12/09/2026
“Tapha xumuraa Waancaa Addunyaa qopheessuuf waadaa hin seeninaa” — Muummee Ministiraa Morookoo
Waancaan Addunyaa bara 2030, yeroo 24ffaaf gaggeeffamu, Morookoo, Ispeenii fi Poorchugaal waliin ta’uun ni keessummeessu.
Pirezidaantiin Federeeshinii Kubbaa Miilaa Morookoo, Fo'uzi Lekjaa, waltajjii tokko irratti, Kaasaabaalankaan tapha xumuraa Waancaa Addunyaa qopheessuuf “kabaja” argachuu akka qabdu dubbatee ture.
Haa ta’u malee, Muummee Ministiraa Morookoo Aziz Akhanno'uch, “Waa’ee kanaa michoota keenya Ispeenii fi Poorchugaal waliin osoo hin mari’atin, tapha xumuraa guddaa Morookoo keessatti qopheessuuf waadaa hin seeninaa” jechuun akeekkachiiseera.
Ispeen tapha xumuraa Waancaa Addunyaa 2030 qopheessuu akka qabdu dubbachuu ishee hordofee, Muummee Ministirichaa Pirezidaantii Federeeshinii Kubbaa Miilaa biyyattii, waa’ee bakka taphni xumuraa itti gaggeeffamu irratti waadaa akka hin seenne dhaameera.
FIFA'n hanga ammaatti, biyya ykn istaadiyeemii tapha xumuraa Waancaa Addunyaa 2030 keessummeessu irratti murtoo isaa hin beeksifne.
Waancaan Addunyaa bara 2030 waggaa 100ffaa hundeeffama isaa kabajuuf, taphoota jalqabaa sadii Uruguwaay, Arjentiinaa fi Paraaguwaay keessatti gaggeessa.
Morookoonis dorgommichaaf istaadiyeemii guddaa addunyaa, kan teessoo 115,000 qabu, ijaaruu irratti argamti.
Milkiyaas Caaliitiin
Website: https://news.dirreeispoortii.com/
App: https://play.google.com/store/apps/details?id=com.dirreeispoortii.radio&pcampaignid=web_share