Dr. Afiya Tube

Dr. Afiya Tube 𝐌𝐞𝐝𝐢𝐜𝐚𝐥 𝐃𝐨𝐜𝐭𝐨𝐫 & 𝐏𝐮𝐛𝐥𝐢𝐜 𝐇𝐞𝐚𝐥𝐭𝐡 𝐒𝐩𝐞𝐜𝐢𝐚𝐥𝐢𝐬𝐭: 𝐄𝐦𝐩𝐨𝐰𝐞𝐫𝐢𝐧𝐠 𝐥𝐢𝐯𝐞𝐬 𝐭𝐡𝐫𝐨𝐮𝐠𝐡 𝐤𝐧𝐨𝐰𝐥𝐞𝐝𝐠𝐞, 𝐩𝐫𝐞𝐯𝐞𝐧𝐭𝐢𝐨𝐧 & 𝐜𝐚𝐫𝐞 𝐛𝐲 𝐓𝐫𝐮𝐬𝐭𝐞𝐝 𝐡𝐞𝐚𝐥𝐭𝐡 𝐭𝐢𝐩𝐬 & 𝐀𝐰𝐚𝐫𝐞𝐧𝐞𝐬𝐬.
(1)

Dr.(AFIYAS TUBE): 𝐢𝐬 𝐝𝐞𝐝𝐢𝐜𝐚𝐭𝐞𝐝 𝐭𝐨 𝐚𝐝𝐯𝐚𝐧𝐜𝐢𝐧𝐠 𝐦𝐞𝐝𝐢𝐜𝐚𝐥 𝐞𝐝𝐮𝐜𝐚𝐭𝐢𝐨𝐧. 𝐄𝐱𝐩𝐥𝐨𝐫𝐞 𝐜𝐚𝐬𝐞-𝐛𝐚𝐬𝐞𝐝 𝐥𝐞𝐚𝐫𝐧𝐢𝐧𝐠 𝐢𝐧 𝐈𝐧𝐭𝐞𝐫𝐧𝐚𝐥 𝐌𝐞𝐝𝐢𝐜𝐢𝐧𝐞, 𝐒𝐮𝐫𝐠𝐞𝐫𝐲, 𝐆𝐲𝐧𝐞𝐜𝐨𝐥𝐨𝐠𝐲 & 𝐎𝐛𝐬𝐭𝐞𝐭𝐫𝐢𝐜𝐬, 𝐏𝐞𝐝𝐢𝐚𝐭𝐫𝐢𝐜𝐬, 𝐏𝐬𝐲𝐜𝐡𝐢𝐚𝐭𝐫𝐲, 𝐚𝐧𝐝 𝐡𝐞𝐚𝐥𝐭𝐡𝐜𝐚𝐫𝐞 𝐭𝐨𝐩𝐢𝐜𝐬 𝐭𝐨 𝐬𝐡𝐚𝐫𝐩𝐞𝐧 𝐲𝐨𝐮𝐫 𝐜𝐥𝐢𝐧𝐢𝐜𝐚𝐥 𝐬𝐤𝐢𝐥𝐥𝐬. 𝐒𝐮𝐛𝐬𝐜𝐫𝐢𝐛𝐞 𝐚𝐧𝐝 𝐋𝐞𝐚𝐫𝐧 𝐭𝐨 𝐬𝐚𝐯𝐞 𝐥𝐢𝐯𝐞𝐬✍️

10/12/2025

🌸❝𝐊𝐢𝐧𝐢𝐢𝐧𝐢𝐢 𝐔𝐥𝐟𝐚 𝐢𝐭𝐭𝐢𝐬𝐮𝐮𝐟 𝐚𝐟𝐚𝐚𝐧𝐢𝐢𝐧 𝐟𝐮𝐝𝐡𝐚𝐭𝐚𝐦𝐮
( 𝐎𝐫𝐚𝐥 𝐂𝐨𝐧𝐭𝐫𝐚𝐜𝐞𝐩𝐭𝐢𝐯𝐞 𝐩𝐢𝐥𝐥𝐬) ❞

***Kiniiniin ulfa ittisuuf afaaniin fudhatamu (OCPs) mala to’annoo da’umsaa baay’ee beekamaa fi bu’a qabeessa ta’e keessaa isa tokkodha. Innis hormoonota Istiroojinii fi piroojeestiin jedhaman kan of keessaa qabu yoo ta'u, hormoonota uumamaan marsaa laguu keenya too'achuuf nu gargaaraniidha. Ovulation ittisuudhaan, Mukasii afaan gadameessaa furdisuu fi Uwwisa keessa gadameessaa qallisuudhan ulfa kan ittisu yoo ta'u, kiniiniin kun akkaataa sirrii fi wal irraa hin cinneen fudhatamnaan ulfa hin barbaachifne irraa eegumsa amanamaa ta’e kan nuu kennuudha. To’annoo da’umsaatiin alattis faayidaa dabalataa kanneen akka laguu salphisuu, dhukkubbii laguu hir’isuu, gogaan dubartoota tokko tokko akka bareedu kan taasisuudha.

🌸 Mijatummaa fi Bu'a qabeessummaa Isaa

***OCPn yeroo sirnaan itti fayyadaman %99 ol bu’a qabeessa kan ta'e yoo ta'u dubartoonni fayyaa walhormaataa isaanii irratti to’annoo gahaa akka qabaataniif gahee olaanaa qaba. Akkaatan itti fayyadama isaas guyyaa guyyaan kan fudhataman yoo ta’u, yeroo baay’ee kiniinii active 21 fi inactive 7 ykn akkaataa maqaa isaanii irratti hundaa’uun sirna walitti fufiinsa qabuun kan fudhatamaniidha. Faayidaaleen dabalataa OCP'n kennu dandeettiin marsaa laguu to’achuu, carraa kaansarii ovaarii fi endometrial hir’isuu, fi madaallii hormoonii eeguun isaa OCPn qoricha ulfa ittisuu qofa akka ta'in isa taasisa,akkasumas meeshaa fayyaa walhormaataa fooyya’aa ta’eedha.

🌸Erga adda kunne booda Ulfaa'uuf yeroo hangamii turra?

***Dubartoota hedduudhaaf yaaddoon beekamaan erga kiniinii kana addaan kutanii booda ulfa ta'uuf yeroo hammamii akka nutti fudhata isa jedhuudha. Oduun gammachiisaa ta'e immoo yeroo baayyee akkuma adda kunneen baay'ee osoo hin turin ulfaa'uu dandeenna. Dubartoota baay’eedhaaf, ovulation erga dhaabbatee ji’a 1-3 keessatti deebi’ee jalqaba, haa ta’u malee dubartoota tokko tokko qaama isaanii fi sirna marsaa isaanii irratti hundaa’uun harkifannaa xiqqoo dheeraa jiraachuu danda’a. Wanti guddaan beekuu qabnu immoo guutumatti dhala kan nu dhoorgu miti. Erga dhaabbatee booda dubartoonni marsaan uumamaa isaanii yeroo dhiyootti akka deebi'u beekanii ofitti amanamummaadhaan ulfa karoorfachuu danda'u.

