Gaazaa irratti walitti qabaman irratti xiyyeeffachuun raawwatteen, yoo xiqqaate Filisxeemoonni sagal ajjeefamuu fi 54 ammoo madaa'uu isaanii qondaaltonni fayyaa himan.
______
Dubbi himaan Hospitaala Al-Awdaa Nuseirat akka jedhutti, loltoonni Israa'el namoota gargaarsa namoomaa eegaa turan irratti xiyyeeffachuun dhukaasa bananiin gara hospitaalichaa geeffaman.

Maddeen biyya keessaa akka jedhanitti, taatee kun naannoo Koridoorii Netzaarimiitti kan mudate yoo ta'u, namoonni hedduun konkolaataa gargaarsaa dhufu eeguun achitti dursanii walitti qabamanii ture.

Taatee kana ilaalchisee IDF yaada akka kennuuf gaafatamee ture.

Ministeerri fayyaa Gaazaa Hamaasiin durfamu, ammoo namoonni dabalataa jaha sa'aatii 24 darbe keessatti beelaan du'usaanii beeksiiseera.

Kanaanis daa'imman 87 dabalatee, baayyina lakkoofsa namoota erga waraanni eegalee kaasee beelaan du'anii 133 ta'eera.

☑️ Hudaa Media follow like sher

      "Addunyaan waan jabaaf of qopheessaa jirti⤵️⤵️..!!""Yaa ergamaa Rabbii! Du'aa'ii nuuf hin gootanii!? Tumsaa fi inj...
26/07/2025


"Addunyaan waan jabaaf of qopheessaa jirti⤵️⤵️..!!"

"Yaa ergamaa Rabbii! Du'aa'ii nuuf hin gootanii!? Tumsaa fi injifannoo Rabbii irraa nuuf hin gaafattanii!!?" jechaa turan Sahaabonni Nabii yeroo dararaan isaanitti hammaatu. Nabiyyiin yeroo kana dhaga'an meeshaan Rabbii qaalii ta'uu itti himan. Foonni lafee isaaniitti hanga kaafamutti filaa sibiilaan kanneen foonni isaanii fayyaatti irra kaafame akka turan isaaniif seenessan! Magaaziin mataa isaanii irraa jalqabee hanga miilaatti kutuun qaamni isaanii bakka lamatti kanneen addaan qoodame garboonni Rabbii akka turan isaan yaadachiisan!! Dararaa fi hammeenyi himamee hin dhumne kanneen isaan irratti raawwatamee Islaamummaa isaanii Irratti cichoomanii dhaaltuu jannata Rabbii kan ta'an dhaloonni ajaa'ibaa dachii kana irra akka turan isaaniif odeessan. Rabbiin dhimma kana dhugumatti ni xumura isin garuu ummata ariifatu dha jedhan.

Bu'aa isaa dursinee mee gatii isaa haa yaadannu! Yeroo mi'iraajaa urgaa ajaa'ibaa Mashixaa fi ijoollee ishee Rasuula haawwate haa yaadannu! Zayitii Baarmela guutuu Firaa'unaan danfifamee riqicha jannataa isheef tahuun isaa yoomillee hin dagatamu, Yaa Harmee koo! Haqa irra jirta irratti cichi kan jedhe daa'imni harma hodhee hin quufne haadha isaa yeroo oonnachiisu haqa irratti cichoomina qabaachuun gatiin isaa jiraatti ibiddaan gubachuu yoo ta'ellee bu'aan isaa maal akka ta'e imalli mi'iraajaa Nabiyyii keenyaa nuuf mirkaneessee jira.

Tujjaarticha dargageessa warra Qureyshii, bareeda qageenyaan faayame, warra Makkaa keessa addatti foolii urgawaan kan beekamu! Abjuu dubartoota jabana sanaa kan ture Mus'abi n haa yaadannu!! Miila isaa irraan haga dhiiga dhangalaasutti miila isaatiin daandii dheeraa qaxxaamuree jira, biyya hin beeknetti yeroo hedduu godaanee hawwii isaa mara dhiisuun daandii Rabbii keessatti gatii qaalii kaffalee jira.

Akka abaabootti faayamee uffata qaalii jabana sanaa Hadramiyyii yeroo mara uffachaa kan ture dargaggeessichi yeroo deemu daandii Makkaa bareechu kun duula Uhud Irratti yeroo wareegamu harki isaa muramanii, uffata ittiin kafanamu illee dhabe!!

