Fof Technology Solution

Fof Technology Solution The delight place of your Tech Need.

13/05/2026

#태아보험30세 #태아보험 #태아보험추천 앞으로 태어날 소중한 아이를 위해, 지금 바로 태아보험 30세만기를 준비하세요! 👶💕2026년 최신 기준으로 태아보험 30세만기 가입 방법부터 보장 범위, 보험료까지 한 번에 정리해 드립....

 -tolchee ykn   (AI) maali?Aartifiishal Intellijens (AI) jechuun maashina yookin kompiyuutara akka namaatti yaaduu fi ho...
10/04/2025

-tolchee ykn (AI) maali?

Aartifiishal Intellijens (AI) jechuun maashina yookin kompiyuutara akka namaatti yaaduu fi hojjechuu danda’uu dha. Kana jechuun, kompiyuutara akka sammuu namaatti wantoota namni hojjatu gochuu danda’uudha
– fakkeenyaaf fuula namaa adda baasuu, sagalee namaa adda baasuu, murteessu, taphoota gara garaa taphachuu fi kkf dha.

---

Fakkeenya salphaan Artafishaal Intallijans (AI) jireenya guyyaa guyyaa keessatti:

- Google Assistant / Siri / Alexa:- Sagalee keetiin si dhagahanii siif deebisu.

-YouTube / TikTok Recommendations:- Viidiyoo ati barbaaddu fi jaallattu osoo ati hin gaafatin siif dhiyeessuu.

Suuraa namaa adda baasuu fi Beekuu (Face Recognition): Bilbilli kee suuraa kee arguu fi adda baasuu danda’uu.

Makiinaa ofiin adeemu(Self-driving Cars): Daandii beeka, konkolaataa ofiin oofuu danda’u.

Email keessaa ispaam adda baasuu (spam protection): ergaawwan si hubuu danda'an ofiin adda baasuu fi haquu yookin dhoksuu.

---

AI akkamitti hojjeta?

daataa kennameef irraa Haala armaan gadiitiin hojjata:

1. Input: daataa jalqaba kennamuuf (fkn. fakkii namaa, bineensaa,adurree).

2. Barachuu: Fakkii san irraa akkuma namaa arguun, dhagahuun , tuquun akka baratu godhama (akkuma gurra, ija, gogaa namaa).

3. Deebii: Eergasii wanta kennameef irratti hundaa'uun deebii kenna: “kun sareedha!, kun nama , kun bineensa jedhee deebii kenna”

Adeemsi haala armaan olii kanaan barachuu danda'u jedhama – inni kun kutaa AI keessaa tokko.

---

Gosa AI:

1. AI Dadhabaa (Narrow AI): Hojii tokko qofaa hojjeta (fakkeenyaaf Google Translate).

2. AI Cimaa (General AI): Hojii namni hojjettu kamuu hojjachuu danda’a (yeroo amma itti fayyadamaa jirra. fakkeenyaa chat bootiwwan gara garaa)

3. AI Ol’aanaa (Super AI): Nama caala, yaada cimaa qaba – amma hin uumamne, yaada qofaan jira hanga ammaa.

---

AI maaliif barbaachisaa?

- Yeroo siif qusata (hojii hojii yeroo dheeraa sitti fudhatu yeroo gabaabatti siif hojjechuu danda’a)

- Dogoggora hir’isa

- Hojiiwwan akka daldalaaf faayidaa qaba (akkuma chatbot ykn tajaajila maamilaa)

-Jireenya ilma namaa salphisuu keessatti gahee ol'aanaa qaba.

nutillee teeknoolojiiwwan akkanaa kana waliin walitti madaquudhaan jireenya keenya salphisuu fi addunyaa waliin adeemuun barbaachisaadha.

Galatoomaa!
Egeree Sci-tech

14/10/2022

Warroonni DV-2024 Ameerikaa guuttachuu barbaaddan photo keessan sirnaan isiniif tolchinee (edit goonee) haala gaariin ni guunna nu dubbisaa

*Dhaabbanni Maaykiroosooft (Microsoft) Wiindoo 11 (window 11) irratti fooyya'iinsa diigdamii lama taasisuu isaa beeksise...
31/08/2022

*Dhaabbanni Maaykiroosooft (Microsoft) Wiindoo 11 (window 11) irratti fooyya'iinsa diigdamii lama taasisuu isaa beeksise*

Maayikiroosooft ooppireetiing siistamii 11 irratti filannoowwan fooyya'iinsa rakkoowwan armaan dura ture furuu danda'an diigdamii lama qabatee dhufuu isaa beeksise. fooyyeewwan kunneenis bara haaraa faranjootaa irratti hojii irra akka oolu ibseera.

