02/01/2024
Baga guyyaa Yaadannoo dhalachuu gooftaa keenya Iyyasuus kiristoosiin isin ga'e Ameen baga walumaan nu gahee.
Maqaa AbbaaKan Ilmaa Kan afuura Qulqulluu Waaqa Tokko Ameen!
Dhalootaa jechuun akka saayinsii waa'ee sirnaa wal hormaataa qoratutti " bakka bu'insaa, wal horinsa, baay'achuu qachee, ittii fufiinsaa sanyii hiddaa Dhaloota" jechuudha. Kunis ta'uu kan danda'uu, waan hundinuu yeroo jireenya isaan keessatti yoo dhiiraa fi dhalaan wal quunnaman qofaadha.
Dhaloonni Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos Garuu yaada saayinsii kana guutummaa guutuutti ni falleesse. Kana yeroo jennuu akka saayinsiitti dhaloonni kamiyyuu "haadhaa fi Abbaa" dirqama qaba ture. Kana jechuun wanti dhalatuu kamiyyuu Abbaa qofa ykn Haadha qofa irraa hin dhalatuu jechudha. Inumaayyuu wanti takkaa dhalate tokko irraa deebi'e ykn al lamas dhalachuun akka saayinsii kanaatti kan hin danda'amne yoo ta'uu "Iyyasuus kiristoos" garuu waaqummaa isaa fi abbaa saayinsii hundumaa ta'uu isaa ibsuuf fallaa kana Dhaloota lama qabatee Addunya kanaatti muldhatee. Kana jechuun dhaloonni gooftaa keenya Iyyasuus kiristoos lama jechuudha.
Isaanis
1ffaa hin uumamiin Abbaa irraa haadha malee dhalate.
2ffaa erga uumamtee waggaa 5,500 booda Abbaa malee haadha irraa dhalate. Manni kiristaanaa Ortodooksii Tawaahidoo Itiyoophiyaas Dhalootaa Gooftaa kana haala addaa ta'een yeroo hundaa ni kabajji.
1ffaa jechuun maal jechudha?
Addunyaan dura yeroo jennu Gooftaan keenya Iyyasuus kiristoos osoo addunyaan hin uumamin, osoo barri hin lakkaa'amin Abbaa irraa haadha malee dhalatee jechuudha. Kanas qulqulluun Phaawuloos yeroo nuf mirkaneessu.
Ibro 1: 2 "Waaqayyo ilma isaa kanaan Samii fi lafa uume." Jechuun Uumamuu Addunya dura jiraachuu Iyyasuus nuf ibsa. kun sammuu dhala namaati olidha waan ta'eef akkamitti jedhanii qoratanii bira gahuun hin danda'amu. Abbaa irraa kan inni dhalates Abbaa fakkaatee abbaan qixxaatee amalaanis abbaa fakkaatee dhalate malee akka dhaloota namaatti miti. yeroo inni itti abbaa isaa irraa adda bahe tokko illee hin jiru.
Far 2፥7 "Ati ilma koo ti, ani har'an si dhalche"አንተ ልጄ ነህ፥ እኔ ዛሬ ወለድሁህ።
sagaleen kun osoo addunyaan hin uumamin dura ilmi abbaa irraa dhalachuu isaa nuuf ibsa.
fakkeenya 8፥25 "Tulloonni, gaaronnis otuu hin uumaminan dhaladhe"
2ffaa jechuun..?
Addunya booda jechuun immoo addunyaan erga uumamte waggoota 5500 booda gooftaan keenya Iyyasuus kiristoos qulqulleetti Durbee Maariyaam Irraa foon ishee irraa foon lubbuu ishee irraa lubbuu fudhachuu dhaan kan inni dhalate (nama ta'e) jechuudha. kunis raajotaan dursee dubbatamee ture. Gooftaan osoo hin dhalatin waggoota 800 dursee kan ture raajichi Isaayiyyaas
Isay 9:6 "Mucaan nuuf dhalateera, ilmi dhiiraas nuuf kennameera; humni mootummaa isaa gatiittii isaa irra jira; maqaan isaa, "Gorsaa, dinqii, Waaqayyo jabaa, abbaa bara baraa, hangafa nagaa" ni jedhama."
ሕፃን ተወልዶልናልና፥ ወንድ ልጅም ተሰጥቶናልና፤ አለቅነትም በጫንቃው ላይ ይሆናል፤ ስሙም ድንቅ መካር፥ ኃያል አምላክ፥ የዘላለም አባት፥ የሰላም አለቃ ተብሎ ይጠራል። jechuun waa'ee dhaloota gooftaa ifatti raajeera.
Gooftaan keenya haadha keenya qulqulleetti Dubree Maariyaam irraa abbaa malee dhalate. kun immoo addunyaan dura abbaa irra haadha malee dhalachuu isaa caalaatti nu hubachiisa. kan raajonni waa'ee kiristoos irratti dubbatan hundi raawwatameera. otuu hin raawwanne ta'ee raajota hin jedhaman ture.
