Birraa

Birraa Kaayyoofi Galmaa Qabna

03/06/2025

Waliin Amir Ahmedin โ€“ Itti fufeen jira! Walitti aansee ji'a 3f deeggaraa olaanaa ta'eera. ๐ŸŽ‰

03/06/2025

Waliin BBC News Afaan Oromoo โ€“ Itti fufeen jira! Walitti aansee ji'a 4f deeggaraa olaanaa ta'eera. ๐ŸŽ‰

14/05/2025

Dhaloota Ida'amuu: Daandii Dhaloonni keessa darbe kan agarsiisu; egeree dhaloota boruu kan akeeke

Biyyi keessumaa addunyaa har'aa keessatti beekumsaan qofa ijaaramti. Dhaloonni ammoo beekumsa jaarraa dhaloota isaa keessa jiru fayyadamuun ijaarsa biyyaa keessatti gumaacha irraa barbaachisu buusee darba. Yeroo kana beekumsi walirratti ida'amaa, dogoggora fooyyessaa isa fuulduraaf galaa ta'uun kuufamaafi dilbii ta'aa deema. Dhaloonnis ijaarsa biyyaa keessatti adeemsa kana keessatti akka daawwitiitti of ilaalaa fulduratti tarkaanfata. Kuufamniifi dilbiin beekumsaa kun garuu bifa kitaabaan barreeffamee taa'uun murteessaadha.

Kitaabni "Dhaloota Idaโ€™amuu" jedhuufi MM Itoophiyaa Dr Abiyyi Ahimad'n barreeffames daandii dhaloonni kaleessaa keessa darbe kan agarsiisu, dhaloonni har'aa waantota gaarii ta'an fooyyessuun akka itti fayyadamuufi waantota fooyya'uu qaban fooyyessuun dhaloota dhufuuf biyya hundaaf taatu ijaaruun dabarsuu irratti kan xiyyeeffatedha. Kitaabichi egereen dhaloota biyyattii boruu maal fakkaachuu akka qabu kan akeeke yoo ta'u dhaloonni har'aa ciminoota kaleessa turan caalaatti cimsuufi hanqinoota turan fooyyessuun biyya jabduu ijaaruufi badhaatuu taate uumuuf akka hojjetudha.

Gurgurtaan Kitaaba "Dhaloota Ida'amuu" irraa akka Naannoo Oromiyaatti argamu bakka seena qabeessaafi hawwata Turizimii ta'e misoomsuuf akka oolu ibsameera. Kitaabni Dhaloota Ida'amuu akkuma kitaabota " 'amuu" lamaan kanaan dura barreeffamanii beekumsa tamsaasuu, beekumsaan biyya hoogganuufi ijaaruu qofa osoo hin taanee biyya misoomsuufis kan oolu ta'a jechuudha. Kanaafuu, Kitaaba galma hedduu qabu kana bitannee dubbisuun beekumsaafi hubannoo haa argannu; wallaalummaa haa balleessinu; badhaadhina haa mirkaneessinu.

Facebook: https://www.facebook.com/oromiabc
Telegram: https://t.me/Oromiacommunicationaffairsbureau
Twitter: twitter.com/OromiaBureau
YouTube: https://www.youtube.com/results?search_query=Oromia+Communication+Bureau
Website: https://www.oromiacommunication.gov.et/
kallachaOromia: https://m.facebook.com

14/05/2025
14/05/2025

Naamusa Yeroo Mana Namaa Seenan Qabaachuu Qaban
โ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ข

โ€ข Rabbiin Qurโ€™aana isaa Keesatti akkana Jaโ€™a โ€œ Yaa Warra Rabbitti amantan manaa namaa kan Keessan hin tahin hanga hayyama arkattanii salaamtaas jattanii malee hin seeninaa.โ€ Suurat Al-Nuur Aayata 27

โ€ข Jireenya keenya keessatti afeeramnee taatuu ykn haajamnee mana namaa dhaquun Keenya hafa hin Qabu, yeroo mana namaa dhaqan garuu naamusa eeggachuu qabantu jira.