Dr. Afiya Tube
'aa

10/12/2025

❝𝐎𝐫𝐚𝐥 𝐂𝐨𝐧𝐭𝐫𝐚𝐜𝐞𝐩𝐭𝐢𝐯𝐞𝐬 𝐦𝐞𝐭𝐡𝐨𝐝❞ yeroo jedhan dhageessanii beeytuu ykn immoo hangam itti fayyadamtanii beeytu? Bu'aaf miidhaa isaa hoo hangam hubattanii jirtu? yaada keessan naaf qoodaa🙏

10/12/2025

💉❝𝐃𝐞𝐩𝐨-𝐏𝐫𝐨𝐯𝐞𝐫𝐚 𝐖𝐚𝐧𝐭𝐢 𝐣𝐞𝐝𝐡𝐚𝐦𝐮 𝐦𝐚𝐚𝐥𝐢?❞

***Depo-Provera malawwan to'annoo da'umsaa yeroo dheeraaf hojjetan keessaa isa tokko yoo ta'u, mijannaa fi bu'a qabeessummaa isaatiin kan jaallatamudha. Innis qoricha progestin jedhamu kan hormoonii ovulation dhorku, Mukasii afaan gadameessaa furdisuu, fi uwwisa gadameessaa qallisuun Ulfi akka hin uumamne godhuudha. Ji'a 3tti al tokko (torban 12) kan kennamu yoo ta'u, dubartootarraa rakkoo kiniinii guyyaa guyyaan fudhachuu ykn bakka businsa yeroo baayyee kan akka patch ykn ringii yaadachuun osoo hin barbaachisin eegumsa amanamaa ta'e kan kennuudha.

💉 Faayidaa fi Miidhaa Isaa

***Dubartoonni hedduun Depo-Provera kan filatan bu’a qabeessummaan isaa olaanaa ta'uu isaati. Yeroo sirritti itti fayyadamnaan %99 ol ulfa kan ittisuu fi salphaa ta’uu isaa irraa kan ka’e filannoo dubartoota hedduuti. Yeroo baayyee marsaa laguu akka salphatu kan godhu yoo ta'u, dubartoota tokko tokko irratti immoo laguun guutummaatti akka dhaabbatu taasisa, kunis immoo faayidaa dabalataa isaati. Haa ta'u malee, fayyadamtoonni tokko tokko keessumaa ji'oota jalqabaa keessatti miidhaa cinaa kan akka ulfaatina qaamaa dabaluu, mataa dhukkubbii ykn dhiigni yeroo malee dhangala'uu isaan mudachuu danda'a. Sababoonni kunniin jiraatanis, yeroo dheeraaf kan hojjetu ta'uun isaa dubartoota filannoo ulfa ittisuu dhiphina irraa bilisa ta'e barbaadan biratti jaallatamaa isa taasisa.

💉Erga adda kunnee booda hoo yeroo hangamiif osoo hin ulfaan nu tursiisa?

***Depo-Provera wanti adda ta'e tokko bu'aan isaa lilmoo dhumaa bira darbee turuu isaati. Erga dhaabbatee booda dhala dhabuun battalumatti hin deebi’u. Dubartoonni tokko tokko dafanii ulfaa’uu kan danda’an ta’us, kaan immoo hanga ji’a 18 itti fudhachuu danda'a, giddu galeessaan immoo ovulation idilee deebi’ee ulfaa'uuf ji’oota 9 hanga 12 itti fudhachuu danda’a. Harkifachuun kun dhala dhabuu dhaabbataa fida jechuu miti, innis hanga hormooniin sun guutummaatti qaama keessaa ba’uuf yeroo hammamii akka fudhatuudha. Dubartoota yeroo dhiyootti ulfaa'uu karoorfataniif garuu, Depo-Provera filachuu keessaniin dura kana ilaalcha keessa galchuun baay'ee barbaachisaadha.

Dr. Afiya Tube
'aa

10/12/2025

🌸 ❝𝐌𝐀𝐋𝐋𝐈 𝐇𝐀𝐑𝐌𝐀 𝐇𝐎𝐎𝐒𝐈𝐒𝐔𝐔𝐍 𝐔𝐋𝐅𝐀 𝐈𝐓𝐓𝐈𝐒𝐔𝐔 𝐌𝐀𝐀𝐋𝐈 (𝐋𝐀𝐂𝐓𝐀𝐓𝐈𝐎𝐍𝐀𝐋 𝐀𝐌𝐄𝐍𝐎𝐑𝐑𝐇𝐄𝐀 𝐌𝐄𝐓𝐇𝐎𝐃)❞

***Malli Lactational Amenorrhea Method jedhamu kun, gosa ulfa ittisuu uumamaa yeroof ulfa ittisuuf nu gargaaru yoo ta'u, deebii uumamaa qaamni keenya harma qofa hoosisuu kennuudha. Da’umsa booda yeroo baay’ee harma hoosisuun hormoonota ovulation kakaasan ukkaamsee hanqaaquun akka hin baane gochuun carraan ulfi uumamuu akka xiqqaatu taasisa. Malli kun yeroo harma hoosisan uumamaan laguu dhaabuun kan hojjatu yoo ta’u, haadholiidhaaf karaa nageenya qabuu fi hormoonii irraa bilisa ta’een ulfa hin barbaachifnerraa isaan eega.

🌸 Akkaataa LAM Itti Hojjatuu fi Haala Isaa

***LAM bu’a qabeessa ta’uuf haal-dureen sadii guutamuu qabu: 1. Daa’imni ji’a 6 gadi ta’uu, 2. Laguun haadhaa kan hin deebine ta'uu fi 3. Akkasumas daa’imni halkanii fi guyyaa boqonnaa dheeraa malee harma qofa hoosifamuu qabdi. Ulaagaaleen sadan kunniin yoo guuttaman LAM ulfa ittisuu keessatti hanga 98% bu’a qabeessa ta’uu danda’a. Haa ta’u malee, daa’imni nyaata jajjaboo nyaachuu erga jalqabee booda, irra deddeebiin harma hoosisuu hir'achuu danda'a, ykn Carraan laguun deebi’ee dhufuu jira, kanaafuu yeroo kana bu’a qabeessummaan LAM baay’ee gadi bu’uu waan danda'uuf mala karoora maatii kan biraa fayyadamuun baay'ee gorfama.

