Ciroo Digital Media

Ciroo Digital Media Kayoo Kee namatti hin himin dhugoomsii itti agarsiisi malee �

Waajjirri Lafaa Magaalaa Ciroo, Waajjira Kantiibaa Bulchinsa Magaalaa Ciroo Waliin tahuun waltajjii duula sosochii faala...
16/08/2026

Waajjirri Lafaa Magaalaa Ciroo, Waajjira Kantiibaa Bulchinsa Magaalaa Ciroo Waliin tahuun waltajjii duula sosochii faalama naannoo ittisuu marsaa 3ffaa gaggeesse.



Waajjirri Lafaa Magaalaa Ciroo, Waajjira Kantiibaa Bulchinsa Magaalaa Ciroo Waliin tahuun
waltajji marii sosochii ummataa finiinsuun faalama naannoo haa Ittifnu jedhuun Nageenya gandootaa, Abbbootii zoonii Gaachana sirnaa I/A Bulchaa Gandaa, Gargaaramtoota seeftineetii, Abbootii Qabeenyaa, Abbootii Amantii Qindeessitoota Dhimma Magariisuu magaalaatiifi Kunuunsa Naannoo Magaalaa hirmaachisuun gaggeeffamee jira.

Magaalichatti duullii sosochii Faalama Naannoo ittisuu kun kan gaggeeffamaa ture yoo tahu, hojii kanaanis bu’aawwan jajjabeessaan kan argamaa jiru ta'u himameera.

Barreeffamni marii kanaaf tahuus, obbo Nasraddiin Usmaa'il Dursaa Garee Qulqullinaafi Magariisuu Magaalaatin dhiyaatee irrattis mari’atamee jira.

Waltajjicha kanarraitti aragamuun kallattii hojii ittaanuu kan kennan I/G waajjira Kantiibaa Bulchinsa Magaalaa Ciroo obbo Jemal Gosaye, akka jedhamnitti, haalli akka mootummatti yeroo ammaa faalama naannoo hir’isuuf hojjetamaa jiru yeroo irraa gara yerootti fooyya’insa baayyeetu mul’achaa jira jedhan.

Mootumman kan hojjattu naannoo qulqulluu, biyya magariisa taate, akkasumas biyya jiruufi jireenya hawaasaaf mijjattu uumuu akka ta'ee ni beekamaa.

Bu'uuruma kanaan akka Magaalaa keenyattis yoo kan ilaallu tahe bara baraan duula sosochii faalama naannoo haa ittifnu jechuun sosochii hawaasa uumuun hojjechaa kan turan ta'uu kaasanii, qixa hubannoo hawaasa uumaa turreen bu’aan magaalaa keenyatti mul’achaa ture salphaa akka hin taanes kaasaanii jiru.

Hojiin kun lafa akka qabatu labsii, danbiifi to’annoo faalama naannoo balfa gogaafi dhangala’aa bahee jiru walqixa hojiirra oolchuu biratti garaagarummaa guddaatu jira jedhan obbo Jamaal, kanaaf naannoo keenya qulqulluu yoo gochuu banne biyya fayyaaleettiifi hawaasa fayyaaleessa uumuu hin dandeenyu jedhaniiru.

Kanumaafuu jedhan, hojii kana milkeessuu kan dandeenyu lammiilee hundi dhaabbileen mootummaafi miti mootummaa, dhaabbileen amantaa marti qoodarraa eegamu hunda qixaan yoo banne qofa rakkinicha keessa bahu dandeenyas jedhanii jiru.

Ittigaafatamaan Waajjira Lafaa Magaalaa Ciroo Eenginer Beyan Aliyi gama isaaniitiin, akka jedhanitti qabatama akka magaalaa keenyaa yoo kan ilaallu tahe jijjiiramani jiraachuu kaasanii,

jijjiiramichi galma qabannee turre bira gahuu dhabuun jidduutti qaawni jiraachuu himaniiru. inni bira hawaasa balfa balaaleeffatu fi jibbuu uumuu yoo hin dandeenye bu’aan galmaayu itti fufiinsa hin qabaatu jedhaniiru.

