
09/08/2025
Waggaa 63n dura ture, namoonni waa'een eenyummaa fii leeccalloo biyyummaa qaban kan walitti dhufanii waa'ee gaddaa gammachuu, waa'ee Sadoo qananii Saba ifiitiif dubbatan. Yeroo sanitti Yeroo sirni kolonaaziimii biyya keenya Itoopiyaa oggalchiisettu ture.
Kallattiin biyya keenyaafii agaafa Afirkaatiif bahaa, onni Warra Bareentumaa, Dachiin Hawaas gamaa Ayyaanni Eenyummaafii Ayaa biyyummaa kan qaban baha biftuu yookaa Oromiyaa keessà tti amalli isaanii wal fakkaataafii hiikkaan obbolummaa akkasumaas Hiikkaan Oromummaa kan galtee Hawaasni Oromoo sadeen bahaa yeroo Jaarmaa caayaa qabsoof tahu kan maqaa "Afran Qalloo" ja'u jalatti yaada isaanii ittichaniidha. Naannooytuun baraa wallakaa Jaarraa geeysee bara kana waggaa 63ysoo hundeefama Afran Qalloo kabajuu irratti argamna.
Jaarmaan Afran Qalloo waggaa fagoo kana dura gaafa Sabboontota joollee Baha Oromiyaatiin siranu, kaayyoon isaa baha Oromiyaa Ona 3n qofa osoon taane guutuu Oromiyaatiif biiftuu eenyummaa baasuudha Ture. Haaluma saniin namoota dandeeytii aartiifii sabboonummaa qaban miseensa duree isaa lakkaawwachuun Hawwisoo sochii aartii godhuun hawaasa isaanii dammaqsuu eegalan. Buufata isaanii magaalaa Dirree Dhawaa godhatanii akka diinni isaan hin to'annetti jaalalaafii sabboonummaa akkasumaas aantummaa biyyummaa hawaasa barsiisaa kan turaniidha.
Arraas yeroo waggaa 63ysoo jaarmichaa kabajnutti, garaagarummaa diinni dantaa siyaasaatiin hawaasa keenya jiddutti uumuuf yaalan seenaa walooma keenyaa yaadannee gamtaa fii Gurmuu irree jabaa keenya durii san akkaata itti deebifannu irratti marii godhaati ja'an dhaloonni Abbootii seenaa kanaa. Guddina aartii Oromoo fii Afaan Oromoo keessatti gahee guddaa kan qabu Jaarmaan Afran Qalloo caayaa jalatti dhaloonni aantummaafii jaalala raabsatanii malee caayaa jalatti qoomoo dhiibanii miti kan ja'an hordoftoonni seenaa kanaa bara kanaas bifa adda addaatiin torbaan kana kan kanajamu ja'an.
Yeroo rakkoofii gabrummaa keessatti dahoo Jaarmaa caayaa Afran Qalloo tan taate Magaalaan Guddoon Ona Afran Qalloo fii baha Oromiyaa Dirreen Dhawaa yeroo Oromoon bahaa fii Oromiyaa guutuu Seenaa jaarmaa kanaa kabajnutti daangaan isii dhiibamuu bira dabree guutuun Magaalaa Dirree Dhawaa teenya jechuun obboleeyyan keenya Soomalee wajjiin falmii keessa osoo jirruuti bara kana kan kabajaa jirru. Kanaafuu Ayyaana Yaadannoo jaarmaa Afran Qalloo sababeefachuun Bulchinsi magaalaa Dirree Dhawaa fii mootummaan federalaa fii Oromiyaa dhimma daangaa Baha Oromiyaa guutuu akka nuuf laalu ni gaafanna jechuun namoonni yaada isaanii nuuf qodanii jiran .
Baga Yaadannoo jaarmaa Afran Qalloo
Wagga 63ysoo nagayaan geessan Jenna.
Oromumma Media
Aug.9/2025
Dirree Dhawaa