🌸 Gara Malawwan Ulfa Ittisa Birootti ce'uuf maaltu barbaachisa?

*** Malli LAM kun yeroo wal fakkaatti bu'aa lama nuuf kenna: 1. Aannan harmaa daa’imaaf soorata gaarii kan kennu yoo ta’u, 2. Mala uumamaa fayyadamnee ulfa gara boodaatti harkisuudha. Haa ta’u malee, Da'uumsa booda ji’oota jalqabaa jahan (6) qofa keessatti bu’a qabeessa waan ta’eef, dubartoonni yeroo kamiyyuu dursanii karoorfachuun ji'a 6 akkuma gahaniin mala biraa- kan akka kiniinii, qoricha lilmoo, implaantii ykn kondomii-tti akka ce’an jajjabeeffamu. Haala kanaan haadholiin faayidaa dachaa harma hoosisuu fi karoora maatii amanamaa ta’e osoo addaan hin kutin argachuu danda’u.

Dr. Afiya Tube
'aa

10/12/2025

❝𝐌𝐀𝐑𝐒𝐀𝐀 𝐋𝐀𝐆𝐔𝐔 𝐊𝐄𝐄𝐍𝐘𝐀 𝐋𝐀𝐊𝐊𝐀𝐀'𝐔𝐔𝐍 𝐀𝐊𝐊𝐀𝐌𝐈𝐓𝐓𝐈 𝐔𝐋𝐅𝐀 𝐎𝐅𝐈𝐑𝐑𝐀𝐀 𝐈𝐓𝐓𝐈𝐒𝐔𝐔 𝐃𝐀𝐍𝐃𝐄𝐄𝐍𝐘𝐀❞

***Maatii Fb maatii jaalalaa akkam jirtu nagaa keessanii? Hardha gaaffii namoota baay'ee kan ta'e, qorichoota ammayyaa osoo hin fayyadamin mala uumamaatiin ulfa akkamitti ofirraa ittisuu dandeenya gaaffii jettuudha. Fakkeenya fudhadheen isiniif haa ibsu, Amma fakkeenyaaf marsaan laguu haadha manaa keessanii yeroo baay'ee guyyaa 26-30 gidduutti deddeebi'ee dhufaa haa jennu, guyyaa jalqaba inni itti dhufu sanirraa guyyaa 18 hir'isna, Kana jechuu 26-18 = 8, guyyaa boodaa inni silaa itti dhufuu danda'u sanirraas immoo guyyaa 11 hir'isna, 30-11 = 19 kanaafuu dubartiin tun ji'a itti aanee dhufu kana guyyaa 8 kaaftee hanga guyyaa 19tti jechuun guyyaa 11f wal qunnamtii saalaa gochuu hin qabduu jechuu.

***Fakkeenya biraa, dubartiin biraa takka marsaan laguu ishee yeroo baay'ee guyyaa 20-25 gidduutti deddeebi'ee itti dhufaa haa jennu, ishee kanas guyyaan isheen carraa ulfaa'uu itti qabdu sana beekuuf guyyaa dura itti dhufuu danda'u sanirraa akkuma duraa guyyaa 18 hir'isna (20-18 = 2), guyyaa boodaa silaa inni itti dhufuu danda'u irraayis akkuma duraa guyyaa 11 hir'isna (25-11 = 14). Kanaafuu bu'aan keenna, dubartiin tunis ji'a itti aanee dhufu guyyaa 2 kaaftee hanga guyyaa 14tti wal-quunnamtii saalaa gochuu hin qabduu jechuudha. Hubachiisa: malli kun kan inni hojjatu yoo marsaan laguu haadha manaa keessanii regular ta'e qofa, kana jechuunis marsaan laguu ishee yoo xiqqaate waggaa tokkoo oliif yeroo wal fakkaataa keessatti deddeebi'ee kan dhufu yoo ta'eedha.

Dr. Afiya Tube
'aa

10/12/2025

❝𝐅𝐮𝐧𝐮𝐮𝐧𝐚 (𝐄𝐩𝐢𝐬𝐭𝐚𝐱𝐢𝐬)❞

***Funuunni rakkoo beekama fi namoota baayyee irratti yoo xiqqaate jireenya isaa keessatti altokko ni muudata. Funuunni kan uumaamu yommuu hiddi/ Ujummoleen dhiigaa keessoo funyaanii marsanii argaman miidhamanidha. Funyaan keenyaa fi hiddi dhiigaa funyaanii sababa iddoo argama (location) isaatin, inniis gara alatti ananii (close to the surface) waan argamanif yeroo heddu miidhaf ni saaxilamu.

Sababoota Funuunaf Nama Saaxilan:

1. Qilleensa gogaa yeroo dheeraaf gara keessatti fudhachuu (prolonged inhalation of dry air)
2. Infeekshiini funyaanii ykn kulkullu saayinasii.
3. Quba keenya funyaan keessa seensisuun tuttuqu, keessattu yoo qeensa dheeraa qabna ta’e, hidda/Ujummolee dhiigaa akka salphatti miidhuu danda’a.
4. Allerjii funyaani (Nasal allergy)
5. Qorichoota itituu dhiigaa irratti dhiibbaa qaban/hir’isan fudhachuu
6. Dhibee tiruu qabaachuu.
7. Qufaa fi haxxiifannaa yeroo dheeraa nurra ture ykn hamaa ta’e.
8. Rukkutaa/balaa morma keenyaa olii.
9. Uumaaman rakkoo itituu dhiigaa qabna yoo ta’e.
10. Dhibee Kaanserii, garuu sababoota funuuna fidan keessaa dhibbantaa baayyee xiqqaa qabata.

Maloota Funuuna ittisuuf gargaaran:

***Quba keenyaan keessoo funyaan keenyaa xuxxuquu dhiisuu, Wantoota jajjaaboo ykn qara qaban gara keessoo funyaan keenyaa galchuu dhiisuu. Akka keessoon fuunyan keenyaa hin gogne wantoota gargaaran fayyadamuu Fkn, dibata akka “Vaseline”, Wantoota alaarjii nutti ta’e yoo beekne irraa fagaachuu. Yoo kana dura nu funuune beeka ta’e, ofii keenyaaf boqonnaa gahaa fudhachuu. Qeensa daa’immanii yeroo yeroon gaggabaabsu (yoo funyaan isaanii keessa godhan akka hin dhiigneef), Tamboo aarsuu dhiisuu, Tamboon haala adda addaan funuuna nutti fiduu danda’a; fknf:- Keesson funyaanii akka goguu fi nama nyanyaatu/hooksisuu gochuun..

