04/07/2025
Raashiyaan Taalibaaniif beekamtii kennuun biyya jalqabaa taate
++++++++++
Waxabajjii 27/2017(Gaazexaa Pilaas): Raashiyaan biyya jalqabaa Afgaanistaan keessatti mootummaa Taalibaaniif beekamtii kennite taateetti.
Afgaanistaanitti Ambaasaaddarri Raashiyaa Dimitirii Ziirnooviin mootummaansaanii Emireetota Islaamaa Afgaanistaaniif beekamtii kennuusaa ifatti beeksisaniiru.
Raashiyaan biyya jalqabaa sirna Taalibaaniif ifatti beekamtii kennite kan taate yoo ta’u, Ministirri Dhimma Alaa Afgaanistaan Amiir Kaan Muttaqii murteen kun murtee ija jabummaan guutame jechuun faarsaniiru.
Ministirri Dhimma Alaa Afgaanistaan Muttaqiin, tarkaanfiin kun hariiroo gaarii haaraa, walkabajuufi tumsa ijaarsaaf balbala kan bane ta’uu ibsaniiru. Jijjiiramni kun biyyoota biroof fakkeenya ta’a jedhaniiru.
Ministeerri Dhimma Alaa Raashiyaa ibsa kennaniin, beekamtiin ifaa Emireetota Islaamaa Afgaanistaaniif kennuun biyyoota keenya gidduutti tumsi biyyoota lamaanii bu’a qabeessa ta’e akka guddatu gumaacha jennee amanna jedhaniiru.
Raashiyaan tumsa damee anniisaa, geejjibaa, qonnaafi bu’uuraalee misoomaa, daldalaafi tumsa dinagdee cimsuun balaa shororkeessummaafi daldala qoricha sammuu namaa hadoochu ittisuuf carraaqqii Kaabuul taasiftu deeggaruu kan ittifuftu ta’uu ibsaniiru.