Abdisa Fanta

Abdisa Fanta Adurree barri qabe Hantuuti eegee nyaatte !!

Namni kaan, “Nan du’aa laata?” jedhee yaadda’a. Namichi kun garuu, “Hin du’iinan hafaa laata?” jedhee yaadda’a. Ismael A...
09/08/2025

Namni kaan, “Nan du’aa laata?” jedhee yaadda’a. Namichi kun garuu, “Hin du’iinan hafaa laata?” jedhee yaadda’a.

Ismael Azizi jedhama. Nama lammii Tanzaaniyaati.
Si’a jaga (6) du’ee, si’a jahanuu ogeessi fayyaa du’asaa mirkaneessee, si jahanuu du’arraa ka’e.
1ffaa - bakka hojii isaatti balaa tasaan du’e. Ni ka’e.
2ffaa - dhukkuba busaatiin du’e. Ni ka’e.
3ffaa- balaa konkolaataan du’e.
Ni ka’e.
4ffaa - bofaan hiddamee du’e. Guyyaa sadii sanduuqa reeffaa keessa ture. Ni ka’e
5ffaa - mana fincaanii keessatti kufee du’e. Uummanni naannoo kanarra waa’een namicha kanaa nu ga’eera jedhanii reeffa isaa mana isaa waliin guban. Ni ka’e. 6ffaas inuma ka’e.

Amma firriifi namoonni naannoo isaa jiran hundi, ”Kun ekeraa wayii ta’uu hin oolu” jedhanii irraa baqataniiru. Qofummaatti jireenya isaa jibbee jira.

Rakkina kanarraa du’ee obbaafachuu barbaada. Garuu ammas deebi’een ka’aa laata jedhee yaadda’a.

Kun hooda!

🥲🥲🥲🥲🥲
04/08/2025

🥲🥲🥲🥲🥲

Handaara Yemenitti Bidiruun Godaantota Lammileen Itoophiyaa Itti Imalaa Turan Dhidhimee Namoonni 65 Ol Du’an

Oduu Waliif ( Hagayyaa 4/2025) Finfinnee

Dilbata kaleessaa bidiruun Godaantotaa lammiileen Itoophiyaa 154 ittiin imalaa turan galoo galaana Yaman irratti dhidhimee, lammileen Itoophiyaa 68 du’uu, 74 kan ta’an ammoo achi buuteen isaanii akka hin beekamne Dhaabbanni Godaantotaa Mootummoota Gamtoomanii beeksisuu dhaabbanni Oduu Asooseetid Prees gabaase.

Dhaabbanni Godaantotaa IOM, godaantonni bishaan irratti bidiruun isaanii dhidhime kun hunduu lammilee Itoophiyaa akka ta’an ibsee, reeffi namoota galaana rratti du’anii handaara galaanaa kibba Yaman, Kutaa bulchiinsaa Abiiyaanitti argamuu ibsee, duulli godaantota reeffi isaanii hin argamne barbaaduu itti fufee akka jiru ibse.

Abdusaator Isooyev, Hoogganaan Dhaabbata Godaantotaa IOM kan Damee Yaman, godaantota bidiruun ittiin dhidhime 154 ta’an keessaa 12 lubbuutiin hafuu dhaabbata oduu Asooseetid Pireesistti himeera.

Wal Waraansi hamaan Yaman haa jiraatu male, ammallee Yaman biyya godaantonni biyyoota Arabaa sooreyyii ta’an kan akka Saawudii Arabiyaatti qaxxaamuruuf biyyaa akka cehumsaatti filataniidha.

Imala isaanii kana keessatti lammileen Itoophiyaa kun sababa wal waraansa Humnoota Hutii kan Iraaniin deeggaramanuu fi mootummaa Yaman Dhaabbata Mootummootaa biratti fudhatama qabu jidduutti gaggeeffamuu rakkoo hamaan akka isaan mudatu dhaabbati falmaa mirgoota namoomaa Hiyumaan Raayitsi Wachi bara 2020 gabaasuun ni yaadatama.

Itoophiyaan ammas biyya hiyyummaan keessatti baballate, sababa dhiibbaa lola Tigraayi waliin tureenis ammaa rakkoo diinagdee ishee mudaterraa biyya hin dandamannedha.

Dhaaabbanni Godaantotaa (IOM) Bitootessa darbe gabaasa isaan bara 2024 qofaa godaantonni kuma jaatamaa ol gara Yamanitti qaxxaamuruu ibse. Akka Dhaabbanni kun jedhetti, galoon galaanaa Yamanii fi Gaanfa Afriikaa jidduu jiru, imalli wal xaxaan godaantotaan kan irratti gaggeeffamudha.

Naannoon gaanfa Afriikaa, biyyoota akka Itoophiyaa, Eertiraa, Somaaliyaa, Jibuutii, dhiyeenya biyyummaa ishee kan labsatte Somaalii Laandi kan dabalatudha.
Rokkoon hanqina midhaan nyaataa, hoongee fi jijjiirama qilleensaan wal qabatee naannoo kanatti mudatu, lammileen biyyoota kanaa jireenya fooyya’aa barbaacha gara biyyoota Sooreyyii Baha Jiddu Galeessaa fi Awurooppaatti akka godaananiif ka’umsa biraatis jechuun Asooseetid Pirees gabaaseera.

