Bultum Press

Bultum Press Oduu Simbirtu

25/05/2025

Waamicha tokkummaa hayyoota Oromoof: Akkuma beekkamu yeroo amma tokkummaan dhaabbatanii qabsoo ummata Oromoo xumura itti godhuun barbaachisaadha. Kanaaf ammoo tokkummaan hayyoota Oromoo biyya keessaafi biyya Ormaa keessa jiran gaaddisa tokko jalatti walitti qabuun akkaan barbaachisaadha. Kanaaf hayyoonni Oromoo kan rakkinni sabni kiyya keessa jiruuf niin quuqama jattan hundi akka gaaddisa tokko jalatti walitti qabamtan waamicha isiniif goona!! Keessattuu Team Raabaa Doorii akkuma yeroo wayyaanee san akka tokkummaan gara hojiitti deebitan kabajaan isin gaafanna! Hayyoonni Oromoo ammas qabsootti hin jirtan jachuu keenya miti. Akkuma arginu amma namuu yaada isaa miidiyaalee dhuunfaa irratti ibsachaa jira. Kun gaarii ta'uus garuu tokkummaa akka ummatni fi qabsoo barbaaddu san argamsiisu irratti gaaddisa hayyootaatu furmaata ta'a. Akkasumaas hayyoonni Oromoo gaddisa tokko jalatti walitti qabamuutu dhiibbaa barbaachisu fi akeeka qabsoo ummatichi barbaadu galmaan gahuu danda'a. Kanaaf hayyoonni gaaddisa tokko jalatti koottaa walitti qabamaa kaayyoo ummata Oromoo galmaan gahuuf tokkummaan riqicha jabaa ta'a isiniin janna! Tokkummaan hayyoota Oromoo tokkummaa Oromoof Oromiyaa cimsa! Yaanni kun yaada Qeerroo Oromoo irraa buqqeedha!!

Hayyoota Oromoo hunda biraan gahaa!

21/05/2025

Oduu Ammee!!

MM Israael kan duraanii Yakkamaan waraana Netanyaahuun duguuggaa Sanyii Gaaz"aa keessatti raawwachaa jira kanaaf Addunyaan namicha dhala namaaf kabaja hin qabne kana irratti xiyyeeffachuu qabdi jachuun dubbate erga dubbiin kun dhagahame booda biyyoonni Addunyaa hundi ejjannoo IZra"ael irratti qaban ibsa baasuun jijjiira jiru. Keessattuu har'a Netanyaahuun dipiloomaatota Awurooppaa fi Araba irratti dhukaasa bansiisuun isaa mata dhuree Addunyaa dubbichi ta'eera. Haqni bakka jiru fi abbaan badii eenyu akka ta'e saaxilamaa jira. Yaa dhugaa ijoollee Gaa-zaa baga baate..

Oduu: Dr. Maahileet dabalatee namoonni 9 "hokkora fi jeequmsa kakaasuun" himataman;   gabaasaalee hidhaa ogeeyyii fayyaa...
21/05/2025

Oduu: Dr. Maahileet dabalatee namoonni 9 "hokkora fi jeequmsa kakaasuun" himataman; gabaasaalee hidhaa ogeeyyii fayyaa mirkaneesseera

Tibbana 'BBC Focus On Africa' irratti dhiyaachuun rakkoo ogeeyyii fayyaa biyyattii mudachaa jiruufi muuxannoo ishee biyya ollaatti argatte kan biyyashee waliin walbira qabuun ibsa kan laatte Dr. Maahileet Gu’ush dabalatee namoota sagal "hokkora fi jeequmsa kakaasuu" fi "humnoota farra nagaa waliin tumsuun" himatamanii har'a mana murtii dhiyaataniiru.

Galmeen himannaa maqaa Dr. Saamu'eel Haayiluutin banamee fi jalatti Dr. Maahileet dabalatee namoota saddeet tarreesse kun himatawwan "hokkaraa fi jeequmsa kakaasuun", "humnoota farra nageenyaa waliin tumsuun jeequmsa magaalaa kakaasuu", "itti gaafatamummaa ummataa fi mootummaadhaan itti kenname cinaatti dhiisuun dhukkubsattoota hin yaallu jechuu" fi "mobaayila isaanii fi miidiyaa hawaasaa fayyadamuun ergaa saba walitti buusu qoodu" kan jedhan of keessatti hammateera.

Himata Dr. Maahileet dabalatee namoota sagal irratti dhiyaate keessa sababa hojii dhaabuu kanaan dhukkubsattoota akka du'aniif sababa ta'uu isaanii kan eerame ta’uus, kilinika dhuunfaa keessa kan hojjettu Dr. Maahleet erga deesse booda waggaa tokkoo fi ji'a saddeet hojiirra akka hin turre miseensi maatii ishee Addis Standard dubbise himaniiru. Himatni irratti dhiyaate kunis akka ishee bakka hin buune dubbatan.