Funuuna Ofii keenyan Yaaluf:

***Maloota ittisaa olitti tarreessine irra darbee funuunni yoo kan nu muudatu ta’e, dhiiguu akka dhaabbatuuf Mana keenyatti/Ofii keenyaan yaaluu ni dandeenya:- Funuunni yeroo baayyee gargaarsa mana keenyatti ofiif goonun nu dhiisa. Inniis..

1. Bakka jirrutti taa’uun funyaan keenya kutaa lallaafaa quba guddaa (Abbudu) fi quba elemtuu giddutti jabeessanii qabachuu.
2. Afaan keenyan qilleensa baafachuu fi fudhachuu/haarganuu (funyaan keenya waan cufameef, yeroof qilleensi afaanin akka bahuu fi seenu gochuu)
3. Gara fuulduratti xiqqoo jechun dhiigni akka gara dubatti deebi’ee ujummoo nyaata ykn ujummoo qilleensa hin seene gochuu.

4. Ciisuu ykn Sochii gochuu dhiisuu; kun dhiibbaa dhiigaa gara funyaanii jiru akka hir’atu gochuun, dhiiguu ni hir’isa. Haala kana daqiqaa 5 – 20 f gochuu qabna. Yeroo kana dhiigni itituun dhiiguu ni dhiisa. Kana goonee yoo dhiiguu dhiise wantoota akka dhiigu godhan gochuu hin qabnu; fknf keessoo funyaan keenyaa xuxxuquu .Garuu kana goonee daqiqaa 20 oliif yoo dhaabbachuu dide mana yaalaa deemuu qabna.
5. Cabbiin yoo argame ykn bishaan qorraa fuula fi funyaan keenya irratti naquu.
6. Sochii cimaa ykn dalagaa yeroof dhaabuu(boqonnaa fudhachuu)

Yoom Mana Yaalaa Deemuu Qabna?

***Mala armaan olii fayyadamtanii yoo daqiqaa 15-20 keessatti dhaabbachuu dide, Dhiigni saffisaan kan dhiigu ykn baayyee kan dhiige yoo ta’e, Qilleensa gara keessaa fi alatti baasun yoo kan nu rakkisu ta’e, (difficulty of breathing ) Kan ol nu deebisiisu/ haqqisiisu yoo ta’e, sababa dhiigni baayyeen gara liqimsiitutti dhiigef, Sababni dhiiguu, yoo rukkutaa, balaa mataa ykn fuula irra gahe yoo ta’e (fknf yoo kufnee ta’e, balaa tiraafikaa) Yeroo baay’eef irraa deeddebi’e kan isin dhiiguuyoo ta’e, Yoo mallattoo hir’ina dhiigaa kan qabdan ta’e kan akka miira dadhabbii, Lafti naman naanna’uu fi kkf,) Yoo Qoricha Dhiigni akka hin ititne godhan fudhattu ta’e, ykn yoo rakkoo akka dhiigni hin ititne godhan qabdu ta’e. Wantootni armaan olii kunneen yoo jiraatan osoo xaxaaleen garaagaraa hin Uumamin yeroon mana yaalaa deemuu qabdu.

Dr. Afiya Tube
'aa

10/12/2025

❝𝐖𝐀𝐋𝐐𝐔𝐍𝐍𝐀𝐌𝐓𝐈𝐈 𝐒𝐀𝐀𝐋𝐀𝐀 𝐘𝐄𝐑𝐎𝐎 𝐔𝐋𝐅𝐀𝐀❞

***Sochiin walqunnamtii saalaa yeroo ulfaa hiriyoota gaa’elaa dhaabbatan baay’eedhaaf kutaa jireenyaa uumamaa yoo ta’u, yeroo baay’ee immoo guutummaatti nageenya kan qabuudha. Ogeessi fayyaa sababa yaalaatiin addatti kan dhoorge yoo ta’e malee, dubartoonni yeroo ulfaa hunda walitti dhiyeenya abbaa manaa isaanii wal qaban itti fufuu danda’u. Jijjiiramni fedhii saalqunnamtii yeroo ulfaa jiraachuu fi irra deddeebiin raawwachuun kan hin barame ta’us, dubartoonnii fi hiriyoonni gaa’elaa dhaabbatan yeroo addaa kana keessatti walitti dhiyeenya isaanii eeguuf karaa nageenya qabuu fi quubsaa ta’een wal gammachiisuu qabu.

***Yeroo ulfaa keessattuu sadarkaa gara boodaatti fedhiin saalqunnamtii fi irra deddeebiin raawwachuun yeroo baay’ee akka hir’atu qorannoon ni mul’isa. Dubartoonni tokko tokko torbeewwan gidduu (Second trimester) keessatti fedhiin saalaa isaanii kan dabalu yoo ta'u, torbeewwan boodaa ( third trimester) keessatti ammoo gadi bu'a. Haa ta’u malee kun dubartoota hundaaf miti, dubartoonni baay’een yeroo ulfaa itti quufinsi saalaa dabaluu isaanii kan gabaasan yoo ta'u, kunis fayyaa miiraa, jajjabina qaamaa, dinagdee fi hariiroo abbaa manaa isaanii wajjin qaban irratti hundaa’a.

***Ulfa fayya qabeessa ta’eef, walqunnamtiin saalaan akka waliigalaatti balaan inni fidu baay'ee xiqqaadha. Sababni isaas Daa'imni kiisha amniotic sac fi cervical mucus plug'n haala gaariin kan eegamu waan ta'eef sochii saalqunnamtii irraa miidhaa isarra gahu irraa ittisa. Haa ta'u malee haalota kanneen akka carraa guddaa da’umsa yeroo malee (Premature labor), pilaasentaan afaan gadaamessaa irratti biqiluu (Placenta previa) ykn rakkina ulfaa darbe wajjin wal qabatuuf doktooronni walqunnamtii saalaa irraa of qusattu gorfamanii fi kkf yoo jiraate dhiisuu qabna.

***Inni biraa immoo yeroo ulfaa walitti dhiyeenya saalqunnamtii gaarii qabaachuun faayidaa xiinsammuu barbaachisaa ta’e qabaachuu danda’a. Qorannoon akka agarsiisutti sochiin saalqunnamtii dubartoonni hiriyoota isaanii wajjin walitti dhufeenya gaarii akka qabaatan, jireenya hawwataa akka jiraatanii fi ulfa isaanii irratti daran gammachuu akka qabaatan gargaara. Akkasumas immoo Namoota baay’eedhaaf, Saalqunnamtii fi walitti dhufeenyi qaamaa dhiphina irraa hir’isuu fi miira jajjabina kan kennuuf yoo ta’u, bond isaan gidduu jiru cimsuun bultiin isaanii akka cimu taasisa.

