08/08/2025
Finfinneen Magaalaa Garmalee Qilleensishee Faalame Ta’uun Gabaafame
: Finfinnee: Hagayya 08, 2025: Finfinneen magaalaa qilleensi ishee garmalee faalame ta’uu dhaabbanni qorannoo qulqullina qilleenaa IQAir ifoomse.
Dhaabbati IQAir maxxansa isaan, amma Hagayya 06, 2025 qulqullinni qilleensaa Finfinnee namoota rakkoo hargansuu qabaniif fayyaalessa mitii jedhe. IQAir safara qulqullinaan, Finfinneetti qilleensa Maayikroo giraamii Meetir kuubii tokko keessa, waantota jajjaboo fi dhangalaa’aa qilleensa keessa facaa’anii jiran (particular matter [PM]) 2.5 jedhaman kan somba namaa seenanii miidhaa geessisan 54.2 (54.2 µg/m³) ti jiru jechuun sadarkaa qulqullina qilleensa Finfinnee addunyaarraa 147ffaarra kaa’eera.
Sadarkaan qulqullina qilleensaa Finfinnee kunis kan Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa kaa’e; qilleensa Maayikroo giraamii Meetir kuubii tokko keessa, waantota jajjaboo fi dhangalaa’aa qilleensa keessa facaa’anii jiran (particular matter [PM]) 2.5 jedhaman; 15 (15 µg/m³) kan caaledha. Kanaafis keessumaa namoota rakkoo hangarsuu qabaniif dhibee ta’uu danda’a jedhe.
Kanarraa kan ka’es haga Hagayya 06, bara 2025tti Finfinneen magaalota Addunyaarrra qilleensi isaanii faalame gurguddoo keessaa Kinshaasaa, Maanaamaa (Baahireen) fi Kaampaalaa of dura buusuun sadarkaa afraffaarra teessee jirti. Faalamni qilleensaa Finfinniee guyyaa kan akkaan mullatuu fi halkanis yeroo namni hojii manaa hojjetatu garmalee kan mullatu jedhame.
Faalama qilleensaa Finfinneefis kan ittuu baballisaa jiran sochiiwwan konkolaataa gurguddoo, Cilee fayyadamuu, awwaara ijaarsarraa darbatamu fi nami bakkee keessatti waa gubuu akka ta’e IQAir ibseera.
gabaase Addis standard afaan oromooti.
Dubbiin nama biyya kanaas kanaaf walfaale jechuudha waansaa??