Labsi media

Labsi media ​"Dhugaan ni qallati malee hin ciitu"

  Gabaasa: Gaazexeessaan Ya'iqoob Yaataanee Harka Namaatiin Du'uu Isaa Ragaaleen Adda Addaa ni Mul'isu" - Obboleessa Isa...
03/05/2026

Gabaasa: Gaazexeessaan Ya'iqoob Yaataanee Harka Namaatiin Du'uu Isaa Ragaaleen Adda Addaa ni Mul'isu" - Obboleessa Isaa
​Gaazexeessaa Ya'iqoob Yaataanee, inni waggoota dhiyoo as biyya ollaa Keeniyaa jiraachaa tureefi dhimmoota siyaasaa akkasumas sarbiinsa mirga namummaa irratti xiyyeeffachuun barreeffamoota isaatiin beekamu, Naayiroobii naannoo "Kamaayikoo" jedhamutti mana jireenyaa isaa keessatti du'ee argamuun isaa dubbii guddaa ta'ee jira.
​Tikvaah Itoophiyaa obboleessa Gaazexeessaa Ya'iqoob Yaataanee quxisuufi barsiisaa Yuunivarsiitii Yaabeelloo kan ta'an Obbo Musee Yaataanee waliin turtii taasiiseera.
​Obbo Museen, "Obboleessi koo harka namaatiin ajjeefamuu isaa kan agarsiisan ragaaleen hedduun jiru," jechuun Tikvaah Itoophiyaatti himaniiru.
​Obboleessi Gaazexeessaa Ya'iqoob Maal Jedhe?
​"Ya'iqoob bara 1994 irraa eegalee Televizhinii Itoophiyaa dabalatee miidiyaalee garaa garaa keessa kan hojjete yoo ta'u, dhaabbilee miti-mootummaa (NGO) fi dhaabbilee barnoota ol'aanoo keessatti barsiisummaan tajaajileera; akkasumas qooda fudhannaa hojii mootummaa keessattis hojjeteera.
​Yaada xiinxala siyaasaa inni barreessuun kan ka'e hidhaaf saaxilamaa kan ture yoo ta'u, dhumarratti baqattummaan gara Keeniyaatti qajeele.
​Ya'iqoob jireenya gaazexeessummaa isaa keessatti falmii inni taasiisu namoota siyaasaa biratti fudhatama isa dhabsiiseera. Akka baqataatti jiruus miidiyaalee adda addaaf barreeffamoota (articles) barreessuun isaa dhibbaa dabalataaf isa saaxileera.
​Miidiyaaleen akka Orbiit Miidiyaa, Itoophiyaa Insaayidarii fi Addis Istaandaard miidiyaalee Ya'iqoob baqattummaa irratti utuu jiruu waliin hojjetaa ture keessatti argamu.
​Deddeebi'ee doorsisni akka isa dhaqqabaa jiruufi kanaan dura naannoo jiraachaa ture akka jijjiire natti himeera; hojii kana dhiisee gara hojii biraatti akka galus irratti waliigallee turre. Ta'us, booda mana jireenyaa isaa keessatti du'ee argamuu isaa bilbilanii natti himan.
​Itti gaafatamtoota achi jiran tokko tokko waliin dubbanneen, reeffi isaa qorannoon erga irratti taasifamee booda gara Itoophiyaatti akka ergamu waliigalle.
​Bu'aan qorannoo reeffaa (autopsy) jalqabaa akka agarsiisutti, harka namaatiin summiidhaan ajjeefameera.
​Mana isaa keessaa funaanamee kan ergame uffata isaa keessaa, kophee isaa fi meeshaalee elektirooniksii isaa irratti dhiigni argamuun isaa shakkii kana caalaatti jabeessa.
​Adeemsa qorannichaaf jecha dhimma kana seeraan hordofuuf ragaalee tokko tokko yeroof ibsuu irra ni qusanna.
​Reeffi Gaazexeessaa Ya'iqoob Yaataanee karaa lafaatiin Itoophiyaa ga'ee, Koonsoo naannoo Zalimaad jedhamutti bakka awwaalcha maatii isatti raawwatameera.
​Ya'iqoob abbaa manaa fi abbaa ijoollee lamaa ture," jechuun obboleessi isaa Tikvaah Itoophiyaatti himeera.
​Miidiyaaleen Keeniyaas bu'aan qorannoo reeffaa inni jalqabaa harka namaatiin ajjeefamuu isaa akka agarsiisu gabaasaniiru.
​Dhaabbanni mirga gaazexeessitootaaf falmu (CPJ) fi dhaabbilee mirga namummaa idil-addunyaa biroon dhimma kana hordofanii deebii akka kennan gabaasameera.
#​Tikvaah Itoophiyaa

 'el kibba Libaanos ganda Deer Eemis jiraattonni akka bahan erga akeekkachiisee booda haleellaa qilleensaa raawwachuu il...
24/04/2026

'el kibba Libaanos ganda Deer Eemis jiraattonni akka bahan erga akeekkachiisee booda haleellaa qilleensaa raawwachuu ilaalchisee viidiyoowwan bahan xiinxaleera.

