18/09/2026
Humni Qilleensaa Itiyoophiyaa; agarsiiftuu Birmadummaafi Ammayyummaa
****
Humni Qilleensaa Itiyoophiyaa erga hundeeffamee kaasee, nageenyaa fi birmadummaa biyya keenyaa eeguuf gahee olaanaa bahachaa tureera.
Yeroo ammaa kana immoo guddina teeknooloojii fi saayinsii waliin tarkaanfachuudhaan dandeettii fi beekumsa humna namaa isaa cimsaa jira.
Keessumaa, dameewwan akka Injinariingii aviyeeshinii, raadaarii fi elektirooniksii, nageenya saayibarii akkasumas teeknooloojii diroonii irratti ogeeyyii gahumsa qaban horachaa jira.
Akkaadaamiiwwanii fi giddugaleessonni leenjii Humna Qilleensaa, beekumsa barnootaa fi muuxannoo hojii walitti fiduun, ogeeyyii gahumsa qaban leenjisaa jiru.
Dabalataanis, xiyyaarota waraanaafi geejjibaa, sirna raadaarii fi teeknooloojii ittisa qilleensaa haaromsuun dandeettii ittisaa isaa cimsaa jira.
Humni Qilleensaa waraanaa fi eegumsa qilleensaa qofa irratti hin daangeffamne. Yeroo balaan uumamaa ykn nam-tolchee mudatutti, deeggarsa namoomaa irratti hirmaachuun geejjibaan tumsuu, hojii barbaachaa fi baraarsaa irratti qooda fudhachuun tajaajila uummataaf kennaa tureera.
Fuula durattis, Humni Qilleensaa Itiyoophiyaa teeknooloojii ammayyaa fayyadamuun, beekumsaa fi ogummaa isaa guddisuun, nageenyaa fi birmadummaa biyyaa eeguuf gahee isaa cimsee itti fufa.