Haaluma walqabatuun Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa (KMNI) ibsa har’a baaseen, lagannaa hojii Caamsaa 13 eegalee ogeessota fayyaa guutuu Itoophiyaa keessa argamaniin gaggeeffamaa jiruun walqabatee ogeeyyii fayyaa irratti doorsisa fi hidhaan raawwatamuu, akkasumas tajaajila fayyaa irratti danqaan uumamuu mirkaneessuu ibseera.

Amazing: Chaayinaan diroonii guddicha Adduunyaa oomishte argisiisaaf dhiyeessuuf akka deemtu beekkamee jira. Dirooniin k...
21/05/2025

Amazing: Chaayinaan diroonii guddicha Adduunyaa oomishte argisiisaaf dhiyeessuuf akka deemtu beekkamee jira. Dirooniin kun baay'ee guddaadha. Dirooniin kun diroonii amma itti fayyadamdmaa jirru 300 ol of keessatti qabachuu danda'a. Kana malees dirooniin kun meetira 15,000 ol samii keessa ol fagaate balalii gaggeessuu danda'a. Kana malee sa'aa 32 qileensa irra turuu danda'a! Walumaagalatti dirooniin kun Addunyaa irratti diroonii ajaa'iba jadhame argisiisa isaa eegamaa jira. Chaayinaan kaayyoon diroonii kana oomishteef diroonii kana lubbuu loltoota qusachuufi akka carraa balaa Ibiddaa yoo uumamees itti fayyadamuuf akka hojjatte himtee jirti. Warri diroonii kireessuu bare amma oduu kana dhageenyaan argisiisni kun nu bira ta'uu qaba akka hin janne...😎 Addunyaan as irra geesse. Waan haaraa kamiifuu nu hordofaa!!

21/05/2025

Lammileen Itoophiyaa 47 mootummaa Sa'ud Arabiyaatiin murteen du'aa itti murtaa'ee 36 lubbuun jiran keessaa guyyaa kaleessaa nama lama akka ajjeefaman murtaa'uu namni dhimma kana itti dhiheenyaan hordofu OMNtti hime.

Kibba Sa'ud Arabiyaa Godina Naajiraan daangaa Sa'udii fi Yaman irratti qabamuun Magaalaa Naajiraan mana hidhaa waliigalaa “Sijinal ammi” jedhamu keessatti kan hidhaman lammiileen Itoophiyaa 47 murtiin du'aa itti murtaa'uu himan.

Rakkoo siyaasaa, diinagdee, hawaasummaa, hojii dhabdummaa, hiyyummaa fi dhiittaa mirga namoomaa mootummaa Itoophiyaatiin raawwatamu baqachuun gara biyyoota galoo galaana Edan kan imalan lammileen Itoophiyaa jireenyi baqaa dugda itti galuun murtiin du'aa irratti murtaa'uu OMNtti himan.

Gabaasa OMN Onkololeessa bara 2024 keessa lammiilee kana mana hidhaa keessatti bilbila dhoksaatiin dubbisuun gabaaseen, dallaalonni baala sammuu namaa hadhoochu dhoksaa fi dirqamaan baqattoota gara Sa'udi Arabiyaa imalanitti fe'uun ergaa turan.

Yeroo isaan daangaa irra gahan humnoonni nageenyaa mootummaa Sa'ud Arabiyaa sakatta'iinsa taasisaniin baqattoota kana yeroo garagaraatti baala sammuu namaa hadochuu waliin qabu jedhan.

Baqattoonni kunniin baala sammuu namaa hadhoochu baachuu isaanituu hin beekani, yoo beekanis dirqamaan itti fe'ani deemsisaniin jedhan.

Sababa kanaan mootummaan Sa'udii lammilee Itoophiyaa yeroo garagaraa baala sammuu namaa hadhoochaniin waliin daangaa biyyattii irratti qabe Magaalaa Naajiraan keessatti hidhuun murtee du'aa itti murteessuu ibsan.

Lammiilee Itoophiyaa 47 murteen du'aa itti murtaa'e keessaa 39 dhalattoota Oromoo ta'uu kan himu hidhamaan OMN dubbise, kanneen keessa nama lama kan maqaan isaani Mohaammad Ahmad Shaqab fi Abdallaa Yuusuf Elemoo jedhaman kan dhalootaan Oromiyaa Bahaa Harargee ta'an irratti murteen darbe gaafa Fulbaana 25 bara 2024 raawwatamuun ajjeefamu isaanii gabaafamaa jira.

15/05/2025

Amazing:: Maatii mootii Addunyaa irratti argaman keessaa maatiin warra Abdulaziz kan Sa'uudi Arabiyaa waggaa 100 oliif bulchaa jiru. Maatii mootota Addunyaa irratti argaman hunda dursuun qabeenya doolaarii 1.4$ Trillion horachuun Addunyaa irraa 1ffaa irratti argamu. Kun qabeenya biyyattiin qabdu hin dabalatu kun qabeenya maatii mootii Sa'uudi Arabiyaa ijoollee warra Abdulaziz qofaadha. Sa'uudi Arabiyaa mootii diinagdee Addunyaa yeroo jannu dhugaa irra dhaabbanneeti. Pireezidaantii Ameerkaa yeroo dura filame wanti daawwannaa jalqaba Sa'uudi Arabiyaatti godhuuf dhibbaa dinagdeen Sa'uudi Arabiyaa jirtu uumtu waan beekuufi. Maatiin mootii United Kingdom 2ffaa irratti argamu isaaniin qabeenya biyyoota Afrikaa irraa yeroo kolonii saamaniif kan ergasii horatan walumatti doolaarii Biiliyoona 500$ horataniiru. Maatiin mootii Qatar doolaarii Biiliyoona 400$ ol horachuun 3ffaa irratti argamu. Maatiin motii United Arab Emirates doolaarii Biiliyoona 350$ ol horachuu 4ffaa irratti argamu. Walumaagalatti Addunyaa irratti warri qabeenya gurguddaa harka qabu maatii warra moototaatti jachuudha.