Viidiyoowwan bahan lama dhoo'insi guddaan tuuta manneenii gandicha keessaa rukutuu fi, bakki kun daangaa Israa'el irraa 11km ta'uu mirkaneessu.

Maxxansa isaa afaan Arabaatiin, dubbii himaan waraana Israa'el (IDF) Avichaay Adiraa'ii, ''gochaawwan Hezboolaa waraanni Israa'el akka tarkaanfii irratti fudhatu kan kakaasani'' jedhe. Naannawa kanatti jiraattonni meetira 1000 gandicharraa akka fagaatan akeekkachiise IDF.

IDF boodarra viidiyaa haleellaa kana kaleessa galgala ''buufata waraanaa'' Hezboolaan gara ganda Israa'elii Sh*tulaa daangaa Libaanositti rokkeettii irraa dhukaasu haleelle'' jedhe.

  Immigireeshinii fi Lammummaa Itoophiyaa dameewwan tajaajila paaspoortii 12 irraa gara 22'tti guddisuu isaa beeksiseFin...
21/04/2026

Immigireeshinii fi Lammummaa Itoophiyaa dameewwan tajaajila paaspoortii 12 irraa gara 22'tti guddisuu isaa beeksise

Finfinnee, Eebila 21, 2026 :Tajaajilli Immigireeshinii fi Lammummaa Itoophiyaa dameewwan tajaajila paaspoortii 12 irraa gara 22'tti guddisuun tajaajila isaa babal’isuu daarektarri Ol'aanaan tajaajilichaa Salamaawit Daawit ibsaniru.

Kunis raawwii hojii ji’oota sagal darbanii ilaalchisee miidiyaaleef ibsa kennaniin, dhaabbatichi karoora yeroo sanaaf baase irratti bu’aa garii galmeessuu himaniiru. Akkasumas, tajaajilichi karaa Tajaajila Galmee Siivilii fi Maatii miiliyoona 4.8 ol galmeessuu isaa ibsee, sirna galmee ammayyeessuuf hojiiwwan garaagaraa hojjetamaa jiraachuus eeraniiru. Itti dabaluunis, imaltoonni biyya keessaafi alaa miiliyoona 5.4 ol ta’an karaa tajaajila qilleensaa fi lafaatiin keessummeeffamuu isaanii ibsaniiru.

Tajaajila paaspoortii ilaalchisee, ji’oota sagal keessatti paaspoortiin miiliyoona 1.159 'ol kennameera. baballinni dameewwan tajaajilaa 22 gahuu ibsuun kunis tajaajila saffisaafi bu’a qabeessa ta’e kennuuf gumaacha olaanaa taasisuus himaniiru.

Gama biraatiin, galii ilaalchisee, baatii sagal darban keessatti qarshiin biiliyoona 30.9 ol walitti qabamuu Daarektarri Olaanaan kun ibsaniiru.

Gama to’annoofi hordoffiitiin, godaantota seeraan alaa kuma 10 fi 530 irratti tarkaanfiin seeraa fudhatamuu, akkasumas hojjettoota dhaabbatichaa tajaajila sirnaan hin kennine 17 irratti tarkaanfiin fudhatamuu isaanii eeraniiru.

Dhumarratti, kenniinsa tajaajilaa ammayyeessuuf hojii sirna fooyyessuu sammuu namtolcheetiin deeggaramee xumuramuu himuun, kunis dhaqqabummaa, saffisa fi amanamummaa tajaajilaa cimsuuf gumaacha olaanaa qabaachuu ibsaniiru.

  Miindaan jiraachuun dhiibbaa  qabachuun isa qorannooleen ibsan. Qacaramanii hojii miindaan  hojjachuun faayidaa inni Q...
21/04/2026

Miindaan jiraachuun dhiibbaa qabachuun isa qorannooleen ibsan.

Qacaramanii hojii miindaan hojjachuun faayidaa inni Qabuu Caalaa Miidhaa dhiibbaa hedduu qabaachuu isaa qorannooleen beeksissan.