โ€ข Naamusoota San keessaa muraasa barreeffama kana keessatti waliin laalla dubbisaa qooda irraa fudhadhaa.

1: Salaamtaa Jaโ€™ii Hayyama Gaafadhu, Mana Namaa hayyama malee hin seeninaa

2: Mana namaa Yeroo dheeyxe balbala dhadhahi, yeroo sadii ol hin dhadhahin. Ammallee suuta dhadhahi, humnaan dhadhooytee Warra manaa hin rifachiisin.

3: Eenyu jedhanii Yeroo si gaafatan Ana jattee hin deebisin, Maqaa kee himi.

4: Yeroo Akka Seentu siif hayyaman Salaamtaa jettu malee hin seenin. Yoo Siif Hin hayyamamne ammoo dhiisii deem malee hin seenin.

5: Yeroo Mana Namaa seentu Ija tee Gad Qabadhu, Ija tee faffacaastee mana namaa keessa hin laalin.

6: Erga Haajaa tee fixatte booda teessee Warra manaa hin rakkisin haajaa tee fixannaan gara irraa dhuftetti deemi.

7: Deemuu yeroo barbaadduus hayyama gaafadhuu deemi.

8: Yeroo Deemtu Salaamtaa Warra manaa Irratti Qaraโ€™ii Deemi.

โ€ข Yaa Rabbi Warra Naamusa Kana Hunda Guuttatu Nu Taasisi.

Barreeffama Kana Dubbisaatii Share Waliif Godhaa.

โœงWaa Sadii Ifa Waa Sadii immoo dukkanaโžช Guyyaan ifa halkaan dukkana.โžช Barumsi ifa wallalli dukkana.โžช Bilisummaan ifa gab...
14/03/2025

โœงWaa Sadii Ifa Waa Sadii immoo dukkana
โžช Guyyaan ifa halkaan dukkana.
โžช Barumsi ifa wallalli dukkana.
โžช Bilisummaan ifa gabrummaan dukkana.

โœง Waa Sadii Qabaadhu!
โžช Amantummaa
โžช Dhugaa
โžช Qulqullumaa

โœง Addunyaan Waa Sadii Qabdii!
โžช Dhalachuu
โžช Barachuu
โžช Du'uu

โœง Waa Sadii Dabaladhu!
โžช Beekumsa
โžช Eebba manguddoo
โžช Jaalala

โœง Yaa Lubbuu Waa Sadiif Ta'ii!
โžช Dandeenyaan biyyaaf ta'ii
โžช Dadhabnaan lammiif ta'ii
โžช Dadhabnaan ofiif ta'ii

โœง Waa Sadii Hin Dagatiin!
โžช Kaayyoo kee
โžช Afaan kee
โžช Aadaa kee

โœง Waa Sadii Jaaladhu!
โžช Eebba
โžช Jaalala
โžช Gootummaa

โœง Ilmi Waa Sadii dha!
โžช Kan ofiif jiraatu
โžช Kan biyyaaf jiraatu
โžช Kan biyyaan jiraatudha.

โœง Jaarsummaan Waa Sadii!
โžช Obsuu
โžช Gorsuu
โžช Dhoksuudha.

โœง Waa Sadii Kabaji!
โžช Amantii kee
โžช Manguddoo
โžช Beellama.

โœง Waa Sadii Cimsi!
โžช Hiriyyummaa
โžช Jaalala
โžช Waadaa seente.

โœง Waa Sadii Hawwuun gaariidha!
โžช Fayyaa
โžช Gammachuu
โžช Hiriyaa gaarii

โœง Waa Sadii Namaa Xiqqeessa!
โžช Sobuu
โžช Hatuu
โžช Machaa'uu.

โœง Waa Sadii Itti fayyadamii!
โžช Yeroo
โžช Beekumsa
โžช Qarshii

Keessummaan Waa Sadii feeti!
โžช Foon lafee hin qabne ( Arraba gaarii)
โžช Itilee rifeensa hin qabne ( Fuula gaarii)
โžช Lafee foon hin qabne ( Ilkaan gaarii).
โœง Waa Sadii Jala Deemi!
โžช Hayyuu
โžช Dhugaa
โžช Barsiisaa.
Galatoomaa!!!