Addunyaan kun qabsaa'ota diinii isaaniif duulan, Mujaahidoota daandii Rabbii keessatti dhiiga isaanii dhangalaasan akka waan isaan lolaafi mancaatiif sababa ta'aniitti si amansiisuu barbaadu!

Waa'ee gara-jabummaa Faransaay ummata Aljeeriyaa gaafadhu!! Waa'ee Xaaliyaani afaan ummata Liibiyaa irraa dhaggeeffadhu! Falujaani fi Ramadin n maal akka mudate dubbisi baradhu! Seyfii Impaayirotaa lamaan yeroo lama kan qal-amte Kaabuliin gaafadhu! Waan sitti himattu hedduu qabdi!!

Balfor tti walii-galtee qalamaan yeroo biyyi Muslimootaa gurguramtu akkamitti jedhii qoradhu! Waa'ee Der Yaasiin, waa'ee duguuggaa sanyii Sabra fi Shatila mana maree nageenyaa gaafadhu!

Dooniin xiyyaara waraanaa fe'atee galaana irraan ardiilee qaxxaamuru ergamaa nagaa fi waardiyyaa nageenyaa taasisanii irra deddeebi'iin sitti himu! Seyfii ati ittiin qalamtu morma kee irra ka'anii yeroo ol jettu si muranii dhiiga morma kee keessaa dhangala'uun addunyaa akka hin faalle si akeekkachiisu!! Si qalu, harka si qaluuf gadi jettee abboomamta sin jedhu! Yoo diddee falmachuuf hidhatte shoror-keessaa sin jedhanii maqaa si balleessuuf yaalu.

Addunyaan kun waan jabaaf of qopheessaa jirti!! Ibiddi laboobee jira, taatewwanis saffisaan jijjiiramuu itti fufanii jiru! Bitaaf mirgaanis hiriirri tolfamaa jira, suuraa duubaan waan deemaa jiru arguu kan dadhabe jaamaa ta'uu irraa of eeggadhu

☑️ Hudaa Media follow like

↪️ZIKRII 6 TAN HAFFAZUU FII HEDDUMMEEYSUU QABNU!!•••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••Zikriile...
26/07/2025

↪️ZIKRII 6 TAN HAFFAZUU FII HEDDUMMEEYSUU QABNU!!
•••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••
Zikriilee keeysaa 6 tan akkaan daddeebisuun Isii barbaachisu, tan akkaan qoricha gaddaa, yaadaa, dhukkubaa fi Qoricha cubbuu taate.

Kanarratti Ulamaa'iin akki je'an Quraanaa fi Sunnaah Qorachuu fi Hadiisa gadii lallaaluun wanni irra gahame zikrii jaha tan heddumeeysuu fi irra turuun feeysisuu akka armaan gadii kana.

Zikrii 1ffaa Salawaata. Guyyaatti yoo baayyiftee jette dhuma guyyaa keetii irratti akkaan nama Rasuula s.a.w irratti salawaata buufte taata.

Zikrii 2ffaa. Istighfaara yoo Rabbi yeroo banaa hedduu siif kenne guyyatti 2000 je'i.

Zikrii 3ffaa. Yaa Zal Jalaali wal Ikraam. Rasuulli s.a.w Yaa Zal jalaali wal Ikraam qabadhaa heddumeeysaa jedhan. Guyyatti 100 je'i. Rabbiin haajaa tee ni beeka siif guuta.

Zikrii 4ffaa. Laa hawla walaa Quwwata illaa billaah. Isiin dilbii jannataati. Yoo isii tana haffaztee daddeebisuu isii irra turte kennaa fi Rahmata Rabbii irraa waan ajaaibaa agarta.

Zikrii 5ffaa. Laa Ilaaha Illaa anta Subhanaka inni kuntu mina-Zaalimin. Zikriin kuni injifataa yaaddoo fi gaddaati.

Zikrii 6ffaa. Subhanallaah, Alhamdulillaah, Laa Ilaaha illallaahu, Allaahu Akbar.

Zikrii fi Du'aa'ii irraa fayyadamuufii firii Isii arguuf wanni barbaachisu itti daddeebi'u, Irra turuu hifannaan maleetti, hikkaa Isii keeysa gad lallaaluu, Hanguma Zikrii gudduftu Jaalala Rabbii argatta.

Namni maxxansi keenya bira gahe Share waliif godhaa Yeroo hunda Akka Maxxansi keenya isin bira gahuuf Page Facebook keenyaa Follow godhaa Share godhaa.

