27/09/2024
BARNOOTA 13FFAA
GOOFTAAN DU'AA KA'E
JIMAATA Fulbaana 27
Yaada Dabalata:
Kitaaba Ellen G. Waayit, The Desire of Ages jedhamu irraa mataa duree "Gooftaan Ka'eera".fi "Dhaqaa Saba Hundumaa Barsiisaa" jedhu fuula 779-.787 fi 818-828. Dubbisi.
"Nama amanaadhaaf Kiristoos du'aa ka'uu fi jireenya. Jireenyi karaa cubbuu bade fayyisaa keenya keessaan iddootti deebi'e, sababni isaa inni nama barbaade jiraachisuuf jireenya of keessaa qaba. Inni mirga jireenya hin duune kennuu wajjin dabarsee kenne. Namummaa isaatiin jireenya isa du'atti kennee deebisee fudhatee sanyii namaaf kenna.. "ani jireenya haa qabaataniif, irraa hafaas haa qabaataniif dhufeera" jedhe." "Bishaan isa ani kennuufiif jiru irraa inni dhugu garuu, bara baraan hin dheebotu; bishaan inni ani kennuufiif jiru, isa keessatti burqaa bishaanii isa jireenya bara baraatiif burqu in ta'a" jedhe." "Eenyu illee foon koo kan nyaatu, dhiiga koos, kan dhugu jireenya bara baraa qaba; anis guyyaa isa dhumaatti du'aa isa nan kaasa." Yohaannis 10:10; 4:14; 6:54.
"Nama amanaaf duuti waan xinnoo dha. Kiristoos waa'ee isaa akka waan inni yeroo xiqqoof ta'eetti dubbate. "Namni dubbii koo eegu bara baraan hin du'u" .inni yoomiyyuu du'a hin dhamdhamu.' Kiristaanaaf duuti hirriba, yeroo callisaa fi dukkanaa muraasaati. Jireenyichi Kristosii wajjin Waaqayyo keessa dhokateera. Kristos inni jireenya nuuf ta'e yommuu mul'atu isinis immoo isaa wajjin ulfinaan mul'achuuf jirtu" Yohaannis 8:51, 52; Qol. 3:4."- Ellen G. White, The Desire of Ages, pp. 786, 786.787.
Barreessitoonni seenaa warri Waaqayyoon hin amanne illee, warri dhugaa du'aa ka'uu fudhachuu hin dandeenye, Yesus ajjeefamuu isaa qofa utuu hin taane, garuu erga du'ee booda namoonni baay'een Kiristoos isa du'aa ka'e arganerra akka jedhan ni amanu, kanarraa kan ka'es isaan wiirtuu waldaa kiristaanaa taate jalqaban.Namoonni tokko tokko maaliif akkas akka jedhan ibsuuf yeroo yaalan akkas jedhu, Yesus obboleessa lakkuu qaba ture, ykn bartoonni warri jalqabaa immoo Yesusiin arguu yaaduudhaan abjootan jedhu. Kaan ammoo Yesus dhuguma hin duune, garuu of wallaalee booda, deebi'ee jiraate. Jedhu. Namni biraa ormatu dhufee dhagna isaa fudhate jedhu. Attamitti akka isaan hin hojjennee fi Falmii kana hunda sababan ilaaluuf, see Clifford Goldstein, Risen: Finding Hope in the Empty Tomb (Pacific Press, 2021).
Gaaffiiwwan Marii
1. Bartoonni waa'ee du'aa ka'uu Yesus sobuu maaliif danda'u turan? Waan beeknu hundarraa amantii isaaniif jibbamuu, qofaatti dhiifamuu, fi ari'atamuu malee wanti biraan isaan hin mudatu. Seenaa kana uumanii qopheessuudhaan silaa maal argatu turan?
2. Du'aa ka'uu Yesus ilaalchisee ragaan baay'ee nama amansiisu siif maali? Sababa kee kutaa keessaniif qoodi.
3. Abdii guddaa du'aa ka'uun Yesus nuuf kennu irratti caalaatti xiyyeeffadhu. 1 Qorontos 15 dubbisi. Phaawulos du'aa ka'uu Yesusiin uffachuun isaa hangam barbaachisummaan qaba?
t.me/sogproduction