01/02/2025

Gorsa Hariiroo Saalqunnamtii Hiriyaa kee Waliin Qabdu Fooyyessuuf"
โค๐ŸŒฟFedhii walii keessan hubadha
โค๐ŸŒฟWalqunnamtii saa*laa irratti hin ariifatin
โค๐ŸŒฟJalqaba Zoonii isiin si'eessu keessaa wal tuttuquu fi walitti erga kakaastani booda eegala.
โค๐ŸŒฟYaada walii keessanii sirritti dhageeffadhaa
โค๐ŸŒฟQulqullina ofii Eeguu: Qulqullinni dhuunfaa hawwata saalqunnamtii fi mijataa taโ€™uu keessatti gahee murteessaa qaba.

Atii fi abbaan manaa kee lamaan keessan iyyuu qulqullina gaarii akka qabaattan mirkaneessaa.

โค๐ŸŒฟSochii qaamaa yeroo hunda gochuun, nyaata madaalawaa nyaachuu fi dhiphina toโ€™achuun fayyaa waliigalaa fi fayyaa saalqunnamtii keessan irratti bu'aa gaarii fiduu dandaโ€™a.
Fayyaa hin Dhabinaa!!!!

Kallattii Walqunnamtii Saalaaf filatamoo ta'an 9 waliin haa ilaalu.โค

29/01/2025

Wal Quunnamtii Saalaa wayita Ulfaa
Waa'een wal-qunnamtii saalaa wayita ulfaa gaafii isiin baay'inaan gaafachaa turtan keessaa isa tokko. Egaa wal quunnamtiin saalaa hanga ji'a afuritti haadha ulfaaf mijachuu dhiisuu danda'a. Sababni isaas wayita kana ol guurraan ,tuttufsiisaan fi dadhabbiin waan itti baayyatuuf fedhiin ishee hir'achuu ni danda'a. Garuu ji'a 4-7tti dhibeewwan armaan duratti caqafaman hir'achaa waan deemuuf fedhiin isaani ni dabala. Ji'a 8 hanga dhumaatti gadameessi daa'ima baatu guddaa waan ta'eef haalli qunnamti saalaaf mijachuu waan diduuf feedhii isaanii akka duraa hin ta'u. Walumaagalatti walquunnamtiin saalaa ji'aan hin dangeffamu,jechuun hamma dhibeen hin jirretti walquunnamtii saalaa hanga ji'a dhumaatti hin dhorkamu. Garuu wayita dhibeewwan armaan gadii mul'atan wal qunnamtii saalaa gochuun dhorkaadha.
1. Seenaa ba'uu ulfaa al lamaaf isaa ol yoo qabaatan.
2. Ulfa duraa irratti ciniinsuun osoo hin ga'iin itti dhufeera yoo ta'e.
3. Yoo karaa qaama isaanii dhigni dhangala'e.
4. Yoo bishaan gubbee dhangala'e.
5. Ultrasoundiin ilaalamtee yoo of-kaltiin balbala gadameessaa irra ykn mucaa dursee jiraa yoo ta'e dha.
Garuu qunnamtii saalaa booda yoo dhigni mul'atee fi bishaan gubbee dhangala'e atattamaan mana yaalaa deemuun barbaachisaadha.
Galatoomaa !
Dr. Lammii G.