Eng. itti dabaluun akka jedhanitti waltajjiin sosochii faalama naannoo marsaa kanaa kun irra caalaa hubannoo ummataa uumuu irraa kan eegalu yoo tahu, kana bira darbee immoo labsii to’annoo faalama naannoo akka biyyaatti bahee jiru hojiirra oolchuun dirqama tahuu qabas jedhaniiru.

Hirmaattoonni marii kanarratti argamaniis akkaataan nuti balfa gogaafi dhangal’aa magaalaa keenyatti hogganaa turre qaawa mataasaa kan of keessaa qabuudha jechuun kaasaniiru.

Dhimmicha ulfeessinee laaluu dhabuu, hojii yaroo tokko qofa gochuu fi qixaan hogganuu dhabuun nu biratti mul’ata jachuun kan kaasan yoo tahu,qindoomina qooda fudhattootaa waliin jiru cimsuun rakkinicha kana keessaa bahuu akka qaban yaada isaanii kaasaniiru.

Dhumarrattis dhaabbileen mootummaa, waldaalee imx, abbootii qabeenyaafi qaamolee garaagaraafi namoonni dhuunfaa hojii qulqullina naannoo isaanii eeguu keessatti hojii gaarii hojjachuu akka qaban dhaamamuun waltajjiin xumurameera.

Pirezdaantiin Mana Marii Ol’aanaa Dhimmoota Islaamummaa Oromiyaa, Sheek Ghaalii Muktaar, fi Dura Itti Aanaa Prezdaantii ...
15/08/2026

Pirezdaantiin Mana Marii Ol’aanaa Dhimmoota Islaamummaa Oromiyaa, Sheek Ghaalii Muktaar, fi Dura Itti Aanaa Prezdaantii Mana Marichaa Kabajamoo Sheek Mohammednuur Ahmad Muusaa, Magaalaa Ciroo daawwatanii jiru.

Yeroo Magaalaa Ciroo ga’anitti hawaasni Magaalaa Ciroo simannaa ho’aa fi kabajaan isaan simateera. Daawwannaa isaanii keessatti pirojektoota misoomaa adda addaa daawwachuun, akkasumas sagantaa misooma naannoo keessatti hirmaachuun biqiltuu dhaabanii jiru.

Dhumarrattis, sagantaa waldorgommii kubbaa miilaa Kaawunsilii Dargaggoota Musliimaa Magaalaa Ciroo jalqabsiisuun dargaggoota cimsuu fi walitti dhufeenya hawaasaa guddisuuf hojii gaarii ta’e raawwatanii jiru.

Magaalaan Ciroo simannaa, tokkummaa fi misoomaan daran haa guddattu!




Godina Harargee Lixaa – Bulchiinsa Magaalaa CirooRiqichi Gandaa Ifaa Najabaas fi Burqaa Ciroo walqunnamsiisu, kan Dildil...
15/08/2026

Godina Harargee Lixaa – Bulchiinsa Magaalaa Ciroo

Riqichi Gandaa Ifaa Najabaas fi Burqaa Ciroo walqunnamsiisu, kan Dildilii jedhamuun beekamu, yeroo ammaa hojii ijaarsaa irra jira.

Pirojektiin kun sochii hawaasaa saffisiisuu, walqunnamtii uummataa cimsuu fi misooma naannoo guddisuuf gahee olaanaa qaba.

Mootummaan gaaffii fi fedhii uummataa adda baasuun tartiiba irratti hundaa’uun deebii kennamaa jira.

Hoggansi keenya hojii misoomaa fi tajaajila uummataa irratti xiyyeeffannoo kennuun isaa dinqisiifamaadha.

Galatoomaa!




