
16/07/2025
Yaa jireenya! Qajeelumman hin jiru yoo ta'e akkasumaani.
Nagaan siif Haa Baay'atu jechuun jaalladha.
Nagaa yeroo jedhamu waan salphaa fakkaata arraba irratti ,garuu waantoota addunyaa kana irraa ulfaato ta'an osoo walitti qabne nagaa waliin madaaltu irra keenye hanga Nagaa madaala hin kaasan. Nagaa Bu'uura waan hundaati . Nagaa malee Dalagaan hin jiru, nagaa malee Barnoonni hin jiru, Nagaa malee Gammachuun hin jiru. Yeroo tokko tokko nagaa yeroo qabnu of hin beeknu maal akka hojjenne maal akka dhiifnu hundumasaa cuuraa oolla. Kabajaas waliif hin qabnu, Uumaa keenyas daganna akka waan ofi keenya nama Uumneetis nama ilaalas yeroo hiyyeessa arginumoo ciruma. Garuu sirnoonni Uumamaan akkuma jijjiramuu akkuma nagaan jiru nagaa dhabuun jira . Yeroo kana Egaa kan bakka jirru barru erga nagaan keenya saamamee , erga waan garaa keenya dalagnee quufnee guyyaan nutti dhufee booda kan Uumaa keenya barbaannu. Erga wal awwaalle booda yeroo dhagaa waliif guurru waliif gaddina Sobne. Erga dabarsinee wal kenninee erga wal miine , sobne hidhii waliif xuuxna . Gadda soba waliif gaddina irraan nama waalif quuqamu fakkaanna keessaan garuu rakkoo rakkoo waliif ililchaa oolla.
Egaa Akka goonu ;akkas gonna qooda wal dabarsuu waliif dabarsinee of kennina, qooda wal miidhuu waliif miidhamna, qooda rakkoo waliif ililchaa oollu waliif Birmanna, qooda qaawa walii bal'ifnu qaawa walii cufna yoos nama taana, Nagaas ofiif waliifis qabaana. Uumaan keenya iyyuu Gaarummaa fi Qajeelumma inni nutti Argisiise keenyaan diinumaa waaqayyoo fi ilmaan nama gidduuti ijaaramee turee fi balbala jireenya cufamee lubbuu isa aarsa godhee keenyaan Diinummaa sana diige namoonni jaalalan warri fedhan akka isatti amananii jireenyicha qooddatan godhe. Gooftan iyesus kiristoosi karra balbalichaa nuf ta'e.
Jireenya Qajeelumma fi nagaan guutu ta'es isa irraa baratama, isarratis dhaalama. Kanaf jireenyi qajeelumma of keessaa hin qabne akkasumaani koodeekoo.
Nagaa buusuf dhama'i , qajeelumma ol kuufadhu....