Fooyya'iinsa kanaan maayikiroosooft dandwettii wiindoo 11 (window 11) kan guddise yoo ta'u kunis wantoota ergama badii ta'anii fii aggaammiiwwan xaxamoo ta'an adda baasuu fii ofirraa ittisuu akka danda'u ibsame. Fooyyeewwan diigdamii lamatti lakkaa'aman dhaabbatichi qabatee dhufe keessaa rakkoowwan USB printiing waliin wal qabatee dhufu kan hambisu yookin immoo aappiwwan adda amanamoo hin taane irraa bu'an osoo rakkoo hin geessisin akkasuma addaan ciccitiinsa biluutuuthii(Bluetooth) waliin wal qabatee dhufan kan hambisuudha.

tajaajila fooyyeffamaa kanneen fayyadamuuf tajaajilamtoonni fulbaana dhufuu irraa jalqabee siitiingii(setting) keessa galuun karaa maanuwaaliin (manually) fooyyessuu akka danda'an ibsameera.

Galatoomaa !!!
Egeree Sci-tech

*****"Airplane mode" maali? "****Airplane mode" akkaataa bilbila keenna yeroo xiyyaaraan balaliinu tajaajila daataas ta'...
09/08/2022

*****"Airplane mode" maali? "****

Airplane mode" akkaataa bilbila keenna yeroo xiyyaaraan balaliinu tajaajila daataas ta'ee Wifi irraa daangessinuudha. yeroo kana bilbila bilbiluu, ergaa barreeffamaa erguu, mediyaa hawaasummaa fayyadamuu hin dandeennu. karaa biraatiin bilbila keenna guutumatti osoo hin cufin qunnamtii kanniin irraa daangessuuf itti fayyadamna. fakkeenyaaf muuziqaa dhageeffachuuf viidiyoowwaan offline ta'an daawwachuuf qofa fayyadamna.

Yeroo balali'iinsaa Xiyyaararratti "Airplane mode" gochuun maalif barbaachisee?
bilbila xiyyaara irratti Airplane mode' gochuun kan barbaachiseef siignaalaa bilbilli gad dhiisuun wal qabata. yeroo balali'insaa bilbilli keenna taaworii telephoonaa irraa fagaataa deema. kanaafuu taaworii telephoonaa wajjiin wal qunnamuuf hin danda'u, kanaafuu bilbilli keenna taaworii ittiin wal qunnamu barbaaduuf elektirikaal siignaalii (electrical signal) guddaa gad dhiisa yeroo kana siignaalli bilbilarraa gad dhiifame sun gara "headphone" isaatiin waan itti dhagahamuuf qunnamtii paaylatichi taasisu irratti jeequmsa uuma. kanaaf qunnamtii inni taasisu irratti dhiibba sababa uumuufi. Kana jechuun odeeffannoo balaliisaan xiyyaaraa argachuu qabu waan jalaa jeequfi.

-tech
Galatoomaa!

  5G’n dhaloota neetwoorkii dhaloota shanaffaa fi 4Gtti aanee kan dhufee teeknooloojii baay’ee  ammayyaa’aa yoo ta'u wan...
07/03/2022