***Faayidaan biroo immoo fayyaa miiraatiin alatti dubartiin takka yeroo ulfaa Semen abbaa manaa isheetiif saaxilamuun sababa immune modulating factorii seminal fluid keessatti argamuutiin carraa dhibee pre-eclampsia qabamuu ishee gadi xiqqeessa. Dabalataanis, namoonni tokko tokko piroostaagilaandiiniin uumamaa seminal fluid keessatti argamu cervix kakaasuun da’umsaaf isaan qopheessuuf gargaaruu danda’a jedhanii amanu, haa ta’u malee ragaan saayinsii saalqunnamtii fayyadamuun da’umsa kakaasa jedhu ilaalchisee wanti mirkanaa’e hin jiru.

***Inni dhumaa immoo saalqunnamtii yeroo ulfaatiif positioni akkamii fayyadamuu qabna isa jedhuu fi Da'uumsa booda yeroo hagamitti gara saalqunnamtiitti deebi'uu qabna isa jedhuudha. Akkuma ulfi guddachaa deemuun poozishiinii hunda fayyadamuun rakkisaa waan ta'eef poozishinota kanneen akka abbaan warraa duuban ta'uun cinaatti ciisuu ( side-lying or spooning), isheen gubbaa ta'uun inni jala ta'uu, Doggy style, Cowgirl fi Reverse Cowgirl faa fayyadamuun gaariidha.

***Inni biraa immoo Da'uumsa booda yeroo hagamitti saalqunnamtii eegaluu qabna kan jedhuuf yeroo lamaan isaanii qophii ta’anitti sochii saalqunnamtii deebi’anii jalqabuu danda’u, haa ta’u malee irra caalatti naannoo torban jahaa booda silaa eegallee irra filatamaadha. Of-eeggannoon gochuu qabnu immoo Ovulation osoo marsaan laguu idilee deebi’ee hin jalqabin uumamuu danda’a waan ta'eef yaadachuun barbaachisaadha. Daa'imni keenyas fayya-qabeessa ta'ee akka guddatuuf yoo xiqqaate waggaa 2f harma haadhaa hoosisuu qabna waan ta'eef, ulfi hin barbaachifne akka hin uumamneef Da'uumsa booda ji'a 6ffaatti mala ittisa Da'uumsa fayyadamuu qabna.

Dr. Afiya Tube
'aa

10/12/2025

❝𝐆𝐎𝐒𝐎𝐎𝐓𝐀 𝐃𝐇𝐔𝐊𝐊𝐔𝐁𝐁𝐈𝐈 𝐌𝐀𝐓𝐀𝐀 𝐅𝐈 𝐖𝐀𝐋'𝐀𝐀𝐍𝐒𝐀 𝐈𝐒𝐀𝐀𝐍𝐈𝐈❞

***Mataa dhukkubbiin gosoota hedduu kan qabu yoo ta’u, kanneen armaan gadii kun sadan warreen hawaasa baay’inaan hubanii fi hawaasni keenya adda baasee beekuu qabuudha.

𝟏. 𝐆𝐎𝐒𝐀 𝐌𝐀𝐓𝐀𝐀 𝐃𝐇𝐔𝐊𝐊𝐔𝐁𝐁𝐈𝐈 𝐓𝐄𝐄𝐍𝐒𝐇𝐈𝐍𝐈𝐈(𝐓𝐞𝐧𝐬𝐢𝐨𝐧 𝐡𝐞𝐚𝐝𝐚𝐜𝐡𝐞)

***Tension Headache kan jedhamu kun dhukkuubbii mataa kan guutummaa mataa keenyaa dhukkubuu fi dhukkubbiin isaa salphaa ta’e, yeroo baay’ee hojii keenya guyyaa guyyaa irraa nu dhorkuu hin dandeenyedha. Mataa dhukkubbiin kun, mallattoo dabalataa hin qabu, mataa dhukkubbii qofa! Inni kun qorichoota hawaasni yeroo baay’ee mataa dhukkubbiif fudhatu akka “paracetamol” fi kkf (ordinary pain killers) yoo fudhanne kan nu dhiisudha. Ka’umsi isaa guutumaa guututti beekamuu baatus muddamuu, dheebochuu fi beela’uufaa waliin walqabata. [Fakkii A]

𝟐. 𝐌𝐀𝐓𝐀𝐀 𝐃𝐇𝐔𝐊𝐊𝐔𝐁𝐁𝐈𝐈 𝐌𝐀𝐀𝐘𝐈𝐆𝐈𝐑𝐄𝐄𝐍𝐈𝐈 (𝐌𝐢𝐠𝐫𝐚𝐢𝐧𝐞 𝐇𝐞𝐚𝐝𝐚𝐜𝐡𝐞)

***Migraine Headache Inni kun dhukkubbii isaa baayyee hamaa fi kan hojii irraa nama hambisudha. Mataa dhukkubbii isa yeroo hedduu mataa gama tokkoon hiree kan dhukkubu, dhukkuubbii mataa keessaa nama dha’atu (throbbing), kan namatti cimaa deemu, yoo takkaa dhukkubuu eegalu sa’atii muraasaa haga guyyaa sadillee turuu kan danda’u, sochii (activity) irraan kan nama eegalu dha. Maayigreeniin mataa dhukkubbii irratti dabalataan, mallattoolee biraa kan akka balaqqamsiisuu, nyaata jibbisiisuu fi ijaan ifa ilaaluu dadhabuu of biratti qaba. Yeroo tokko tokko dhukkubbiin kun dhufuu isaa dura mallattoolee akka ija ofiitti balaqqeessa’uu, sararawwaan ziig zaag fakkaatan ija ofiitti mul’achuu fi haasaa’uu dadhabuu fi kanneen biroo argisiisa.

