Dr. Afiya's Tube

Dr. Afiya's Tube โ๏ฟฝ๐ƒ๐จ๐ง'๐ญ ๐ฃ๐ฎ๐๐ ๐ž ๐ญ๐ก๐ž ๐›๐จ๐จ๐ค ๐›๐ฒ ๐ข๐ญ๐ฌ ๐œ๐จ๐ฏ๐ž๐ซ๏ฟฝโž

https://youtube.com/?siHFEuuzgSczS6Br02

โ๐Œ๐€๐‹๐€๐‘๐ˆ๐€ ๐•๐ฌ ๐ƒ๐„๐๐†๐”๐„ ๐…๐„๐•๐„๐‘: (๐๐ฎ๐ฌ๐š๐š ๐Ÿ๐ข Ho'a Dengue)โž Addunyaa dhukkuboota daddarboo keessatti dhukkuboonni akka dhukkuba Bu...
15/06/2025

โ๐Œ๐€๐‹๐€๐‘๐ˆ๐€ ๐•๐ฌ ๐ƒ๐„๐๐†๐”๐„ ๐…๐„๐•๐„๐‘: (๐๐ฎ๐ฌ๐š๐š ๐Ÿ๐ข Ho'a Dengue)โž

Addunyaa dhukkuboota daddarboo keessatti dhukkuboonni akka dhukkuba Busaa fi Ho'a qaamaa Dengue Fever jedhaman nama sodaachisan muraasa. Lamaan isaanituu hoomaa sanyii bookeetin kan daddarban yemmuu taโ€™u, akka addunyaatti namoota miliyoonaan lakkaaโ€™aman irratti dhiibbaa kan geessisanii fi mallattoolee wal fakkaataa kan yeroo baayโ€™ee dhukkubsattootaa fi ogeeyyii fayyaa burjaajessu hedduu qabu. Garuu walfakkeenya qabaatanis dhukkuboonni kun lamaan ka'umsa isaanii, paatofiiziyoloojii, rakkoolee fi gosoota bookee isaan daddabarsanii irratti hundaa'uun garaagarummaa baay'ee qabu.

Busaan kan dhufu paraasitii Pilaasmoodiyamiitiin yoo taโ€™u, infekshinii pirootozoowaa kan ciniinuu hoomaa bookee dubaraa Anopheles jedhamu kan irra caalaa halkan nama ciniinun kan daddarbudha. Faallaa kanaatiin immoo, Dhukkuba Dengue Fever dhukkuba vaayirasii Dengue virus (DENV) jedhamu irraa dhufu yoo taโ€™u, hoomaa bookee (Aedes) jedhamuun-keessattuu (Aedes aegypti) jedhamu kan guyyaa guyyaa nama ciniinuun daddarba.

Malli paatofiiziyoloojii dhukkuboota kanneen lamaan duuba jiru nama hawwata. Dhukkuba busaa keessatti, ilbiisonni jalqaba Tiruu miidhanii dhoohun gara dhiigatti eega makamanii booda, seelii dhiiga diimaa weeraranii balleessu. Kunis marsaa hoโ€™a qaamaa, qorra, hirโ€™ina dhiigaa fi haala cimaa taโ€™een ammoo busaa sammuu (Cerebral malaria) fida. Gama biraatiin ammoo vaayirasiin dengue seelii dhiiga adii faaluun deebii ittisa qaamaa cimaa ta'e kakaasa ( triggers powerful immune response). Kunis ujummoon dhiigaa akka sirritti banamu, lakkoofsi pilaateleetii sirritti akka gadi buโ€™u fi akkasumas shock ykn duโ€™aaf nu saaxiluu danda'a, keessumaa yeroo lammaffaaf infekshinii seerotayippii garagaraan yoo qabamne.

