Maaddii Media

Maaddii Media MAADDII DHALOOTAAF.

Maal faarfannaan akkas guddummaa Kiristoosiin qofa ibsee mul'isuu👏Amanuel Demesa ati eebbifamteetta.
12/06/2026

Maal faarfannaan akkas guddummaa Kiristoosiin qofa ibsee mul'isuu👏
Amanuel Demesa ati eebbifamteetta.

Subscribe to Amanuel Demesa official | and Turn ON Notification To ...

Faaruu kana dhaggeeffadhaa!
18/05/2026

Faaruu kana dhaggeeffadhaa!

NAGAADHA MANNIKOO Afaan Oromoo Gospel Song by Zakarias Koricho

18/04/2026

Ilma dhugaa
nama dhugaa
Warra Dhugaa
galma Dhugaa! 👋

Biyya keenyatti, ilaalchi namni  maraatuudhaaf qabu baay’ee na dhiba!. An akka dhuunfaa kiyyatti, carraan ittiin maraata...
17/03/2026

Biyya keenyatti, ilaalchi namni maraatuudhaaf qabu baay’ee na dhiba!.

An akka dhuunfaa kiyyatti, carraan ittiin maraataa waliin haasa’uu utuun argadhee,baay’een jaaladha!. Carraa argadhees,waliin haasa’ee beeka. Marattota an carraa argadhee wajjin haasa’e keessaa, namoonni sadii namoota addaa turan. Dandeettii ajaa’ibaa qabu. Tasgabbiidhaan sammuu isaanii eegdeefii waliin nii haasofta yoo ta’e, eenyummaan isaanii inni dhugaan, maal akka ta’e nii hubatta.

Falaasaan Addunyaa kanaa Ooshoon akka jedhutti,… “maraatummaan dhibee sammuu dhabuu, osoo hin taane, dhibee sammuu baay'ee qabaachuu ti” jedha.

Dhuguma immoo… Namni sammuu cimaa qabu yaada baay'ee dhalcha, gaaffii gadi fageenya qabu of gaafata, akkasumas dhiibbaa jireenyaa keessatti dandeettii xiinxaluu guddaa qaba. Humna (energy) guddaa sana yoo hogganuu dadhabe, madaallii isaa dhabee maraata.

Hayyoonni baay'een akka jedhanitti, namoota dandeettii kalaqaa (creativity) guddaa qabanii fi maraattota gidduu sarara qalloo qofatu jira. Ooshoon dubbiidhuma kana jabeessuuf, namni sammuu cimaa qabu yoo karaa sirrii (kan akka meediteeshinii) hordofuu baate, sammuun isaa sun itti garagalee akka isa maddisiisu dubbata.

Walumaa gala… namoota maraatanii daandii irra deeman yoo arginu, qooda baqannu, ofitti butuuf yaaluun, itti madaquuf yaaluu dabalatee, ilaalcha isaaniif qabnu akka fooyyessinuufan yaada kana kaase.. 🙏👍

Goota seeneffama ADWA jijjiire!Dur yeroo sagantaan Kabaja Yaadannoo Adwaa gaggeeffamu hundi keenya miira aantummaa osoo ...
01/03/2026

Goota seeneffama ADWA jijjiire!

Dur yeroo sagantaan Kabaja Yaadannoo Adwaa gaggeeffamu hundi keenya miira aantummaa osoo hin taane, miira aariitu nutti dhaga’ama ture. Miira dhiibamuutu nutti hasaasa. Sababnisaa,
1.Kabaja ayyaanichaa irratti Alaabaa Lummuxii nutti itti walii hin galletu mirmirfama. Inumaa sagantichi kabaja alaabichaaf kan qophaa’e fakkaata.
2.Jeneraalota dhalootaan Oromoo ta’an kan Adwaa irratti aarsaa kaffalan dagatamanii maqaan nugusa Minilik qofti faarfama.
3.Yaadannoo kanarratti warra Afaan tokko qofa dubbatantu, Goraadee baatee, daabee Jaldeessaa uffatee, “አካኪ ዘራፍ” jedhanii saba tokko faarsuun, injifannoo sabaaf sablammootaa caala akka waan injifannoo saba tokko ta’eetti seenessu ture.
4.Qanyaazmaachota, Dajjaazmaachota, Fitawuraarii fi ... dhalootaan Oromoo ta’an garuu maqaa Afaan Amaariffaa qaban akka waan dhalootaan saba Amaaraa ta’aniitti seenessu ture.
5.Guyyaa kabaja ayyaanichaa dhaadannoo saba biraa arrabsuutu gaggeeffama ture. Itti dhaadachuun biyyaaf aarsaa kan kaffale saba tokkoon fakkeeffama ture.
6.Bakki kabaja ayyaanichaa ammoo siidaa Oromoo fi saboonni biroo argaa jibanitti waan gaggeeffaamuuf Oromoon ayyanicha kabajuu irraa of qusata ture.

