16/12/2025
️Tokkummaa fi saddummaa waaqayyoo kan ganan muraasa otoo hin taane baay'ee dha. waaqayyon tokko yommu ta'u sadii; sadi yommuu ta'u tokkodha. Kanas kitaabni qulqulluun akka armaan gadiitti nu hubachiisa. "Koottaa akka bifa keenyaatti akka fakkeenya keenyaattis nama ni uumna" Uma. 1:26.
Jechi 'koottaa', ni uumna, 'keenya' jedhu qaamni Waaqayyoo tokko ol ta'uu isaa mul'isa. Waaqayyo tokkodha; qamni isaa garuu sadii dha. Isaaniis Abbaa, llmaa fi Hafuura Qulqulluudha. Nuutis Sadan Waaqa tokko jennee amanna. Barsifni akkanaa kunis Icciitii sadummaa (Sillaasee) jedhama. Waaqa tokko yoo jennuu:- Uumuudhaan, jireenyaan, taayitaadhaan, 'malakootidhaan (kan hin dune) ta'uudhaan tokko jechuudha. Sillaaseen kabajan wal hin caalaan; umuriidhaaniis wal hin dursan. Jireenyaan yoo jennuu immoo "Ani Abbaa keessa Abbaanis Ana keessa akka jiru hin amantuu ree?" jedhame akkuma ibsame waliin jireenyi isaani tokko; Yoh 14:10
Sadii yoo jennu ammo:
A) Maqaadhaan:
Abbaa, IImaa fi Hafuura Qulqulluu dha (Mat 28:19 "Dhaqaatii Maqaa
Abbaa, kan llmaa Kan Hafuura Qualqulluutiin isaan cuuphuudhaan
saba hundumaa bartoota koo godhaa") jedha.
B) Qaamaan:
Abbaa, Ilmii fi Hafuurri Qulqullun Qaama kophaatti of danda'e guutummaa guutuuti sadiidha malee akka Addaam yookaan akka nama dhuunfaa tokkoo qaaman tokko miti. Qaamaa sadii yoo jennu ammo akka qaama namaa miti.Qaamni namaa murtaawaadha; kan muldhatuudhaas; xinnaadhaas; kan tortorudhas. Qaamni Sillaasee garuu akkas miti. Ardii fi sami irratti, qilleensaa fi gad fageenya
keessatti kan guute, bakka hundatti kan argamu, jiraataa bara baraati.
C) Gochaan :-
Gochaan yoo jennu Abbaan ni dhalche, IIma lsaa tokkicha gara biyya lafaa kanaatti erge, llmi (lyyasuus) immoo ni dhalate, ni ergame. Hafuurrii Qulqulluun Immoo Abbaa irraa bahe/argame. Ilmaan wal qixxee tahe; Abbaa irraa bahe (Afaan Gi'iziitin 'Seretsee' ") jenna. Kan erges, kan ergames immoo heeyyamuma Abbaatin, heeyyama Ilammtiinis malee dirqamaan miti.
Kana yoo jennu lImi Abbaarraa dhalate yoo jennu, Hafuurri Qulqulluunis Abbaa Irraa bahe yoo jennu wal hin dursan. Akka ilmi namaa Abbaan umuriidhaan ilma dursuu miti. Akka Abrahaam
Yisihaaqiin dursu, Akka Yisihaaq llma isaa Yaaqoobiin dursu, wal irraa dhalachuun sadummaa akkas miti. Kun yeruma tokkotti kan ta'eedha. Yeroon kun itti ta'es hin safaramu, sammuun namaatinis bira hin ga'amu. Waaqayyoo yeroo dursa Waan ta'eef.
Garuu qaamaan sadii ta'anis Waaqa tokko jenna malee Waaqa sadi
gonkumaa hin jennu. Abbootiin, namootni akka icciti sadumma kana
hubataniif fakkeenya kennuu yaalaniiru, fakeenyi kennamus
guutumatti ibsuu baatuus, fakkeenya fakkeenyaa gadii ta'us.
Fakkeenyaaf Aduun(biiftuun) Waa sadi qabdi:-qaama, ifaa fi ho'a. Waan
kana sadeen qabaattus garuu aduu sadii hin jennu. Abbootni fakkeenya Ibiddaas ni kennu. Abidddi waan sadii qaba. Qaama, ifaa fi ho'a. 'Ibidda fidi' yoo jennuu qaama isaa,'ibidda ibsi' yoo
jennuu ifa isaa, 'ibidda ho'ifanna' yoo jennu immoo o'a isaa agarsiisa.
Garuu lbidda sadi hin jennu. Ibidda tokko jenna malee. lccitin sadummaatiis akkasi. Abbaa, llmaa fi Hafuura Qlqulluu, garuu Waaqa
tokko. Kanaaf qaama ibiddaa Abbaadhaan, ifa IImaan, ho'a isaa ammo Hafuura Qulqulluun wal fakkeessu. Ammas Abbootni fakeenya kennan, Abbaan Lapheedha jedhu, lImi
sagalee dha, Hafuurri Qulquluun immoo Hafuura jireenyaati jedhu.
Kanaaf Laphee Abbaatiin Yaadu, Sagalee lImaatiin Dubatu, Hafuura
Qulqulluudhaan bara baraaf jiraatu. Waliin jiraatu malee adda miti.
Mootummaan isaanis adda miti. Kanaaf Waaqa tokko jenna. Hafuura
Qulqulluun akkamitti Abbaa irraa bahe/argame/ kan jedhuuf immoo namni beeku hin jiru; yaada sammuu ilma namaatii ol waan ta'eef. Akkasumatti "yaa gooftaa kankee Dinqiidha/ajaa'ibadha jechuudha malee" jedhu abbootni. Garuu waa'ee sadummaa qo'atanii bira gahuun hin danda'amu. Waa'ee sadummaa qo'adheen bira gaha jechuun akka bishaan galaanaa, habbuuqqadheen fixa jechuuti Raajichi lsaayyaasis yeroo sadi "Qulqulluu, Qulqulluu, Qulquluu, Waaqayyoo gooftan maccaa"
jedhee faarfachuun isaa Qaamni Waaqaa sadi ta'uu hubachiisa. Isa
6:3. Waaqa tokko ta'uusaa immoo
"Waaqayyoo tokkicha malee kan biraa akka hin jirre nuyi ni beekna"
jedha 1qor 8:4. Waa'ee sadummaa hubachuuf dabalataan caqasa
kana ilaalaa Uma3:22, Uma 16:7, Uma 18:1,Yoh 14:11,Yoh 14:23.
Galanni Waaqayyoof haa ta'u!
👇Follow Us👇
F/taa Qananiisaa Dabalee