Mallattoon isaan wal fakkeessan keessaa muraasni: hoโ€™a qaamaa cimaa, mataa dhukkubbii, dhukkubbii qaamaa fi dadhabbii qaamaati. Haa taโ€™u malee, Dengue fever yeroo baayโ€™ee dhukkubbii maashaalee fi lafee dugdaa cimaa kan of keessatti hammate yoo taโ€™u, kanarraa kaโ€™uun maqaan isaa โ€œhoโ€™a lafee cabsuuโ€ jedhamee moggaafame, akkasumas rash ykn dhiiguu ilkaaniin qabaachuu dandaโ€™a. Dhukkubni busaa garuu, keessumaa P. falciparum qaama dafqisiisuu (Sweating), ol-deebisiisuu (Vomiting) fi dadhabbiin qaamaa cimaa(Severe sweating) waliin saโ€™aatii 48โ€“72 keessatti akkaataa hoo'a qaamaan cyclical fever qaba. Dhukkuboota kana adda baasuuf immoo Malaria blood smear ykn rapid diagnostic test fayyadamuun akkasumas Dengue feveriif immoo NS1 antigen or IgM/IgG test hojjachuu adda baasuu dandeenya.

Walโ€™aansa isaanitti yeroo deebinu immoo Dhukkubni busaa qoricha farra busaatiin kan yaalamuu yemmuu taโ€™u, buโ€™a qabeessa kan taโ€™e immoo Artemisinin-based Combination Therapies (ACTs) dha. Haala cimaa taโ€™e keessatti immoo (Severe malaria) artesunate karaa hidda dhiigaa (IV artesunate) keessaa kennamuun lubbuu baraarra. Filannoon qorichaa gosa Pilaasmoodiyeemii, laafinnaa fi cimina dhukkubaa irratti hundaaโ€™a. Dengue, dhukkuba vaayirasii ta'uu isaatiin, qoricha farra vaayirasii addaa hin qabu. Kanaafuu wanti nurraa eeggamu supportive management kanneen akka dhangala'aa sirritti obaasuu, paracetamol qofa fayyadamuun dhukkubbii hirโ€™isuu (aspirin/NSAIDs fayyadamuu hin qabnu), fi sadarkaa pilaateleetii fi mallattoolee dhiiguu dhiyeenyaan hordofuu qabna. Kana hunda osoo goonuufii yoo ka itti cimu ta'e immoo IV fluid fi transfuse gochuun gara hospitaalatti refer gochuu qabna.

Rakkooleen isaanii adda adda taโ€™us lamaanuu duโ€™aaf nama saaxiluu dandaโ€™u. Rakkoon busaa inni hamaan busaa sammuu(Cerebral malaria) yoo taโ€™u, dabalataanis balaawwan biroon kanneen akka blackwater fever, dadhabuu kalee cimaa fi dhiitaโ€™uu sombaaf nu saaxiluu danda'a. Gara biraan rakkoowwan sodaatamoon Dengue fever immoo Dengue Hemorrhagic Fever (DHF) fi Dengue Shock Syndrome (DSS) kan jedhaman yoo taโ€™u, lamaan isaanii iyyuu dhiigni keessoo lubbuu namaa balaa hamaa irra buusuu, kufaatii marsaa dhiigaa (Circulatory collapse) fi qaamolee hedduu dadhabuu (Multi organ failure) fiduu dandaโ€™a.

Balaa dhukkuboota kanaan dhufan hamisuuf Bookee busaa karaa Ittisa busaa siree irratti hidhachuun(bed net's), qoricha farra ilbiisotaa mana keessaa biifachuu(indoor insecticide spraying), fi Imaltoonni ittisa farra busaa fayyadamuu qabu. Guddinni dhiheenya kana argameen talaallii akka RTS,S/AS01 (Mosquirix) fi R21 duโ€™a daaโ€™immanii hirโ€™isuu keessatti gahee guddaa qabu. Ittisni dengue fever immoo sababa veektariin isaa guyyaa nama ciniintuuf too'achuun baay'ee cima, ta'us immoo bishaan kuufamee taa'u dhabamsiisuu, qoricha farra ittisaa fayyadamuu, fi Hawaasa kakaasun vector too'achuu qabna. Gama biraan dengue talaallii akka Dengvaxia fi Qdenga (TAK-003) qaba, haa taโ€™u malee itti fayyadamni isaanii balaa dhufuu dandaโ€™u irraa kan kaโ€™e of eeggannoodhaan uummata murtaaโ€™e qofa irratti daangeffama.

