
21/07/2025
RAKKOO KEENYA
# # # # # # # # # # # # # #
Rakkoon keenya baayyee
Yoom himamee dhumaa
Inni ammaa faati
Caalee jira kuma!
Waaqaa summiin roobee
Lafaa qoreen margee
Lolaan lafa yaa'u
Dhiigni muldhii darbe
Akka talbaa wacee
Sagaleen rasaasaa
Cinqaa gaafas tureen
Ballaan ija baasa!
Azaaba lafarraa
Bosonni gubatee
Namni keessa jiruuf
Bineensi dhumatee
Akka qeexii mukaa
Lafeen lafa ciisee
Kuun dhumee kuunimmoo
Lafasaa gad dhiisee
Dhukaasa boombiitiin
Daa'imni cinqamee
Kophaasaa biyyarraa
Baqachuuf dirqame
Badhaatuu kan turtle
Dacheen magariisni
Bubullooftee dhumtee
Irra guute dhiigni
Abbaan joollee baayyee
Sibiilaan tumamee
Namni lubbuun jiru
Ibiddaan gubame
Funyaa sibiilaa tiin
Mukaf-fannifamee
Akka reeffa saree
Lafarra harkifamee
Ijoolleen daa'imni
Durbi gudeedamtee
Osoo lubbuun jirtuu
Fayyaan awwaalamte
Jiraachuun ulfaate
Biyya ofii keessa
Galaa tokko malee
Biyya ormaa dheessan
Kaan galaanni nyaatee
Kaan karaatti du'ee
Kaan bineensi nyaatee
Kaanis qilee bu'e