Far 132፥6 " kunoo Efraataatti dhageenye, dallaa loonii keessattis argine;
እነሆ፥ በኤፍራታ ሰማነው፥ በዱር ውስጥም አገኘነው።
raajiin "Harreen Gooftaa ishee beekte"sabni koo garuu hin beeku! Isaay 1÷3
Raaga Isaayiyyaas dubbatames raawwatamee. Yohaannis Afaanwarqee waa'ee dhaloota gooftaa akkas jechuun dubbateera......"Abbaa isaa irraa osoo adda hin ba'in jechi garakee dhufe, osoo hin murtaa'in ulfoofte, gubbaadhaa osoo hin hir'atiin gadiittis osoo hin dabalamin gadameessa kee keessatti murtaa'e... Abbaa isaa irraa osoo hin adda ba'in dhufe, jireenya isaa irraa osoo adda hin ba'in gad bu'e sadummaa irraa osoo adda hin ba'in dhufe, tokkummaa isaa irraas osoo adda hin ba'in bu'e, teessoo isaa irraa oso adda hin ba'in gadameessa durbee keessa bule..., Gubbaadha osoo hin hir'atin gadittis osoo hin dabalamin durbee irraa dhalate." jechuun dubbatee
Ergamoonni waaqayyoos yeroo gooftaan dhalatetti gara samiitti yoo ba'an ilma ,abbaa fi afuura qulqulluu waliin tokkummaan waan arganiif "samii irratti ulfinni waaqayyoof haa ta'u" jechuun galateeffatan. Gara lafaatti yeroo dhufanis Iyyasuus kiristoosiin durbee Maariyaam harkatti waan arganiif "nagaan lafa irratti dhala namaaf haa ta'u'!" jedhan. luq 2፥14
(Abbaa) ti jechuun maal jechuudha?
Ilmi abbaa irraa haala sammuun namaa qoratee beekee bira gahuu hin dandeenyeen dhalate. Abbaa irraa yeroo dhalatutti Abbaadhaan qixaatee, abbaa fakkaatee, osoo hin jijjiiramin osoo hin dabalin osoo hin xiqqaatin dhalate.
Maarree abbaadhaan "abbaa" yeroo jennu ilmaan ammoo "ilma yeroo jennu" Abrihaam Yisaaqiif abbaa akka ta'eefi Yisaaq Abrihaamiif ilma akka ta'e sana jechuu keenya miti.
dhaloonni guuftaa keenya dhugumatti .
Abrihaam Yisaaqiif abbaa waan ta'eef Yisaaqiin dursee argame. Waaqayyo abbaan garuu waaqayyo ilmaaf abbaa waan ta'eef dursee argamee jedhamu.
Abbaa ilmi Afuuri qulqulluun waaqa tokkodha wal hin dursan walis hin caalan.
Egaan Iyyasuus kiristoos ilma waaqayyooti jechuun maal jechuudha? kan jedhuuf ........lapheen jecha dursitee hin argamtu jechis laphee boodaan hin argamtu amalli isaanii tokko waan ta'eef si'a tokkicha argamu. kanaafuu abbaa ilmi Afuurri qulqulluun laphummaa Abbaatiin ni yaadu jechumaa ilmaatiin ni dubbatu. jireenyummaa afuura qulqulluutiin barabaraan jiraatu jechuudha, tokko waan ta'aniif adda hin ba'an!
Isa 6፥1-3 "Qulqulluu! Qulqulluu! Qulqulluu dha Waaqayyo gooftaan maccaa; guutummaan lafaas ulfina isaatiin guutuu dha.
Waa'ee tokkummaa fi sadummaa Waaqayyo immo post iccitii sillaasee jedhuu irraa dubbisaa
jennee amanna.
jechuun maal jechuudha?
kana jechuun Gooftaan keenya Iyyasuus kiristoos Dubree Maariyaam irraa Tawaahidoodhaan foon ishee irraa foon lubbuu ishee irraa lubbuu fudhatee ta'ee jechuudha.
Tawaahidoo jechuun Tokko ta'uu, waloomuu, wal simuu jechuudha.
osoo adda hin qoodamin osoo hin jijjiiramin Tawaahidoodhaan qaama tokko amala tokko ...qaama lama irraa qaama tokko amala lama irraa amala tokko icciitii ittiin ta'edha.
=> Qaama lama kan jedhaman qaama waaqummaa fi qaama namummaa(foonummaa) ti.
=> Amala lama kan jedhames amala waaqummaa fi amala namummaati.
Qaamolee lamaanii fi amalli lamaan kan wal hin simnee fi kan wal hin fakkaanne turan.
Sababni isaa inni tokko waaqadha inni biraa immoo nama(foon) dha.
Akkasumas qaamni waaqummaa hin mul'atu hin qaqqabamu, qaamni foonummaa garuu ni mul'ata ni qaqqabama.