Gaafa tokko garuu, ilmi Oromoo warra Liiban, ilmi jabaan warra Kuttaayee gootni Amboon biqilchite Hacaaluu Hundeessaa shira kana dursee waan hubateef seeneffama kana jijjiiruuf kutatee ka’e. Waltajjiin guddaan Addabaabayii guddaatti qophaa’e. Fardeen Amboo, Jalduu, Gaalessaa fi baddaawwan Salaalee keessaa dhufanii Finfinneetti walgahan.

Haceenis farda qopheeffatee, Eeboof Gaachana qabatee, Looffisaa fi Daabee Leencaa uffatee, Maayikiraafoonii qabatee, sagaleesaa kiilolee fi jechootasaa rasaasa caala qalbii uranii seenan sanaan “Seenaa keenya himannu malee ormi nuu hin himu du’eetu bada malee...” jechuun injifannoon Adwaa bu’aa Jeneraalota Oromoo ta’uu seenesse. Seenaan keenya akka hatame, akka dabsame dubbate. Isa irraa dhiibamnetti akka deebi’uu qabnu dhaame. Erga gaafasii ana dabalatee namoonni hedduun waa hubanne. Seenaa sirreessuu akka qabnu amanne.

Mootummaanis, bakka siidaa nama nyaataa sanatti, siidaa guddaa ADWA madaalu ijaaruun, akka injifannoo sabaaf sablammootaa ibsutti bocuun, ayyaanichi dhaadannoo, alaabaa, siyaasaa fi ilaalcha saba tokkoo jalaa bahee, akka namni kamuu kabajuu danda’u godhameera. Siidaan jibbamaan sunis seeneffama guddaa fi siidaa guddaa Adwaa madaaluun haguugameera. Sichimmoo badduu ba'ayyuu!

Galatni kan warra lolee lolchiise, galatni kan goota seeneffama sobaarraa seeneffama dhugaatti geeddare (Hacee) fi warra siidaa yaadannoo kana qixa sirriin ijaareef haa ta’u!

ADWA-Mallattoo injifannoo gurraachotaa!👑
Kanenus Kasa Bayisa tiin

ODUU AMMEEPerezedaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp geggeessitoota Iraan warra haaraa waliin mari'achuuf walii gale.Pere...
01/03/2026

ODUU AMMEE

Perezedaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp geggeessitoota Iraan warra haaraa waliin mari'achuuf walii gale.

Perezedaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp geggeessitoota Iraan warra haaraa waliin marii kallattii taasisuuf Akka walii gale ibsa the Atlantic'f kenneen beeksise.

Wal dhabdee dippiloomaasii biyyoota lamaan gidduu ture tasgabbeessuuf geggeessitoonnii iraan marii geggeessuuf waamicha dhiheessuu isaanii hordofee Doonaald Tiraampis yaadicha fudhachuu isaa hime.

Murtoon Kun siyaasaa sadarkaa adduunyaatti jiru tasgabbeessuuf Abdii guddaa kan kennu ta'uun sadarkaa Waltajjii adduunyaa irratti xiyyeeffannoo guddaa argateera.

Maddi: Reuters.

‎‎Gaafa tokko, dargaggeessi tokko hojii hojjetaa utuu jiruu dogoggora xiqqoo uume.‎Battaluma hogganaan isaa aariidhaan, ...
01/03/2026


‎Gaafa tokko, dargaggeessi tokko hojii hojjetaa utuu jiruu dogoggora xiqqoo uume.
‎Battaluma hogganaan isaa aariidhaan, “Ati dadhabaa namaa homaa hojjechuu hin dandeessu kanaaf dogoggora uumte.” jedhe isatti dheekame.Hojjetichis
‎jechi sun akka ibiddaa isa gube;abdii isaa laaffise,haamilee dhabuu keessa darbee hiriyyoota waliin hojjetan ija keessa ilaaluu qaanfate.Guyyaa sana guutuu jechi hoogganaa isaa sun gurrasaa irraa iyyaa oole.
‎Galgala mana galee haatisaa miirasaa kan hubatte waan inni ta'e erga gaafatteen booda akkas ittiin jette:
‎“Ilma koo, dogoggorri barnoota; ati dandeettii guddaa qabda kanaafuu jecha namootaarraa keessookee dhaggeeffadhu.”ittiin jette.