Itoophiyaan Raayyaa tarsiimoon ijaarame qabdi!Humni waraanaa cimaa, ammayyaa fi ga'umsa qabu Itoophiyaan hooggnasa Abbic...
15/08/2026

Itoophiyaan Raayyaa tarsiimoon ijaarame qabdi!

Humni waraanaa cimaa, ammayyaa fi ga'umsa qabu Itoophiyaan hooggnasa Abbichuu jalatti ijaarte wabii hundee fi eegumsa tasgabbii, nagaa waaraa akkasumas jiraachuu biyya keenyaati. Raayyaan ittisaa kun injifannoo argamsiise kana akka gonfatuuf gumaachi gaggeessummaa Abbicbuu olaanaadha.

Haaromsaa fi ijaarsa kana keessatti kan hojjetame keessaa dandeettii lolaa fi qophii ga'umsa olaanaa qabu horachuu, meeshaalee fi sirna teeknoolojii ammayyaatiin deeggaramuu raayyaa keenyaa mirkaneessuu, akkasumas leenjii fi ogummaa gadi fagoon humna namaa ijaaruun danda'ameera. Sirna caaseffamaa fi tarsiimoo ammayyaatiin biyyi keenya balaa keessaa fi alaa kamiyyuu ofirraa ittisuu akka dandeessu taasisuuf hojiin hojjetame bu'aa qabatamaa argamsiiseera.

    keenya!🎂🎉Guddina biyyaa fi ummataaf ciminaan hojjechuu, dameewwan adda addaatiin milkaa’ina misoomaa galmeessuu, akk...
15/08/2026

keenya!🎂🎉

Guddina biyyaa fi ummataaf ciminaan hojjechuu, dameewwan adda addaatiin milkaa’ina misoomaa galmeessuu, akkasumas ummata walitti qabuuf hoggansa addaa agarsiifte raajeffachaa guyyaa gaarii kanaan fayyaa guutuu, umurii dheeraa fi milkaa’ina dabalataa isii hawwina.Hoggansi, mul’annii fi mallattoon misoomaa kee namoota hedduuf madda jajjabinaa fi guddinaa ta’ee itti haa fufu. Baga guyyaa dhaloota kee geesse!.

happy birthday 🎂 🥳 🎉 🎈



Imala badhaadhina Itoophiyaa humni dhaabu danda'u hin jiru!Itoophiyaan hoggansa Muummee Ministiraa Dr. Abiyyi Ahimad jal...
15/08/2026

Imala badhaadhina Itoophiyaa humni dhaabu danda'u hin jiru!

Itoophiyaan hoggansa Muummee Ministiraa Dr. Abiyyi Ahimad jalatti qormaatawwan waggootaaf ishee mudatan keessaa baatee fooyya’iinsa dinagdee fi ijaarsa pirojektoota guguddoo gaggeessuun seenaa haaraa barreessaa jirti. Jijjiiramni caasaa dinagdee qonna, industirii fi dameewwan teeknooloojii dijitaalaa keessatti saffisa olaanaadhaan mul’achaa jira. Kunis Itoophiyaan naannichaaf fakkeenya akka taatu dandeessisaa jira.Bu’uuraaleen misoomaa ammayyaa fi pirojektoonni gurguddoon bifa magaalota biyyattii jijjiiran tarkaanfii guddaa Itoophiyaan teeknooloojii fi bu’uuraalee misoomaa keessatti fudhatte ifatti mul’isu.Humnoonni badii keessaa fi alaa ka’an shira fi dhiibbaa adda addaa uumuun olka’iinsa Itoophiyaa tasumaa dhaabuu hin danda’an. Boqonnaan haaraan Itoophiyaa hoggansa cimaa, humna uummataa fi jijjiirama dinagdee itti fufiinsa qabu irratti hundaa’ee, bu’uura isaa jabeessee gara fuulduraatti imala isaa itti fufa!.