***Yeroo kana namoonni mataa dhukkubbii gosa kana qaban akka mataan dhukkubbii kun isaanitti ka’uuf jedhu ni beeku. Dhukkubbii kana kan namatti kaasan: garmalee yaadda’uu ykn muddamuu, dhugaatii alkoolii, beela’uu fi dheebochuu, baay’ee rafuu ykn hirriba dhabuu, marsaa laguu yoo dhufu (dubartootaaf), sagalee garmalee ol ka’ee nama jeequ, ifa cimaa ilaaluu, waan foolii badaa qabu fi kkf dha. Waan nutti kaasu beeknee, akkuma dhuunfaa keenyaatti irraa fagaachuu qabna. Jireenya keenya guyyaa guyyaa irratti sana irra darbee miidhaa kan fidu yoo ta’ee fi qoricha xixiqqaa mataa dhukkubbiif fudhannuun yoo dhiisuu dide hospitaala deemnee qoricha ogeeyyii yaalaan ajajamu fudhachuu qabna. [Fakkii: B]

𝟑. 𝐌𝐀𝐓𝐀𝐀 𝐃𝐇𝐔𝐊𝐊𝐔𝐁𝐁𝐈𝐈 𝐊𝐈𝐋𝐀𝐀𝐒𝐓𝐄𝐑𝐈𝐈 (𝐂𝐥𝐮𝐬𝐭𝐞𝐫 𝐇𝐞𝐚𝐝𝐚𝐜𝐡𝐞)

***Cluster Headache Inni kun gosoota mataa dhukkubbii bal’aa trigeminal autonomic cephalgia jedhamu keessatti kan argamu ta’ee, mataa gam tokko (bitaa ykn mirga) qofa, naannoo ijaa kan nama dhukkubu yoo ta’u, gama dhukkubu sanaan mallattoowwan: ija keessaa bishaan akka imimmaanii gadi dhangalaasuu, ija diimessuu fi funyaan cufuu agarsiisa. Ciminni dhukkubbii isaa garmalee hamaa, dhukkubbii mataa kanneen biroo irra kan caaludha.

***Dhukkubbiin isaa yoo jalqabu naannoo ijaa irraan kan eegalu, akka mataa dhukkubbii gosa kaanii suuta jedhee osoo hin taane, akka tasaa takkaa dhumatti akka ibiddaa kan namarra bu’uudha. Guyyaa keessaa sa’atii walfakkaataa irratti namatti kan dhufuu fi yeroo tokko tokko hirriba keessaallee nama kaasa. Ka’umsi dhukkuba kanaa tasumaa kan hin beekamne yoo ta’u, kitaabonni tokko tokko garuu sanyiidhaan akkka darbu ibsu. Dhukkuba kana fayyisuun dadhabamus qorichootni dhukkubbii isaa hir’isanii fi daddafee akka hin dhufne taasisan ni kennamu. [Fakkii: C]

***Mataa dhukkubbii Qormaata biyyoolessaa kana hoo kam jalatti haa ramadnu mee😁

Dr. Afiya Tube
'aa

10/12/2025

❝𝐃𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞 𝐈𝐬𝐭𝐢𝐫𝐨𝐨𝐤𝐢𝐢 (𝐒𝐭𝐫𝐨𝐤𝐞)❞

***Hammi isaan barbaadaniifi dhabanii turuu danda’an/dandamatan garagara ta’ullee, qaamoleen keenya dalagaa isaanii hojjachuuf ‘Glucose (fi wantoota dalagaa qaamaaf barbaachisan)’ fi ‘Oxygen’ barbaadu. Gulukoosiif oksijiinii ammoo karaa dhiigaatiin argatu. Dhiiga ammoo karaa hidda dhiiigatiin argatu. Dhiigaa argachuu dhabuun Sammuu: hiddi dhiigaa gara sammuu deemu cufamuu, hudhamuu fi sababa dhiigni sammuu keessatti jigeef dhiiga gahaa ykn dhiiga aragachuu dhabuun, akkasumas dhiibbaan kana irraa qaama sammuutti dhufu kun ISTIROOK jedhama.

***ISTIROOKIIN dhiiga ititeen ykn cooma hidda dhiigaa irraa fottoquun cufamuu fi haalaan dhiphachuun (hudhamuun) hidda dhiigaa gara sammuu ykn qaamaa sammuu deemu (Ischemic Stroke) fi hiddi dhiigaa sammuu cituun ykn jigsuun dhiigni sammuu kessatti dhangala’uu (Hemorrhagic Stroke) irra ta’uu danda’a. Gosti ISTIROOKII lamaan kun yaalli isaanii garagara (faalla walii) fi akkasumas wantootni isaaniif nama saaxilaniis gargaruma haga tokkoo qabu.

***Dhiigni gara sammuu ykn kutaa sammuu deemuu yeroo tiqqoof ykn yeroo gabaabduuf irraa dhaabatee deebi’uun (Transient Ischemic Attack) ammoo mallattoo sa’aa muraasa keeessatti mul’atee badu mul’isuu danda’a.

𝐌𝐚𝐥𝐥𝐚𝐭𝐭𝐨𝐨𝐥𝐞𝐞 𝐈𝐒𝐓𝐈𝐑𝐎𝐎𝐊𝐈𝐈

1. Dubbachuu dadhabuu. Arrabni nama hihidhamuu.
2. Wanta namni biraa jedhu hubachuu dhabuu.
3. Tasa qaamnii cinaa tokkoo: fuula, harkaa, fi luka sochosuu dadhabuu. Cinaan sun guutuun guututti laamshayuu (Paralyze) ta’uu.
4. Ijji Cinaa tokko ykn lachuu ilaalu dadhabuu, itti dimimmisuu ykn guutuun guututti arguu dhabuu.
5. Bowwoo hamaa ta’e tasa namatti dhagahamu. Keessattuu mallattoolee armaan olitti eeraman wajjin haqqeen, lafti namaan maruun, fi yeroo muraasa booda of wallaaluun.
6. Deemuu dadhabuu, Tasa madaala ofi eeguu dadhabuu.

𝐌𝐚𝐚𝐭𝐢𝐢, 𝐅𝐢𝐫𝐚 𝐟𝐢 𝐡𝐢𝐫𝐢𝐲𝐲𝐚𝐚𝐧 𝐤𝐞𝐞𝐧𝐲𝐚 𝐈𝐒𝐓𝐈𝐑𝐎𝐎𝐊𝐈𝐈 𝐪𝐚𝐛𝐚𝐭𝐞/𝐠𝐨𝐝𝐡𝐚𝐭𝐞 𝐣𝐞𝐧𝐧𝐞 𝐲𝐨𝐨 𝐬𝐡𝐚𝐤𝐤𝐢𝐧𝐞:

1.Akka seeqatu gaafachuun, cinaan fuula tokko kaan wajjiin seequu dhabuu ykn gadi bu’uu ilaaluu.
2. Harka lachuu akka olfuudhu/ol kaasu gaafachuun, harki cinaa tokko olfudhuu dadhabuu ykn olfuudhee gubbaa irratti qabuu dadhabuu isaa ilaaluu.
3. Akka jecha tokko irra deddebi’e jedhu gaafachuun, jijjirama fi sirritti jechicha jechuu dhabuu isaa ilaaluu. Yoo mallatoo sadan kana mul’ise hatattamaan otoo turtii kamuu hin godhin dafanii mana yaalaa (Hospitaala) geessuu.

