Barruu Seenaadaa

Barruu Seenaadaa Barruu Seenaadaa is an Afaan Oromoo Magazine published monthly which focuses on the promotion and education of Oromoo History and culture.

Gaazexaan Afaan Oromoo haaraa kunoo isiniif dhufte akkamitti simattu yaa lammii keenya. Nuti ililchinee simanneerra.
16/11/2015

Gaazexaan Afaan Oromoo haaraa kunoo isiniif dhufte akkamitti simattu yaa lammii keenya. Nuti ililchinee simanneerra.

Baga gamaddan
Gaazexaan afaan oromoo leelloo jedhu yeroo jalqabaatiif finfinnee keessatti gabaa irra oole
Really Glad to See Leelloo on Finfinnee street the first Afaan Oromoo independent newspaper
! addaa fi afaan keenya haa guddisnu

Galata Qulqulluu. Nuyi Oromoo dhaa Ilmaan Oromtichaa Maddi keenya fagoo burqaan keenya bal’aa Hortee warra Kuushii warra...
26/10/2015

Galata Qulqulluu.

Nuyi Oromoo dhaa Ilmaan Oromtichaa
Maddi keenya fagoo burqaan keenya bal’aa
Hortee warra Kuushii warra sanyii jabaa
Warra dur ganamaa warra bara dheeraa.

Nuyi dhiphaa hin beeknu uumamuma keenyaan
Qubsumaan beekumsaan adaadhaan kalaqaan
Maaltu nutti hanqate kan badhaane Waaqaan.
Yoom rakkanee beekna fedhii jiruu keenyaaf
Jiidhaan marfamneerra mirgaa fi bitaadhaan
Waaqni uumaa keenyas yoom nutti waakkataa
Bara darbaa dhufu jidhaan nu badhaasaa

Ya Waaq galata kee Waaqa uumaa Oromoo
Waaqa garaa taliilaa taliila garaa leemmoo
Kunoo galata kee baranas dhufneerraa
Booruu gannaa baanee ifa argineerraa
Warqee moo meetii dha maaluma siif galchinaa
Maaltuu gatii baasaa maalumatu si quufsaa.

Lafa keessaa qotne albuuda gatii jabaa
Bocnee miidhagsinee isaan siif kaffalluu?
Yookimmoo horii comaa dilbii fidnee qallu?
Waawuu, waawu waawuu waawuu
atoo nama mitii
Waan murta’aa qofaa waan xiqqoo namaa hin gootu
waan al takkoo qofa waan yeroon daangooftuu
waan hara’a nuuf goote borii ammo nuffitu
waan har’a dandeessee bori ammoo dadhabdu
waan har’a jaalatte bori ammoo jibbituu
waan tokkoof kennitee isa kaan dhorgattuu
Isa tokkoof toltee isa kaanitti hammaattu.

Yaa uumaa garaa garbaa atoo hundaaf walqixaa
Keennaan kees waakkii hin qabu daangaa malee bal’aa dha.
Qoodaaf waakkii malee qilleensi atu nuuf laattu
Nagaa guyyaa fi halkan isa ittiin nu tiksitu
Ciifne akka boqonnu boqonnee akka dammaqnu
Teenyee akka kaanuu kaanee akka dhabbannu
Baanee akka gallu gallee akka baanu
Qootne akka facaafnu facaafnee akka hammannu
Haammannee akka dhahannu dhahannee akka galchannuu
Galchannee akka nyaannu nyaannee akka jabaannu
Jabaannee akka jiraannu jiraannee akka bara ceenu
Bara ceenee ceenee maree mareedhaanii akka si galateeffannu
Kuni hundi kan biraas kan tarraa’ee hin dhumne
Gatii maaliin baafama galchaa maaliin guutamaa
Galata qulqulluu adii galata dhugaa arrabaa
Kanaan qofa siif baafma ya Waaq gurraacha garaa garbaa.

Eliyas Nagaraa
Barruu SEENAADAA
Sadaasa 26,2015
Finfinnee, Oromiyaa

Bocni halluu gurraacha dibame mallattoo Oromoo kam mul'isa jettanii yaaddu?
25/10/2015

Bocni halluu gurraacha dibame mallattoo Oromoo kam mul'isa jettanii yaaddu?

Kunis ni jira Oromoo, akaakuun maqaa barruu Seenaadaa hundi isaa halluu faajjii abbaa Gadaa irratti kan Hundaa'e dha. Ka...
24/10/2015

Kunis ni jira Oromoo, akaakuun maqaa barruu Seenaadaa hundi isaa halluu faajjii abbaa Gadaa irratti kan Hundaa'e dha. Kan isinitti bareede keessaa filadhaa.

Oromoo Barruun keessaa barruun Seenaadaa Maqaa Barruu akkasiitiin yoo isiniif dhufte maal jettu? filannoon keessan bakka...
24/10/2015

Oromoo Barruun keessaa barruun Seenaadaa Maqaa Barruu akkasiitiin yoo isiniif dhufte maal jettu? filannoon keessan bakka guddaa qaba.

Oromoo Barruun keessan barruun Seenaadaa maqaan barruu ishee bifa kanaan yoo ta'e maal jettu? Filannoon keessan bakka gu...
24/10/2015

Oromoo Barruun keessan barruun Seenaadaa maqaan barruu ishee bifa kanaan yoo ta'e maal jettu? Filannoon keessan bakka guddaa qaba.

Address

FINFINNEE, AQAAQII QAALLIITTII
Addis Ababa

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Barruu Seenaadaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share