
11/11/2024
Jireenya keessatti wanti ta'u hunduu, woma gaariif ta'a jedhanii yaaduun dansaadha. Taateewwanii fi rakkowwan jireenya keessatti nama mudatan, woma gaariif ta'uu isaanii yeroo hedduu taatee gara fuul-duraa uumamu wojjiin gafaa wolitti fidnee madaallee qofa fa'a waan gaariif ta'uun isaanii nuuf ifa ta'a.
Seenaa tokko: Nama tokkotu gorsaa mootii Afrikaa wohii ture. Namni gorsaa sun hayyuu fi yeroo hedduu waan mudatu hundaa "kana ta'uun isaa woma gaariif jedhaa" ilaaluu fi sanis ifa baasee mootichatti dubbatu ture.
Gaafa tokko otoo foon mootichaa muraa jiru tasa quba mooticha irraa mure (kutee) dabarsa. Kana irratti mootichii dallanee maaf akkana goota, suuta hin jettuu, jedhee itti dheekamee jennaan; gorsaan isaa sun akkuma barate san ‘kunis woma gaariif ta'a’ jedhaan. Ka na murte sii hanqatee, waan gaariif ta’a naan jettaa, jedhee mootichi garmalee aaree mana hidhaatti galchee, achitti hiisisa.
San booda gaafa tokko mootichi otoo biyya biraa deemaa jiru, karaa irratti, harka worra Canibalis— Bulguu (worra nama hin beekne nyaatanii bu'e).
Isaanis erga qabatan booda affeelanii nyaachuuf qoraan bobeessanii, bishaan danfisanii, mooticha kana itti darbuuf qophii eegalan.
Akka aadaa jara Bulguu (Kaanibaal) kanatti namni nyaatamu nama qaama guutuu qabu qofa. Yoo qaamni isaa hirdhuu ta'e hin nyaatan, gad lakkisan. Erga waan hunda fixan booda gaafa qaama mooticha ilaalan, qaamni isaa guutuu hin turre. Qubni isaa tokko irraa muramee jira.
Mootichi gaafas du'arraa hafee biyya isaatti deebi'e. Gorsaa isaa san akkuma deebi’een mana hidhaa baase; dhiifamas gaafate. Wonti ati gaafa qubni narraa cite ‘waan gaariif’ naan jette sun gaarii ta'uu isaa argee jedhee haala isa mudate gorsaa isaa durii saniif hime. Si hidhuun kiyya dogongora guddaa ture jedhee itti dubbate, irra deebi'ee dhiifama jedheen.
Gorsaan hidhaa ture sunis akkuma baratame san na hidhuun kee waan gaariif ture jedheen. Si hidhuun kiyya ammoo akkamitti gaarii ta'a jedhee mootichi dinqisiifamee gaafateen. Si