Amaloota dhukkuboota kanneenirrraa wanti nama ajaa'ibu balaa dhokataa fi ittisa isaaniti. Dhukkuba busaatiif, P. vivax fi P. ovale jiโ€™ootaaf ykn waggootaaf illee Tiruu keessatti dhokatanii turuun haala hin eeggamneen deebiโ€™anii dhufuu dandaโ€™u. Dengue'n immoo, infekshiniin lammataa serotype adda ta'een dhufuun sababa taatee antibody-dependent enhancement (ADE) jedhamu irraa kan ka'e deebii cimaa fiduu danda'a. Gantummaa ittisa qaamaa adda ta'een dengue balaa hamaa akka fidu taasisu.

Walumaagalatti, Dhukkuba Busaa fi Dhukkuba Dengue lamaan isaanii iyyuu dhukkuboota hamaa addunyaa irratti dhiibbaa geessisan yoo taโ€™an, sababa, guddina, rakkoolee fi yaala isaaniitiin garuu garaagarummaa guddaa qabu. Busaan dhukkuba paraasitii seelii dhiiga diimaa weeraru yoo ta'u, dengue ammoo dhukkuba vaayirasii sirna ittisa qaamaa fi qulqullina ujummoolee dhiigaa jeequdha. Dhukkubni busaa qoricha sirrii taโ€™een fayyuu kan dandaโ€™u yoo taโ€™u, dengue ammoo kunuunsa deggersaa dammaqinaan barbaada. Haala lamaan keessattuu dursanii ittisuun baay'ee barbaachisaa ta'ee osoo jiruu sababni jijjiirama qilleensa adduunyaa hoomaa baattotaa ol dabaluu danda'uuf hubannoo hawaasas sirritti dabaluu baay'ee barbaachisaadha.

โ๐†๐š๐ฅ๐š๐ญ๐จ๐จ๐ฆ๐š๐š๐Ÿ™โž

โ๐“๐š๐š๐ฒ๐ข๐Ÿ๐จ๐จ๐ฒ๐ข๐๐ข๐ข ๐Ÿ๐ข ๐“๐š๐š๐ฒ๐ข๐Ÿ๐š๐ฌ๐ข๐ข ( ๐“๐ฒ๐ฉ๐ก๐จ๐ข๐ ๐Ÿ๐ž๐ฏ๐ž๐ซ ๐•๐ฌ ๐“๐ฒ๐ฉ๐ก๐ฎ๐ฌ)โžNamoonni baay'een jechoota Taayfooyidii fi Taayifasii yeroo dhag...
15/06/2025

โ๐“๐š๐š๐ฒ๐ข๐Ÿ๐จ๐จ๐ฒ๐ข๐๐ข๐ข ๐Ÿ๐ข ๐“๐š๐š๐ฒ๐ข๐Ÿ๐š๐ฌ๐ข๐ข ( ๐“๐ฒ๐ฉ๐ก๐จ๐ข๐ ๐Ÿ๐ž๐ฏ๐ž๐ซ ๐•๐ฌ ๐“๐ฒ๐ฉ๐ก๐ฎ๐ฌ)โž

Namoonni baay'een jechoota Taayfooyidii fi Taayifasii yeroo dhagaโ€™an yeroo baayโ€™ee akka waan isaan dhukkuba tokko ta'aniitti yeroo dubbatan nan dhagaha, haa ta'u malee isaan guutumatti wal adda โ€” lamaan isaanii iyyuu hoโ€™a qaamaa olaanaa, dadhabbiin fi dhukkubbii mataa cimaa qabaachuu danda'u. Garuu walfakkeenyi isaanii kana caala waan deemuu miti. Hoโ€™i qaamaa Taayifooyidii fi Taayifasii baakteeriyaa guutummaatti adda adda taโ€™een kan dhufuu fi karaa adda addaatiin kan babalโ€™atu akkasumas qaama irratti haala baayโ€™ee adda taโ€™een miidhaa kan fidaniidha.

Hoโ€™i qaamaa Taayifooyidii dhukkuba garaachaa Salmonella Typhin dhufu yoo taโ€™u, yeroo baayโ€™ee nyaata ykn bishaan faalameen kan nama qabamudha โ€” keessumaa naannoo qulqullina gaarii hin qabne keessatti. Baakteeriyaan kun erga qaama keessa seenee booda garaacha weerara, achiis gara dhiigaa, kalee, tiruu fi ujummoo rajiijjii(gallbladder) illeetti ni babalโ€™ata. Walโ€™aansa kan hin arganne yoo ta'e mar'imaan keenna kukkutuun garaacha hunda wal gahuun seepsis ykn duโ€™aaf nama saaxiluu dandaโ€™a.