5G’n dhaloota neetwoorkii dhaloota shanaffaa fi 4Gtti aanee kan dhufee teeknooloojii baay’ee
ammayyaa’aa yoo ta'u wantoota haaraa qabatee kan dhufeedha. Teeknooloojii “multiple input multiple output”(MIMO) kan jedhamuu kan fayyadamuudha. 5G’n bara 2018 jalqaba addunyatti kan beeksifame yoo ta’u, innis karoora addunyaa neetoorkiidhaan (virtually) walitti hidhuu qabatee kan dhufe yoo ta’u, dalagaawwan ajaa’ibsiisoo qabatee kan dhufeedha. Garuu qaamolee tokko tokko irraa teeknooloojii kana irratti qaamolee
gara garaa irraa sababa gara garaatii mormiin irratti qaqqabaa jira.
5G’n
- Saffisa hanga harka dhibbaa(100) 4G irra qaba.
-viidiyoo koonfiransii baay’ee qulqulluu ta’e, konkolaataa ajaja riimootiidhaan konkolaachisaa malee dalagu,roobootiiwwan gara garaa, tajaajila
wal’aansaa kennuu fii tajaajiloota gara garaa hedduuf tajaajila kennuu danda’u.
-dambalii baandiwiithii(bandwidth) 30GHz hanga 300GHz qaba.
-sakandii takka keessatti hanga giigaa baayitii kudhanii (10GB) faayila barbaanne buusuu(download)
gochuu danda’a.

Tajaajilli "google" kennaa ture kan yeroo muraasaaf addaan addaan citee ture har'a tajaajila kennuu eegalee jira. sababa...
23/02/2022

Tajaajilli "google" kennaa ture kan yeroo muraasaaf addaan addaan citee ture har'a tajaajila kennuu eegalee jira. sababa kanaan torri intarneetaa kan akka "youtube" hojjachuu jalqabanii jiru.

 3G akkuma maqaa isaa irraa hubannutti “third generation” yookin immoo dhaloota moobaayilaa sadaffaa yoo ta’u. yeroo dur...
19/02/2022



3G akkuma maqaa isaa irraa hubannutti “third generation” yookin immoo dhaloota moobaayilaa sadaffaa yoo ta’u. yeroo duraatiif hojii irra kan oole bara 1998 jaapaan keessatti yoo ta’u, yeroo Jalqabaaf gabaadhaaf kan dhiyaate immoo kooriyaa kibbaa(south korea) keessatti dhaabbata telekoomii SK jedhamuunidha. inni kun 2G irraa teeknooloojii CDMA (Code division multiple access) jedhamu irratti hundaa’uun siistamoota lama dabalatee kan dhufeedha innis kan jalqabaa UMTS kan jedhamu GSM 3G’n fayyadamuuf kan nu gargaaru yoo ta’u inni biraa immoo CDMA2000 kan jedhamu sagalee erguuf , daataawwan gara garaa iddoo tokkoo gara biraatti dabarsuuf fi kan kana fakkaataniif kan nu gargaaruudha. Dhaloonni neetwoorkii kun dambalii hanga 2100MHz keessatti dalaguu danda'a.
Amaloota 3G Keessaa immoo muraasni.
- Saffisa 384kbps hanga 2Mbps qaba.
- Wantoota akka bilbila viidiyoo(video calling) fayyadamuun ni danda’ama.
- Daataawwan gara garaaa daaddabarsuuf ni fayyada.
- Dandeettii guddaa tajaajila broadbandii kan fayyadamsiisuudha.



Garaagarummaan inni guddaan 3G fii 4G saffisa daataa isaan qabaniidha (speed). Kan biraa immoo teeknooloojii fayyadaman irratti garaagarummaa guddaa qabu. Teeknooloojii ijoon 4G adda taasisu MIMO(multiple input multiple output) fi ODFM(orthogonal frequency division multiplexing) jedhamaniidha. Staandaardiin baay’ee murteessoon 4G WiMAX and LTE Jedhamu. LTE’n fooyya’iinsa (improvement) 3G ti.
Taajaajilli neetwoorkii yeroo dhiyoo kana biyya keenna keessatti Ethio telekoomidhan jalqabaa jirus tajaajila 4G LTE isa kanaadha. Inni kun 3G irraa saffisa intarneeta ol’aanaa kan qabuudha.
- Saffisa Intarneetaa(speed) 20Mbps fii isaa ol kan qabuudha.
- tajaajilli broodbaandii(broadband) 4G LTE Harka kudhan(10x) kan 3G irra caala.


isa kana immo sadarkaa neetwoorkii isa guddaa fii isa dhumaa addunyaa kanaa reefuu yaalirra jiru yeroo itti aanutti ilaalla.

itti fufa.....

SHARE gochuun nama biraan gahaa.

GALATOOMAA!

Address

Addis Ababa

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Fof Technology Solution posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share