06/05/2025

Oduu Ammee!!

Har'a seenaa haaraatu galmaa'e!! Har'a dubartoonni IZra"ael kan Magaalaa IZra"ael kan daangaa Gaa-zaa irratti dhiyoo jirtu irratti argamtu keessa jiraata turan yeroo waraanni Isra'ael gara Gaa-zaa fi'amaa jirtutti hiriira bahuun dhaadannoo isin warra harki diigaati. Isin warra Gaa-zaa keessatti yakka waraanaa raawwachaa jiruudha. Isin duguuggaa Sanyii raawwachaa jirtu lolli Gaa-zaa irra deemaa jiru dhaabbachuu qaba. Akka isin jattan osoo hin taane Gaa-zaa keessatti daa'ima fi dubrtootaatu wareegama jira jachuun hiriira bahanii jiru. Kun erga IZra"ael hundoofte yeroo jalqabaatiif dubartoonni IZra"ael kun dhugaa jirtu dubbatan. Haqni afaan qaban funyaaniin dhubbata kan jadhan sun isa kanaadha!! Dubartoonni IZra"ael kun gootota! Bilisummaan Falasxiin waan haftuu miti

06/05/2025

Innocent people are not stupid
They just think everyone has a good heart.

29/04/2025

Haleellaa US mooraa baqattoota Afrikaa Yaman jiru irratti raawwatteen 68 du'an

Haleellaa US qilleensarraan Yaman irratti raawwatteen yoo xiqqaate namoonni 68 ajjeefaman.

Haleellaan kun giddugala baqattoonni Afrikaarraa godaanan keessa tursiifaman ta'uu TVn garee Huutiin hoogganamu gabaaseera.

Bakki mooraan kun itti argamu Saada kan jedhamu yoo ta'u, kaaba-lixa Yaman kutaa hidhattoonni Huutii to'atan keessatti argama.

TVn Huutii Al Masirah jedhamu kanneen du'aniin alatti namoonni 47 madaa'uu gabaaseera.

Giddugalli Saada erga haleellaa qilleensaa Ameerikaan barbadaa'ee booda reeffi namoota hedduu caccabaa gamoo jalaa argamuu gabaase miidiyaan kun.

Haleellaa kana ilaalchisee gama humna waraanaa Ameerikaatii hanga ammaa wanti jedhame hin jiru.

Haleellaan kun erga ajaji giddugaleessaa US iddoowwan hidhattoonni Huutii jiran 800 caalan irratti qiyyaafatee haleellaa raawwachuu ibsee dhagahame.

Qiyyaafannaan kun erga Pirezidant Doonaald Tiraamp Bitootessaa 15 irraa eegaluun haleellaan qilleensaa cimaan garee Huutii irratti akka raawwatamu ajajanii isa guddaadha.

Ibsi ajaja giddugaleessaa US irraa ba'e akka jedhutti haleellaa qilleensaa kanaan ''loltoonni fi ajajoonni Huutii dhibbaan lakkaa'aman ajjeefamaniiru,'' jedha.

Qondaalli gameessi sagantaa misaa'elaa fi diroonii Huutii deeggaru kanneen ajjeefaman keessaati akka ibsa kanaatti.

12/02/2025

Bulchaan Aanaa Gooroo Guutuu gabaasa sobaatiin Pirazidaantii naannoo keenyaatii fi hoggansa olaanoo isaan waliin gara aanichaatti imalanii turan gowwomsee hojii qabatamaa hojjennee lafarra jiru daawwadhaa jedhee daawwachiisee hojii paartii fi mootummaa waliigalaatiin akka Oromiyaatti 1ffaa bahuun badhaasa konkolaataa badhaasame kun seeratti dhiyaateera moo hin dhiyaannee?Namicha kana irratti tarkaanffiin bulchiinsaa fi seeraa barbaachisaa ta'e fudhatamuu qaba.Koree hojii raawwachiistuu Godinaa keessaallee kanneen gabaasa sobaa isaatiif beekamtii kennanii sadarkaa 1ffaa baasanii badhaasaaf Oromiyaatti erganis hatattamaan tarkaanffiin irratti fudhatamuu qaba.

Address

Addis Ababa
#*@-&+ALMOSTDONE

Website

http://www.bultum.com/, http://www.bultum.com/

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Bultum Press posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Bultum Press:

Share