๐ŸŒธ๐—š๐—ผ๐—ฟ๐˜€๐—ฎ ๐—›๐—ฎ๐˜†๐˜†๐—ผ๐—ผ๐˜๐—ฎ ๐—œ๐˜€๐—น๐—ฎ๐—ฎ๐—บ๐—ฎ๐—ฎ๐ŸŒธ   =======================โ˜˜๏ธ ๐’๐จ๐๐š๐š ๐‘๐š๐›๐›๐ข๐ข ๐ค๐ž๐ž๐ญ๐ข๐ข ๐ฎ๐Ÿ๐Ÿ๐š๐ญ๐š ๐ ๐จ๐๐ก๐š๐๐ก๐ฎ.โ˜˜๏ธ ๐–๐š๐š๐ง ๐›๐š๐ฅ๐ฅ๐ž๐ž๐ฌ๐ฌ๐ข๐ญ๐ž ๐ญ๐จ๐จ๐ฐ๐›๐š๐ญ๐ฎ๐ฎ๐Ÿ...
22/01/2025

๐ŸŒธ๐—š๐—ผ๐—ฟ๐˜€๐—ฎ ๐—›๐—ฎ๐˜†๐˜†๐—ผ๐—ผ๐˜๐—ฎ ๐—œ๐˜€๐—น๐—ฎ๐—ฎ๐—บ๐—ฎ๐—ฎ๐ŸŒธ
=======================
โ˜˜๏ธ ๐’๐จ๐๐š๐š ๐‘๐š๐›๐›๐ข๐ข ๐ค๐ž๐ž๐ญ๐ข๐ข ๐ฎ๐Ÿ๐Ÿ๐š๐ญ๐š ๐ ๐จ๐๐ก๐š๐๐ก๐ฎ.
โ˜˜๏ธ ๐–๐š๐š๐ง ๐›๐š๐ฅ๐ฅ๐ž๐ž๐ฌ๐ฌ๐ข๐ญ๐ž ๐ญ๐จ๐จ๐ฐ๐›๐š๐ญ๐ฎ๐ฎ๐Ÿ ๐ฃ๐š๐ซ๐ฃ๐š๐ซ๐Ÿ๐š๐๐ก๐ฎ.
โ˜˜๏ธ ๐™๐ข๐ค๐ซ๐ข๐ข ๐›๐š๐š๐ฒ'๐ข๐ฌ๐ฎ๐ฎ๐ง ๐Ÿ๐ž๐๐ก๐ข๐ข ๐ฅ๐ฎ๐›๐›๐ฎ๐ฎ ๐ค๐ž๐ž๐ญ๐ข๐ข ๐ข๐ง๐ฃ๐ข๐Ÿ๐š๐๐ก๐ฎ.
โ˜˜๏ธ ๐€๐ง ๐ฆ๐š๐š๐ฅ๐ข๐ข๐Ÿ๐ข๐ข๐ง ๐ฎ๐ฎ๐ฆ๐š๐ฆ๐ž ๐ฃ๐ž๐๐ก๐ข๐ข ๐จ๐Ÿ ๐ ๐š๐š๐Ÿ๐š๐๐ก๐ฎ.
โ˜˜๏ธ ๐๐š๐š๐ฆ๐ฎ๐ฌ๐š๐š ๐Ÿ๐ข ๐ค๐š๐›๐š๐ฃ๐š๐š ๐ค๐ž๐ž ๐ญ๐ข๐ค๐Ÿ๐š๐๐ก๐ฎ.
โ˜˜๏ธ ๐”๐ณ๐ซ๐ข๐ข๐ง ๐ฆ๐š๐ฅ๐ž๐ญ๐ญ๐ข ๐ฌ๐š๐ฅ๐š๐š๐ญ๐š ๐๐š๐›๐š๐ซ๐ฌ๐ฎ๐ฎ ๐Ÿ๐ข ๐๐ก๐ข๐ข๐ฌ๐ฎ๐ฎ ๐ข๐ซ๐ซ๐š๐š ๐จ๐Ÿ ๐ช๐ฎ๐ฌ๐š๐๐ก๐ฎ.
โ˜˜๏ธ ๐˜๐ž๐ซ๐จ๐จ ๐›๐š๐š๐ฒ'๐ž๐ž ๐‘๐š๐›๐›๐ข๐ข ๐ค๐š๐๐ก๐š๐ญ๐ฎ๐ฎ ๐š๐ฆ๐š๐ฅ๐š ๐ญ๐š๐š๐ฌ๐ข๐Ÿ๐š๐๐ก๐ฎ.
โ˜˜๏ธ ๐‘๐ข๐ณ๐ช๐ข๐ข ๐ฒ๐จ๐จ ๐š๐ซ๐ ๐š๐ญ๐ฎ๐ฎ ๐›๐š๐ซ๐›๐š๐š๐๐๐ž, ๐Ÿ๐ข๐ซ๐š ๐ค๐ž๐ž ๐ฆ๐š๐ฑ๐ฑ๐š๐ง๐Ÿ๐š๐๐ก๐ฎ.
