Magarsaa Dooguu Show

Magarsaa Dooguu Show Milkaa'ina keetiif cabxee bayxullee gumaa hin barbaadin! Gumaan Cabuu fi baquu keetii Milkaa'ina keet

22/08/2025

Du'aa'ii Part_231
Muddaa furaan sihaa furu
Dhaqqabaan sihaa dhaqqabu
Haaja baas haajaa sihaa baasu

22/08/2025

Part_2050
Hanga of hin barretti of beekuun ni ulfaata !

Ofii fi Waa'ee keetii beekuuf dura of baruun dirqama.

Megersa Yedin Mume

21/08/2025

Part_2015
Sii fi rabbi jidduu SALAATA sii fi Nama jidduu Haalaa fi amala kee tolchi !

Megersa Yedin Mume

Kutaa_1ffaaSEENAA NAMA BOOCHIFTU😭😭😭Si fayyaduun ooluutii Oobsaan DubbisiMucaa Haadha hin qabne Seenaa dhalootuma isaarra...
18/08/2025

Kutaa_1ffaa
SEENAA NAMA BOOCHIFTU😭😭😭

Si fayyaduun ooluutii Oobsaan Dubbisi

Mucaa Haadha hin qabne Seenaa dhalootuma isaarraa eegala guyyuma inni dhalate haatii irraa duute, abbaan isaa fuudhee Adaddaa isaatitti kanne abbaan baatii 7 taa’eeti jaartii haaraya fuudhee, mucaa xiqqaa amata hin guutin Adaddaa biraa fuudhee jaarti haarayatti kanne !!

jaartiin tun amata 3 booda joole lama dhalteef jaartii tun mucaa kan argaa isaatu hin feetu, garuu abbaan mucaa dubbii tana hin beeku, Inni guyyaa hojii oolee, galgala
eega inni rafe gala. mucaan kun xiqqaadha jaalala Haadhaa tan abba tan ollaa barbaada, taphachiisu
barbaada garuu dubbiin faalladha, Haati mana Yeroo isa manatti agaartee sagalee ol-fuute gurratti iyyiti,
Ni Rifaachiifti Mucaan Guyyaa guutu ala barandaa simintoorra ta,aa oola yookaan Mana duuba yoo
Hirribni qabees achuma simintoorra Rafa, Nyaata joolleen isii nyaatte irraa hafe fuuteeti hojjattuu manaatti kannitee “hodhaa mucaa san duraatti facaasi” jettiin

Amma mucaa umriin isaa waggaa 4 Guyyaan Guyyaa Iidaati Haati manaa hoolaa qaltee firaa fi aalii Yaamtee haadhaa fi abbaa isiitis yaamtee Guyyaa guutuu nyaatanii Dhuganii bashannanaa oolan, mucaan arras
manuma duuba kophaa simintoorra ta’aa oole, Ruuza adii hojjattuun kannitef nyaate beela isaa firraa gad deebise, aduun dhiinaan namuu addaan faca'an biiyti biyya baradoo tan haalaan qabbanooytu turte qabbanti tan nama dhiisi bineensa gurguddaahuu ajjeeftu turtee mucaan siminto gubbatti miidhame, osoo hollattuu
Ilkaan isaa wal tumuu achumaan simintoorra rafe !!

Abbaan galagala sa’aa 4 galee nyaatee siree isaarratti ol bahee akkana ja,e “mucaan kiyya hoo eeysa jira Jennaan akkana jetteen “mana hojjattuun galtu isii bira rafe” jetteen innis ofiirra rafe osoo rafuu Haati Mucaa tan
duute abjuun itti dhuftee akkana jetten “ ka’ii muca laali”innis lafaa utaale jaartiin akkana ja’e “mucaan kiyya Eessaa jira” isiinis “maal akkana mucaa jechaa oolta? .......

18/08/2025
16/08/2025

●Dubbisii irraa baradhuu sii fayyadaa.❤️💚
♡Maqaan isaanii = (ﷺ
♡Maqaa Abbaa = Abdallaa
♡Maqaa Haadhaa = Amiinaa
♡Guyyaa dhalootaa = 12 Rabi al-awal
♡Guyyaa du'an = 632, 11 hijraa booda
♡Umriin isaanii = woggaa 63
♡Iddoon dhalootaa = Makkaa
♡Iddoon itti du'an = Madiinaa
♡Turtiin Makkaa keessaa = Wogga 50
♡Turtiin Madiinaa keessa = Wogga 13
♡Ogummaan isaanii = Duraan Daldala
booda Ergama Rabbii
(Nabiyyii)
♦Turtiin Daldalaa =Wogga 26 (583-609)

♦Turtiin Ibaadaa =Woggaa 23 (609-632)
--------------------------------—------------------------------------
♥ isaanii fi Turtii isaani

1፦ Khadiijaa Bint Whowaylid (595 - 619)
2፦ Sawda Bint Zam'aa (619 - 632)
3፦ A'ishaa Bint Abubakir (619 -632)
4፦ Haafizaa Bint Umar (624 - 632)
5፦ Zeynab Bint Khuzeyba (625 - 627)
6፦ Hindii Bint Umeyyaa (625 - 632)
7፦ Zeynab Bint Jahsh (627 - 632)
8፦ Jawhayriyaa Bint Alhariz (628 - 632)
9፦ Ramlaa Bint Abisufiyan (628 - 632)
10፦ Rayhana Bint Zayid (629 - 631)
11፦ Safiyyaa Bint Huyayyi (629 - 632)
12፦ Meymunaa Bint Alhariz (630 - 632)
13፦ Mariyyaa Al-Qibxiyyaa (630 - 632)

Ijoolleen Isaanii፦
1፦ Al-Qaasim
2፦ Abdallaa
3፦ Ibraahim
4፦ Zeynab
5፦ Ruqiyyaa
6፦ Ummu Kulsuum
7:-faxumaa
Gochi isaanii ፦
-Tola ooluu
- Ibaadaa dalaguu
- Daandii Islaamuma
irratti jihaada bahuu
Haalaaf Amalli isaanii፦
Haqaaf Nageenya buusuu
Nama hundaa qixaan ilaaluu
Muslimoota jaalachuu
Tola namatti ooluu
beeyladootas ta'ee bineeldota
kabaja laachuu

♥Sallallaahu Aleyhi Wossallam

Address

Harer
Addis Ababa

Telephone

+251989207502

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Magarsaa Dooguu Show posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Magarsaa Dooguu Show:

Share