Dhaabbileen kanneen akka dhaabbata fayyaa Addunyaa 'WHO' fi dhaabbata Hojjattoota Addunyaa 'ILO' qorannoo kanaan dura hojjataniin namoonni Hojii miindaan qacaramanii hojjatan muuraasa qabaataniis irra guddaan isaani dhiibbaa hedduuf saaxilamoo ta'uu isaani ifoomsanii jiru.

Qacaramanii miindaan jiraachuun dhiibbaan inni qabu keessaa:-

Namoonni qacaramanii jiraatan Bilisummaa xiqqaa qofa qabu. Murteewwan hedduu ofii isaanitiin murteessuu hin danda'an.

Guddinni diinagdee ykn galiin isaani yeroo hunda daangeffamaadha.Namoonni Miindaan jiraatan yeroo gabaabaa keessatti jijjiiramu hin danda'an.jireenyi isaani Yeroo hunda miindaa irratti irkataadha.

Namoonni Miindaan jiraatan dhiphina sammuuf(stress) saaxilamoodha.Yeroo dhuunfaa isaani hin argatan. Sa'aati dheeraa hojii qacaramaniiif sanaaf oolchu.

Namoonnii qacaramanii hojjatan hojii dhabdummaaf yeroo baay'ee ni saaxilamu.Yeroo kamiyyuu hojii isaani irraa ari’amuu danda'u.

Yaada fi dandeetti isaani guututi fayadamuuf ni rakkatu.yeroo baay'ee namoonni qacaramanii hojjatan Wal irratti hojjachuu (office politics) dabarsu.

Hojjii tokko irra deddeebiin yeroo dheeraaf hojjatu jechuun Dhaabbileen kanneen akka dhaabbata fayyaa Addunyaa 'WHO' fi dhaabbata Hojjattoota Addunyaa 'ILO' qorannoo kanaan dura taasiisaa turaniin beeksisanii jiru.

Wantoota guddina dinagdee
keessatti murteessoo ta'an.

1. Of jijjiiruu
2. Mul'ata qabaachuu fi karooraan jiraachuu
3. Aadaa hojii gaarii gabbifachuu
4. Madda galii babal'ifachuu
5. Amala qusannaa jabaa horachuu
6. Baasii hin malle hir'isuu
7. Idaa hamaa keessa akka hin seenne of-eeguu
8. Qabeenya horachuu
9. Beekumsaan of qaraa adeemu

Maddi: isa -WHO,ILO

  20 (Reuters) - Dhaabbanni Anthropic jalqaba ji'a kanaa moodeela AI (Artifishal Intalajansii) isa hunda caalaa qaxaree ...
20/04/2026

20 (Reuters) - Dhaabbanni Anthropic jalqaba ji'a kanaa moodeela AI (Artifishal Intalajansii) isa hunda caalaa qaxaree ta'e, "Mythos" jedhamu beeksiseera. Moodeelli kun dandeettii xaxamaa qabaachuun kan dizaayineeffame hojiiwwan ittisa 'cybersecurity' (nagaummaa dijitaalaa) hojjachuufi.
​Dandeettiin Mythos inni ballaan kun sodaa nageenya software barame irratti fidu danda'u uumeera. Dhaabbanni AI kun akka jedhetti, qorumsi jalqabaa irratti taasifame "sirna hojjachiiftu (operating system) fi 'web browser' hunda irratti" daldala ciccimoo fi hanqina nageenyaa kumaatamaan lakkaawwaman saaxileera.
Moodelli kun akkamitti eegale, eenyutu hayyama argate?
​Anthropic, piroojektii to’annoo jabaa qabu kan "Project Glasswing" jedhamuun, "Claude Mythos Preview" hojiitti hiikeera. Tarkaanfii kanaan dhaabbilee teeknoolojii gurguddoo kanneen akka Amazon (AMZN.O), Microsoft (MSFT.O), Nvidia (NVDA.O), fi Apple (AAPL.O) hayyama akka argatan taasiseera.
​Dhaabbanni kun dabalataan dhaabbilee 40 ol kanneen bu'uuraalee misoomaa sooftiweerii murteessoo ta'an ijaaran yookaan bulchanitti hayyama kana bal'iseera.
​Mythos irratti yaaddoon jiru maali?
​Ogeeyyiin akka akeekkachiisanitti, moodelli kun dadhabina (vulnerabilities) kanaan dura hin beekamne, saffisa dhaabbileen suphuu danda'an caalaa jabaateen adda baasuu fi itti fayyadamuu danda'a.

Address

Addis Ababa
Addis Ababa
0000

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Labsi media posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share