Faallaa kanaatiin immoo Taayfasiin gosa Rickettsia irraa kan dhufu yoo taโ€™u, nyaata ykn dhangala'aa faalameen osoo taane ilbiisonni akka injiraanii, tisisaa fi kkf faan nama ciniinuudhan kan nama qabanii ykn namarraa namatti daddarbaniidha. Mallattoolee akka ho'a qaamaa olaanaa, dafqisiisuu fi mataa dhukkubbii waliin qooddatanis, dhukkuboonni lamaan walitti dhufeenya sababa-qabeessa hin qaban, inni tokko isa biraa fiduu hin danda'u (inni ijoollumaa keenyarraa dhagahaa guddanne ka Taayfooditu Taayfasii sitti ta'e jedhamu sun kijiba.)

Burjaajiin seenaa kun maqaa isaanii irraa kan madde yoo taโ€™u, lamaan isaanii iyyuu jecha Giriikii typhos jedhu irraa kan dhufan yoo taโ€™u, hiikni isaas โ€œduumessaโ€ jechuudha โ€” dhukkubbii mataa fi hoโ€™a qaamaa (feverish delirium) lamaan isaanii fidan irraa kan fudhatameedha. Haa ta'u malee naannoo garmalee namaan guutame kanneen akka kaampii baqattootaa ykn hawaasa rakkoon miidhame keessatti lamaan isaanii hawaasa tokko keessa jiraachuun ni dandaโ€™ama. Saniif carraan lamaaniinuu yeroo tokkotti qabamuu ni jira.

Dhumarratti, garaagarummaa dhukkuboota kana lamaan gidduu jiru beekuun barnoota qofa osoo taane lubbuu du'a oolcha. Taayifooyidiin talaalliidhaan kan ittifamuu dandaโ€™u, qoricha farra baakteeriyaa akka azithromycin ykn ceftriaxone jedhamu fayyadamuun kan yaalamuu fi yeroo baayโ€™ee qorannoo dhiigaatiin ykn Widal tiin adda baasuun ni danda'ama. Taayifaasiin talaallii isaa balโ€™inaan argamuu baatus yoodafee adda baafame dooksiisaayikiliiniif deebii gaarii kenna. Walumaa galatti furtuun hubannoo keessa jira: eessaa akka dhufan, akkamitti akka sochoโ€™an, fi balaa akkamii akka qaban sirritti hubachuun balaa dhufu kamiyyuu hambisuuf sirritti nu gargaara.

โ๐†๐š๐ฅ๐š๐ญ๐จ๐จ๐ฆ๐š๐š๐Ÿ™โž

06/06/2025
15/05/2025

Oduu: Lagannaa hojiin walqabatee ogeeyyiin fayyaa hedduun toโ€™annoo jala ooluu waahillan isaanii himan

Lagannaa hojii gartokkee ogeeyyiin fayyaa gaggeessaa jiraniin walqabatee ogeessonni fi barattoonni fayyaa hedduun kutaalee adda addaatti hidhamuu himame. Ogeessonni fayyaa Koolleejjii Fayyaa Hospitaala Phaawuloos sadi Wiixata galgalaa fi Kibxata hidhamuu ogeessi hospitaalicha keessa hojjetu tokko himeera.

Rezidantiin (barataa ispeeshaalistummaa) Hospitaala Ispeeshaalaayizdii Xiquur Ambassaa keessa hojjetu Dr. Nabiyuus hidhamuu fi yeroo ammaa maalirra akka jiru akka hin beekamne ogeessi hospitaalichaa kan biraan himeera. Naannoo godinaalee Gondar, Walloo Kaabaa fi Agaw keessattis ogeeyyiin fayyaa hidhamuu himameera.

Dhimma kana ilaalchisee Poolisii Federaalaa, Biiroo Fayyaa Magaalaa Finfinnee, Komishinii Poolisii Magaalaa finfinnee, fi Ministeera Fayyaa qunnamuuf yaaliin Addis Standard irra deddeebiin taasise hin milkoofne.

https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=6229

Address

Addis Ababa

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dr. Afiya's Tube posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Dr. Afiya's Tube:

Share