Wantoota carraa ISTIROOKII qabamuu ol kaasan:

1. Ulfaatinna gar malee guddaa ta’e qabaachuu
2. Sochii qaamaa gochuu dhabuu
3. Alkoolii haalaa ol baay’isanii dhuguu
4. Dawaa nama si’eessu, hadoochu ykn mirqaansu kan akka Co***ne (Kokeyinii fa’a fayyadamuu
5. Dhiibbaa dhiigaa haalaan ol ka’aa ta’e
6. Sigaaraa aarsuu
7. Haammi Koolestiroolii ol ka’e ta’e qabaachu
8. Dukkuba Sukkaraa haalaan to’achuu dhabuu
9. Dhukkuba Onnee (Dadhabuu Onnee ykn dhahannaa Onne wolhinsimne ykn sirri hin taane) qaabachuu
10. Amma dura ISTIROOKII qabachuu ykn maatiin dhiihoo keenya isaan hubamuun
11. Dubara caalaa dhiira irratti hedduminaan mul’atuu fi
12. Keessattu Umriin keenya waggaa/ganna 55 ol ta’uun, Wantootaa carraa ISTIROOKII’n qabamuu ol kaasaniidha.

Xaxaawwan ISTIROOKII irraa dhufan:

***Mallattooleenifi Xaxaawwan ISTIROOKII’n fidu qaama Sammuu miidhame irratti hundaa’a. Akkasumas sadarkaa miidhama qaama Sammuu san irratti hundaa’a. Xaxaawwan kanniin keessaa: Qaamni cinaa tokkoo: fuulli, harkii fi lukti laamshayee (paralyzed) ta’ee hafuu. Dubbachuu dadhabuu. Nyaata liqimsuu dadhabuu. Barreessuuf dubbisuu dadhabuu. Waan dubbatame hubachuu dhabuu. Waan amma dura ture guutun guutuutti ykn irra jireessaan irranfachuu ykn dagachuu.

***Waa hubachuu, qaayyabachuu, madaaluufi dandeetii yaadaa fi murtee sirri qabaachuu/ dabarasuu dhabuu. Siree irratti hafuu. Qaama dhiqaachuuf, uffata jijjirachuuf, nyaata nyaachufii kan kana fakkaataniif deeggarsa nama biraa barbaaduu. Wantoota/xaxaawwan kanaan walqabatee yaada’uu fi cinqamuu irraa Muukuu sammuuf (Depresion) saaxilamuu.

ISTIROOKII akkamiin of irraa ittisna ykn carraa isaan qabamuu hirdhifna?
1. Wantoota carraa ISTIROOKII dabalan keessaa tokko dhiibbaa dhiigaa ol ka’aa ta’edha. Hordooffii gahaa gochuun dhiibbaa dhiigaa keenya to’achuun carraa ISTIROOKII’n hubamuu haalaan xiqqeessa.
2. Hamma Koolestiroolii fi coomaa qaamaa keenya hirdhisuu. Kana gochuuf nyaata akka coomaa, foon diimaa, dhadhaa, killee, fi nyaata haphefamanii gurguraman kan koolestiroolii qaban yeroo hunda/ baay’isanii nyaachuu dhabuu/dhaabuu.
3. Sigaaraa aarsuu dhabuu/dhaabuu.
4. Dhukkuba Sukkaara yoo qabaanne hordoffii gahaa gochuun to’achuu.
5. Ulfaatinna garmalee guddaa ta’e yoo qabaanne hirdhisuu.
6. Ulfaatinna hojjaa keenyaan wal madaalu qabaachuu.
7. Fuduraaleef kuduraalee garagaraa nyaachuu
8. Sochii qaamaa hargansuu barbaadan/nama hargansiisan haala idile ta’een hojjachuu.
9. Hamma Alkoolii dhugnu xiqqeessu (Biiraa lamati) ykn guutummaan guututti dhiisuu.
10. Dawaa nama si’eessan, hadoochan ykn mirqaansan- Ashiishii, Co***ne- fa’a faayyadamuu dhabuu.

Dr. Afiya Tube
'aa

10/12/2025

❝𝐓𝐢𝐫𝐮𝐮 𝐟𝐢 𝐃𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞 𝐓𝐢𝐫𝐮𝐮❞

***Tiruun qaamolee keenya keessaa baay’ee murteessoo fi dalagaa hedduu kan qabduudha. Tiruun kan argamtu garaa keenya gara olii gara fulduraa fi harki caalan gara mirgatti siqxee argamti.

𝐃𝐚𝐥𝐚𝐠𝐚𝐚𝐧 𝐓𝐢𝐫𝐮𝐮𝐧 𝐌𝐚𝐚𝐥𝐢?

***Tiruun keenya dalagaa hedduu qabdi; isaanis, Wantoota garaagaraa kan akka keemikaalota qaama keenyaaf barbaachisan hedduu oomishuuf, Xuuraawaa garaagaraa kan qaamatti summii ta’an diiguun akka qaama keessaa bahan taasisa, Wantoota garaagaraa kuusuuf, Dhangala’aan Hadhooftuu oomishuufi kkf..

𝐃𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞 𝐓𝐢𝐫𝐮𝐮

*** Tiruu hawaasa keenya biratti yeroo baay’ee dhibee simbiraa, kan simbira halkaniin namatti dhufu jedhamuun karaa dogongoraa ta’een beekama. Dhugaan jiru dhibeen tiruu fi simbirri halkanii hidhata homaatuu akka hin qaban. Dhibee tiruu kan jedhamu yoo tiruun keenya miidhamtee dalagaa ishee yoo sirnaan dalaguu dadhabdeedha.

***Tiruun keenya akka miidhamtu wantoonni godhan heddudha; Akka biyya keenyatti vaayirasiin tiruu (hepatitis virus HBV, HCV… fa’a) Tiruu keenya miidhuun sadarkaa 1ffaa irratti argamu, biyyoota guddatan keessatti immoo Alkoolii baay’isanii dhuguutu dursa qabata. Qorichoonni tokko tokko kan dhukkuboota biroof ajaja ogeessan ykn ajaja ogeessaan ala fudhatamuus miidhaa tiruu keenya irraan ni geessisa. Akkasumas namoota baay’ee muraasa ta’an irratti qaamni ittisa dhibee ofuma isaattii deebisee tiruu miidhuu danda’a (Autoimmune hepatitis) fi kkf

𝐒𝐚𝐛𝐚𝐛𝐨𝐨𝐭𝐚 𝐃𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞 𝐓𝐢𝐫𝐮𝐮𝐟 𝐍𝐚𝐦𝐚 𝐒𝐚𝐚𝐱𝐢𝐥𝐚𝐧 (𝐑𝐢𝐬𝐤 𝐅𝐚𝐜𝐭𝐨𝐫𝐬)

1. Alkoolii baay’isanii dhuguu.
2. Qoricha ajaja ogeessan ala fudhachuu fi haala ajajameen fudhachuu dhiisuu (kan ajajame ol fudhachuu)
3. Walqunnamtii saalaa of eeggannoo hin qabne gochuu (koondomii malee nama hin beekne waliin rawwachuu)
4. Ulfaatina garmalee guddaa ta’e
5. Dhangala’a ykn dhiiga namoota biroo tuttuquu, kunis dhibeewwaan tiruu keenya miidhaan akka nama qabame irraa nutti darbu godha
6. Meeshalee qara qaban waliin fayyadamuu
7. Tamboo aarsuu fi Araadawwan biroos tiruu keenya miidhuu danda’u.
8. Qorichoota aadaa garaagaraa fudhaachuu
9. Summii garaagaraafi kkf..