☑️ Hudaa Media follow like sher

🇵🇸'Ummanni Gaazaa harka sadii keessaa tokko guyyootaaf nyaata malee turaa jiru' - UN===Ummata Gaazaa harka sadii keessaa...
26/07/2025

🇵🇸'Ummanni Gaazaa harka sadii keessaa tokko guyyootaaf nyaata malee turaa jiru' - UN
===
Ummata Gaazaa harka sadii keessaa tokko nyaata malee guyyootaaf turu jechuun Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti (UN) Sagantaan Nyaata Addunyaa ibse.

Namoota Gaazaa keessa jiraatan sadii keessa tokko osoo midhaan hin nyaatiin guyyootaaf turu jechuun haalli keessa jiran hamaa ta'uu jaarmiyaan idil-addunyaa kun akeekkachiiseera.

"Rakkoon hanqinni nyaataa akkaan hammaachaa kan jiru yoo ta'u, dubartoonniifi daa'immaan 90,000 ta'an wallaansa hatattamaatu isaan barbaachisa," jedhe Sagantaan Nyaata Addunyaa (WFP) ibsa baaseen.

Torban kana keessa Gaazaa keessatti beelli babal'achuu danda'a jedhamee akeekkachiifni irra deddeebiin kennamaa jira.

☑️ Hudaa Media follow like sher

🇵🇸Hanqina hamaa Gaazaa keessa jiruun gargaarsi qilleensarraan bu'u 'gahaa miti' - MSFHojjettuun gargaarsaa Mediisiin Saa...
26/07/2025

🇵🇸Hanqina hamaa Gaazaa keessa jiruun gargaarsi qilleensarraan bu'u 'gahaa miti' - MSF

Hojjettuun gargaarsaa Mediisiin Saan Firoontiyeers (MSF) Gaazaa Siitii jirtu tokko gargaarsi qilleensarraan bu'u "tarii waan yeroof gargaaruu danda'a" garuu Gaazaa keessatti ummanni miliyoona lama ta'u nyaata dhabee abdii kutaa waan jiruuf "gahaa miti" jette.

Kaarolaayin Wileemen "abdii kutannaa dhumaa ummanni keessa jiruuraan, yeroo nyaata samiirraa gadi buustu, namoonni akkamiin argachuu danda'u?" jechuun yaaddoo qabdu sagatnaa Today jedhamutti dubbatte.

"Humndumtuu abdii kuteera. Bakki sun baayyee jeeqamaa waan ta'eef warri caalaatti saaxilamoo ta'an ammoo argachuu hin danda'an," jette.

Kana ta'uusaarra, "Akkuma biyya biroo kamiyyu keessatti godhu karaa qindeessummaa UN bifa naga qabeessa ta'een osoo gargaarsi namoomaa bilisaan akka darbu ta'ee wayya," jette Kaarolaayin.

☑️ Hudaa Media follow like sher

  Iraan biyyoota Awurooppaa waliin marii 'cimaa' gaggeessuu beeksifte, ittaanee maaltu ta'a?••••••••••••••••Iraan dhimma...
26/07/2025

Iraan biyyoota Awurooppaa waliin marii 'cimaa' gaggeessuu beeksifte, ittaanee maaltu ta'a?
••••••••••••••••
Iraan dhimma sagantaa gabbisa nikularaashee ilaalchisee biyyoota Awurooppa waliin marii "cimaa, dhugaafi bal'aa" ta'e gaggeessuu beeksisuu beeksisfte.

Marichi kan gaggeeffame Jimaata, Adollessa 25 yoo ta'u, marii kana itti fufuuf fedhii akka qabdu beeksisuu maddi oduu Rooyitarsi

☑️ Hudaa Media follow like sher

  Miseensonni Paarlaamaa UK 220 ta'an ministirri muummee biyyattii Filisxeemiif beekamtii biyyummaa akka kennuuf gaafata...
26/07/2025

Miseensonni Paarlaamaa UK 220 ta'an ministirri muummee biyyattii Filisxeemiif beekamtii biyyummaa akka kennuuf gaafatan
●●●●●●●●●●●●●
Faransaay ji'oota muraasa keessatti Filisxeemiif beekamtii biyyummaa akka kennitu beeksisuushee hordofee kan dhufe xalayaan miseensota paarlaamaa UK kun, ministira muummichaarra dhiibbee akka geessisuu ibsameera.

☑️ Hudaa Media follow like sher

Address

Jimma
Addis Ababa

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Hudaa Media posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Hudaa Media:

Share