Egaan qaamni lama qaama tokko ta'e yoo jennu qaamni waaqummaa amala isaa oso hin jijjiirin osoo hin mul'atin qaama namummaas osoo hin dhoksin akkasumas qaamni foonummaa amala isaa osoo hin jijjiirin akkuma jirutti waaqumma waliin walsime tokko ta'e jechuudha.
Amalli waaqummaa kan hin duune kan hin dhukkubsanne kan hin dadhabne kan hin jijjiiramne dha. Amalli foonummaa immoo kan du'u kan dhukkubsatu kan dadhabu kan jijjiiramudha.egaan amalli lamaan kun tokko ta'e yoo jedhamu waaqummaan amala isaa kan hin taane kan akka du'uu dadhabuu dhukkubsachuu rafuu fikkf ofitti fudhachun foonummaanis amala isaa kan hin taane amala waaqumma ofitti fudhachuun waaqummaa waliin walsimee, tokko ta'ee jechuudha.Tawaahidoon lama ta'uun akka hafu taasiseera.kanaaf kana booda "lama jechuun hin jiru" Yoh 20፥26.
Tawaahidoodhaan waaqni nama ta'eera namni waaqa ta'eera.
Akkuma duraan ibsine waaqni nama waan ta'eef kennaa kan ture ni fudhate kan hin rafne ni rafe.cimaa kan ture dadhabaa ta'e. Luqqifanni kun kana ni ibsa.
luq 2፥7 ...siree horiin keessaa nyaatu irra ciibsite.
Mar 4፥38"...Iyyasuus garuu bidiricha keessa gara duubaatiin waa boraafatee ni rafa ture
Yoh 10፥18.....abboommii kana immoo abbaa koo biraan fudhadhe
Yoh 4 ፥7 ".....Iyyasuus, "Bishaan dhugaatii anaaf kenni!" ittiin jedhe
2qor 8፥9"...inni badhaadhaa otuma jiruu deegaa ta'uu isaatiin isin badhaasuudhaaf isiniif jedhee deegaa ta'e.
Yoh 4፥6 "....Iyyasuus karaa adeemaa oolee waan dadhabeef, boolla bishaanii sana bukkee taa'e!
namni(foon) immoo waaqa waan ta'eef fudhachaa kan ture kennaa ta'e dadhabaa kan ture cimaa ta'e du'aa kan ture jiraataa ta'e.dadhabaa kan ture cimaa ta'e.
Ragaa kitaaba qulqulluu kana ilaali
Yoh 8፥59 "...; inni garuu of dhoksee mana qulqullummaa keessaa ba'ee adeeme
Yoh 14፥27 "....Nagaa isin biratti nan hambisa, nagaa koo isiniif nan kenna; ani akka biyyi lafaa kennuttan isiniif kenna miti,
Yoh 14፥13 "....waanuma isin maqaa kootiin kadhattan ani nan raawwadha.
kan nuti ilaalaa turre hundi Iyyasuus kiristoosiin kan dubbatameefi waa'ee Iyyasuus kiristoos kan himudha.
Ragaawwan kana irraa kan nuti hubannu lama ta'uu osoo hin taane Tokkummaadha.
waaqni nama ta'e yeroo jennu amala waaqummaa isaa dhiisee nama ta'e jechuu miti. namni waaqa ta'e yeroo jenus amala namummaa isaa dhiisee waaqa ta'e jechuu miti. Tawaahidoo keessatti ta'uu malee ta'uun jijjiiramuun hin jiru. jijjiiramuun amala waaqummaa miti.
Milk 3፥6 "ani waaqayyo hin jijjiiramu"
kiristoos bakka lamatti kan hin qoodamne ta'uu amala lamas kan hin qabne ta'uu qulqulluun Phaawuloos dubbatee jira.
1qor 1፥13 "Kiristoostu gargar hirame mooree?"
1qor 12፥5 "... Gooftaan tokkichuma."
'i?
Gabaabumatti Deebiin lakki tokko miti
maatiin ykn abbaa fi haati keenya nu godhatan malee nu hin uumne.
uumaan Sillaasee qofadha.
uumamuun kan duraan hin jirre irraa gara jiraachuutti dhufuudha. Dhalachuun garuu fakkaatanii qixxaatanii argamudha. Kanaafuu kiristoos ni dhalate malee hin uumamne. kan uumame nu'i ilmaan namootadha.
Kiristoos Aalfaa fi oomeegaa duras kan ture ammas kan jiru bara baraan kan jiraatudha.
Room 9:5 "kiristoos fooniin dhufe innis hundumaa ol kan ta'ee fi barabaraan waaqa eebbifamaadha."
Galanni Waaqayyoof haa ta'uu ameen.
Waaqayyo kadhannaa qulqullootaan kanaatiin nutti haa araaramu. Sugni wareegamtootas nu waliin haa ta’u. Hanga bara baraatti.
Araarsummaan haadhaa keenyaa nu waliin haa jiraatuu. Ameen!!! 'uu_
Hora Bula