‎Dargaggeessichis jechi harmeesaa sun akka bishaan ibidda dhaamsuutti gubaa keessasaa battaluma tasgabbeesse.
‎Innis deebisee dhugaadha namootni tokko tokko dogoggora akka kufaatiitti lakkaa'uun jechaan nama madeessu garuu dhugaan jiru kana: jechi tokko nama diiga; jechi tokkommoo nama ijaara.Jechi hogganaakoo kuufama keessakoo jiru jeeqe,jechikee garuu na wal'aane kanaafuu akkuma ati jette jabaadhe jechoota arrabaa ol gararraa ta'uu nan danda'a jechuun murteesse.
‎Argitanii,arrabni keenya murtii jireenya keenyaa fi carraa keenya ta’a.
‎Guyyaa guyyaatti jechootni akka tasaa fi yeroo aarii keessatti dubbannu jireenya keenya ijaaruu ykn diiguuf murteessoodha.

‎Namni jecha namootarraa itti darbatamu hordofee adeemu abdii fi carraa isaa balleessa.
‎Namni immoo jecha isaa obsaan fi ofitti amanamummaan too’ate jireenya isaa ijaara.
‎Namootni beekamoon Addunyaa kanarratti jecha namootarra caalanii mul'atanii dhiibbaa uuman keessaa fakkeenyaaf:
‎ – Ijoollummaatti barsiisaan isaa “mucaan kun hin baratu” jedhe.
‎Garuu jecha haadha isaatiin jajjabeeffame. Dhugaa fi obsaan hojjachuun addunyaa keessatti kalaqa ibsaa elektirikii fi kalaqoota biraa hedduu kalaqe.
‎ – TV irratti “hin milkooftu” jedhamtee tuffatamte.
‎Garuu abdii hin kutanne; boodarra sagalee namootaa fi fakkeenya dubartoota hedduu addunyaa keessatti taate.
‎ – Yunivarsiitii seenuuf yeroo hedduu kufe, hojii hedduu iyyata dhiyeesse garuu didame.
‎Namoonni “Ati hin dandeessu” jedhaniif, garuu abdii hin kutanne; dhaabbata Alibaba Group hundeesse, addunyaa guutuu jijjiire.

‎Seenaa namoota kanaarraa maal baranna?
‎✓jecha namaa caalaa of dhaggeeffachuu, abdii kutachuu dhiisuu, obsaan hojjechuu, fi yaada haaraa uumuun jireenya ijaaruu danda’uudha.
‎📖 Macaafni Qulqulluunis waa'ee arrabaa irratti,
‎✓“Duuni fi jireenyi aboo arrabaa Jala akka jiru akkasumas arrabni xiqqaa ta’us ibidda guddaa qabsiisu fi namni uumama hedduu leenjisuu yoo danda'ellee arrabasaa leenjisuu akka hin dandeenye fi sababuma kanaan afaanuma tokko keessaa eebbaaf abaarsa akka baasu kunimmoo gaarii akka hintaane dubbata.

‎Kana jechuun, arrabni keenya akka ibidda bosonaa ta’uu danda’a; yoo hin to’atamin waan hedduu balleessa, yoo to’atame immoo akka ifaa daandii nuu ibsa.
‎💡 Kanaafuu har’a of gaafadhu:
‎Jechi koo nama ijaaraa jira moo cabsaa jira?
‎✓Aarii keessatti dubbachuunkoo maal na fayyada/miidha?
‎✓Yoo arraba koo to’adhe maaliin qajeelcha?
‎Walumaagalatti
‎Arraba ofii to’achuun; jireenya ofii ni ijaara, ni eegaas.Kanaafuu Jechi kee akka ibidda ta’uu danda’a; akkasumas akka ifa daandii ta’uu danda’a.
‎👉 Filannoon kee murteessaadha. Jecha kee obsaan fi ofitti amanamummaan fayyadami. Namoota naannookee jiraniifis arrabakee eeggadhu.Dadhabaan har'a boru ni Jabaata,wallaalaan har'a boru ni beeka.
‎Lafa nagaa oolaa!
✍️ Hawera Guluma

Address

Addis Ababa
MAADDIIMEDIA

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Maaddii Media posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Maaddii Media:

Share

Category