
27/07/2024
🙏
MACAAFA QULQULLUU QOFA
2Xim 3:16 irratti akkuma ibsamee jiru aangoo olaanaan kan phaaphaasii osoo hin taane kan Macaafa Qulqulluu qofaati. Macaafa Qulqulluu qofatu madda mul’ata Waaqummaa fi murteessaa amantii fi jireenya dhala namaati. Jechoonni Macaafa Qulqulluu 66 geggeessa Hafuura Qulqulluun kan barreefame sagalee Waaqayyooti. Waan Caaffatichi jedhe amanuuf ittiin jiraachuun Waaqayyoon amanuuf isaan jiraachuudha. Macaafni Qulqulluun amaloota gurguddaa afur qaba.
I Taayitaa( olaantummaa)- Authority
Caaffata Qulqulluun sagalee Waaqayyoo waan ta’eef jechoota isaa keessaa tokkollee amanuu diduufis ta’e abboomamuu diduun Waaqayyoon amanuu diduu ykn abboomamuufii diduudha. Jechoonni isaa hundinuu waan Waaqayyo amane waan ta’aniif ilmaan namaa itti amanuu dirqama jireenyaati.
II Ga’aa ta’uu Macaafa Qulqulluu- Suffiency
Macaafni Qulqulluun jechoota Waaqayyoo hundumaa kanneen wantoota fayyina keenyaaf barbaachisan sadarkaalee seenaa furii ilmaan namaa hundumaa keessatti guutummaan akka isa amannuuf isaaf abboomamnuuf nutti agarsiisaniin guutuudha. Homaayyuu itti dabaluun kan nun barbaachifne fi irraa hir’isuun dheekkamsa Waaqayyoo kan namatti fiduudha.
III Ifaa ta’uu- Clarity
Ergaa fayyinaa dabarsuuf Macaafi Qulqulluun ifaadha.
IV Barbaachisummaa- Necessity
Sagaalee misiraachoo wangeelaa hubachiisuuf jireenya hafuuraa amantootaaf fedha Waaqayyoo beekuuf barbaachisaadha. Rom 10:13-17, Hoe 10:12
Walumaa galatti sagaleen Waaqayyoo lubbu qabeessa jiraataa waan ta’eef akkas jechuun dubbatata:
✅Natti hin dabalin, yoo natti dabalte dhayicha bara baraatu sitti dabalama. Mul 22:18
✅Narraa hin hir’isin, yoo narraa hir’ifte muka jireenya kennu ykn Kiristoos fi mandarattii qulqulluu ykn Waldaa Kiristiyaanaa keessa hir’atta.Mul 22:19
✅Wanta ani jedhe gararraa darbitee hin barsiisin. 1Qor 4:6
✅Nan micciirin. 2Qor 4:2
✅Anaaf hojjedhu malee ana irratti hin hojjetin.
2Qor 13:8
👆🏼Kottaa Bal’inaan waliin barannaa!