โ˜˜๏ธ ๐”๐ฆ๐ซ๐ข๐ข ๐๐ก๐ž๐ž๐ซ๐š๐ญ๐ฎ๐ฎ ๐ฒ๐จ๐จ ๐›๐š๐ซ๐›๐š๐š๐๐๐ž, ๐ญ๐จ๐ฅ๐ญ๐ฎ๐ฎ ๐๐š๐ฅ๐š๐ ๐š๐๐ก๐ฎ.
โ˜˜๏ธ ๐Ž๐›๐›๐จ๐ฅ๐ž๐ฐ๐ฐ๐š๐ง ๐ค๐ž๐ž๐ญ๐ข๐ข๐Ÿ ๐ฒ๐š๐š๐๐š ๐ ๐š๐š๐ซ๐ข๐ข ๐ช๐š๐›๐š๐š๐๐ก๐ฎ.
โ˜˜๏ธ ๐‡๐š๐ช๐š๐š ๐Ÿ๐ข ๐›๐š๐š๐ฑ๐ข๐ฅ๐š ๐ซ๐š๐ ๐š๐š๐ง ๐š๐๐๐š ๐›๐š๐š๐Ÿ๐š๐๐ก๐ฎ.
โ˜˜๏ธ ๐๐š๐ซ๐ง๐จ๐จ๐ญ๐š ๐š๐ฆ๐š๐ง๐ญ๐ข๐ข ๐ค๐ž๐ž๐ญ??๐ข ๐ฑ๐ข๐ช๐ช??๐จ๐ฅ๐ฅ๐ž๐ž ๐ญ๐š'๐ฎ ๐›๐š๐ซ๐š๐๐ก๐ฎ.
โ˜˜๏ธ ๐’๐ก๐š๐ซ๐ข'๐š๐š ๐๐ข๐ข๐ง ๐ค๐ž๐ž๐ญ๐ข๐ข ๐ฌ๐ข๐ซ๐ซ๐ข๐ญ๐ญ๐ข ๐š๐ค๐ž๐ž๐ค๐ค๐š๐๐ก๐ฎ.
โ˜˜๏ธ ๐Š๐ก๐ž๐ž๐ฒ๐ซ๐ข๐ข ๐ค๐ž๐ž๐ฌ๐ฌ๐š๐ญ๐ญ๐ข ๐ฎ๐ฆ๐ซ๐ข๐ข ๐๐ก๐ž๐ž๐ซ๐ญ๐ฎ๐ฎ ๐ค๐š๐๐ก๐š๐๐ก๐ฎ.
โ˜˜๏ธ ๐–๐š๐š๐ง ๐ช๐š๐›๐๐ฎ ๐ข๐ซ๐ซ๐š๐š ๐ฌ๐š๐๐š๐ช๐š๐š ๐ค๐ž๐ง๐ง๐š๐๐ก๐ฎ.
โ˜˜๏ธ ๐Š๐š๐ง ๐๐ก๐ฎ๐ค๐ค๐ฎ๐›๐ฌ๐š๐ญ๐ž ๐›๐ข๐ซ๐š ๐๐ž๐ž๐ฆ๐ข๐ข ๐ ๐š๐š๐Ÿ๐š๐๐ก๐ฎ.
โ˜˜๏ธ ๐Š๐š๐ง ๐ค๐ก๐ž๐ž๐ฒ๐ซ๐ข๐ญ๐ญ๐ข ๐ฌ๐ข ๐ฐ๐š๐š๐ฆ๐ž ๐ฃ๐š๐ฅ๐š๐š ๐š๐ฐ๐ฐ๐š๐š๐๐ก๐ฎ.
โ˜˜๏ธ ๐ˆ๐ฅ๐ฆ๐š ๐ง๐š๐ฆ๐š๐š ๐ก๐ฎ๐ง๐๐š๐š๐Ÿ ๐ค๐š๐›๐š๐ฃ๐š๐š ๐ช๐š๐›๐š๐š๐๐ก๐ฎ.
โ˜˜๏ธ ๐‡๐š๐š๐๐ก๐š๐š ๐Ÿ๐ข ๐€๐›๐›๐š๐š ๐ค๐ž๐ž ๐ญ๐จ๐ฅ๐š ๐ข๐ญ๐ญ๐ข ๐จ๐จ๐ฅ๐ฎ๐ฎ๐ง ๐ ๐š๐ฆ๐ฆ๐š๐œ๐ก๐ข๐ข๐Ÿ๐š๐๐ก๐ฎ.
โ˜˜๏ธ ๐Š๐š๐ง ๐ญ๐จ๐ฅ๐š ๐ฌ๐ข๐ญ๐ญ๐ข ๐จ๐จ๐ฅ๐ž ๐ก๐ฎ๐ง๐๐š ๐ ๐š๐ฅ๐š๐ญ๐ž๐ž๐Ÿ๐Ÿ๐š๐๐ก๐ฎ.

