
28/12/2024
Bu’uurri rakkoo uummata Oromoo ilaalcha Ministira muummee fi ijaarama Itoophiyaati jedhu hayyoonni.
Haala yeroo Oromoo fi Oromiyaa irratti OMN waliin marii kan taasisan Ittaanaa Habtee (PhD) fi Milkeessaa Miidhagaa (PhD) rakkoo har’a uummanni Oromoo keessa jiruuf ijaarama mootummaa (state) Itoophiyaa fi ilaalcha Ministirri Muummee ittiin Itoophiyaa bulchaa jiran akka sababa ijootti kaasan.
Mooraa Oromoo keessa faallaa duudhaa sabichaa kan ta’e rakkoon dimookraasummaa jiraachuus akeekanii jiru.
Mooraa siyaasaa Oromoo keessatti kan hoggansa waloo (Collective leadership)tti amanan muraasa jedhu hayyoonni lamaan.
Furmaanni rakkoo uummatichaa hoggansa waloo kaayyoo waloo biyyaalessaan hogganu tolfachuudha jedhan.
Qophii Dirree Waloo OMN irratti marii kan taasisan Ittaanaa Habtee (PhD)fi Milkeessaa Miidhagaa (PhD) rakkoo har’a uummanni Oromoo keessa jiruuf ijaarama mootummaa (state) Itoophiyaa fi ilaalcha Ministirri Muummee Abiy Ahmad Oromoorratti qaban akka sababoota ijootti kaasan.
Ijaaramni mootummaa (state) Itoophiyaa faallaa dantaa fi fedhii Oromooti kan jedhan hayyoonni lamaan, kun immoo sirni kamillee dhufee darbu jijjiiramuu akka hin dandeenye dubbatu. Hariiroon Itoophiyaa fi Oromoo hundeeffama biyyattiirraa kaasee hariiroo masaanummaa ti jedhu. Itoophiyaa keessatti akka Oromootti gurmaawuu fi fedhii Oromoo gaafachuun akka biyya diiguutti ilaalamaa kan dhufe ta'uu seenaa eeruun ibsan.
Ministirri muummee Abiyyi Ahmadis ilaalcha ijaarama Itoophiyaa kana qabu kan jedhan hayyoonni kunneen, Ministirri muummee mataansaanii hiree ofii ofiin murteeffachuu Oromootti akka hin amanne dubbatu. Ministirri muummee Itoophiyaa Oromoon ukkaamfamuu qaba jedhanii amanu jedhu hayyoonni lamaanuu.
Yeroo ammaa balaan Oromoo irratti aggaamame sabicha kan eenyummaa isaa fi biyya isaa dhabsiisu jedhu Ittaanaa Habtee (PhD).
Mooraan siyaasaa Oromoos rakkoo garaagaraa qabaachuu eeranii jiru hayyoonni kunneen.
Ittaanaa Habtee mooraan siyaasaa Oromoo rakkoo dimookraasummaa qaba jedha. Oromoon saba aadaa dimookraasii qabu ofiin jechaa, garuu hoggansa jaarmiyaalee Oromoo keessa aadaan dimookraasummaa hin mul’atu jedha
Sabni fi biyyi Oromoo guddaa ta’uu dagachuun mooraa siyaasaa Oromoo keessatti sirriitti ifee mul’atas jedha Ittaanaa Habtee (PhD).
Jijjiiramoota siyaasaa Itoophiyaa fi kufaatii hoggansa siyaasaa Oromoo waliin wal qabsiisee yaada kan dhiyeesse Ittaanaa Habtee, jijjiirama 2018 dura fincilli Oromoo godhamaa ture gateettii fi guddina Oromoo kan madaaluu fi tokkummaa Oromoo kan mul’ise turuu akka qabxii ijootti yaadachiisa.
Haa ta’uu malee jijjiirama fincila hirmaachisaa sanaan dhufe booda dhaabonni siyaasaa, rogeeyyii fi gareen hayyootaa Oromoo waliigaltee fi wabii tokko malee qoqqoodamanii qofaa qofaan gara Itoophiyaa galanii dhaaba biyya bulchu deeggaruutti seenani. Gaaffiin Oromoo tokkollee osoo hin deebi’in akka waan sabni bilisoometti ibsaa turan. Sun dogoggora guddaa mooraa Oromoo hundi keenya qooddannuu fi rakkoo har'aaf bu'uura ta'e jedha Ittaanaan (PhD).
Milkeessaa Milkeessaa (PhD) gama isaatiin ejjennoon Ministirri muummee mirga hiree ofii ofiin murteeffachuu Oromoorratti qaban kan sirnoota Impaayera Itoophiyaa kaleessaatiin tokkuma jedha. Ministirri muummee fi paartiin isaanii kaayyoon Oromoo balaa Itoophiyaa akka ta’eetti amanu jedha Milkeessaan (PhD).
Gaaffiin Oromoo ifaa fi beekamaa ta’ee osoo jiruu Oromoon hoggansa waloo gaaffii kana hogganu dhabuun dhaloota hedduu wareegama kaffalchiise kan jedhu Milkeessaa Miidhagaa, mooraa siyaasaa Oromoo keessatti kan hoggansa waloo(Collective leadership)tti amanu muraasa ta’uunis qormaata ijoo ta’uu dubbata. “Oromoon kaayyoo waloo osoo qabu hoggansa waloo dhabe” jedha.
Furmaanni rakkoo uummatichaa hoggansa waloo kaayyoo waloo biyyaalessaa hogganu tolfachuu dha jedhu hayyoonni kunneen. Kanaaf immoo abdii guddaan jiraachuu eeranii jiru. Oromoon hammeenya sirnichaa irratti dammaqee qabsaawaa jiraachuun abdii guddaa ta’uu dubbatan qophii Dirree Waloo OMN irratti marii godhaniin hayyoonni kun.