Gaggeessaa kaayyoof dhaabbate, Kaayyoodhaaf jiraatudha !!Yeroo biyyattiin yaaddoo birmadummaa hamaa keessa turteetti itt...
15/08/2026

Gaggeessaa kaayyoof dhaabbate, Kaayyoodhaaf jiraatudha !!

Yeroo biyyattiin yaaddoo birmadummaa hamaa keessa turteetti itti gaafatamummaa kan fudhatan Dr. Abiyyi, Itoophiyaa hiyyummaa keessaa baasuudhaan gara guddina hundagaleessaatti ceesisaniiru.

Yeroo gabaabaa keessattis misooma qamadii bonee, Ashaaraa magariisaa fi misooma koriidariitiin bifa biyyattii kan jijjiiraniiru; ce’umsi teeknooloojii dijiitalaatiinis Itoophiyaa Afrikaa keessatti dursituu taasisaa jiru.
Kana malees, qorumsa keessatti cichoominan tokkummaa biyyaa jabeessanii eeguu irra darbee, ijaarsa hidha haaromsa guddicha Itoophiyaa galmaan ga'uudhaan dandeettii biyyaalessaa gochaan agarsiisaniiru. Karooraa fi dhiibbaa siyaasaa keessaa fi alaa dandeettiin fashaleessuudhaan, faayidaa biyyaalessaa fi gaaffii hulaa galaana kutannoodhaan ifatti lafa awwalame turee baasuudhaan ajandaa biyyaalessaa taasiisuun olka’iinsa Itoophiyaatiif tarkaanfii haaraafi boqonnaa seenaati !!

Dhalachuu keetu Itoophiyaa dulloomte, seenaa qeenxe qabduu danoomsee ijaare !!Ati goota imala kaayyoo imaltee biyyaaf bo...
15/08/2026

Dhalachuu keetu Itoophiyaa dulloomte, seenaa qeenxe qabduu danoomsee ijaare !!

Ati goota imala kaayyoo imaltee biyyaaf boqonnaa seenaa haaraa saaqxeedha; yaadama guddaa keessoo keetiin ijaarsi bututtoofi ilaalchi dulloomaan biyyarra diigame Itoophiyaa iftuu, miidhagduu fi abdii badhaadhina qabdutu ijaarame; kun bu'aa dhalachuu keetiin biyya kanaafi dhaloota kanaaf ta'e !!

Imala goota ati taasifteen birmadummaa biyya kabachiisurra hanga badhaadhina biyyaa mirkaneessutti Itoophiyaa ijaara jirta !!

Jabaa kaayyoo dhalateef jiraate agarsiise !!Mul'anni ati biyya ijaaruuf qabattee kaatee akeeka warra mul'ata nama gatach...
15/08/2026

Jabaa kaayyoo dhalateef jiraate agarsiise !!

Mul'anni ati biyya ijaaruuf qabattee kaatee akeeka warra mul'ata nama gatachiisaniin karaatti hin hafne; kiyyoon isaan diriirsanis galmaa keerraa qabee siin dhaabne; osoo daandii badhaadhinafi jijjiirama ati saaqxuu murnonni mul'ata gatatee hidhatani deeman cufuuf yaalani ati kutee bira tarte !!

Isaan seenaa isaani qalama gurraachan katabani darbaniiru, warri faana isaani hordoofa jiranis akka margaatti cooliga, abdiin isaani nyaatamaa si biraa hafa jiru !!

Shira siyaasaan, waraanan, jibbaafi maqaa balleessi meeqaa afarsani ashaaraa kee dhoksuu hin dandeenye.
Ati gaafuma dhalatte goota injifannoon faana si dhooftuu taatee uumamte kanaaf ilmaan dabataraafi baandonni maqaa sabaan kakatuu akka baala mukatti si biraa harcaate hafte !!

Address

Addis Ababa

Telephone

+251957030031

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Ciroo Digital Media posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Ciroo Digital Media:

Shortcuts

Share