GAGGEESSUMMAA FI LUKKUU HAADHOOYaada ijoo- Aarsa Abjuuf Kaffalamuu!GAGGEESSITOONNIS IRRAA BARADHAA!Qabxiillee Jajjaboo K...
31/12/2024

GAGGEESSUMMAA FI LUKKUU HAADHOO

Yaada ijoo- Aarsa Abjuuf Kaffalamuu!

GAGGEESSITOONNIS IRRAA BARADHAA!

Qabxiillee Jajjaboo Kudha Tokko(11) Lukkuu Haadhoo irraa Barataman

1. Osoo hin haammatin dura jalqaba hanqaaquu gahaa buufti
โ˜žKAROORA QINDAA'AA

2.Yeroo hanqaaquu ishee irra taa'uu jalqabdu ykn haammattu sochii ni xiqqeessiti
โ˜žNAAMUSA

3.Sababa hanqaaquu ishee hammattuuf nyaatas waan hir'istuuf, ulfaatinni qaamaa ishee ni hir'ata
โ˜žWAREEGAMAA FI OF KENNUU

4.Hanqaaquu lukkuu birootiif irra taa'uu ni dandeessi
โ˜žAL-LOOGUMMAA FI ARJUMMAA

5.Guyyaa digdamii tokko (21) hanqaaquu ishee irra teessee obsaan eeggatti, yoo jalaa shamtellee deebitee hanqaaquu biroo buufti
โ˜žAMANTAA, ABDII FI ABDII KUTANNAA DHIISUU

6.Hanqaaquu cuucii hin qabne adda baafattee kophaa baafti
โ˜žXIINXALAA FI HUBANNOO

7.Hanqaaquu manca'e dhiistee tokko qofa yoo ta'ellee ilmoolee kan qabdu kunuunsuu eegalti
โ˜žOGUMMAA, DAMMAQINAA FI DHUGAA

8. Cuucii ishee homtuu hin tuqu
โ˜žKUNUUNSAA FI JAALALA

9. Cuucii ishee hunda walitti qabdi
โ˜žTOKKUMMAA FI KAAYYOO

10.Ilmooleen ishee osoo of hin danda'in kophaa hin dhiistu
โ˜žITTI GAAFATAMUMMAA

11.Yeroo hunda ilmoolee ishee fuuldura deemti
โ˜žHOGGANSAA FI FAKKEENYUMMAA

Address

Dire Dawa
Addis Ababa

Telephone

0953009216

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Birraa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share