Maddi: AS

Odeeffannoowwan dabalataa kanneen biroo argachuuf
Youtube-https://www.youtube.com/
Facebook-https://www.facebook.com/profile.php?id=61578593831931
WhatsApp-https://whatsapp.com/channel/0029Vb2IYuXE50UolYA1Up3j

Tiktok- www.tiktok.com/

WAAMICHA KADHANNAA!Namni hunduu waan kana irratti akka hirmaattan isiniin Jenna!Guyyaan Adooleessa 13-11-2107 ykn 20-07-...
15/07/2025

WAAMICHA KADHANNAA!
Namni hunduu waan kana irratti akka hirmaattan isiniin Jenna!
Guyyaan Adooleessa 13-11-2107 ykn 20-07-2025
Share share taasisuun nama bira akka qaqqabu taasisaa!
Namni Hunduu Amantii Qabuun Waaqayyoon haa waammatu!

"

Daandii Geedoo – Mana Beenyaa keessuma rakkoo km 30f uummatii waggoota hedduuf furmaata dhabee gidiraa argaa waan jiruuf; akkasumas namoota eenyummaa isaanii hin beekamneen saammichaa, dhiiga dhangaalaasuu fi ajjeechaa imaltootaa fi Konkolaachiftoota irratti geeggeeffamaa jiru daraan hammachaa waan dhufee gara Waaqayyotti iyyuun barbaachisaa ta’ee argameera. Kanaaf amantaa kami iyyuu keessa kan jirtan gaafa Adoolessa 13 bara 2017tti sagantaan kadhanna qabamee waan jiruuf guyyaa sana gara Waaqayyootti haa iyyinu! Kanaaf Godina Lixa Shawaa keessaa Aanaa Calliyaa, Aanaa Midaa Qanyii akkasumas Godina Horroo Guduruu keessaa Aanaa Jimmaa Raaree, Aanaa Coomman Guduruu, Aanaa Guduruu, Aanaa Abaaboo Guduruu, Aanaa Abbaay Comman, fi Aanaa Sulula Fincaa, Aanaa Horroo kallattin kan ilaallatu yommuu ta’u yoo dandaa’ame akka Godina Horroo Gudurutti illee yoo kadhaan godhame gaarii dha.

Kanaaf hojii daandii kanaa ilaalchisee yaaliin gama qaami dhimmi isaa ilaallatuun waliin godhamaa jiru akka jirutti ta’ee, Waaqayyoon kadhachuun furmaata hunda irra caaluu waan ta’eef dhimma kana waliif qoodaa! Kadhannaaf yoo danda’aame kadhata laguuf of qopheessaa! Lafa keenya haa baraarru!
Imimmaan gara Waaqayyootti dhagala'u lafa irraa imimmaan qoorsa!
Share!"

✍️

10/06/2025

Amalli kee qabeenya keeti😏

06/06/2025

16. Inni ol gararraadhaa gad hiixatee na qabe, bishaan gurguddaa keessaa harkisee na baase;

(Faarfannaa 18:15)

29/05/2025

Do you know your character ?

14/05/2025

Here I am doing something new 🤠

30/04/2025

Kan carraa qabu galaanatti osoo darbattanillee qurxummiitu afaanitti qabatee baha!

✍️Ayi Itiyoophiyaa🤔Mee Adduunyaa kana irraa biyyi akka biyya itiyoophiyaa  haadha gatii dhabsiise jiraa? Fedhu dhala ajj...
30/04/2025

✍️Ayi Itiyoophiyaa🤔
Mee Adduunyaa kana irraa biyyi akka biyya itiyoophiyaa haadha gatii dhabsiise jiraa? Fedhu dhala ajjeesee haadha irra teessisa, fedhuu ammas ilma ajjeesee haadha boo’icha dhowwa, kunoo amma immoo haadhaaf ilmoo ajjeesee wal bira ciibsee dhiisa.
Ayi Itiyoophiyaa; Kan sii du’u Oromoo, kan ati gara laafummaa malee ajjeestus Oromoo😭
Harka irraa nyaatte nyaatti.
Warri digaamuukee yaada'uuf yeroo hundaan yaada'a. Ilaal haati sabbata isheen mudhii ishee hidhaatte akka gaafa deessee kaatee sanatti dhala ishee of cina ciibsitee ciisti. Ajjeefnaan dhala ishee waliin jorgaafaattee bakkee onaa irra ciistee hafte.

12/03/2025

Shout out to my newest followers! Excited to have you onboard! Wandimmuu Qannoo, Taash*ta Gaamachuu, Awol Abm, Balyinsh Hundumaa, Feyisa Tolosa, Girma Wudneh

08/02/2025

Shout out to my newest followers! Excited to have you onboard! Dawit Godana Wako, Wake Up, Darara Diro, Warqii Batee, Dawit Gameda Ayana, Shukri Jamal Aliyii, Firaa'ol Naggaasa, Dawit Tareessaa, Woliyyi Musxafaa

31/01/2025

Address

Addis Ababa

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Abdisa Fanta posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Abdisa Fanta:

Share