03/05/2026
Gabaasa: Gaazexeessaan Ya'iqoob Yaataanee Harka Namaatiin Du'uu Isaa Ragaaleen Adda Addaa ni Mul'isu" - Obboleessa Isaa
Gaazexeessaa Ya'iqoob Yaataanee, inni waggoota dhiyoo as biyya ollaa Keeniyaa jiraachaa tureefi dhimmoota siyaasaa akkasumas sarbiinsa mirga namummaa irratti xiyyeeffachuun barreeffamoota isaatiin beekamu, Naayiroobii naannoo "Kamaayikoo" jedhamutti mana jireenyaa isaa keessatti du'ee argamuun isaa dubbii guddaa ta'ee jira.
Tikvaah Itoophiyaa obboleessa Gaazexeessaa Ya'iqoob Yaataanee quxisuufi barsiisaa Yuunivarsiitii Yaabeelloo kan ta'an Obbo Musee Yaataanee waliin turtii taasiiseera.
Obbo Museen, "Obboleessi koo harka namaatiin ajjeefamuu isaa kan agarsiisan ragaaleen hedduun jiru," jechuun Tikvaah Itoophiyaatti himaniiru.
Obboleessi Gaazexeessaa Ya'iqoob Maal Jedhe?
"Ya'iqoob bara 1994 irraa eegalee Televizhinii Itoophiyaa dabalatee miidiyaalee garaa garaa keessa kan hojjete yoo ta'u, dhaabbilee miti-mootummaa (NGO) fi dhaabbilee barnoota ol'aanoo keessatti barsiisummaan tajaajileera; akkasumas qooda fudhannaa hojii mootummaa keessattis hojjeteera.
Yaada xiinxala siyaasaa inni barreessuun kan ka'e hidhaaf saaxilamaa kan ture yoo ta'u, dhumarratti baqattummaan gara Keeniyaatti qajeele.
Ya'iqoob jireenya gaazexeessummaa isaa keessatti falmii inni taasiisu namoota siyaasaa biratti fudhatama isa dhabsiiseera. Akka baqataatti jiruus miidiyaalee adda addaaf barreeffamoota (articles) barreessuun isaa dhibbaa dabalataaf isa saaxileera.
Miidiyaaleen akka Orbiit Miidiyaa, Itoophiyaa Insaayidarii fi Addis Istaandaard miidiyaalee Ya'iqoob baqattummaa irratti utuu jiruu waliin hojjetaa ture keessatti argamu.
Deddeebi'ee doorsisni akka isa dhaqqabaa jiruufi kanaan dura naannoo jiraachaa ture akka jijjiire natti himeera; hojii kana dhiisee gara hojii biraatti akka galus irratti waliigallee turre. Ta'us, booda mana jireenyaa isaa keessatti du'ee argamuu isaa bilbilanii natti himan.
Itti gaafatamtoota achi jiran tokko tokko waliin dubbanneen, reeffi isaa qorannoon erga irratti taasifamee booda gara Itoophiyaatti akka ergamu waliigalle.
Bu'aan qorannoo reeffaa (autopsy) jalqabaa akka agarsiisutti, harka namaatiin summiidhaan ajjeefameera.
Mana isaa keessaa funaanamee kan ergame uffata isaa keessaa, kophee isaa fi meeshaalee elektirooniksii isaa irratti dhiigni argamuun isaa shakkii kana caalaatti jabeessa.
Adeemsa qorannichaaf jecha dhimma kana seeraan hordofuuf ragaalee tokko tokko yeroof ibsuu irra ni qusanna.
Reeffi Gaazexeessaa Ya'iqoob Yaataanee karaa lafaatiin Itoophiyaa ga'ee, Koonsoo naannoo Zalimaad jedhamutti bakka awwaalcha maatii isatti raawwatameera.
Ya'iqoob abbaa manaa fi abbaa ijoollee lamaa ture," jechuun obboleessi isaa Tikvaah Itoophiyaatti himeera.
Miidiyaaleen Keeniyaas bu'aan qorannoo reeffaa inni jalqabaa harka namaatiin ajjeefamuu isaa akka agarsiisu gabaasaniiru.
Dhaabbanni mirga gaazexeessitootaaf falmu (CPJ) fi dhaabbilee mirga namummaa idil-addunyaa biroon dhimma kana hordofanii deebii akka kennan gabaasameera.
#Tikvaah Itoophiyaa