12/08/2026
Warri dhimma Finfinnee irratti sagalee ta’aa jirtan galatoomaa. Garuu sagalee keenya bal’ifnee, rakkoo uummata Oromoo bakka biraa keessa jiruufis sagalee ta’uun barbaachisaa dha.
Afaanuma Finfinnee fi mirga uummataaf falmaa jirtaniin, yeroo tokko wal faana uummata Oromoo Angar Guutee fi naannawa isaa keessatti rakkoo nageenyaa fi buqqaatii keessa jiruufis sagalee haa taanu.
Hoggantoonni mootummaa fi qaamoleen dhimma nageenyaa irratti aangoo qaban, yeroo tokko tokko dhimma namoota dhuunfaa ykn miidiyaa hawaasaa irratti xiyyeeffannoo kennanii deebii kennu. Akkuma kana, rakkoo uummata Oromoo Wallagga Bahaa keessatti mudataa jiruufis xiyyeeffannoo fi deebii ifaa kennuun barbaachisaa dha.
Uummanni naannichaa waggoota dheeraaf ajjeechaa, buqqaatii, mancaatii qabeenyaa fi nageenya dhabuu irraa dararamaa jira jechuun komii fi gabaasni adda addaa ni jiru. Guyyaa kaleessaa qofa namoonni hedduun, baay’inni isaanii 36 ol jedhamee gabaafamaa jiru, ajje**famuu isaanii ilaalchisee odeeffannoon nu qaqqabaa jira. Odeeffannoon akkanaa yoo jiraate, qaamoleen mootummaa dhimmicha qorachuun dhugaa jiru ifa gochuu qabu.
Uummanni naga qabeessi qe’ee isaa irraa buqqa’uu, lubbuu dhabuu fi achi buuteen dhabamuu hin qabu. Mootummaan nageenya lammiilee hundaaf walqixa mirkaneessuu fi yakka raawwatamu yoo jiraate qoratee tarkaanfii seeraa fudhachuu qaba.
Kanaaf, dhimma Finfinnee irratti sagalee ta’aa jirtan hundi, rakkoo uummata Oromoo Wallagga Bahaa keessattis sagalee haa taanu.
Uummanni kun waggoota hedduuf birmannaa gaafachaa jira. Mee sagalee isaa haa dhageessifnu.
Najiib HajiJamaal