𝐌𝐚𝐥𝐥𝐚𝐭𝐭𝐨𝐨𝐥𝐞𝐞 𝐌𝐢𝐢𝐝𝐡𝐚𝐦𝐮𝐮 𝐓𝐢𝐫𝐮𝐮 𝐀𝐠𝐚𝐫𝐬𝐢𝐢𝐬𝐚𝐧

***Tiruun namaa guddaa waan ta’eef, miidhama xiqqoon mallattoo hoomaatuu agarsiisuu dhiisuu danda’a. Akkuma miidhamni dabalaa deemun mallattoo agarsiisuu eegala. Mallattooleen kunnenis:

1. Dhukkubbii garaa gara oli fi gara mirgaa
2. Nyaata nama jibbisiisuu, Ol nama guursisuu (nausea) fi nama haqqisiisu (vomiting)
3. Gogaa fi iji keenya gara keellotti jijjiramu (jaundice)
4. Qaamni namaa akka salphatti dhiiguu, funuunuu
5. Nama dadhabsisuu fi gad nama guuruu (weakness), ulfaatinni qaamaa garmalee hir’achuu
6. Darbees hafuurri wal hanqachuu (shortness of breath)
7. Garaa nama dhiitaa’u ykn bokoksuu,miila fi iddoon biraas dhiita’uu.
8. Qaamni nama hooksisuu (skin itchy)
9. Halluun bobbaa jijjiramu (pale stool color), akkasumas halluun fincaanii gara gurraachatti jijjiramu (dark urine color)
10. Bitaa namatti galuu (confussion/hepatic encephalopathy)

𝐀𝐤𝐤𝐚𝐦𝐢𝐢𝐧 𝐃𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞 𝐓𝐢𝐫𝐮𝐮 𝐎𝐟𝐢𝐫𝐫𝐚𝐚 𝐢𝐭𝐭𝐢𝐬𝐮𝐮 𝐝𝐚𝐧𝐝𝐞𝐞𝐧𝐲𝐚?

1. Vaayirasii Tiruutiin (HBV, HCV…) akka hin qabamne of eeguu. Talaallii vaayirasii kanaaf keennamu fudhaachuu, Walqunnamtii saalaa of eeggannoo hin qabne; Fkn nama hin beekne waliin gochuu dhiisuu, Waan qara qabu waliin fayyadamuu dhiisuu, Dhiiga fi Dhangala’a qaama nama biraa of eeggannoo malee (harka duwwaa, golgiituu/gilaavii malee) xuxxuquu dhiisuu.

2. Alkoolii baay’isuu dhiisuu.
3. Qoricha kamuu ajaja fi akkataa ajaja ogeessa fayyaatiin qofa fudhachuu.
4. Summii fi nyaata summa’e irraa of eeguu.
5. Furdina gar-malee guddaa ta’e hir’isuu.
6. Qulqullinna nyaata fi dhugaatii keenyaa eeguu.
7. Tamboo/sigaaraa aarsuu dhaabuu/dhiisuu.
8. Qorichoota aadaa kamuu fudhaachu dhiisuu.

***Dhibee tiruu yaaluun sadarkaa isheen miidhamte irratti hundaa’a, Kuniis osoo miidhaa guddaan irra hin gahiin yoo ta’e, Wantoota tiruu keenya miidhaan irraa yoo fagaanne fi of eggannoo tiruu keenyaaf yoo goone, tiruun keenya fayyuu danda’a. Keessattuu dhibee tiruu sababa Alkoolii baay’isuun dhufe yoo ta’e, dafnee osoo sadarkaa hamaa irra hin gahin yoo alkoolii dhiisna ta’e fayyuu danda’a.

***Yoo tiruun keenya garmalee kan miidhamte (liver cirrhosis) ta’e, garuu fayyuun baay’ee rakkisaa ta’a. kanaaf dhibeen tiruu kun akka nu hin qabne sirriitti of eeggannoo cimsuu fi yoo nu qabees sababa dhukkubicha nutti fideef yeroon ogeessa fayyaa marisiisuun wanta isaan nun jedhan seeran hojii irra oolchuu fi qorichoota isaan nuf ajajan seeran fudhachu qabna. Hunda caala wantoota tiruu keenya miidhaan irraa fagachuun ni gorfama.


Dr. Afiya Tube
'aa

Yeroo ammaa kana baakteeriyaan qorichoota farra isaa ofirraa dhoorguun (Antibiotics resistance) rakkoo fayyaa ummataa gu...
19/11/2025

Yeroo ammaa kana baakteeriyaan qorichoota farra isaa ofirraa dhoorguun (Antibiotics resistance) rakkoo fayyaa ummataa guddaa fi hamaa ta'eedha. Fayyadamni dogoggoraa fi humnaa ol fayyadamuun qorichoota farra-bakteriyaa (antibiotics)'n baakteeriyaan akka qorichoota wajjin wal baru godha, kunis dhukkuba daddarboo yaaluu rakkisaa taasisa yookaan yeroo tokko tokko gonkumaa akka hin yaalamne taasisa.

🦠 Balaa kana irraa hafuuf hundi keenya:

🚫 Qorichoota farra-bakteriyaa (Antibiotics) Of-eeggannoo fi Dirqama Guddaan Fayyadamuu.
👩‍⚕️ Qorichoota farra-bakteriyaa Ogeessa Fayyaan yoo Ajajamne Qofa fudhachuu.
📅 Dhukkubicha irraa miirri fayyuu kan nutti dhagahamu yoo ta'es guutuu qoricha nuu kennamee seeraan fixuu.
🚫 Qoricha farra-bakteriyaa namoota biroo wajjin hin fayyadaminaa yookaan kan hafe hin fayyadaminaa.
💪 Qulqullina keenya eeggachuunii fi talaallii'n dhukkuboota ittisu fudhachuun dhukkuboota daddarboo irraa of eeguu.

Address

Addis Ababa

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dr. Afiya Tube posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Dr. Afiya Tube:

Share